Sanbadduraa, Fulbaana 13
Ati nama baayʼee jaallatamaa taʼe dha.—Dan. 9:23.
Daaniʼel yeroo warri Baabilon boojuudhaan gara biyya Baabilon ishii biyya dhalootaa isaarraa baayʼee fagoo taatetti isa geessanitti dargaggeessa ture. Taʼus, warri isa boojiʼan haalli Daaniʼel baayʼee isaan ajaaʼibsiisee taʼuu qaba. Namoonni kun “wanta alaan mulʼatu” irratti waan xiyyeeffataniif, Daaniʼel ‘dargaggeessa miidhagaa mudaa hin qabnee’ fi maatii gaarii taʼe keessatti guddate akka taʼe hubataniiru. (1 Sam. 16:7) Kanaafuu, mana mootummaa keessatti akka tajaajilu leenjii isaaf kennan. (Dan. 1:3, 4, 6) Yihowaan Daaniʼeliin baayʼee kan jaallate dargaggummaa isaatti nama gaarii taʼuuf waan filateefi. Yihowaan yeroo Daaniʼeliin Nohii fi Iyyoob wajjin caqasetti umuriin isaa naannoo waggaa digdamaa taʼuu hin oolu; kanaafuu, Yihowaan Daaniʼeliin akkuma Nohii fi Iyyoob warra waggoota hedduudhaaf amanamummaadhaan isa tajaajilanii qajeelaa akka taʼetti ilaaleera. (Uma. 5:32; 6:9, 10; Iyo. 42:16, 17; His. 14:14) Daaniʼel umurii dheeraa fi jireenya dinqisiisaa taʼe jiraateera; Yihowaanis umurii isaa guutuu isa jaallata ture.—Dan. 10:11, 19. w23.08 2 key. 1-2
Dilbata, Fulbaana 14
Balʼinni isaa, dheerinni isaa, ol fageenyi isaa fi gad fageenyi isaa hammam akka taʼe . . . guutummaatti [hubadhaa].—Efe. 3:18.
Mana tokko bituuf murtoo gochuu kee dura haala manichaa akka gaariitti qulqulleeffatta. Yeroo Kitaaba Qulqulluu dubbisnuu fi qoʼannus waanuma kanaa wajjin wal fakkaatu gochuu dandeenya. Ariitiidhaan dubbista taanaan kan hubattu barumsawwan buʼuuraa, jechuunis “wantoota jalqabaa dubbii Waaqayyoo irraa” barannu qofadha. (Ibr. 5:12) Wantoota gadi fageenya qaban qoruudhaan akkuma mana sanaatti kan keessa lixxu yoo taʼe garuu sirriitti hubachuu dandeessa. Karaa gaariin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu itti dandeessu inni tokko ergaan isaa kan wal qabatu akkamitti akka taʼe hubachuudha. Dhugaawwan itti amantu maalfaa akka taʼan qofa utuu hin taʼin, dhugaawwan kanatti kan amantu maaliif akka taʼes hubachuuf carraaqqii godhi. Dubbii Waaqayyoo guutummaatti hubachuuf, dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu gadi fageenya qabanis barachuu qabna. Phaawulos ergamaan dhugaan ‘balʼinni isaa, dheerinni isaa, ol fageenyi isaa fi gad fageenyi isaa hammam akka taʼe guutummaatti hubachuu’ akka dandaʼaniif Dubbii Waaqayyoo akka gaariitti akka qoʼatan obboloota isaa jajjabeesseera. Akkas yoo godhan amantii isaaniitiin caalaatti ‘hidda kan gad fageeffatanii fi kan dhaabaman’ taʼuu dandaʼu. (Efe. 3:14-19) Nutis akkasuma gochuu qabna. w23.10 18 key. 1-3
Wiixata, Fulbaana 15
Yaa obbolootaa, raajota maqaa Yihowaatiin dubbatan ilaalaa, fakkeenya isaan rakkina dandaʼuu fi obsa argisiisuudhaan isiniif kaaʼan hordofaa.—Yaq. 5:10.
Kitaabni Qulqulluun seenaa namoota obsa argisiisuurratti fakkeenya taʼan kan biroo hedduu qabateera. Seenaawwan kanarratti qorannaa maaliif hin gootu? Fakkeenyaaf, Daawit mootii Israaʼel taʼee kan dibame ijoollummaa isaatti taʼus, mootii taʼee bulchuuf waggoota hedduu eeguun isa barbaachiseera. Simiʼoonii fi Haannaan yeroo Masiihicha abdachiifame eeggachaa turanitti amanamummaadhaan Yihowaa waaqeffachuu isaanii itti fufaniiru. (Luq. 2:25, 36-38) Seenaawwan akkasii yeroo qoʼattu gaaffilee armaan gadiitiif deebii argachuuf yaali: Namni kun obsa akka qabaatu maaltu isa gargaare? Obsa argisiisuun isaa kan isa fayyade akkamitti? Fakkeenya isaa hordofuu kanan dandaʼu akkamitti? Waaʼee namoota obsa hin argisiisnees qoʼachuun kee si fayyaduu dandaʼa. (1 Sam. 13:8-14) Akkana jettee of gaafachuu dandeessa: ‘Obsa akka dhaban wanti isaan taasise maal taʼuu dandaʼa? Miidhaa akkamiitu isaanirra gaʼe?’ w23.08 25 key. 15