Jimaata, Hagayya 22
Dhiira taʼi.—1 Mot. 2:2.
Kiristiyaanni tokko warra kaan wajjin akka gaariitti walii galuu barachuu qaba. Namni warra kaan wajjin akka gaariitti walii galu yeroo namoonni kaan dubbatan sirriitti dhaggeeffata, yaadaa fi miira isaaniis ni hubata. (Fak. 20:5) Ergaa sagaleen isaanii, fuulli isaanii fi sochiin qaamaa isaanii dabarsu ni hubata. Wantoota kana barachuu kan dandeessan garuu namoota wajjin yeroo kan dabarsitan yoo taʼe qofadha. Namoota wajjin haasaʼuuf yeroo hunda iimeelii fi ergaa gabaabaatti kan fayyadamtan yoo taʼe, kun qaamaan warra kaan wajjin haasaʼuun akka isinitti ulfaatu gochuu dandaʼa. Kanaafuu, warra kaan wajjin qaamaan haasaʼuuf carraa barbaadaa. (2 Yoh. 12) Obboleessi bilchina qabu tokko ofis taʼe maatii isaa deggeruu qaba. (1 Ximotewos 5:8) Dandeettii hojii argachuuf isin gargaaru barachuun keessan gaariidha. (HoE. 18:2, 3; 20:34; Efe. 4:28) Jabaattee hojjechuu fi wanta jalqabde hojjettee xumuruudhaan maqaa gaarii qabaadhu. Akkas yoo goote, hojii argachuu fi hojii keerra turuun siif salphata. w23.12 27 key. 12-13
Sanbadduraa, Hagayya 23
Guyyaan Yihowaa akkuma hattuun halkaniin dhufutti [dhufa].—1 Tas. 5:2.
Kitaaba Qulqulluu keessatti yaanni ‘guyyaa Yihowaa’ jedhu yeroo itti Yihowaan diinota isaarratti murtii dabarsuu fi saba isaatiif fayyina argamsiisu argisiisa. Yihowaan bara duriitti saboota tokko tokkorratti murtii dabarseera. (Isa. 13:1, 6; His. 13:5; Sef. 1:8) Bara keenyatti “guyyaan Yihowaa” haleellaa Baabilon Guddittiirratti banamuun jalqaba, achiis waraana Armaagedooniin xumurama. “Guyyaa” sanarraa ooluuf amma qophaaʼuu qabna. Yesuus ‘rakkina guddaa’ ‘qophaaʼoo taanee eeguu’ akka qabnu dubbateera; kunis wanta itti fufiinsa qabu argisiisa. (Mat. 24:21; Luq. 12:40) Phaawulos ergamaan xalayaa jalqabaa warra Tasalonqeetiif barreesserratti guyyaa guddaa Yihowaan murtii itti dabarsu qophaaʼoo taʼanii akka eeganiif Kiristiyaanota gargaaruuf jecha fakkeenyota garaa garaatti fayyadameera. Phaawulos guyyaan Yihowaa yeroo sanatti akka hin dhufne beeka ture. (2 Tas. 2:1-3) Taʼus, akkuma waan guyyaan sun boru dhufutti guyyichaaf akka qophaaʼan obboloota isaa jajjabeesseera; nutis gorsa isaa hojiirra oolchuu dandeenya. w23.06 8 key. 1-2
Dilbata, Hagayya 24
Obboloota jaallatamo, . . . jabaadhaa dhaabbadhaa.—1 Qor. 15:58.
Dhuma bara 1970niitti gamoon abbaa darbii 60 baayʼee dheeraa taʼe tokko Tookiyoo, Jaappaan keessatti ijaaramee ture. Namoonni gamoon kun kirkira lafaa magaalattii keessatti irra deddeebiʼee mudatu dandamachuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe gaaffii isaanitti taʼee ture. Iccitiin isaa maalidha? Injinaroonni gamoon kun yeroo kirkirri lafaa mudatu utuu hin jigin hamma tokko jalʼachuu akka dandaʼu godhanii ijaaran. Kanaafuu, gamoon baayʼee dheeraa taʼe kun yeroo kirkirri lafaa kaʼu utuu hin jigin hamma tokko sochoʼuu dandaʼa jechuudha. Kiristiyaanonnis akkuma gamoo kanaati. Karaa kamiin? Kiristiyaanni tokko ejjennoo cimaa qabaachuu fi akka haala isaatti sirreeffama gochuu ilaalchisee madaallii isaa eeguu qaba. Seerotaa fi ulaagaalee Yihowaa eeguu wajjin haala wal qabateen cimaa fi kan hin sochoone taʼuu qaba. Yeroo akkasiitti “ajajamuuf kan qophaaʼe” taʼa, ejjennoo isaas hin laaffisu. Karaa kan biraatiinimmoo, yeroo haalli isaa isaaf heyyamutti ykn yeroo akkas gochuun isa barbaachisutti “yaada ofiitti kan hin cichine” ykn akka haala isaatti jijjiirama kan godhu taʼuu qaba. (Yaq. 3:17) Kiristiyaanni ilaalcha madaalamaa akkasii qabaachuu barate ejjennoo isaatti garmalee hin cichu, garmalees ejjennoo isaa hin jijijjiiru. w23.07 14 key. 1-2