Jimaata, Onkoloolessa 24
Hunda caalaa immoo, jaalala guddaa waliif qabaadhaa; sababiin isaas, jaalalli cubbuu hedduu ni haguuga.—1 Phe. 4:8.
Jechi Pheexiros itti fayyadamee fi “guddaa” jedhamee hiikame kallattiidhaan “kan addaan harkifamu” jechuudha. Caqasichi gara dhumaarratti jaalalli guddaan maal akka raawwatu ibsa. Cubbuu obboloota keenyaa haguuga. Kana fakkeenyaan ibsuuf, jaalala keenya harka lamaan qabnee akkuma huccuu addaan harkifamuutti hamma balleessaa tokko ykn lama qofa haguugutti utuu hin taʼin, hamma “cubbuu hedduu” haguugutti addaan harkisna jechuudha. Jechi ‘haguuguu’ jedhu yaada dhiifama gochuu jedhu akka gaariitti ibsa. Akkuma huccuun tokko wanta xurii qabu haguuguu dandaʼu, jaalallis dadhabinaa fi mudaa warra kaanii haguuguu ni dandaʼa. Yeroo tokko tokko carraaqqii guddaa gochuun kan nu barbaachisu yoo taʼellee, jaalalli keenya obboloota keenyaaf dhiifama gochuuf kan nu dandeessisu taʼuu qaba. (Qol. 3:13) Warra kaaniif dhiifama gochuu yoo dandeenye, jaalalli keenya cimaa akka taʼee fi Yihowaa gammachiisuu akka barbaannu argisiisna. w23.11 11-12 key. 13-15
Sanbadduraa, Onkoloolessa 25
Shaafaan mooticha duratti kitaabicha irraa dubbisuu jalqabe.—2 Sen. 34:18.
Yosiyaas Mootichi yeroo umuriin isaa waggaa 26 taʼu mana qulqullummaa haaressuu jalqabe. Yeroo hojiin kun hojjetamaa turetti ‘kitaabni Seera Yihowaa inni karaa Musee kenname’ ni argame. Mootichi wanta kitaabichi jedhu yeroo dhagaʼu sirreeffama gochuuf yeruma sana tarkaanfii fudhate. (2 Sen. 34:14 19-21) Kitaaba Qulqulluu yeroo hunda dubbisuuf fedhii qabdaa? Akkas gochuuf yaalaa jirta taanaan. dubbisni kee gammachiisaadhaa? Caqasoota dhuunfaatti si fayyadan qabachuuf ni yaaltaa? Yosiyaas umuriin isaa gara waggaa 39 yeroo taʼu dogoggora lubbuu isaa isa dhabsiise raawwateera. Qajeelfama Yihowaa gaafachuu mannaa ofitti amanamee ture. (2 Sen. 35:20-25) Kanarraa barumsa guddaa arganna. Umuriin keenya hammamiyyuu yoo taʼe ykn Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa kan turre yeroo hammamiitiifiyyuu yoo taʼe Yihowaa barbaaddachuu keenya itti fufuu qabna. Akkas gochuun qajeelfama isaa argachuuf yeroo hunda kadhachuu, Dubbii isaa qoʼachuu fi gorsa Kiristiyaanonni bilchina qaban kennan dhagaʼuu dabalata. Akkas yoo goone dogoggora guddaa raawwachuurraa of eegna. akkasumas caalaatti gammadoo taana.—Yaq. 1:25. w23.09 12 key. 15-16
Dilbata, Onkoloolessa 26
Waaqayyo warra of tuulan ni morma, warra gad of qabaniif garuu gaarummaa guddaa ni kenna.—Yaq. 4:6.
Kitaabni Qulqulluun waaʼee dubartoota Yihowaa jaallatanii fi isa tajaajilanii ni dubbata. Dubartoonni kun “barsiifata madaalamaa kan qabanii fi karaa hundumaa amanamoo kan [taʼani dha].” (1 Xim. 3:11) Obboleettonni fakkeenya obboleettota bilchaatoo gumii isaanii keessa jiranii hordofuu ni dandaʼu. Obboleettonni dargaggoonni, obboleettota muraasa fakkeenya isaanii hordofuu dandeessan adda baafachuuf yaalaa. Amaloota gaggaarii isaan qaban hubachuuf yaalaa; achiis amaloota kana argisiisuu kan dandeessan akkamitti akka taʼe yaadaa. Gad of qabuun karaa Kiristiyaanni tokko bilchaataa taʼuusaa itti argisiisu isa guddaadha. Obboleettiin takka kan gad of qabdu yoo taʼe Yihowaa wajjinis taʼe warra kaan wajjin hariiroo gaarii qabaatti. Fakkeenyaaf, obboleettiin Yihowaa jaallattu takka gad of qabuudhaan qophii matummaa Abbaan ishii inni samii hundeesse ni deggerti. (1 Qor. 11:3) Gumii keessattis taʼe maatii keessatti qophiin kun jira. w23.12 18-19 key. 3-5