Wiixata, Hagayya 25
Matumaa isa argitanii kan hin beekne taʼus isa ni jaallattu.—1 Phe. 1:8
Yesuus qorumsa Seexanni isarraan geessise dandamachuun isa barbaachiseera; Seexanni kallattiidhaan amanamummaa isaa akka laaffisu gochuufillee yaalee ture. (Mat. 4:1-11) Seexanni Yesuus cubbuu akka raawwatu gochuuf kutatee ture; Yesuus utuu cubbuu raawwateera taʼee, furicha kaffaluu hin dandaʼu ture. Yesuus yeroo lafarratti tajaajilaa turetti qorumsi kan biraanis isa mudateera. Diinonni isaa ariʼatama isarraan geessisaa turan, akka isa ajjeesanis isa sossodaachisu turan. (Luq. 4:28, 29; 13:31) Dadhabina duuka buutota isaa dandamachuun isa barbaachisee ture. (Mar. 9:33, 34) Murtii duʼaa isarratti dabarsuuf yeroo isa qoraa turanitti isa dararaniiru, akkasumas isatti qoosaniiru. Achiis karaa baayʼee nama dhiphisuu fi nama salphisuun fannifamee ajjeefame. (Ibr. 12:1-3) Qorumsa isarra gaʼe isa dhumaa eegumsa Yihowaa utuu hin argatin ofuma isaatiin dandamachuu qaba ture. (Mat. 27:46) Ifatti akka hubannutti Yesuus furicha dhiheessuuf jecha aarsaa guddaa kaffaleera. Yesuus nuuf jedhee aarsaa hammanaa kaffaluuf fedhii qabaachuusaa yeroo yaannu jaalalli isaaf qabnu caalaatti hin guddatuu? w24.01 10-11 key. 7-9
Kibxata, Hagayya 26
Warri jarjaran hundi garuu gara hiyyummaatti deemu.—Fak. 21:5.
Obsa qabaachuun walitti dhufeenya namoota wajjin qabnurrattis nu gargaara. Warri kaan yeroo dubbatan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuuf nu gargaara. (Yaq. 1:19) Obsi namoota wajjin nagaadhaan jiraachuufis nu gargaara. Yeroo haalli nama dhiphisu nu mudatu ariifannee tarkaanfii akka hin fudhannee fi wanta gaarii hin taane akka hin dubbanne nu eega. Kana malees, obsa yoo qabaanne namni tokko miira keenya yeroo miidhu aariidhaaf suuta jenna. Haaloo baʼuu mannaa, ‘wal dandaʼuu fi tola waliif dhiisuu keenya itti fufna.’ (Qol. 3:12, 13) Obsi murtoo gaarii gochuufis nu gargaara. Ariifachuu ykn miiraan oofamuu mannaa qorannaa gochuu fi filannaa qabnurratti yaaduuf yeroo ramadna. Fakkeenyaaf, hojii barbaadaa jirra yoo taʼe affeerraa jalqabarratti nuuf dhihaatu fudhachuuf qoramuu dandeenya. Obsa yoo qabaanne garuu, hojichi maatii keenyarrattis taʼe jireenya hafuuraa keenyarratti dhiibbaa akkamii akka godhu yeroo fudhannee irratti yaanna. Obsa yoo qabaanne murtoo gadhee gochuurraa of eegna. w23.08 22 key. 8-9
Roobii, Hagayya 27
Qaama koo keessa garuu seerri kan biraan, seera sammuu koo wajjin wal loluu fi seera cubbuu isa qaama koo keessa jiruuf akkan boojiʼamu godhu akka jiru nan hubadha.—Rom. 7:23.
Fedhii dogoggoraa wajjin walʼaansoo gochuun waan si barbaachisuuf abdii kutatta yoo taʼe waadaa yeroo Yihowaadhaaf of murteessitetti galterratti yaaduun kee fedhii dogoggoraa injifachuuf walʼaansoo gochuu kee itti fufuuf si gargaara. Akkamitti? Yeroo Yihowaadhaaf of murteessitu of ganta. Kana jechuun fedhii fi galma Yihowaa hin gammachiisnerraa ni fagaatta jechuudha. (Mat. 16:24) Kanaafuu, yeroo qorumsi si mudatu wanta gootu hin wallaaltu. Maal akka gootu dursitee murteessiteetta; eeyyee, Yihowaadhaaf amanamaa taatee itti fufta. Yihowaa gammachiisuuf kutatta. Karaa kanaan fakkeenya Iyyoob hordofta. Iyyoob qorumsi baayʼee ulfaataa taʼe yeroo isarra gaʼetti kutannoodhaan, “Amanamummaa koo hin dhiisu!” jedheera.—Iyo. 27:5. w24.03 9 key. 6-7