Dilbata, Onkoloolessa 26
Waaqayyo warra of tuulan ni morma, warra gad of qabaniif garuu gaarummaa guddaa ni kenna.—Yaq. 4:6.
Kitaabni Qulqulluun waaʼee dubartoota Yihowaa jaallatanii fi isa tajaajilanii ni dubbata. Dubartoonni kun “barsiifata madaalamaa kan qabanii fi karaa hundumaa amanamoo kan [taʼani dha].” (1 Xim. 3:11) Obboleettonni fakkeenya obboleettota bilchaatoo gumii isaanii keessa jiranii hordofuu ni dandaʼu. Obboleettonni dargaggoonni, obboleettota muraasa fakkeenya isaanii hordofuu dandeessan adda baafachuuf yaalaa. Amaloota gaggaarii isaan qaban hubachuuf yaalaa; achiis amaloota kana argisiisuu kan dandeessan akkamitti akka taʼe yaadaa. Gad of qabuun karaa Kiristiyaanni tokko bilchaataa taʼuusaa itti argisiisu isa guddaadha. Obboleettiin takka kan gad of qabdu yoo taʼe Yihowaa wajjinis taʼe warra kaan wajjin hariiroo gaarii qabaatti. Fakkeenyaaf, obboleettiin Yihowaa jaallattu takka gad of qabuudhaan qophii matummaa Abbaan ishii inni samii hundeesse ni deggerti. (1 Qor. 11:3) Gumii keessattis taʼe maatii keessatti qophiin kun jira. w23.12 18-19 key. 3-5
Wiixata, Onkoloolessa 27
Abbootiin manaa akkuma qaama isaaniitti haadhotii manaa isaanii haa jaallatan.—Efe. 5:28.
Yihowaan abbaan manaa haadha manaa isaa akka jaallatu, akkasumas karaa qaamaa, karaa miiraa fi karaa hafuuraa akka ishii kunuunsu isarraa eega. Dandeettii yaaduu horachuun, dubartootaaf kabaja qabaachuu fi amanamaa taʼuun abbaa manaa gaarii taʼuuf isin gargaaru. Gaaʼela erga dhaabbattanii booda abbaa taʼuu dandeessu. Abbaa gaarii taʼuu ilaalchisee Yihowaarraa maal barachuu dandeessu? (Efe. 6:4) Yihowaan akka isa jaallatuu fi akka isatti gammadu Ilma isaa Yesuusitti ifatti himeera. (Mat. 3:17) Abbaa yoo taatan yeroo hunda ijoollee keessan akka jaallattan isaaniif mirkaneessuu hin dagatinaa. Wanta gaarii isaan godhaniif isaan galateeffadhaa. Abbootiin fakkeenya Yihowaa hordofan ijoolleen isaanii Kiristiyaanota bilchina qaban akka taʼan gargaaru. Amma miseensota maatii keessanii fi obboloota gumii keessan keessa jiraniif jaalalaan kunuunsa gochuudhaan, akkasumas jaalalaa fi dinqisiifannaa keessan isaaniif ibsuu barachuudhaan itti gaafatamummaa kanaaf qophaaʼuu dandeessu.—Yoh. 15:9. w23.12 28-29 key. 17-18
Kibxata, Onkoloolessa 28
[Yihowaan] tasgabbii siif ni kenna.—Isa. 33:6.
Tajaajiltoota Yihowaa amanamoo yoo taanellee, akkuma warra kaanii dhukkuba dabalatee rakkinni cimaan nurra gaʼuu dandaʼa. Namoota saba Yihowaa jibbanirraas mormii fi ariʼatamni nurra gaʼuu dandaʼa. Yihowaan haalli akkasii akka nurra hin geenye gochuu baatus akka nu gargaaru waadaa galeera. (Isa. 41:10) Haala baayʼee ulfaataa taʼe keessattillee gargaarsa isaatiin gammachuu keenya eeggachuu, murtoo gaarii gochuu fi amanamoo taanee itti fufuu ni dandeenya. Yihowaan ‘nagaa Waaqayyoo’ isa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame nuu kennuuf waadaa galeera. (Filiphisiyus 4:6, 7) Nagaan kun tasgabbii Yihowaa wajjin hariiroo cimaa uumuudhaan qofa argamudha. Nagaan kun ‘hubannaa hundumaa irra waan caaluuf,’ isa nuti yaannu caalaa dinqisiisaadha. Cimsitee erga kadhattee booda akka tasgabboofte sitti dhagaʼamee beekaa? Miirri yeroo sanatti sitti dhagaʼame ‘nagaa Waaqayyooti.’ w24.01 20 key. 2; 21 key. 4