Kibxata, Fulbaana 23
Maqaa kootiif jettee rakkina hedduu dandeesseetta.—Mul. 2:3.
Guyyoota dhumaa baayʼee rakkisaa taʼe kana keessatti kutaa jaarmiyaa Yihowaa taʼuu keenyaan eebbifamneerra. Haalli addunyaa yeroo hammaachaa deeme kanatti Yihowaan maatii hafuuraa tokkummaa qabu nuu kenneera. (Far. 133:1) Maatiin keenya gammachuu akka qabaatu nu gargaara. (Efe. 5:33–6:1) Hubannaa fi ogummaa nagaa sammuu qabaachuuf nu barbaachisus nuu kenna. Haa taʼu malee, amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuuf carraaqqii gochuu qabna. Maaliif? Sababiin isaas, yeroo tokko tokko dadhabina warri kaan qabaniin kan kaʼe mufachuu dandeenya. Kana malees, dogoggora yeroo raawwannu, keessumaammoo dogoggora wal fakkaatu irra deddeebinee yoo raawwanne abdii kutachuu dandeenya. Kanaafuu, (1) obboloonni keenya yeroo nu mufachiisan, (2) hiriyaan gaaʼelaa keenya yeroo nu aarsuu fi (3) yeroo ofitti aarru utuu abdii hin kutatin Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuuf carraaqqii gochuun nu barbaachisa. w24.03 14 key. 1-2
Roobii, Fulbaana 24
Guddina hammamii iyyuu yoo goone, daandiidhuma kana irra seeraan deddeebiʼuu keenya itti haa fufnu.—Filp. 3:16.
Yeroo garaa garaatti muuxannoo obbolootaa fi obboleettota tajaajila isaanii balʼifachuuf carraaqqii godhanii ni dhageessa. Tarii Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa galanii baratanii ykn iddoo caalaatti gargaarsi barbaachisu deemanii taʼuu dandaʼa. Haalli kee kan siif heyyamu yoo taʼe atis galma akkasii baafachuun kee gaariidha. Sabni Yihowaa tajaajila isaanii balʼifachuuf fedhii guddaa qabu. (HoE. 16:9) Haa taʼu malee, amma akkas gochuu hin dandeessu yoo taʼehoo? Warra akkas gochuu dandaʼanii gadi akka taate gootee hin yaadin. Wanti caalaatti barbaachisaa taʼe jabaattee dhaabbachuu keeti. (Mat. 10:22) Wanta haalli kee siif heyyamuu fi wanta dandeessu gochuun kee Yihowaa akka gammachiisu hin dagatin. Kun karaa gaarii erga cuuphamtee booda yeroo hunda Yesuus duukaa buʼuu itti dandeessudha.—Far. 26:1. w24.03 10 key. 11
Kamisa, Fulbaana 25
Balleessaa keenya hunda . . . gaarummaadhaan nuuf dhiiseera.—Qol. 2:13.
Abbaan keenya inni samii yoo yaada geddaranne dhiifama akka nuuf godhu waadaa nuuf galeera. (Far. 86:5) Kanaafuu, cubbuu raawwannetti dhugumaan yoo gaddine Yihowaan akkuma waadaa nuuf galetti dhiifama akka nuuf godhu amanuu dandeenya.? Yihowaan yaada isaatti akka hin cichine yaadadhu. Inni wanta humna keenyaa ol taʼe matumaa nurraa hin eegu. Wanta dandeenyu hamma goonetti wanta isaaf jennee goone kamiyyuu ni dinqisiifata. Kana malees, seenaa namoota Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii fi lubbuu isaanii guutuu Yihowaa tajaajilaniirratti xiinxali. Mee waaʼee Phaawulos yaadi. Phaawulos kiilomeetira kumaan lakkaaʼamu imaluudhaan, akkasumas gumiiwwan hedduu hundeessuudhaan waggoota hedduudhaaf hinaaffaadhaan tajaajileera. Haa taʼu malee, yeroo haalli isaa hirmaannaa hojii lallabaarratti godhu isa jalaa daangessetti Waaqayyo isatti gaddeeraa? Matumaa. Phaawulos wanta dandaʼu gochuu isaa itti fufeera, Yihowaanis isa eebbiseera. (HoE. 28:30, 31) Haaluma wal fakkaatuun, nutis yeroo garaagaraatti wanti Yihowaadhaaf kenninu garaagara taʼuu dandaʼa. Wanti isa biratti iddoo guddaa qabu sababii isa tajaajiluuf itti kakaanedha. w24.03 27 key. 7, 9