Kibxata, Onkoloolessa 21
Namni hanga dhumaatti jabaatee dhaabbatu garuu ni fayya.—Mat. 24:13.
Faayidaa obsa qabaachuun argamsiisurratti yaadi. Kan obsinu yoo taʼe caalaatti gammachuu fi tasgabbii qabaanna. Kunimmoo fayyaa sammuu fi qaamaa keenya fooyyessuu dandaʼa. Warra kaaniif kan obsinu yoo taʼe isaan wajjin hariiroo gaarii qabaanna. Gumiin keenya caalaatti tokkummaa qabaata. Namni tokko wanta nu aarsu yoo godhe, aariidhaaf suuta kan jennu taʼuun keenya, haalli isaa caalaatti akka hin hammaanne godha. (Far. 37:8, milj.; Fak. 14:29) Hunda caalaa garuu fakkeenya Abbaa keenya isa samii waan hordofnuuf caalaatti isatti dhihaanna. Dhugumayyuu obsi amala baayʼee nama hawwatuu fi faayidaa guddaa argamsiisudha. Obsa argisiisuun yeroo hunda salphaa taʼuu baatus, gargaarsa Yihowaatiin amala kana horachuu keenya itti fufuu ni dandeenya. Yeroo addunyaa haaraa obsaan eeggachaa jirru kanatti ‘ijji Yihowaa warra isa sodaatanii fi warra jaalala isaa isa amanamaa eeggatan akka ilaalu’ mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Far. 33:18) Kanaafuu, hundi keenya obsa uffachuu keenya itti fufuuf haa murteessinu. w23.08 22 key. 7; 25 key. 16-17
Roobii, Onkoloolessa 22
Amantiin hojiidhaan hin deggeramne kophaa isaatti duʼaa dha.—Yaq. 2:17.
Yaaqoob namni akkasii amantii akka qabu kan dubbatu taʼus, amantii isaa hojiidhaan akka hin argisiisne ibseera. (Yaq. 2:1-5, 9) Yaaqoob nama ‘obboleessa yookiin obboleettii uffataa fi nyaata hin qabne’ argee gargaarsa qabatamaa utuu hin godhin hafe caqaseera. Namni kun amantii akka qabu kan dubbatu taʼus, hojiidhaan waan hin argisiisneef amantiin isaa gatii hin qabu. (Yaq. 2:14-16) Yaaqoob amantii hojiidhaan argisiisuu ilaalchisee Rahaab fakkeenya gaarii akka taatu dubbateera. (Yaq. 2:25, 26) Rahaab waaʼee Yihowaa dhageesseetti, Israaʼelota deggeraa akka jirus hubatteetti. (Iya. 2:9-11) Basaastonni Israaʼel lama yeroo lubbuun isaanii balaadhaaf saaxilamee turetti eegumsa isaaniif gochuudhaan amantii ishii hojiidhaan argisiisteetti. Kanaan kan kaʼes dubartiin mudaa qabduu fi lammii Israaʼel hin taane tun akkuma Abrahaam qajeeltuu akka taatetti ilaalamuu dandeesseetti. Fakkeenyi ishii amantiin hojiidhaan deggeramuu akka qabu ibsa. w23.12 5-6 key. 12-13
Kamisa, Onkoloolessa 23
Hidda kan gad fageeffattanii fi buʼuura sana irra kan dhaabamtan taʼaa.—Efe. 3:17.
Kiristiyaanota waan taaneef, beekuu kan barbaannu barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu qofa miti. Gargaarsa hafuura Waaqayyootiin “wantoota Waaqayyoo warra gad fagoo taʼan illee” barachuu barbaanna. (1 Qor. 2:9, 10) Qoʼannaa dhuunfaa keerratti qorannaa gadi fageenya qabuu fi caalaatti Yihowaatti si dhiheessu gochuu dandeessa. Fakkeenyaaf, Yihowaan tajaajiltoota isaa bara durii turanitti jaalala kan argisiise akkamitti akka taʼee fi kun akka inni si jaallatu kan mirkaneessu akkamitti akka taʼe qorachuu dandeessa. Qophiin waaqeffannaa Yihowaan Israaʼel keessatti godhe maal akka fakkaatuu fi qophiin yeroo sana ture isa yeroo harʼaa jiru wajjin kan wal fakkaatu akkamitti akka taʼe qoʼachuu dandeessa. Yookiinimmoo raajiiwwan Yesuus yeroo lafarra tajaajilaa turetti raawwii isaanii akka argatan godhe gadi fageenyaan qoruu dandeessa. Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼe fayyadamtee mata dureewwan akkasii qoʼachuun kee gammachuu guddaa siif argamsiisa. Kitaaba Qulqulluu gadi fageenyaan qoʼachuun kee amantii kee siif cimsa, “beekumsa Waaqayyoo” argachuufis si gargaara. Fak. 2:4, 5. w23.10 18-19 key. 3-5