Sanbadduraa, Hagayya 9
Namni kam iyyuu ana duukaa buʼuu yoo barbaade of haa ganu; guyyaa guyyaadhaan muka dhiphinaa isaa baatees yeroo hunda ana duukaa haa buʼu.—Luq. 9:23.
Tarii miseensonni maatii kee si mormaa jiru taʼa, yookiinimmoo Mootummichaaf dursa kennuuf jecha qabeenya tokko tokko aarsaa gooteetta taʼa. (Mat. 6:33) Taanaan, Yihowaan hojii amantiidhaan hojjette akka arge mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. (Ibr. 6:10) Yaanni Yesuus dubbate kun dhugaa taʼuusaa jireenya kee keessatti argiteetta taʼa: “Namni anaa fi misiraachichaaf jedhee, mana yookiin obboloota yookiin obboleettota yookiin haadha yookiin abbaa yookiin ijoollee yookiin maasii dhiise, yeroo ammaatti ariʼatamaa wajjin manneen, obboloota, obboleettota, haadholii, ijoollee fi maasii dachaa 100, sirna dhufu keessatti immoo jireenya bara baraa kan hin arganne hin jiru.” (Mar. 10:29, 30) Dhugumayyuu, eebbi argatte aarsaa kaffalte kamirrayyuu kan caaludha.—Far. 37:4. w24.03 9 key. 5
Dilbata, Hagayya 10
Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.—Fak. 17:17.
Yeroo beelli guddaan Kiristiyaanota Yihudaa keessa jiraatan mudatetti obboloonni Anxokiyaa ishii Sooriyaatti argamtu keessa jiraatan “obboloota Yihudaa keessa jiraataniif gargaarsa erguuf jecha tokkoon tokkoon isaanii hamma humna isaanii buusii gochuuf murteessan.” (HoE. 11:27-30) Obboloonni kun obboloonni beela kanaan miidhaman isaanirraa fagaatanii kan jiran taʼus isaan gargaaruuf kutatanii turan. (1 Yoh. 3:17, 18) Nutis yeroo harʼaatti obboloonni keenya balaa tokkoon miidhaan akka isaanirra gaʼe yeroo dhageenyu gara laafina isaanitti argisiisuu dandeenya. Gargaarsa gochuu akka barbaannu jaarsolii beeksisuudhaan, hojii addunyaa maraatiif buusii gochuudhaan ykn obboloota balaa sanaan miidhamaniif kadhachuudhaan dafnee tarkaanfii fudhanna. Obboloonnii fi obboleettonni keenya wantoota buʼuuraa argachuuf gargaarsi isaan barbaachisuu dandaʼa. Mootiin keenya Kiristoos Yesuus murtii kennuuf yeroo dhufu gara laafina yeroo argisiisnu akka nu arguu fi ‘Mootummicha dhaalaa’ jedhee akka nu affeeru barbaanna.—Mat. 25:34-40. w23.07 4 key. 9-10; 6 key. 12
Wiixata, Hagayya 11
Yaada ofiitti kan hin cichine taʼuun keessan namoota hundumaa biratti kan beekame haa taʼu.—Filp. 4:5.
Yesuus fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan yaada ofiitti akka hin cichine argisiiseera. Gara lafaatti kan ergame “hoolota mana Israaʼel keessaa badaniif” akka lallabuuf ture. Hojii isaaf kenname yeroo raawwatutti garuu yaada isaatti akka hin cichine argisiiseera. Yeroo tokko dubartiin lammii Israaʼel hin taane takka intala ishii “jinniidhaan qabamtee akka malee dhiphachaa” jirtu akka fayyisu isa kadhattee turte. Yesuusis gara laafinaan kakaʼee intala dubartii sanaa fayyiseera. (Mat. 15:21-28) Mee fakkeenya kan biraas haa ilaallu. Yesuus tajaajila isaa yeroo jalqabetti, ‘Nama na ganu kamiyyuu anis nan gana’ jedhee ture. (Mat. 10:33) Haa taʼu malee, Pheexiros isa siʼa sadi isa gane ganeeraa? Lakki. Yesuus Pheexiros wanta godhetti gaabbuu isaa fi nama amantii qabu taʼuu isaa hubatee ture. Yesuus erga duʼaa kaafamee booda Pheexirositti mulʼatee dhiifama akka isaaf godhee fi akka isa jaallatu isaaf mirkaneesseera. (Luq. 24:33, 34) Yihowaa fi Yesuus Kiristoos sababa qabeeyyiidha. Nutoo? Yihowaan nutis sababa qabeeyyii akka taanu barbaada. w23.07 21 key. 6-7