Jimaata, Adoolessa 18
Waaqa isaa fi Abbaa isaatiif moototaa fi luboota akka taanu godhe.—Mul. 1:6.
Barattoonni Kiristoos muraasni hafuura qulqulluudhaan dibamaniiru; isaan Yihowaa wajjin hariiroo addaa qabu. Dibamtoonni 144,000 taʼan kun Yesuus wajjin samii keessatti luboota taʼanii tajaajilu. (Mul. 14:1) Kutaa Qulqulluun godoo qulqulluu sanaa utuma lafarra jiranii akka ilmaan hafuuraa Waaqayyootti lakkaaʼamuu isaanii argisiisa. (Rom. 8:15-17) Kutaan Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼemmoo samii bakka Yihowaan jiraatu argisiisa. ‘Golgaan’ Kutaa Qulqulluu, Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼerraa gargar baasu qaama foonii Yesuus isa Luba Olaanaa mana qulqullummaa hafuuraa taʼuudhaan gara samiitti akka hin seenne isa dhoowwu argisiisa. Yesuus foon isaa ilmaan namootaatiif aarsaa godhee kennuudhaan karaa Kiristiyaanonni dibamoon hundi gara samiitti itti seenuu dandaʼan baneera. Isaanis badhaasa isaanii isa samii argachuuf foon isaaniirraa gargar baʼuun isaan barbaachisa.—Ibr. 10:19, 20; 1 Qor. 15:50. w23.10 28 key. 13
Sanbadduraa, Adoolessa 19
Waaʼee Giidewon . . . dubbachuuf yeroon na hin gaʼu.—Ibr. 11:32.
Giidewon yeroo namoonni Efreem isa komatanitti garraamummaadhaan deebii kenneera. (Abo. 8:1-3) Giidewon yeroo kanatti hin aarre. Wanta isaan yaaddesse yeroo dubbatanitti isaan dhaggeeffachuudhaan akka gad of qabu argisiiseera, akkasumas malaan haala isaa tasgabbeesseera. Jaarsoliin ogeeyyii taʼanis fakkeenya Giidewon hordofuudhaan yeroo komataman sirriitti dhaggeeffatu, akkasumas garraamummaadhaan deebii kennu. (Yaq. 3:13) Akkas gochuudhaan nageenya gumiitiif gumaacha godhu. Giidewon injifannoo Miidiyaanotarratti argateen kan kaʼe yeroo ulfinni isaaf kennametti, xiyyeeffannaa isaanii gara Yihowaatti akka naannessan godheera. (Abo. 8:22, 23) Dhiironni muudaman fakkeenya Giidewon hordofuu kan dandaʼan akkamitti? Milkaaʼina argataniif Yihowaan akka jajamu gochuu dandaʼu. (1 Qor. 4:6, 7) Fakkeenyaaf, jaarsi tokko dandeettii barsiisuu isaatiin kan kaʼe yeroo jajamu, warri kaan Dubbii Waaqayyoo isa madda barumsichaa taʼerratti ykn leenjii jaarmiyaa Yihowaarraa argaterratti akka xiyyeeffatan gochuu dandaʼa. Jaarsoliin darbee darbee, ‘Xiyyeeffannaa hin barbaachisne ofitti harkisaan jiraa laata?’ jedhanii of qoruun isaanii gaariidha. w23.06 4 key. 7-8
Dilbata, Adoolessa 20
Yaanni koo yaada keessanii wajjin, . . . tokko miti.—Isa. 55:8.
Wanta kadhannaa keenyarratti gaafanne hin arganne taanaan gaaffiin of gaafachuu qabnu, ‘Wantin kadhannaa koorratti gaafachaa jiru sirriidhaa?’ kan jedhudha. Yeroo baayʼee, wanta nu fayyadu akka beeknu nutti dhagaʼama. Taʼus, wanti kadhannaadhaan gaafanne wanta nu hin fayyanne taʼuu dandaʼa. Tarii rakkina tokko ilaalchisee kadhachaa jirra yoo taʼe, furmaanni isa nuti gaafachaa jirrurra wayyu jiraachuu dandaʼa. Wanti kadhannu tokko tokkommoo fedhii Yihowaa wajjin kan wal hin simne taʼuu dandaʼa. (1 Yoh. 5:14) Fakkeenyaaf, waaʼee warra mucaa isaanii dhugaa keessa akka isaaniif jiraachisu Yihowaa kadhatanii turan yaadi. Kun kadhannaa sirrii fakkaachuu dandaʼa. Taʼus, Yihowaan akka isa tajaajilu eenyuniyyuu hin dirqisiisu. Ijoollee keenya dabalatee hundi keenyayyuu filannaa keenyaan akka isa waaqeffannu barbaada. (Kes. 10:12, 13; 30:19, 20) Kanaafuu, warri kun garaa mucaa isaanii tuquuf akka isaan gargaaru Yihowaa kadhachuu ni dandaʼu; mucaan isaanii garaan isaa yoo tuqame Yihowaa jaallachuu fi michuu isaa taʼuuf kakaʼuu ni dandaʼa.—Fak. 22:6; Efe. 6:4. w23.11 21 key. 5; 23 key. 12