Wiixata, Fulbaana 15
Yaa obbolootaa, raajota maqaa Yihowaatiin dubbatan ilaalaa, fakkeenya isaan rakkina dandaʼuu fi obsa argisiisuudhaan isiniif kaaʼan hordofaa.—Yaq. 5:10.
Kitaabni Qulqulluun seenaa namoota obsa argisiisuurratti fakkeenya taʼan kan biroo hedduu qabateera. Seenaawwan kanarratti qorannaa maaliif hin gootu? Fakkeenyaaf, Daawit mootii Israaʼel taʼee kan dibame ijoollummaa isaatti taʼus, mootii taʼee bulchuuf waggoota hedduu eeguun isa barbaachiseera. Simiʼoonii fi Haannaan yeroo Masiihicha abdachiifame eeggachaa turanitti amanamummaadhaan Yihowaa waaqeffachuu isaanii itti fufaniiru. (Luq. 2:25, 36-38) Seenaawwan akkasii yeroo qoʼattu gaaffilee armaan gadiitiif deebii argachuuf yaali: Namni kun obsa akka qabaatu maaltu isa gargaare? Obsa argisiisuun isaa kan isa fayyade akkamitti? Fakkeenya isaa hordofuu kanan dandaʼu akkamitti? Waaʼee namoota obsa hin argisiisnees qoʼachuun kee si fayyaduu dandaʼa. (1 Sam. 13:8-14) Akkana jettee of gaafachuu dandeessa: ‘Obsa akka dhaban wanti isaan taasise maal taʼuu dandaʼa? Miidhaa akkamiitu isaanirra gaʼe?’ w23.08 25 key. 15
Kibxata, Fulbaana 16
Ati Qulqullicha Isa kan Waaqayyoo akka taate amanneerra, beekneerras.—Yoh. 6:69.
Pheexiros amanamaa ture; wanti akkamiiyyuu abdii akka isa kutachiisu hin heyyamne. Fakkeenyaaf, Yesuus yeroo tokko wanta barattoonni isaa hubachuun isaan rakkise dubbatee ture. (Yoh. 6:68, 69) Baayʼeen isaanii hamma isaaniif ibsutti eeguu ykn isa gaafachuu mannaa isa duukaa buʼuu dhiisan. Pheexiros garuu akkas hin goone. “Dubbii jireenya bara baraa” kan qabu Yesuus qofa akka taʼe hubatee ture. Galgala duʼuu isaa dura turetti Pheexirosii fi ergamoonni kaan akka isa dhiisan beeka ture. Taʼus, Pheexiros gara isaatti akka deebiʼuu fi amanamaa taʼee akka itti fufu mirkanaaʼaa ture. (Luq. 22:31, 32) Yesuus “hafuurri qophaaʼaa . . . foon garuu dadhabaa” akka taʼe hubateera. (Mar. 14:38) Pheexiros erga isa ganee boodallee abdii kan isatti hin kutanne kanaafi. Yesuus erga duʼaa kaʼee booda Pheexirositti kan mulʼate yeroo inni kophaa isaa turetti taʼuu hin oolu. (Mar. 16:7; Luq. 24:34; 1 Qor. 15:5) Akkas gochuun isaa ergamaa isaa gaddaan liqimfamee ture kana baayʼee jajjabeessee taʼuu qaba! w23.09 22 key. 9-10
Roobii, Fulbaana 17
Namoonni balleessaan isaanii isaaniif dhiifame, cubbuun isaaniis isaaniif haguugame gammadoo dha.—Rom. 4:7.
Waaqayyo cubbuu namoota amantii isarratti qabanii ni dhiisa ykn ni haguuga. Guutummaatti dhiifama erga isaanii godhee booda cubbuu isaanii isaanitti hin lakkaaʼu. (Far. 32:1, 2) Namoota akkasii amantii isaaniitiin kan kaʼe balleessaa kan hin qabnee fi qajeeloo akka taʼanitti ilaala. Abrahaam, Daawitii fi namoonni amanamoo taʼan kan biroon qajeelota jedhamanii kan waamaman taʼus, namoota cubbuu dhaalan turan. Haa taʼu malee, amantii isaaniitiin kan kaʼe, Waaqayyo keessumaa namoota isa hin waaqeffannee wajjin yeroo wal bira qabaman balleessaa kan hin qabne akka taʼanitti isaan ilaaleera. (Efe. 2:12) Akkuma Phaawulos xalayaa isaarratti ifa godhe michuu Waaqayyoo taʼuuf amantiin barbaachisaadha. Abrahaamii fi Daawit michuu Waaqayyoo taʼuu kan dandaʼan amantii waan isarratti qabaniifi; nutis amantii yoo isarratti qabaanne michoota isaa taʼuu dandeenya. w23.12 3 key. 6-7