Kamisa, Fulbaana 25
Balleessaa keenya hunda . . . gaarummaadhaan nuuf dhiiseera.—Qol. 2:13.
Abbaan keenya inni samii yoo yaada geddaranne dhiifama akka nuuf godhu waadaa nuuf galeera. (Far. 86:5) Kanaafuu, cubbuu raawwannetti dhugumaan yoo gaddine Yihowaan akkuma waadaa nuuf galetti dhiifama akka nuuf godhu amanuu dandeenya.? Yihowaan yaada isaatti akka hin cichine yaadadhu. Inni wanta humna keenyaa ol taʼe matumaa nurraa hin eegu. Wanta dandeenyu hamma goonetti wanta isaaf jennee goone kamiyyuu ni dinqisiifata. Kana malees, seenaa namoota Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii fi lubbuu isaanii guutuu Yihowaa tajaajilaniirratti xiinxali. Mee waaʼee Phaawulos yaadi. Phaawulos kiilomeetira kumaan lakkaaʼamu imaluudhaan, akkasumas gumiiwwan hedduu hundeessuudhaan waggoota hedduudhaaf hinaaffaadhaan tajaajileera. Haa taʼu malee, yeroo haalli isaa hirmaannaa hojii lallabaarratti godhu isa jalaa daangessetti Waaqayyo isatti gaddeeraa? Matumaa. Phaawulos wanta dandaʼu gochuu isaa itti fufeera, Yihowaanis isa eebbiseera. (HoE. 28:30, 31) Haaluma wal fakkaatuun, nutis yeroo garaagaraatti wanti Yihowaadhaaf kenninu garaagara taʼuu dandaʼa. Wanti isa biratti iddoo guddaa qabu sababii isa tajaajiluuf itti kakaanedha. w24.03 27 key. 7, 9
Jimaata, Fulbaana 26
[Yesuus] ganama barii utuma lafti hin ifin kaʼee gad baʼuudhaan bakka namni hin jirre dhaqee achitti kadhachuu jalqabe.—Mar. 1:35
Kadhannaan Yesuus Yihowaatti dhiheesse barattoota isaatiif fakkeenya guddaa taʼa. Guutummaa tajaajila isaarratti yeroo baayʼee kadhannaa dhiheesseera. Yeroo baayʼee hojiin waan isatti baayʼatuuf, akkasumas namoonni hedduun isa biraa waan hin dhabamneef kadhannaadhaaf yeroo ramaduun isa barbaachiseera. (Mar. 6:31, 45, 46) Kophaa isaa taʼee kadhannaa dhiheessuu akka dandaʼuuf ganama bariidhaan kaʼa ture. Yeroo tokko murtoo baayʼee barbaachisaa taʼe tokko gochuu isaa dura halkan guutuu kadhannaa dhiheesseera. (Luq. 6:12, 13) Yesuus galgala duʼuu isaa dura turettis irra deddeebiʼee kadhannaa dhiheesseera; yeroo kanatti kutaa tajaajilaa isaa isa baayʼee ulfaataa taʼe xumuruuf jedha ture. (Mat. 26:39, 42, 44) Fakkeenyi Yesuus hojiin kan nutti baayʼatu yoo taʼellee kadhannaadhaaf yeroo ramaduun akka nu barbaachisu nu barsiisa. Akkuma Yesuus yeroo kadhannaadhaaf taʼu argachuuf ganama bariidhaan kaʼuun ykn galgala dhiisifachuun nu barbaachisuu dandaʼa. Akkas yeroo goonu kennaa adda taʼe kanaaf dinqisiifannaa akka qabnu argisiisna. w23.05 3 key. 4-5
Sanbadduraa, Fulbaana 27
Jaalalli Waaqayyoo karaa hafuura qulqulluu isa nuu kenname sanaa garaa keenya keessatti dhangalaʼeera.—Rom. 5:5.
Caqasa armaan olii keessaa jecha “dhangalaʼeera” jedhuuf xiyyeeffannaa kenni. Barreeffamni qorannaa tokko jecha kana, “akkuma lagaatti nutti yaaʼeera” jedhee ibseera. Yaanni kun jaalala Yihowaan dibamtootaaf qabu akka gaariitti ibsa. Dibamtoonni ‘Waaqayyo akka isaan jaallatu’ beeku. (Yih. 1) Yohaannis ergamaan miira dibamtootatti dhagaʼamu akkana jedhee ibseera: “Nuti ijoollee Waaqayyoo jedhamnee akka waamamnuuf Abbaan jaalala guddaa akkamii akka nutti argisiise ilaalaa!” (1 Yoh. 3:1) Yihowaan kan jaallatu dibamtoota qofadhaa? Lakki, Yihowaan hunda keenya akka jaallatu argisiiseera. Wanti Yihowaan akka nu jaallatu nuuf mirkaneessu inni guddaan maalidha? Furichadha! Yihowaan furicha qopheessuudhaan jaalala baayʼee adda taʼe nutti argisiiseera!—Yoh. 3:16; Rom. 5:8. w24.01 28 key. 9-10