Kibxata, Fulbaana 9
Dubartii gowwaan iyyitee dubbatti. Ishiin beekumsa hin qabdu.—Fak. 9:13.
Warri “dubartii gowwaa” dhaggeeffatan affeerraa ishii fudhachuu fi dhiisuu keessaa tokko filachuu qabu. Sababii gaarii halalummaarraa fagaachuuf nu kakaasu qabna. “Dubartii gowwaan” sun, “Bishaan hatame ni miʼaawa” akka jette ibsameera. (Fak. 9:17) “Bishaan hatame” maal argisiisa? Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtiin abbaa manaa fi haadha manaa gidduutti raawwatamu akkuma bishaan garaa namaa gammachiisuu akka taʼe ibsa. (Fak. 5:15-18) Dhiirrii fi dubartiin seeraan wal fuudhan saalqunnamtii raawwachuudhaan gaaʼela isaanii keessatti gammaduu dandaʼu. “Bishaan hatame” garuu kanarraa baayʼee addadha. Bishaan hatame saalqunnamtii seeraan ala taʼe argisiisa. Akkuma hattuun dhoksaatti hatu, yeroo baayʼee gochi kun dhoksaatti raawwatama. Keessumaa gochi isaanii kun akka isaanirratti hin beekamne yoo yaadan “bishaan hatame” miʼaawaa fakkaatee isaanitti mulʼachuu dandaʼa. Kun gowwummaa guddaadha. Yihowaan waan hundumaa ni arga. Wanti Yihowaa biratti fudhatama dhabuu caalaa hadhaaʼaa taʼe hin jiru; kanaafuu, gochi miidhaa guddaa geessisu akkasii “miʼaawaa” ykn gammachiisaa taʼuu hin dandaʼu.—1 Qor. 6:9, 10. w23.06 22 key. 7-9
Roobii, Fulbaana 10
Taʼus fedhii koo malee yoon hojjedhe illee, itti gaafatamummaan imaanaadhaan natti kennameera.—1 Qor. 9:17.
Kadhannaan kee garaadhaa kan madde akka hin taane yoo sitti dhagaʼame ykn tajaajilli akka kanaan duraa si hin gammachiisu yoo taʼe maal gochuu qabda? Hafuura Yihowaa akka dhabde gootee hin yaadin. Mudaa waan qabduuf miirri kee ni jijijjiirama. Hinaaffaan kee hirʼachuu yoo jalqabe fakkeenya Phaawulos ergamaarratti xiinxali. Phaawulos fakkeenya Yesuus hordofuuf kan yaalu taʼus, yeroo tokko tokko kakaʼumsa dhabuu akka dandaʼu hubateera. Phaawulos miirri yeroo sanatti itti dhagaʼamu maaliyyuu yoo taʼe tajaajilasaa raawwachuuf kutatee ture. Haaluma wal fakkaatuun, atis miirri kee inni mudaa qabu murtoo kee akka toʼatu hin heyyamin. Miirri sitti dhagaʼamu maaliyyuu yoo taʼe wanta sirrii taʼe gochuuf kutadhu. Tarkaanfiin fudhattu yeroo booda miirri kee akka fooyyaʼu gochuunsaa hin oolu.—1 Qor. 9:16. w24.03 11-12 key. 12-13
Kamisa, Fulbaana 11
Jaalala dhugaa akka isaaniif qabdan argisiisaa.—2 Qor. 8:24.
Obboloonnii fi obboleettonni keenya michoota keenya akka taʼan gochuudhaan jaalala isaanitti argisiisuu dandeenya. (2 Qor. 6:11-13) Baayʼeen keenya gumiiwwan obboloonni akkaataa guddinaa fi eenyummaa garaagaraa qaban keessa jiran keessatti tajaajilla. Amaloota gaggaarii isaan qabanirratti xiyyeeffachuudhaan jaalala hunda isaaniitiif qabnu cimsachuu dandeenya. Yeroo rakkina guddaatti jaalalli baayʼee barbaachisaadha. Rakkinni guddaan yeroo jalqabu eessaa eegumsa arganna? Yihowaan yeroo Baabilon duriirratti haleellaan banametti saba isaatiif qajeelfama akkana jedhu kennee ture: “Yaa saba koo, dhaqi, gara kutaa kee isa keessaatti seeni, balbala kees of duubaan cufadhu. Hamma dheekkamsi darbutti yeroo xinnoodhaaf dhokadhu.” (Isa. 26:20) Qajeelfamni kun yeroo rakkina guddaatti nuufis kan hojjetu fakkaata. w23.07 6-7 key. 14-16