Wiixata, Hagayya 18
Amantii isaatti jabaate . . . waadaa Waaqayyo isaaf [galeen kan kaʼe].—Rom. 4:20.
Yihowaan jaarsoliitti fayyadamees humna nuu kenna. (Isa. 32:1, 2) Kanaafuu, yeroo dhiphattu wanta si yaaddessu jaarsoliitti himi. Gargaarsa isaanii fudhachuurraa duubatti hin jedhin. Yihowaan isaanitti fayyadamee si jabeessuu dandaʼa. Mootummaa samii keessatti jireenya argachuu ykn bara baraaf lafarra jiraachuu abdiin keenya inni Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe humna nuuf kenna. (Rom. 4:3, 18-, 19) Abdiin keenya qorumsa dandamachuuf, misiraachicha lallabuu fi itti gaafatamummaa gumii keessatti qabnu baʼuuf humna nuu kenna. (1 Tas. 1:3) Abdiin kun Phaawulos ergamaadhaaf jabina kenneera. Phaawulos ‘gad dhiibameera, burjaajaʼeera, ariʼatameera, akkasumas rukutamee kufeera.’ Lubbuun isaallee balaadhaaf saaxilamee beeka. (2 Qor. 4:8-10) Phaawulos abdii isaarratti xiyyeeffachuudhaan jabina dandamachuuf isa gargaaru argateera. (2 Qor. 4:16-18) Phaawulos abdii bara baraaf samiirra jiraachuuf qaburratti xiyyeeffateera. Abdii kanarratti xiinxaluu isaatiin kan kaʼes ‘guyyaa guyyaadhaan haareffamaa akka deeme’ isatti dhagaʼameera. w23.10 15-16 key. 14-17
Kibxata, Hagayya 19
Yihowaan saba isaatiif jabina kenna. Yihowaan saba isaa nagaadhaan eebbisa.—Far. 29:11.
Yommuu kadhattan Yihowaan kadhannaa keessaniif deebii kennuuf yeroo sirrii taʼuu fi dhiisuusaa hubadhaa. Kadhannaa keenyaaf yeruma sana deebii argachuun akka nu barbaachisu nutti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan yeroo sirrii gargaarsi isaa itti nu barbaachisu beeka. (Ibr. 4:16) Tarii wanta kadhannaa keenyarratti gaafanne yeruma sana yoo argachuu baanne, Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii akka hin kennine nutti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, kadhannaa keenyaaf deebii kan kennu yeroo booda taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, obboleessi dargaggeessi tokko dhukkubasaarraa fayyuuf kadhatee ture. Yihowaan garuu, dhukkuba isaarraa isa hin fayyisne. Yihowaan dinqiidhaan yoo isa fayyise, Seexanni obboleessi sun Yihowaa tajaajiluu isaa kan itti fufe waan inni isa fayyiseef akka taʼe dubbachuudhaan falmii kaasuu dandaʼa. (Iyo. 1:9-11; 2:4) Kana malees, Yihowaan yeroo dhukkuba hundumaa itti balleessu murteesseera. (Isa. 33:24; Mul. 21:3, 4) Hamma yeroon sun gaʼutti dinqiidhaan akka nu fayyisu eeguu hin dandeenyu. Kanaafuu, obboleessi sun dhukkuba isaa dandamatee amanamummaadhaan isa tajaajiluu isaa akka itti fufuuf, ciminaa fi nagaa sammuu akka isaaf kennu Yihowaa kadhachuu dandaʼa. w23.11 24 key. 13
Roobii, Hagayya 20
Inni akka cubbuu keenyaatti nu irratti hin raawwanne, akka balleessaa keenyaattis nuuf hin deebisne.—Far. 103:10.
Saamson dogoggora cimaa raawwatee kan ture taʼus abdii hin kutanne. Filisxeemota waraanuudhaan itti gaafatamummaa Yihowaan isaaf kenne raawwachuuf carraa barbaaddateera. (Abo 16:28-30) Saamson, “Filisxeemota haaloo akkan baʼuuf maaloo . . . na jabeessi” jechuudhaan cimsee Yihowaa kadhate. Waaqni dhugaanis dinqiidhaan jabina isaaf kennuudhaan kadhannaa isaatiif deebii kenneera. Saamson yeroo kamiyyuu caalaa yeroo kanatti milkaaʼina guddaa argateera. Saamson dogoggora raawwateen kan kaʼe miidhaa guddaan isarra gaʼus, fedhii Yihowaa raawwachuuf carraaqqii gochuurraa duubatti hin jenne. Dogoggora raawwanneen kan kaʼe adabbiin kan nuuf kenname ykn mirga tokko kan dhabne taʼus. abdii kutachuu hin qabnu. Kanaa mannaa, Yihowaan abdii akka nutti hin kutanne yaadachuu qabna. (Far. 103:8-9) Dogoggora kan raawwannu taʼus, Yihowaan akkuma Saamsonitti fayyadame nuttis fayyadamuu dandaʼa. w23.09 6 key. 15-16