LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Baga Nagaan Dhufte
Laayibrariin kun barreeffamoota Dhugaa Baatonni Yihowaa afaan garaa garaatiin qopheessan irratti qorannoo gochuuf gargaara.
Barreeffamoota buufachuuf, weebsaayitii jw.org ilaali.
  • Harʼa

Kibxata, Onkoloolessa 7

Akka Yihowaadhaaf taʼutti deddeebiʼaa.—Qol. 1:10.

Bara 1919​tti sabni Waaqayyoo Baabilon Guddittii jalaa bilisa baʼan. Bara sanatti “garbichi amanamaanii fi ogeessi” namoonni garaa qajeelaa qaban “Daandii Qulqullummaa” irra akka deeman gargaaruuf hojii isaa hojjechuu jalqabe. (Mat. 24:45-47; Isa. 35:8) Hojii namoonni amanamoon kanaan dura turan daandii kana qopheessuuf hojjetaniif galanni haa taʼuutii, namoonni daandii kanarra deemuu jalqaban kaayyoo Yihowaa ilaalchisee beekumsa qaban guddifachuu dandaʼaniiru. (Fak. 4:18) Akkasumas jireenya isaanii ulaagaalee Yihowaa wajjin wal simsiisuu dandaʼaniiru. Yihowaan sabni isaa takkaatti jijjiirama barbaachisu hundumaa akka godhan isaanirraa hin eegu. Kanaa mannaa, suutuma suuta saba isaa qulqulleessa. Hundi keenyayyuu wanta goonu hundumaan Waaqa keenya yeroo gammachiisnu baayʼee gammanna. Daandiin kamiyyuu yeroo hunda suphamuun isa barbaachisa. Bara 1919 kaasee namoonni dabalataa Baabilon Guddittii keessaa akka baʼan gargaaruuf hojiin “Daandii Qulqullummaa” qopheessuu hojjetamuu isaa itti fufeera. w23.05 17 key. 15; 19 key. 16

Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2025

Roobii, Onkoloolessa 8

Ani matumaa si hin dhiisu.—Ibr. 13:5.

Miseensonni Qaama Olaanaa gargaartota koreewwan Qaama Olaanaa garaagaraa keessatti tajaajilan dhuunfaatti leenjisaa jiru. Gargaartonni kun yeroo ammaatti itti gaafatamummaa guguddaa fudhatanii amanamummaadhaan raawwachaa jiru. Hoolota Kiristoos kunuunsuu isaanii itti fufuuf akka gaariitti qophaaʼaniiru. Xumura rakkina guddaatti dibamtoonni hafan gara samiitti yeroo fudhataman waaqeffannaa qulqulluun lafarratti geggeeffamuusaa itti fufa. Geggeessaa keenya Yesuus Kiristoosiif galanni haa taʼuutii tajaajiltoonni Waaqayyoo Yihowaa waaqeffachuu isaanii itti fufu. Dhugaadha, yeroo sanatti saboonni waltaʼiinsa uumanii fi Kitaabni Qulqulluun Goog isa biyya Maagoog jedhee waamu saba Waaqayyoorratti haleellaa ni banu. (His. 38:18-20) Haleellaa gabaabaan kun garuu ni fashalaaʼa; sabni Waaqayyoo Yihowaa waaqeffachuu isaanii akka dhaaban gochuu hin dandaʼu. Yihowaan isaan ni oolcha. Yohaannis ergamaan ‘tuuta uummataa guddaa’ hoolota kan biroo taʼan mulʼataan argeera. “Tuutni uummataa guddaan” kun “rakkina guddaa keessaa [akka] dhufan” Yohaannisitti himameera. (Mul. 7:9, 14) Eeyyee, Yihowaan eegumsa akka isaaniif godhu beekna. w24.02 5-6 key. 13-14

Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2025

Kamisa, Onkoloolessa 9

Ibidda hafuuraa hin dhaamsinaa.—1 Tas. 5:19.

Hafuura qulqulluu argachuuf maal gochuu dandeenya? Hafuura qulqulluu akka nuuf kennu Yihowaa kadhachuu, Dubbii isaa isa geggeessaa hafuura isaatiin barreeffame qoʼachuu, akkasumas jaarmiyaa isaa isa hafuura isaatiin geggeeffamu deggeruu qabna. Akkas gochuun keenya ‘firii hafuuraa’ horachuuf nu gargaara.” (Gal. 5:22, 23) Waaqayyo hafuura isaa kan kennu namoota yaannii fi gochi isaanii qulqulluu taʼeef qofadha. Wantoota qulqulluu hin taane kan yaannuu fi kan raawwannu yoo taʼe hafuura isaa nuuf hin kennu. (1 Tas. 4:7, 8) Hafuura qulqulluu argachuu keenya itti fufuuf ‘raajii dubbatamu akka hin tuffannes’ of eeggachuu qabna. (1 Tas. 5:20) Yaanni asirratti “raajii” jedhame ergaa Yihowaan karaa hafuura isaa nuuf kennu argisiisa; kunis ergaa waaʼee guyyaa Yihowaa fi barri keessa jirru ariifachiisaa taʼuu isaa ibsu kan dabalatudha. Armaagedoon umurii keenyatti akka hin dhufne yaaduudhaan guyyicha fageessinee ilaaluu hin qabnu. Kanaa mannaa, guyyaa guyyaadhaan amala gaarii argisiisuudhaan, akkasumas ‘hojiiwwan Waaqayyoof kan bulle taʼuu keenya argisiisan’ hojjechuudhaan guyyicha sammuu keenyatti dhiheessinee yaaduu ni dandeenya.”—2 Phe. 3:11, 12. w23.06 12 key. 13-14

Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2025
Baga Nagaan Dhufte
Laayibrariin kun barreeffamoota Dhugaa Baatonni Yihowaa afaan garaa garaatiin qopheessan irratti qorannoo gochuuf gargaara.
Barreeffamoota buufachuuf, weebsaayitii jw.org ilaali.
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi