Dilbata, Sadaasa 9
Hin sodaatin.—Dan. 10:19.
Ija jabina horachuuf maal gochuu qabna? Warri keenya ija jabeeyyii akka taanu nu jajjabeessu taʼa; taʼus, amala kana dhaalaan nutti dabarsuu hin dandaʼan. Ija jabina horachuun dandeettii haaraa tokko barachuu wajjin wal fakkaata. Karaan dandeettii tokko barachuun itti dandaʼamu tokko wanta barsiisaan tokko godhu xiyyeeffannaadhaan ilaaluudhaan fakkeenya isaa hordofuudha. Haaluma wal fakkaatuun, warri kaan amala kana kan argisiisan akkamitti akka taʼe xiyyeeffannaadhaan ilaaluudhaan, akkasumas fakkeenya isaanii hordofuudhaan ija jabeeyyii taʼuu ni dandeenya. Akkuma Daaniʼel Dubbii Waaqayyoo akka gaariitti beekuu qabna. Bilisummaadhaan irra deddeebinee Yihowaatti kadhannaa dhiheessuudhaan isa wajjin michummaa cimaa qabaachuu qabna. Kana malees, Yihowaan yeroo hunda akka nu gargaaru mirkanaaʼoo taʼuudhaan amanannaa isarratti qabaachuu qabna. Akkas yoo goone yeroo amantiin keenya qoramu ija jabina argisiisuu ni dandeenya. Namoonni ija jabeeyyii taʼan yeroo baayʼee kabaja warra kaanii argatu. Namoonni garaa qajeelaa qaban Yihowaatti akka dhihaatan gargaaruullee ni dandaʼu. Dhugumayyuu, sababii gaarii ija jabina horachuuf nu kakaasu qabna. w23.08 2 key. 2; 4 key. 8-9
Wiixata, Sadaasa 10
Waan hundumaa qoraa mirkaneeffadhaa.—1 Tas. 5:21.
Jechi Afaan Giriikii “qoraa mirkaneeffadhaa” jedhamee hiikame sibiila gatii guddaa qabu qoruu argisiisuufis itti hojjetameera. Kanaafuu, wanti dhageenyus taʼe wanti dubbisnu dhugaa taʼuu isaa mirkaneeffachuuf qoruun nu barbaachisa. Rakkinni guddaan dhihaachaa yeroo dhufu akkas gochuun keenya caalaatti barbaachisaadha. Gowwummaadhaan wanta namoonni jedhan hunda amanuu mannaa, wanta dubbisnus taʼe wanta dhageenyu wanta Kitaabni Qulqulluunii fi jaarmiyaan Yihowaa barsiisu wajjin wal bira qabuuf dandeettii yaaduu keenyatti fayyadamna. Akkas yoo goone olola ykn gowwoomsaa jinniiwwaniitiin hin gowwoomfamnu. (Fak. 14:15; 1 Xim. 4:1) Tajaajiltoonni Yihowaa akka gareetti rakkina guddaarraa ni oolu. Dhuunfaatti garuu wanta boru nu mudatu hin beeknu. (Yaq. 4:14) Haa taʼu malee, rakkinni guddaan kan dhufu utuma lubbuudhaan jirruus taʼe erga duunee booda, amanamummaa keenya hamma eeggannetti jireenya bara baraa ni arganna. Hundi keenyayyuu abdii keenya isa dinqisiisaa taʼerratti haa xiyyeeffannu, akkasumas guyyaa Yihowaa qophaaʼoo taanee haa eeggannu. w23.06 13 key. 15-16
Kibxata, Sadaasa 11
Iccitii isaa raajota warra tajaajiltoota isaa taʼanitti mulʼiseera.—Amos 3:7.
Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko akkamitti akka raawwataman hin beeknu. (Dan. 12:8, 9) Raajiin tokko akkamitti akka raawwatamu guutummaatti hin hubanne jechuun garuu raajiin sun hin raawwatamu jechuu miti. Yihowaan akkuma kanaan dura gochaa ture wanta beekuun nu barbaachisu yeroo sirrii taʼetti akka nuuf ibsu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Labsiin, “Nagaa dha, tasgabbii dhas” jedhu ni labsama. (1 Tas. 5:3) Achiis mootummoonni addunyaa amantaa sobaatti garagalanii haxaaʼanii ishii balleessu. (Mul. 17:16, 17) Sana boodammoo saba Waaqayyoorratti haleellaa banu. (His. 38:18, 19) Taʼeewwan kunis kallattiidhaan gara waraana Armaagedoonitti geessu. (Mul. 16:14, 16) Wantoonni kun yeroo dhihootti akka raawwataman mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. Hammasitti raajii Kitaaba Qulqulluutiif xiyyeeffannaa kennuudhaan, akkasumas warri kaanis akkas akka godhan gargaaruudhaan dinqisiifannaa Abbaa keenya isa samiitiif qabnu argisiisuu keenya itti haa fufnu. w23.08 13 key. 19-20