Kamisa, Fulbaana 11
Jaalala dhugaa akka isaaniif qabdan argisiisaa.—2 Qor. 8:24.
Obboloonnii fi obboleettonni keenya michoota keenya akka taʼan gochuudhaan jaalala isaanitti argisiisuu dandeenya. (2 Qor. 6:11-13) Baayʼeen keenya gumiiwwan obboloonni akkaataa guddinaa fi eenyummaa garaagaraa qaban keessa jiran keessatti tajaajilla. Amaloota gaggaarii isaan qabanirratti xiyyeeffachuudhaan jaalala hunda isaaniitiif qabnu cimsachuu dandeenya. Yeroo rakkina guddaatti jaalalli baayʼee barbaachisaadha. Rakkinni guddaan yeroo jalqabu eessaa eegumsa arganna? Yihowaan yeroo Baabilon duriirratti haleellaan banametti saba isaatiif qajeelfama akkana jedhu kennee ture: “Yaa saba koo, dhaqi, gara kutaa kee isa keessaatti seeni, balbala kees of duubaan cufadhu. Hamma dheekkamsi darbutti yeroo xinnoodhaaf dhokadhu.” (Isa. 26:20) Qajeelfamni kun yeroo rakkina guddaatti nuufis kan hojjetu fakkaata. w23.07 6-7 key. 14-16
Jimaata, Fulbaana 12
Doʼiin addunyaa kanaa jijjiiramaa jira.—1 Qor. 7:31.
Sababa qabeessa taʼuudhaan beekami. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Namoonni yaada ofiitti kan hin cichinee fi warra kaaniif kanan obsu akkan taʼetti na ilaaluu? Moo nama mata jabeessa, gara jabeessa ykn yaada ofiitti cichu akkan taʼetti na ilaalu? Yeroo dandaʼamutti yaada warra kaanii nan fudhadha?’ Yaada ofiitti kan hin cichine taʼuun keenya fakkeenya Yihowaa fi Yesuus hammam hordofaa akka jirru argisiisa. Yaada ofiitti cichuu dhiisuun yeroo haalli keenya jijjiiramu sirreeffama gochuu gaafata. Jijjiiramni akkasii haalli rakkisaan hin eegamne akka nu mudatu gochuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, akkuma tasaa dhibeen fayyaa nu mudachuu dandaʼa. Yookiinimmoo rakkinni diinagdee ykn jijjiiramni siyaasaa naannoo keenyatti uumame akkuma tasaa jireenya keenya jeequu dandaʼa. (Lal. 9:11) Ramaddiin tajaajilaa keenya jijjiiramuun isaallee qorumsa nutti taʼuu dandaʼa. Tarkaanfiiwwan arfan armaan gadii yoo fudhanne haala haaraa nu mudatetti baruu dandeenya: (1) dhugaa jiru amannee fudhachuu, (2) yeroo gara fuulduraarratti xiyyeeffachuu, (3) wanta gaariirratti xiyyeeffachuu fi (4) warra kaan gargaaruu. w23.07 21-22 key. 7-8
Sanbadduraa, Fulbaana 13
Ati nama baayʼee jaallatamaa taʼe dha.—Dan. 9:23.
Daaniʼel yeroo warri Baabilon boojuudhaan gara biyya Baabilon ishii biyya dhalootaa isaarraa baayʼee fagoo taatetti isa geessanitti dargaggeessa ture. Taʼus, warri isa boojiʼan haalli Daaniʼel baayʼee isaan ajaaʼibsiisee taʼuu qaba. Namoonni kun “wanta alaan mulʼatu” irratti waan xiyyeeffataniif, Daaniʼel ‘dargaggeessa miidhagaa mudaa hin qabnee’ fi maatii gaarii taʼe keessatti guddate akka taʼe hubataniiru. (1 Sam. 16:7) Kanaafuu, mana mootummaa keessatti akka tajaajilu leenjii isaaf kennan. (Dan. 1:3, 4, 6) Yihowaan Daaniʼeliin baayʼee kan jaallate dargaggummaa isaatti nama gaarii taʼuuf waan filateefi. Yihowaan yeroo Daaniʼeliin Nohii fi Iyyoob wajjin caqasetti umuriin isaa naannoo waggaa digdamaa taʼuu hin oolu; kanaafuu, Yihowaan Daaniʼeliin akkuma Nohii fi Iyyoob warra waggoota hedduudhaaf amanamummaadhaan isa tajaajilanii qajeelaa akka taʼetti ilaaleera. (Uma. 5:32; 6:9, 10; Iyo. 42:16, 17; His. 14:14) Daaniʼel umurii dheeraa fi jireenya dinqisiisaa taʼe jiraateera; Yihowaanis umurii isaa guutuu isa jaallata ture.—Dan. 10:11, 19. w23.08 2 key. 1-2