Roobii, Onkoloolessa 29
Yihowaa nan jajadha; guutummaan eenyummaa kootii maqaa isaa isa qulqulluu haa jajatu.—Far. 103:1.
Jaalalli namoonni amanamoon Yihowaaf qaban maqaasaa garaa guutuudhaan jajachuuf isaan kakaasa. Daawit Mootichi maqaa Yihowaa jajachuun Yihowaa jajachuu akka taʼe hubateera. Maqaa Yihowaa yeroo dhageenyu eenyummaasaa, amaloota gaggaarii inni qabuu fi wantoota ajaaʼibsiisoo inni raawwate yaadanna. Daawit maqaa Abbaasaa isa samii qulqulleessuu fi jajachuu barbaada ture. “Guutummaan eenyummaa” isaa maqaasaa akka jajatu, jechuunis garaa guutuudhaan akkas gochuu barbaadee ture. Haaluma walfakkaatuun, Leewwonnis Yihowaa jajachuurratti dursa fudhatanii turan. Galata maqaa Yihowaa isa qulqulluu taʼeef malu guutummaatti jechaan ibsuu akka hin dandeenye gad of qabanii amananiiru. (Nah. 9:5) Karaa kanaan gad of qabanii garaadhaa isa jajachuun isaanii Yihowaa akka gammachiise homaa hin shakkisiisu. w24.02 9 key. 6
Kamisa, Onkoloolessa 30
Guddina hammamii iyyuu yoo goone, daandiidhuma kana irra seeraan deddeebiʼuu keenya itti haa fufnu.—Filp. 3:16.
Yihowaan galma humna keetii ol taʼe tokkorra gaʼuu waan dadhabdeef, milkaaʼina akka dhabdetti si hin ilaalu. (2 Qor. 8:12) Dogoggora keerraa baradhu. Galma kanaan dura irra geesse yaadadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo jalʼaa miti; inni hojii keessan . . . hin irraanfatu” jedha. (Ibr. 6:10) Kanaafuu, atis irraanfachuu hin qabdu. Galma kanaan dura irra geesserratti yaadi; galmi kunis Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabaachuu, waaʼee isaa warra kaanitti himuu ykn cuuphamuu taʼuu dandaʼa. Kanaan dura guddina gootee galmawwan hafuuraarra akkuma geesse, ammas guddina gochuu kee itti fufuudhaan galma baafatterra gaʼuu ni dandeessa. Gargaarsa Yihowaatiin galmakeerra gaʼuu ni dandeessa. Atis galma keerra gaʼuuf carraaqqii gochuu kee yeroo itti fuftu, Yihowaan carraaqqii keerratti si gargaaraa fi si eebbisaa kan jiru akkamitti akka taʼe hubachuu hin dagatin. (2 Qor. 4:7) Yoo abdii kutachuu baatte, eebbawwan kanarra caalanis ni argatta.—Gal. 6:9. w23.05 31 key. 16-18
Jimaata, Onkoloolessa 31
Isin waan na jaallattanii fi bakka buʼaa Waaqayyoo taʼee akkan dhufe waan amantaniif, Abbaan ofii isaatiif iyyuu isin jaallata.—Yoh. 16:27.
Yihowaan namoota jaallatutti akka gammade ibsuun isa gammachiisa. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan siʼa lama akka isa jaallatuu fi akka isatti gammade Yesuusitti akka hime dubbata. (Mat. 3:17; 17:5) Yihowaan akka sitti gammadu yeroo dubbatu dhagaʼuu barbaaddaa? Kallattiidhaan samiirraa nutti dubbachuu baatus, Dubbii isaatti fayyadamee nu haasofsiisa. Yaadawwan Yesuus Wangeelota keessatti ibsaman dubbisuudhaan Yihowaan akka nutti gammadu yeroo dubbatu dhagaʼuu dandeenya. Yesuus eenyummaa Abbaa isaa guutummaatti calaqqisiiseera. Kanaafuu, Yesuus duuka buutota isaa mudaa qaban garuummoo amanamoo taʼanitti akka gammade yeroo dubbisnu, akkuma waan Yihowaan nutti dubbachaa jirutti yaaduu dandeenya. (Yoh. 15:9, 15) Rakkinni nurra gaʼuunsaa Waaqayyo akka nutti gadde hin argisiisu. Kanaa mannaa, rakkinni nurra gaʼuunsaa jaalala guddaa Waaqayyoof qabnuu fi amantii isarratti qabnu argisiisuuf carraa nuuf bana.—Yaq. 1:12. w24.03 28 key. 10-11