Kibxata, Adoolessa 15
Ilmoolee hoolaa koo tiksi.—Yoh. 21:16.
Pheexiros, “Tuuta hoolota Waaqayyoo . . . tiksaa” jechuudhaan obboloota akkumasaa jaarsolii taʼan gorseera. (1 Phe. 5:1-4) Jaarsa yoo taate obbolootaa fi obboleettota kee akka jaallattuu fi isaan kunuunsuu akka barbaaddu beekna. Yeroo tokko tokko garuu hojiin garmalee akka sitti baayʼate ykn baayʼee dadhabuu keetiin kan kaʼe itti gaafatamummaa kana baʼuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼama taʼa. Maarree, maal gochuu dandeessa? Wanta si yaaddessu hundumaa Yihowaatti himi. Pheexiros, “Namni tajaajilu yoo jiraate humna Waaqayyo kennutti amanamee haa tajaajilu” jedhee barreesseera. (1 Phe. 4:11) Obboloonnii fi obboleettonni kee rakkoowwan sirna kana keessatti guutummaatti furamuu hin dandeenye wajjin waldhaansoo gochaa jiru taʼa. Taʼus, Yesuus Kiristoos inni ‘dura buutuu tiksitootaa’ taʼe si caalaa isaan gargaaruu akka dandaʼu yaadadhu. Inni yeroo ammaattis taʼe addunyaa haaraa keessatti isaan gargaaruu dandaʼa. Wanti Waaqayyo jaarsoliirraa barbaadu obboloota isaanii akka jaallatan, akka isaan kunuunsanii fi “tuutichaaf fakkeenya” akka taʼan qofadha. w23.09 29-30 key. 13-14
Roobii, Adoolessa 16
Yihowaan yaanni namoota ogeeyyii taʼanii gatii akka hin qabne beeka.—1 Qor. 3:20.
Yaada namaatiin geggeeffamuu hin qabnu. Ilaalcha namoonni seera Yihowaatiif kabaja hin qabne qaban yoo horanne, Yihowaa fi ulaagaalee isaarraa fagaachuun keenya hin oolu. (1 Qorontos 3:19) “Ogummaan addunyaa kanaa” Yihowaadhaaf akka hin ajajamne dhiibbaa nurratti godha. Namoonni karaa naamusaa mancaʼanii fi waaqolii tolfamoo waaqeffatan Kiristiyaanota Phergaamoonii fi Tiyaaxiraa keessa jiraatan muraasarratti dhiibbaa godhanii turan. Yesuus gocha halalummaa calluma jedhanii waan bira darbaniif gumiiwwan kana lamaaniif gorsa cimaa kennee ture. (Mul. 2:14, 20) Yeroo harʼattis, namoonni naannoo keenya jiraatan ilaalcha dogoggoraa akka qabaannu dhiibbaa nurratti godhu. Miseensonni maatii keenyaa fi namoonni beeknu tokko tokko garmalee seera akka cimsinuu fi seera Yihowaatiif ajajamuun akka nu hin barbaachisne nu amansiisuuf yaalu. Fakkeenyaaf, fedhii keenyaaf moʼamuun rakkina akka hin qabnee fi ulaagaaleen naamusaa Kitaaba Qulqulluu yeroon kan itti darbe akka taʼe dubbatu. Yeroo tokko tokko, qajeelfamni Yihowaan nuuf kennu ifa akka hin taane nutti dhagaʼama taʼa. ‘Wantoota barreeffaman irra darbuufillee’ qoramuu dandeenya.—1 Qor. 4:6. w23.07 16 key. 10-11
Kamisa, Adoolessa 17
Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.—Fak. 17:17.
Maariyaam haati Yesuus jabinni ishii barbaachisee ture. Gabriʼeel itti gaafatamummaa ulfaataa taʼe yeroo ishiidhaaf kennetti hammam dhiphattee akka turte tilmaamuu dandeessa. Maariyaam hin heerumne, garuummoo ulfaaʼuuf jetti. Ijoollee guddistee kan hin beekne taʼus, mucaa yeroo booda Masiihicha taʼu guddisuuf jetti. Maariyaam saalqunnamtii raawwattee kan hin beekne taʼus, akka ulfoofte kaadhimaa ishii Yoseefitti himuu qabdi; kun baayʼee ulfaataa akka taʼe ifadha. (Luq. 1:26-33) Maariyaam itti gaafatamummaa addaa ulfaataa kana raawwachuuf jabina ishii barbaachisu kan argatte akkamitti? Gargaarsa warra kaanii argachuuf carraaqqii gooteetti. Fakkeenyaaf, Gabriʼeel itti gaafatamummaa kana ilaalchisee odeeffannoo dabalataa akka ishiidhaaf kennu gaafatteetti. (Luq. 1:34) Achiis utuma baayʼee hin turin fira ishii kan taate Elsaabexiin gaafachuuf “gara magaalaa Yihudaa tokkoo deemte.” Elsaabex Maariyaamiin galateeffatteetti, akkasumas hafuura Yihowaatiin geggeeffamtee waaʼee daaʼima Maariyaam garaatti baattee jirtuu raajii nama jajjabeessu dubbatteetti. (Luq. 1:39-45) Maariyaam Yihowaan “irree isaatiin hojiiwwan guguddaa [akka] hojjete” dubbatteetti. (Luq. 1:46-51) Yihowaan Gabriʼeelii fi Elsaabexitti fayyadamee Maariyaamiin jajjabeesseera. w23.10 14-15 key. 10-12