LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Torbee Kana
Caamsaa 19-25
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2025 | Caamsaa

CAAMSAA 19-25

FAKKEENYA 14

Faarfannaa 89 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU

1. Yeroo Balaan Uumamutti Tarkaanfii Fudhattanirratti Of Eeggannoodhaan Yaadaa

(Daq. 10)

Wanta dhageessan hunda akka hin amanne of eeggadhaa (Fak 14:15; w23.02 23 key. 10-12)

Miira ykn muuxannoo keessanitti hin amanaminaa (Fak 14:12)

Namoota qajeelfama jaarmiyaa Yihowaa hin fudhanne hin dhagaʼinaa (Fak 14:7)

Maatiin tokko sagantaa JW Biroodkaastiingii ilaalaa jiru.

KANA IRRATTI XIINXALI: Jaarsoliin, yeroo balaan uumamutti qajeelfama Yihowaa hordofuu fi isatti amanamuuf qophooftaniittuu?—w24.07 5 key. 11.

2. Albuuda Hafuuraa

(Daq. 10)

  • Fak 14:17—“Namni of eeggannoodhaan wanta tokko irratti yaadu” kan jibbamu karaawwan kamiini? (it-2-E 1094)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Fak 14:1-21 (th qoʼannaa 11)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) LALLABA ADDABAABAAYII. Nama haalli diinagdee akka isa yaaddesse sitti hime tokkotti Kitaaba Qulqulluu irraa yaada tokko itti argisiisi. (lmd barumsa 3 qabxii 3)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 4) MANAA GARA MANAA. Barruu yaada namni haasofsiistu sun yeroo darbe kaase qabatee jiru kenniif. (lmd barumsa 9 qabxii 4)

6. Barattoota Gochuu

(Daq. 5) Namni qoʼachiistu guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu akka dubbisu jajjabeessi, galma kanarra gaʼuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼes itti argisiisi. (th qoʼannaa 19)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 126

7. Yeroo Balaatiif Qophaaʼaa

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Jaarsa gumiitiin kan dhihaatu. Jira taanaan, yaadachiisa waajjira damee fi qaama jarsolii irraa argatte itti dabalii dhiheessi.

“Guyyoota dhumaatti” haalli rakkisaan nu mudatu dabalaa akka deemu ni eegna. (2Xi 3:1) Sabni Yihowaa balaan yommuu uumamu yeroo baayʼee qajeelfama yeroo isaa eeggatee fi lubbuu baraaru ni argatu. Yeroo sanatti ooluu kan dandeenyu, amma qajeelfama nuuf kennamu hordofuudhaan karaa hafuuraa fi karaa qaamaa kan qophoofnu yoo taʼedha.—Fak 14:6, 8.

  • Karaa hafuuraa qophaaʼaa: Barsiifata gaarii qabaadhaa. Gosa tajaajila garaagaraa irratti dandeettii keessan fooyyeffadhaa. Obboloota gumii keessatti argamanirraa yeroodhaaf yoo adda baatan hin jeeqaminaa. (Fak 14:30) Yihowaa fi Yesuus Kiristoos irraa matumaa adda hin baatan.—od 176 key. 15-17

  • Karaa qaamaa qophaaʼaa: Miseensonni maatii hundi boorsaa qabatanii deeman dabalatee, nyaata, bishaan, qorichaa fi tarii yoo barbaachise wanta yeroodhaaf keessa buufachuu dandaʼan qopheeffachuu qabu.—Fak 22:3; g17.5 4

Maatiin suuraa darberratti mulʼatan, wantoota yeroo balaatti itti fayyadaman qopheeffachaa jiru.

VIIDIYOO Balaadhaaf Qophoofteettaa? jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Yeroo balaatti Yihowaan nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

  • Qophaaʼuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu dandeenya?

  • Warra balaan irra gaʼe gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

AKKANA JEDHII OF GAAFADHU:

‘Balaa namtolchee ykn balaa uumamaa dhiheenyatti gaʼe irraa dursanii qophaaʼuu ilaalchisee maalan baradhe?’

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) bt boq. 26 key. 18-22, saanduqa ful. 239​irra jiru

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 116 fi Kadhannaa

Baafata Mata Duree
Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2025 | Bitootessa

Mata Duree Qoʼannaa 11: Caamsaa 19-25, 2025

14 Akkuma Yesuus Hinaaffaadhaan Lallabaa

Dubbisa Dabalataa

Maxxansa kana keessatti matadureewwan kan biroo

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi