Roobii, Hagayya 20
Inni akka cubbuu keenyaatti nu irratti hin raawwanne, akka balleessaa keenyaattis nuuf hin deebisne.—Far. 103:10.
Saamson dogoggora cimaa raawwatee kan ture taʼus abdii hin kutanne. Filisxeemota waraanuudhaan itti gaafatamummaa Yihowaan isaaf kenne raawwachuuf carraa barbaaddateera. (Abo 16:28-30) Saamson, “Filisxeemota haaloo akkan baʼuuf maaloo . . . na jabeessi” jechuudhaan cimsee Yihowaa kadhate. Waaqni dhugaanis dinqiidhaan jabina isaaf kennuudhaan kadhannaa isaatiif deebii kenneera. Saamson yeroo kamiyyuu caalaa yeroo kanatti milkaaʼina guddaa argateera. Saamson dogoggora raawwateen kan kaʼe miidhaa guddaan isarra gaʼus, fedhii Yihowaa raawwachuuf carraaqqii gochuurraa duubatti hin jenne. Dogoggora raawwanneen kan kaʼe adabbiin kan nuuf kenname ykn mirga tokko kan dhabne taʼus. abdii kutachuu hin qabnu. Kanaa mannaa, Yihowaan abdii akka nutti hin kutanne yaadachuu qabna. (Far. 103:8-9) Dogoggora kan raawwannu taʼus, Yihowaan akkuma Saamsonitti fayyadame nuttis fayyadamuu dandaʼa. w23.09 6 key. 15-16
Kamisa, Hagayya 21
Jabaatanii dhaabbachuun immoo ejjennoo fudhatama qabu argamsiisa; ejjennoon fudhatama qabu immoo abdii argamsiisa.—Rom. 5:4.
Jabaattee dhaabbachuun kee Yihowaa biratti fudhatama siif argamsiisa. Haa taʼu malee, Yihowaan yeroo qorumsi ykn rakkinni sirra gaʼu ni gammada jechuu miti. Waaqayyo kan gammadu sittidha. Jabaattee dhaabbachuun kee ejjennoo fudhatama qabu siif argamsiisa. Kun eebba ajaaʼibsiisaadha! (Far. 5:12) Abrahaam qorumsa keessatti jabaatee dhaabbachuun isaa Waaqayyo biratti fudhatama akka isaaf argamsiise yaadadhu. Yihowaan akka michuu isaattii fi nama qajeelaa akka taʼetti isa ilaaleera. (Uma. 15:6; Rom. 4:13, 22) Nuufis ilaalchuma akkasii qabaachuu dandaʼa. Waaqayyo biratti fudhatama argachuun keenya hojii tajaajila isaa keessatti raawwannerratti ykn mirgoota argannerratti kan hundaaʼe miti. Isa duratti fudhatama kan nuuf argamsiisu amanamummaadhaan jabaannee dhaabbachuu keenyadha. Umuriin irratti argamnu, haalli keenya ykn dandeettiin keenya kan akkamiiyyuu yoo taʼe hundi keenyayyuu jabaannee dhaabbachuu ni dandeenya. Yeroo ammaatti qorumsa tokko keessatti amanamummaadhaan jabaattee dhaabbachaa jirtaa? Taanaan, Yihowaa biratti fudhatama akka qabdu yaadadhu. Waaqayyo biratti fudhatama akka qabnu beekuun keenya abdii keenya nuuf cimsa. w23.12 11 key. 13-14
Jimaata, Hagayya 22
Dhiira taʼi.—1 Mot. 2:2.
Kiristiyaanni tokko warra kaan wajjin akka gaariitti walii galuu barachuu qaba. Namni warra kaan wajjin akka gaariitti walii galu yeroo namoonni kaan dubbatan sirriitti dhaggeeffata, yaadaa fi miira isaaniis ni hubata. (Fak. 20:5) Ergaa sagaleen isaanii, fuulli isaanii fi sochiin qaamaa isaanii dabarsu ni hubata. Wantoota kana barachuu kan dandeessan garuu namoota wajjin yeroo kan dabarsitan yoo taʼe qofadha. Namoota wajjin haasaʼuuf yeroo hunda iimeelii fi ergaa gabaabaatti kan fayyadamtan yoo taʼe, kun qaamaan warra kaan wajjin haasaʼuun akka isinitti ulfaatu gochuu dandaʼa. Kanaafuu, warra kaan wajjin qaamaan haasaʼuuf carraa barbaadaa. (2 Yoh. 12) Obboleessi bilchina qabu tokko ofis taʼe maatii isaa deggeruu qaba. (1 Ximotewos 5:8) Dandeettii hojii argachuuf isin gargaaru barachuun keessan gaariidha. (HoE. 18:2, 3; 20:34; Efe. 4:28) Jabaattee hojjechuu fi wanta jalqabde hojjettee xumuruudhaan maqaa gaarii qabaadhu. Akkas yoo goote, hojii argachuu fi hojii keerra turuun siif salphata. w23.12 27 key. 12-13