Jimaata, Onkoloolessa 3
Faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa.—Filp. 2:4.
Phaawulos ergamaan hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee faayidaa warra kaanii akka yaadan Kiristiyaanota jajjabeesseera. Yeroo walgaʼiirratti argamnutti gorsa kana hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti? Warri kaanis akkuma keenya hirmaannaa gochuu akka barbaadan yaadachuudhaani. Mee kana yaadi. Michoota kee wajjin yeroo haasoftu baayʼee dubbachuudhaan isaan carraa itti dubbatan akka hin arganne ni gootaa? Akkas akka hin goone beekamaadha. Isaanis haasaa keessanirratti akka hirmaatan barbaadda. Haaluma wal fakkaatuun, walgaʼiirrattis hamma dandaʼame namoonni baayʼeen akka hirmaatan barbaanna. Karaa gaariin obbolootaa fi obboleettota keenya itti jajjabeessinu tokko amantii isaanii ibsuuf carraa akka argatan gochuudha. (1 Qor. 10:24) Deebii gabaabaa kennuudhaan warri kaanis hirmaachuuf carraa akka argatan godhaa. Deebii gabaabaa yeroo kennituttillee, yaada ijoo baayʼee caqasuurraa of qusadhu. Wanta keeyyaticha keessa jiru hunda yoo deebiste, warri kaan yaada dabalataa kennan dhabuu dandaʼu. w23.04 22-23 key. 11-13
Sanbadduraa, Onkoloolessa 4
Misiraachicha namoota kaaniin gaʼuuf, misiraachichaaf jedhee waan hundumaa nan godha.—1 Qor. 9:23.
Yeroo haalli keenya jijjiiramu keessumaa tajaajilarratti hirmaachuudhaan warra kaan gargaaruu keenya itti fufuun hammam barbaachisaa akka taʼe yaadachuu qabna. Tajaajila keenyarratti akkuma haala isaatti sirreeffama gochuu qabna. Namoota amantii fi ilaalcha garaagaraa qaban, akkasumas namoota akkaataa guddinaa garaagaraa qaban wajjin wal argina. Phaawulos ergamaan akkuma haala isaatti sirreeffama godha ture; nutis fakkeenya isaarraa barachuu dandeenya. Yesuus, “saboota kaaniif ergamaa” akka taʼuuf Phaawulosiin muudeera. (Rom. 11:13) Kanaafuu, Phaawulos Yihudootaaf, Giriikotaaf, namoota barataniif, namoota baadiyyaatiif, abbootii taayitaa mootummaa fi moototaaf lallabuu dandaʼeera. Phaawulos garaa namoota kanaa tuquuf “akaakuu namootaa hundumaatiif waan hundumaa” taʼeera. (1 Qor. 9:19-22) Aadaa, akkaataa guddinaa fi amantii namoota isa dhaggeeffataniitiif xiyyeeffannaa waan kenneef, karaa garaa isaanii tuquun isaan haasofsiisuu dandaʼeera. Nutis akkuma haala isaatti sirreeffama kan goonuu fi karaa gaarii namoota argannu hundumaa gargaaruu itti dandeenyu kan yaannu yoo taʼe tajaajila keenyarratti buʼa qabeeyyii taʼuu dandeenya. w23.07 23 key. 11-12
Dilbata, Onkoloolessa 5
Garbichi Gooftaa nama loluu hin qabu; kanaa mannaa, namoota hundumaatiif garraamii . . . taʼuu qaba.—2 Xim. 2:24.
Namoonni garraamii taʼan cimoodha malee dadhaboo miti. Haala rakkisaa taʼe keessatti tasgabbaaʼuun cimina gaafata. Garraamummaan kutaa ‘firii hafuuraati.’ (Gal. 5:22, 23) Jechi Afaan Giriikii “garraamii” jedhamee hiikame darbee darbee farda bosonaa madaqfame argisiisuufis itti hojjetameera. Mee waaʼee farda bosonaa madaqfame tokkoo yaaduuf yaalaa. Fardi sun kan madaqfame taʼus ammayyuu cimaadha. Nuti namoonni amala garraamummaa argisiisuu fi cimina qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? Carraaqqii keenyaan qofa kana gochuu hin dandeenyu. Waaqayyo hafuura isaa akka nuuf kennuu fi amala baayʼee gaarii taʼe kana horachuuf akka nu gargaaru kadhachuu qabna. Muuxannoowwan kun taʼuu akka dandaʼu argisiisan hedduun jiru. Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo namoonni isaan mormanitti garraamummaadhaan deebii kennan hedduun jiru. Kunis namoonni tokko tokko ilaalcha nuuf qaban akka jijjiiran godheera.—2 Xim 2:24, 25. w23.09 15 key. 3