LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Torbee Kana
Sadaasa 25–Muddee 1
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2024 | Sadaasa

SADAASA 25–MUDDEE 1

FAARFANNAA 109-112

Faarfannaa 14 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. Yesuus Mooticha Deggeraa!

(Daq. 10)

Yesuus gara samiitti erga ol baʼee booda mirga Yihowaa taaʼeera (Fr 110:1; w06-AM 9/1 13 key. 6)

Yesuus bara 1914 kaasee, diinota isaa injifachuu eegaleera (Fr 110:2; w00-AM 4/1 18 key. 3)

Nutis bulchiinsa Yesuus deggeruuf fedhiidhaan of dhiheessuu dandeenya (Fr 110:3; be 76 key. 2)

Fakkii: Obboleessi dargaggeessi tokko bulchiinsa Yesuus deggeraa jira. 1. Walgaʼii gumiirratti maayikiraafoonii naannessaa jira. 2. Obboleettii maanguddoo wiilcheriidhaan deemtu gargaaraa jira. 3. Qoʼannaa dhuunfaa gochaa jira. 4. Hojii gumiitiif obboleessa kan biraatiin leenjiʼaa jira.

AKKANA JEDHII OF GAAFADHU, ‘Mootummicha deggeruuf galmawwan akkamiin baafachuu dandaʼa?’

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Fr 110:4—Kakuun caqasa kanarratti caqasame maal akka taʼe ibsi. (w14 10/15 11 key. 15-17)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Fr 109:1-26 (th qoʼannaa 2)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 2) MANAA GARA MANAA. Maree jalqabuuf tiraaktii tokkotti fayyadami. (lmd barumsa 4 qabxii 3)

5. Wanta Itti Amantu Ibsi

(Daq. 5) Hojiin Argisiisa. ijwfq 23—Mata duree: Dhugaa Baatonni Yihowaa Waraana Irratti Kan Hin Hirmaanne Maaliifi? (lmd barumsa 4 qabxii 4)

6. Barattoota Gochuu

(Daq. 5) lff barumsa 15 qabxii 6 fi Namoonni Tokko Tokko Akkana Jedhu (lmd barumsa 11 qabxii 3)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 72

7. Mootummicha Amanamummaadhaan Deggeruu Kan Dandeenyu Akkamitti?

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Viidiyoo “Bulchaa Nagaa” Amanamummaadhaan Deggeraa” jedhamurraa kutamee kan fudhatame. Obboloonni lama tajaajilarratti nama qurxummii qabu tokko haasofsiisaa jiru.

Mootummaan Yihowaa inni bulchaa samii fi lafaa taʼuu isaa argisiisa. (Dan 2:44, 45) Kanaafuu Mootummaa Waaqayyoo yeroo deggerru olaantummaa Yihowaa deggeraa jirra jechuudha.

VIIDIYO “Bulchaa Nagaa” Amanamummaadhaan Deggeraa” jedhu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Mootummaa Waaqayyoo amanamummaadhaan deggeruu kan dandeenyu akkamitti?

Karaawwan Mootummaa Waaqayyoo itti deggerru ilaalchisee caqasoota yaadawwan armaan gaditti tarreeffaman deggeran barreessi.

  • Jireenya keenya keessatti Mootummichaaf iddoo guddaa kennuu.

  • Ulaagaa naamusaa namoota Mootummicha jalatti bulanirraa eegamu cimsanii hordofuu.

  • Waaʼee Mootummichaa hinaaffaadhaan warra kaanitti himuu.

  • Mootummoota kabajuu, garuummoo yeroo seerri Qeesaarii fi seerri Waaqayyoo walitti buʼu Waaqayyoof ajajamuu.

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) bt boq. 18 key. 16-24

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 75 fi kadhannaa

Baafata Mata Duree
Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2024 | Fulbaana

Mata Duree Qoʼannaa 38: Sadaasa 25, 2024–Muddee 1, 2024

20 Akeekkachiisa Kennameef Xiyyeeffannaa Kennaa Jirtaa?

Dubbisa Dabalataa

Maxxansa kana keessatti matadureewwan kan biroo

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi