Roobii, Hagayya 6
Daandiin qajeelotaa garuu akkuma ifa ganamaa isa akka gaariitti ifuu ti; hamma akka ifa saafaa taʼuttis ifni isaa ittuma dabalaa deema.—Fak. 4:18.
Guyyoota dhumaa kanatti Yihowaan hundi keenyayyuu “Daandii Qulqullummaa” irra deemuu keenya akka itti fufnu nu gargaaruuf jaarmiyaa isaatti fayyadamee nyaata hafuuraa walirraa hin cinne nuu qopheessaa jira. (Isa. 35:8; 48:17; 60:17) Namni tokko qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu yeroo jalqabu “Daandii Qulqullummaa” irra deemuuf carraa akka argatetti yaaduu dandeenya. Namoonni tokko tokko yeroo muraasaaf qofa erga deemanii booda daandii guddaa kana keessaa baʼu. Kaanimmoo hamma dhumaatti daandii kanarra deemuu isaanii itti fufuuf murteessaniiru. Daandiin kun eessatti geessa? ‘Daandiin Qulqullummaa’ namoota samiirra jiraachuuf abdii qaban gara “jannata Waaqayyoo” isa samii keessatti argamuutti isaan geessa. (Mul. 2:7) Namoota abdii lafarra jiraachuu qabanimmoo gara dhuma bulchiinsa barkumeetti isaan geessa; yeroo sanatti namni hundi cubbuurraa bilisa taʼa. Yeroo ammaatti daandii kanarra deemaa jirta yoo taʼe duubatti hin deebiʼin. Hamma addunyaa haaraa keessatti imala kee xumurtutti daandii kana hin gadhiisin! w23.05 17 key. 15; 19 key. 16-18
Kamisa, Hagayya 7
Inni dursee waan nu jaallateef, nuti jaalala ni argisiisna.—1 Yoh. 4:19.
Wantoota Yihowaan siif godhe hunda yeroo yaaddu dinqisiifannaadhaan waan guutamtuuf isaaf of murteessuuf kakaʼuun kee hin oolu. (Far. 116:12-14) Kitaabni Qulqulluun “kennaan gaariinii fi kennaan guutuun hundi” Yihowaa biraa akka argamu dubbachuunsaa sirriidha. (Yaq. 1:17) Kennaawwan kana keessaa inni hundarra caalu aarsaa Ilmasaa Yesuus dhiheessedha. Mee yaadi! Furichi Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuuf si dandeessiseera. Yihowaan abdii jireenya barabaraas siif kenneera. (1 Yoh. 4:9, 10) Yihowaadhaaf of murteessuun karaawwan gaggaarii jaalala guddaa inni sitti argisiisee fi eebbawwan kan biroo hedduu inni sii kenneef dinqisiifannaa qabdu itti argisiistu keessaa tokkodha.—Kes. 16:17; 2 Qor. 5:15. w24.03 5 key. 8
Jimaata, Hagayya 8
Namni qulqullummaa isaatiin deddeebiʼu Yihowaa sodaata.—Fak. 14:2.
Gocha naamusaan alaa namoonni addunyaa kanaa raawwatan yeroo ilaallu akkuma Loox nutti dhagaʼama. Loox, Abbaan keenya inni samii amala gadhee akka jibbu waan beekuuf, “addaggummaa namoonni hamoon raawwatanitti baayʼee dhiphachaa ture.” (2 Phe. 2:7, 8) Waaqayyoon sodaachuu fi jaalala isaaf qabaachuun isaa ulaagaa naamusaa gad aanaa namoonni naannoo isaa jiran hordofaa turanirraa fagaachuuf isa kakaaseera. Namoonni naannoo keenya jiranis ulaagaalee naamusaa Yihowaatiif kabaja hin qaban. Taʼus, nuti Waaqayyoof jaalala yoo qabaannee fi sodaa sirrii yoo isaaf qabaanne karaa naamusaa qulqulluu taanee itti fufuu dandeenya. Yihowaan gama kanaan nu gargaaruuf jajjabina kitaaba Fakkeenyaarraa argannutti fayyadama. Dhiironnis taʼan dubartoonni, dargaggoonnis taʼan maanguddoonni, Kiristiyaanonni hundi gorsa ogummaarratti hundaaʼee fi kitaabicha keessatti argamu qoruudhaan faayidaa guddaa argachuu dandaʼu. Yihowaa kan sodaannu yoo taʼe amala hamaa salphisnee akka hin ilaalle of eegganna. w23.06 20 key. 1-2; 21 key. 5