Jimaata, Fulbaana 19
Wal jaallachuu keenya itti haa fufnu.—1 Yoh. 4:7.
Hundi keenyayyuu “wal jaallachuu keenya itti [fufuu]” barbaanna. Haa taʼu malee, akeekkachiisa Yesuus, “Jaalalli namoota hedduu ni qabbanaaʼa” jechuudhaan kenne yaadachuu qabna. (Mat. 24:12) Yesuus barattoonni isaa hedduun jaalala walitti argisiisuu akka dhiisan dubbachuu isaa hin turre. Taʼus, addunyaan jaalala hin qabne kun dhiibbaa akka nurratti hin goone of eeggachuu qabna. Kana sammuutti qabachuudhaan mee gaaffii barbaachisaa taʼe kanarratti haa mariʼannu: Jaalalli obboloota keenyaaf qabnu cimaa taʼuu fi dhiisuu isaa karaan itti qoruu dandeenyu jiraa? Karaan jaalalli keenya hammam cimaa akka taʼe beekuu itti dandeenyu tokko jireenya keenya keessatti haalawwan tokko tokko yeroo nu mudatan maal akka goonu qoruudha. (2 Qor. 8:8) Pheexiros ergamaan haalawwan akkasii keessaa tokko akkana jechuudhaan ibseera: “Hunda caalaa . . . jaalala guddaa waliif qabaadhaa; sababiin isaas, jaalalli cubbuu hedduu ni haguuga.” (1 Phe. 4:8) Kanaafuu, dadhabinnii fi mudaan warra kaanii jaalala keenya qoruu dandaʼa. w23.11 10-11 key. 12-13
Sanbadduraa, Fulbaana 20
Wal jaalladhaa.—Yoh. 13:34.
Jaalala kan argisiisnu obboloota gumii keessa jiran tokko tokko qofatti yoo taʼe, ajaja Yesuus jaalala ilaalchisee kenneef ajajamaa hin jirru jechuudha. Dhugaadha, akkuma Yesuus namoota caalaatti itti dhihaannu qabaachuu dandeenya. (Yoh. 13:23; 20:2) Taʼus, Pheexiros “jaalala obbolummaa” qabaachuuf carraaqqii gochuu akka qabnu nu yaadachiiseera; kana jechuun obbolootaa fi obboleettota keenya hundumaa akka miseensota maatii keenyaatti jaallachuu qabna jechuudha. (1 Phe. 2:17) Pheexiros, “Cimsaa garaadhaa wal jaalladhaa” jedhee nu jajjabeesseera. (1 Phe. 1:22) Asirratti yaanni “cimsanii jaallachuu” jedhu nama jaalala itti argisiisuun nutti ulfaatullee jaallachuu argisiisa. Fakkeenyaaf, obboleessi tokko karaa taʼe tokkoon yoo nu mufachiise ykn yoo nu miidhe maal goona? Tarii jalqabarratti kan nuu dhufu jaalala isatti argisiisuu utuu hin taʼin haaloo baʼuu taʼuu dandaʼa. Taʼus, Pheexiros haaloo baʼuun Waaqa akka hin gammachiisne Yesuusirraa barateera. (Yoh. 18:10, 11) Pheexiros, “Hamaa hamaadhaan yookiin arrabsoo arrabsoodhaan hin deebisinaa. Kanaa mannaa deebisaa eebbisaa” jedhee barreesseera. (1 Phe. 3: 9) Jaalalli cimaan gaarummaa argisiisuu fi namaaf yaaduu akka si kakaasu godhi. w23.09 28-29 key. 9-11
Dilbata, Fulbaana 21
Haaluma wal fakkaatuun dubartoonni . . . barsiifata madaalamaa kan qabanii fi karaa hundumaa amanamoo kan taʼan taʼuu qabu.—1 Xim. 3:11.
Mucaan tokko saffisaan yeroo guddatu arguun nu dinqisiisa. Guddinni kun carraaqqii tokko malee waan dhufe fakkaata. Kiristiyaana bilchina qabu taʼuun garuu wanta carraaqqii tokko malee argamu miti. (1 Qor. 13:11; Ibr. 6:1) Galma kanarra gaʼuuf dhuunfaatti Yihowaa wajjin michummaa qabaachuu qabna. Amaloota Waaqayyoon gammachiisan horachuuf, dandeettii keenya guddifachuuf, akkasumas gara fuulduraatti itti gaafatamummaa fudhachuuf gargaarsi hafuura qulqulluu nu barbaachisa. (Fak. 1:5) Yihowaan namoota dhiiraa fi dubartii godhee uume. (Uma. 1:27) Ifatti akka hubannutti dhiirrii fi dubartiin karaa qaamaa garaa garadha; garuu wantoonni garaa gara isaan godhan kan biroonis jiru. Fakkeenyaaf, Yihowaan dhiirotaa fi dubartootaaf itti gaafatamummaa raawwatan garaa garaa kenneera; kanaafuu, amalootaa fi dandeettiiwwan itti gaafatamummaa isaanii baʼuuf isaan dandeessisan horachuu qabu.—Uma. 2:18. w23.12 18 key. 1-2