Dilbata, Onkoloolessa 5
Garbichi Gooftaa nama loluu hin qabu; kanaa mannaa, namoota hundumaatiif garraamii . . . taʼuu qaba.—2 Xim. 2:24.
Namoonni garraamii taʼan cimoodha malee dadhaboo miti. Haala rakkisaa taʼe keessatti tasgabbaaʼuun cimina gaafata. Garraamummaan kutaa ‘firii hafuuraati.’ (Gal. 5:22, 23) Jechi Afaan Giriikii “garraamii” jedhamee hiikame darbee darbee farda bosonaa madaqfame argisiisuufis itti hojjetameera. Mee waaʼee farda bosonaa madaqfame tokkoo yaaduuf yaalaa. Fardi sun kan madaqfame taʼus ammayyuu cimaadha. Nuti namoonni amala garraamummaa argisiisuu fi cimina qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? Carraaqqii keenyaan qofa kana gochuu hin dandeenyu. Waaqayyo hafuura isaa akka nuuf kennuu fi amala baayʼee gaarii taʼe kana horachuuf akka nu gargaaru kadhachuu qabna. Muuxannoowwan kun taʼuu akka dandaʼu argisiisan hedduun jiru. Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo namoonni isaan mormanitti garraamummaadhaan deebii kennan hedduun jiru. Kunis namoonni tokko tokko ilaalcha nuuf qaban akka jijjiiran godheera.—2 Xim 2:24, 25. w23.09 15 key. 3
Wiixata, Onkoloolessa 6
Kadhadheen ture; Yihowaanis wanta ani isa kadhadhe naaf kenneera.—1 Sam. 1:27.
Yohaannis ergamaan mulʼata baayʼee ajaaʼibsiisaa taʼe tokkorratti samii keessatti jaarsoliin 24 yeroo Yihowaa waaqeffatan argeera. Jaarsoliin kun, “Ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala” jechuudhaan Waaqayyoon jajataniiru. (Mulʼata 4:10, 11) Maleekonni amanamoonis Yihowaa jajachuu fi ulfina isaaf kennuuf sababii isaan kakaasu hedduu qabu. Maleekonni samii keessa isa faana waan jiraataniif akka gaariitti isa beeku. Wantoota inni raawwate ilaaluudhaan waaʼee amaloota isaa beekuu dandaʼaniiru. Tarkaanfii Yihowaan fudhatu yeroo hubatanitti isa jajachuuf kakaʼaniiru. (Iyo. 38:4-7) Nutis kadhannaadhaan Yihowaa jajachuu qabna; wantoota isa jaallachuu fi dinqisiifachuuf nu kakaasan caqasuudhaan akkas gochuu dandeenya. Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbistuu fi yeroo qoʼattu amaloota Yihowaa caalaatti si dinqisiisan adda baafachuuf yaali. (Iyo. 37:23; Rom. 11:33) Achiis amaloota sana ilaalchisee wanta sitti dhagaʼamu Yihowaatti himi. Wanta Yihowaan nuufis taʼe obbolootaa fi obboleettota keenya hundaaf godheefis isa jajachuu dandeenya.—1 Sam. 2:1, 2. w23.05 3-4 key. 6-7
Kibxata, Onkoloolessa 7
Akka Yihowaadhaaf taʼutti deddeebiʼaa.—Qol. 1:10.
Bara 1919tti sabni Waaqayyoo Baabilon Guddittii jalaa bilisa baʼan. Bara sanatti “garbichi amanamaanii fi ogeessi” namoonni garaa qajeelaa qaban “Daandii Qulqullummaa” irra akka deeman gargaaruuf hojii isaa hojjechuu jalqabe. (Mat. 24:45-47; Isa. 35:8) Hojii namoonni amanamoon kanaan dura turan daandii kana qopheessuuf hojjetaniif galanni haa taʼuutii, namoonni daandii kanarra deemuu jalqaban kaayyoo Yihowaa ilaalchisee beekumsa qaban guddifachuu dandaʼaniiru. (Fak. 4:18) Akkasumas jireenya isaanii ulaagaalee Yihowaa wajjin wal simsiisuu dandaʼaniiru. Yihowaan sabni isaa takkaatti jijjiirama barbaachisu hundumaa akka godhan isaanirraa hin eegu. Kanaa mannaa, suutuma suuta saba isaa qulqulleessa. Hundi keenyayyuu wanta goonu hundumaan Waaqa keenya yeroo gammachiisnu baayʼee gammanna. Daandiin kamiyyuu yeroo hunda suphamuun isa barbaachisa. Bara 1919 kaasee namoonni dabalataa Baabilon Guddittii keessaa akka baʼan gargaaruuf hojiin “Daandii Qulqullummaa” qopheessuu hojjetamuu isaa itti fufeera. w23.05 17 key. 15; 19 key. 16