-
1 Kan Dhiheessinu Maaliifi?Masaraa Eegumsaa—2011 | Amajjii 1
-
-
Kadhannaa
1 Kan Dhiheessinu Maaliifi?
KADHANNAA. Dhimmawwan Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman keessaa, akka kadhannaa xiyyeeffannaa namoota baayʼee kan harkisuufi beekuuf hawwii akka qabaannu nu kakaasu hin jiru jechuun ni dandaʼama. Mee gaaffiiwwan kadhannaa ilaalchisee yeroo baayʼee kaʼan torbaafi deebii Macaafni Qulqulluun kennu waliin haa ilaallu. Matadureewwan kun kadhannaa dhiheessuu akka jalqabdu ykn kadhannaakee akka fooyyeffattu si gargaaruuf yaadamanii kan qophaaʼanidha.
ADDUNYAA maratti, aadaafi amantii hunda keessatti namoonni kadhannaa dhiheessu; kophaattis taʼe tuutaan ni kadhatu. Bataskaana, mana qulqullummaa, manneen sagadaa, masgiidaafi galma keessatti kadhannaa dhiheessu. Namoonni kun, afata, callee, fakkiiwwan, kitaabota kadhannaa ykn kadhannaa gabatee xinnoorratti barreeffamee rarraafametti fayyadamanii kadhannaa dhiheessu.
Ilmaan namootaa, uumamawwan lafarra jiraatan hundarraa adda kan isaan godhu kadhannaadha. Wantoonni bineeldotaa wajjin wal nu fakkeessan hedduun akka jiran beekamaadha. Akkumasaanii nyaanni, qilleensiifi bishaan nu barbaachisa. Akkumasaanii ni dhalanna, ni jiraanna, akkasumas ni duuna. (Lallaba 3:19) Kadhannaa kan dhiheessu garuu ilmaan namootaa qofadha. Maaliif?
Kadhannaan baayʼee waan nu barbaachisuufidha. Walumaa galatti kadhannaan, karaa namoonni qaama ykn wanta waaqeffatanii wajjin itti wal qunnaman akka taʼetti ilaalama. Macaafni Qulqulluun, fedhii akkasii qabaannee akka uumamne ibsa. (Lallaba 3:11) Yesus Kiristos yeroo tokko, “Karaa hafuuraatti hiyyeessota warri taʼan haa gammadan” jechuudhaan dubbateera.—Maatewos 5:3.
Gamoowwaniifi hambaawwan amantii hedduun jiraachuunsaaniifi saʼaatii dheeraan kadhannaarratti dabarfamu, namoonni “karaa hafuuraatti hiyyeessota” taʼuusaanii kan argisiisudha. Namoonni tokko tokko fedhiiwwan hafuuraasaanii guuttachuuf ofitti ykn namoota kaanitti akka amanaman beekamaadha. Haataʼu malee, ilmaan namootaa fedhiiwwan hafuuraa warri kaan qaban guutuuf dandeettii akka hin qabne sitti hin dhagaʼamuu? Nuyi namoonni, baayʼee dadhaboo, barri jireenya keenyaa gabaabaafi fageessinee yaaduu kan hin dandeenyedha. Qaama ogummaafi humna guddaa qabu, akkasumas barabaraaf jiraachuu dandaʼu qofatu wanta nu barbaachisu nuu kennuu dandaʼa. Fedhiiwwan hafuuraa akka kadhannu nu kakaasan kamfaʼi?
Fakkeenyaaf: Qajeelfama, ogummaa ykn gaaffiiwwan dandeettii ilmaan namootaatiin ol fakkaataniif deebii argachuu barbaaddee beektaa? Gadda guddaa sirra gaʼeef jajjabina, murtoo dhiphisaa taʼeef qajeelfama ykn gadda balleessaa raawwachuu keetiin sitti dhagaʼameef dhiifama argachuuf hawwitee beektaa?
Macaafni Qulqulluun, wantoota kana hundaaf kadhannaa dhiheessuun sirrii akka taʼe dubbata. Dhimma kana ilaalchisee kitaaba hunda caalaa barumsa amansiisaa taʼe kennudha; kadhannaa dhiironniifi dubartoonni amanamoo taʼan dhiheessan hedduus qabateera. Namoonni kun jajjabinaafi qajeelfama argachuuf akkasumas gaaffii baayʼee isaanitti ulfaateef deebii argachuuf kadhannaa dhiheessaniiru.—Faarfannaa 23:3; 71:21; Daaniʼel 9:4, 5, 19; Anbaaqom 1:3.
Kadhannaawwan Macaafa Qulqulluu keessatti dhihaatan garaagara taʼanis, wanti wal isaan fakkeessu jira. Namoonni kadhannaawwan kana dhiheessan, wanta yeroo harʼaa namoonni hedduun dagataniifi kadhannaan akka dhagaʼamuuf baayʼee barbaachisaa taʼe hubatanii turan. Kadhannaan eenyutti dhihaachuu akka qabu beeku turan.
[Fakkii fuula 3rra jiru]
-
-
2 Gara Eenyuutti?Masaraa Eegumsaa—2011 | Amajjii 1
-
-
Kadhannaa
2 Gara Eenyuutti?
NAMOONNI kadhatasaanii eenyuttiyyuu yoo dhiheessan Waaqayyo isaanii dhagaʼaa? Namoonni baayʼeen akkas akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Namoonni amantii walitti makuu barbaadaniifi amantiiwwan hundi garaagarummaa qabaataniyyuu fudhatama akka argatan barbaadan hedduun yaada kanarratti walii galu. Haataʼu malee yaanni kun dogoggora taʼuu dandaʼaa?
Macaafni Qulqulluun, yeroo baayʼee namoonni kadhannaasaanii qaama dhihaachuufii qabutti akka hin dhiheessine dubbata. Bara duriitti namoonni waaqayyolii tolfamootti kadhannaa dhiheessuunsaanii baramaa ture. Waaqayyo garuu gochi kun sirrii akka hin taane yeroo baayʼee akeekkachiiseera. Fakkeenyaaf, waaqayyolii tolfamoo ilaalchisee Faarfannaan 115:4-6, “Gurri itti jira, garuu dhagaʼuu hin dandaʼan” jechuudhaan dubbata. Yaannisaa ifadha. Waaqa matumaa si dhagaʼuu hin dandeenyeef kadhannaa dhiheessuun buʼaa qabaa?
Seenaan Macaafa Qulqulluu keessa jiru tokko dhimma kana akka gaariitti ibsa. Raajii Waaqa dhugaa kan taʼe Eliyaas, raajonni Baʼaal waaqasaanii akka kadhataniifi sana boodammoo inni gara Waaqasaatti kadhannaa akka dhiheessu gaaffii isaanii dhiheessee ture. Eliyaas, Waaqni dhugaan deebii akka kennuufi waaqni sobaa garuu deebii akka hin kennine dubbate. Raajonni Baʼaal gaaffii isaanii dhihaate fudhatanii, sagaleesaanii ol kaasanii iyyaa yeroo dheeraadhaaf cimsanii kadhatanis deebii utuu hin argatin hafaniiru! Seenaansaa, ‘Tokkollee kan deebisu hin turre, iyyasaaniis kan dhaggeeffatu in dhabame’ jechuudhaan nuti hima. (1 Mootota 18:29, hiika bara 1899) Yeroo Eliyaas kadhatetti garuu maaltu raawwatame?
Eliyaas kadhannaa erga dhiheessee booda, Waaqnisaa ibidda waaqarraa ergee aarsaa inni dhiheesse gubuudhaan battaluma sanatti deebii kenneeraaf. Garaagarummaan Eliyaasiifi raajota Baʼaal maalidha? Kadhannaa Eliyaas isa 1 Mootota 18:36, 37rra jirurratti wanti barbaachisaa taʼe tokko caqasameera. Akka afaan Ibrootaa isa jalqabaatiin barreeffametti, kadhannaan kun, kadhannaa gabaabaa jechoota 30 qofa qabudha. Taʼus Eliyaas, kadhannaa gabaabaa kana keessatti Waaqayyoon maqaasaa isa Yihowaa jedhuun al sadii waameera.
Baʼaal inni hiiknisaa “abbaa qabeenyaa” ykn “gooftaa” jedhu waaqa Kanaʼaanotaa yommuu taʼu, iddoo addaddaatti maqaa garaagaraatiin waamama ture. Maqaan Yihowaa jedhu garuu adda yommuu taʼu, uumama cufa keessatti maqaa kanaan kan waamamu isa qofadha. Waaqni kun, “Ani Waaqayyoo [“Yihowaa, NW”] dha, maqaan koo isa kana; ani ulfina koo kan biraatiif hin kennu” jechuudhaan sabasaatti himeera.—Isaayaas 42:8.
Kadhannaan Eliyaasiifi raajonni Baʼaal dhiheessan bakka tokko dhaqee? Waaqeffannaan Baʼaal, sirna waaqeffannaarratti ejji akka raawwatamuufi namni aarsaa godhamee akka dhihaatu waan gaafatuuf kan nama salphisu ture. Waaqeffannaan Yihowaa garuu, sabasaa Israaʼel gochawwan salphinaa akkasiirraa walaba gochuudhaan ulfina akka qabaatan godheera. Kanaafuu mee yaadi! Hiriyaakee baayʼee isa kabajjuuf xalayaa tokko erguu yoo barbaadde, maqaa nama garabiraa amala gadhee qabu tokkootiin fayyadamtee barreessitaafii? Matumaa akkas hin gootu!
Kadhannaakee Yihowaadhaaf kan dhiheessitu yoo taʼe, Waaqa isa Uumaafi Abbaa ilmaan namootaa taʼe kadhachaa jirta jechuudha.a Raajii Yihowaa kan taʼe Isaayaas, “Yaa Waaqayyo, ati abbaa keenya” jechuudhaan kadhannaa dhiheesseera. (Isaayaas 63:16) Yesus Kiristosis, Yihowaa ilaalchisee, “Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessaniitti ol nan baʼa” jechuudhaan duuka buutotasaatti dubbateera. (Yohannis 20:17) Yihowaan Abbaa Yesusidha. Inni Waaqa Yesus kadhannaa isatti dhiheessaa tureefi duuka buutonnisaas isa qofa akka kadhatan isaan barsiisedha.—Maatewos 6:9.
Macaafni Qulqulluun, Yesus, Maariyaam, qulqulloota ykn ergamoota akka kadhannu nu barsiisaa? Matumaa! Kanaa mannaa Yihowaa akka kadhannu barsiisa. Mee sababa itti akkas jechuu dandeenyu lama haa ilaallu. Tokkoffaa, kadhata dhiheessuun kutaa waaqeffannaa keessaa tokko yommuu taʼu, Macaafni Qulqulluunis waaqeffannaan dhihaachuu kan qabu Yihowaa qofaaf akka taʼe ibsa. (Baʼuu 20:5) Lammaffaa, Macaafni Qulqulluun ‘Waaqa kadhata namaa dhagaʼu’ jechuudhaan waaʼeesaa dubbata. (Faarfannaa 65:2) Yihowaan warra kaaniif itti gaafatamummaa danuu kan kenne taʼus, kadhata ilaalchisee garuu eenyuufiyyuu aboo hin kennine. Kadhannaa hundi keenya dhiheessinu ofumasaatii dhagaʼuuf waadaa galeera.
Kanaafuu Waaqayyo kadhannaakee akka siif dhagaʼu yoo barbaadde, gorsa Caaffata Qulqullaaʼaa, “Maqaa gooftaa kan waammatu hundinuu immoo in oola” jedhu yaadadhu. (Hojii Ergamootaa 2:21) Haataʼu malee, Yihowaan ulaagaa tokko malee kadhannaa hundumaa dhagaʼamoo, akka inni kadhannaa keenya dhagaʼuuf wanti beekuu qabnu jira?
[Miiljalee]
a Amantiiwwan tokko tokko kadhannaarrattillee maqaa Waaqayyoo waamuun sirrii akka hin taane barsiisu. Haataʼu malee, afaan jalqaba Macaafni Qulqulluun ittiin barreeffameen maqaan kun gara al 7,000 kan argamu siʼa taʼu, tajaajiltoonni Yihowaa yeroo baayʼee kadhannaafi faarfannaawwansaanii keessatti itti fayyadamaa turaniiru.
[Fakkii fuula 5rra jiru]
Gaaffiin Eliyaas raajota Baʼaaliif dhiheesse, kadhannaan hundi bakka tokko akka hin dhaqne kan mirkaneessudha
-
-
3 Akkamitti?Masaraa Eegumsaa—2011 | Amajjii 1
-
-
Kadhannaa
3 Akkamitti?
KADHANNAA ilaalchisee amantiiwwan hedduun haala qaamaa, jechoota kadhannaarratti fayyadamaniifi sirna amantiitiif xiyyeeffannaa guddaa kennu. Macaafni Qulqulluun garuu wantoota kanarratti utuu hin taʼin, gaaffii caalaatti barbaachisaa taʼeefi “Kadhannaa dhiheessuu kan qabnu akkamitti?” jedhuuf dursa akka kenninu nu gargaara.
Macaafni Qulqulluun, tajaajiltoonni Waaqayyoo warri amanamoon, iddoofi haala qaamaa addaddaatiin kadhannaa akka dhiheessan ibsa. Akkuma haalasaatti, utuu sagalee hin dhageessisin ykn sagaleesaanii guddisanii kadhannaa dhiheessaniiru. Gara samii ilaalaa ykn gad gugguufanii kadhataniiru. Fakkiiwwan, callee ykn kitaabota kadhannaaf qophaaʼanitti fayyadamuudhaan utuu hin taʼin, garaasaaniirraa jecha mataasaaniitiin kadhannaa dhiheessu turan. Wanti kadhannaansaanii Waaqayyo biratti akka dhagaʼamu godhe maalidha?
Akkuma mataduree darberratti ilaalle, namoonni kun kadhannaasaanii Yihowaa Waaqa tokkichaaf dhiheessaniiru. Wanti barbaachisaa taʼe garabiraanis jira. Yohannis Isa Duraa 5:14rratti, “Akka fedha isaatti yoo isa kadhanne inni nuuf in dhagaʼa; akka kanatti isa in amananna” yaada jedhu dubbisna. Kadhannaan dhiheessinu fedha Waaqayyoo wajjin kan walsimu taʼuu qaba. Kana jechuun maal jedhuudha?
Fedha Waaqayyoo wajjin haala walsimuun kadhachuuf, fedhisaa maal akka taʼe beekuun nu barbaachisa. Wanti kadhannaa dhiheessuuf barbaachisaa taʼe inni tokko Macaafa Qulqulluu qayyabachuudha. Kana jechuun Waaqayyo hayyoota Macaafa Qulqulluu yoo taʼuu baanne kadhannaa keenya hin dhagaʼu jechuudhaa? Miti! Haataʼu malee, Waaqayyo fedhasaa hubachuufi hojiirra oolchuuf fedhisaa maal akka taʼe akka barannu barbaada. (Maatewos 7:21-23) Kadhannaa keenya wanta barannee wajjin haala walsimuun dhiheessuun keenya barbaachisaadha.
Fedha Yihowaa barachaa ennaa adeemnu, amantiin keenyas jabaachaa adeemna; amantiinimmoo wanta kadhannaadhaaf barbaachisaa taʼe garabiraadha. Yesus, “Amantanii kadhataan waan dhiʼeeffattan hundumaa in fudhattu” jechuudhaan dubbateera. (Maatewos 21:22) Amantii qabaachuu jechuun gowwummaadhaan waan tokkotti amanuu jechuu miti. Kanaa mannaa, kan ijaan hin argamne taʼus, wanta ragaa baayʼee amanamaa taʼe qabutti amanuu jechuudha. (Ibroota 11:1) Macaafni Qulqulluun, Yihowaan inni ijaan hin argamne dhugumaan kan jiru, amanamaafi kadhannaa namoonni isatti amanaman dhiheessaniif deebii kennuuf fedhii kan qabu taʼuusaa ragaawwan argisiisan hedduu qabateera. Kana malees, amantii guddaa qabaachuuf yeroo hundumaa kadhachuu kan dandeenyu yommuu taʼu, Yihowaanis wanta nu barbaachisu nuu kennuu ni jaallata.—Luqaas 17:5; Yaaqoob 1:17.
Kadhannaa akkamitti dhiheessuu akka qabnu ilaalchisee wanti bakka guddaa qabu garabiraanis jira. Yesus, “Anaan yoo taʼe malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu” jedheera. (Yohannis 14:6) Kanaafuu, Yesus karaa itti Abbaa keenya Yihowaatti dhihaachuu dandeenyudha. Kanaan kan kaʼes, Yesus duuka buutonnisaa maqaasaatiin akka kadhatan isaanitti himeera. (Yohannis 14:13; 15:16) Akkas jechuun garuu Yesusiin kadhachuu qabna jechuu miti. Kanaa mannaa, karaan itti Abbaa keenya isa mudaa hin qabneefi qulqulluu taʼetti dhihaachuu dandeenyu isa taʼuusaa yaadachuudhaan, maqaa Yesusiin kadhannaa dhiheessuu jechuudha.
Yeroo tokko duuka buutonni Yesus baayʼee isatti dhihaatan, “Kadhachuu nu barsiisi!” jechuudhaan isa gaafatanii turan. (Luqaas 11:1) Gaaffiinsaanii yaadawwan buʼuuraa armaan olitti irratti mariʼanne akka hin taane beekamaadha. Qabiyyeen kadhannaasaanii maal taʼuu akka qabu beekuuf, ‘Waaʼee maalii kadhannu?’ jedhanii gaafachuusaanii ture.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 6rra jiru]
Kadhannaan Waaqayyo dhagaʼu, haala fedhasaa wajjin walsimuufi amantiidhaan, akkasumas maqaa Yesusiin kan dhihaatudha
-
-
4 Waaʼee Maalii?Masaraa Eegumsaa—2011 | Amajjii 1
-
-
Kadhannaa
4 Waaʼee Maalii?
KADHANNAAN Yesus akka fakkeenyaatti dhiheesse, kadhannaawwan Kiristiyaanonni dhiheessan hundumaa caalaa baayʼee kan irra deddeebiʼame akka taʼe dubbatama. Kun dhugaa taʼus taʼuu baatus, kadhannaan kun, yeroo tokko tokko Kadhannaa Gooftaa ykn Yaa Abbaa Keenyaa jedhamee kan beekamu siʼa taʼu, namoonni hedduun kadhannaa kana karaa dogoggora taʼeen hubatu. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman guyyaa guyyaadhaan al baayʼee jechoota kadhannaa kanaa irra deddeebiʼu. Yesus garuu kadhannaa kana kan barsiise haala kanaan akka dhihaatu yaadee miti. Kana akkamitti beekna?
Yesus kadhannaa kana barsiisuusaa dura, “Yeroo kadhattanis akka warra saba Waaqayyoo hin taʼinii, dubbii waaʼee hin baafne [waanuma tokko] keessa hin deddeebiʼinaa!” jechuudhaan dubbateera. (Maatewos 6:7) Yesus kadhannaa sammuutti qabatamee irra deddeebiʼamu barsiisuudhaan, wanta yaadasaa kanaa wajjin wal faallessu dubbataa? Matumaa! Kanaa mannaa Yesus, waaʼee maalii kadhachuu akka qabnuufi wanta kadhannaa keenya keessatti dursa kennuufii qabnu barsiisaa ture. Mee wanta inni dubbate tokko tokkoon haa ilaallu. Kadhannaan kun Maatewos 6:9-13rratti argama.
“Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa! Maqaan kee qulqulluu taʼee haa eegamu.”
Yesus, duuka buutonnisaa kadhannaa hunda Abbaasaatiif, jechuunis Yihowaadhaaf akka dhiheessan isaan hubachiiseera. Haataʼu malee, maqaan Waaqayyoo maaliif barbaachisaa akka taʼeefi qulqulluu taʼee eegamuu kan qabu maaliif akka taʼe beektaa?
Jalqaba seenaa ilmaan namootaatii kaasee, maqaan Waaqayyoo inni qulqulluun arrabsamaa tureera. Seexanni inni diina Waaqayyoo taʼe, Yihowaan akka sobuufi Bulchaa ofittoo uumamawwansaa bulchuuf mirga hin qabne akka taʼe dubbachuudhaan maqaasaa xureesseera. (Uumama 3:1-6) Namoonni baayʼeen, Waaqayyo kan namaaf hin yaanne, gara jabeessaafi haaloo kan qabatu akka taʼe barsiisuudhaan ykn Uumaan hin jiru jechuudhaan Seexana cina goraniiru. Kaanimmoo maqaasaa isa Yihowaa jedhu hiikawwan Macaafa Qulqulluu keessaa akka baʼu gochuufi maqaa kanatti akka hin fayyadamne dhorkuudhaan jibba maqichaaf qaban argisiisaniiru.
Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo jalʼina raawwatamu kana hunda akka sirreessu dubbata. (Hisqiʼel 39:7) Tarkaanfii fudhatu kanaanis, fedhakee hunda sii guuta; akkasumas rakkina sirra gaʼu hunda ni balleessa. Kana kan godhu akkamitti? Yaanni kadhannaa Yesus barsiiserra jiru deebiisaa kenna.
“Mootummaan kee haa dhufu.”
Yeroo harʼaa Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee barsiistota amantii gidduu yaada wal faallessu hedduutu jira. Haataʼu malee akkuma dhaggeeffattoonni Yesus beekanii turan, raajonni Waaqayyoo baroota hedduu dura Masiihichi, Fayyisaan inni Waaqayyo filate, Mootummaa biyya lafaa jijjiirurratti bulchaa akka taʼu raajii dubbatanii turan. (Isaayaas 9:6, 7; Daaniʼel 2:44) Mootummaan kun soba Seexanaa saaxiluudhaan, akkasumas Seexanaafi hojiiwwansaa hunda fonqolchee balleessuudhaan maqaan Waaqayyoo qulqulluu taʼee akka eegamu godha. Mootummaan Waaqayyoo waraana, dhukkuba, beelaafi duʼallee ni balleessa. (Faarfannaa 46:9; 72:12-16; Isaayaas 25:8; 33:24) Mootummaan kun akka dhufu yeroo kadhattu, abdiiwwan inni kenne kun hundi akka raawwataman kadhachaa jirta jechuudha.
“Jaalalli kee waaqa irratti akka taʼu, akkasuma immoo lafa irratti haa taʼu!”
Wanti Yesus dubbate, jaalalli Waaqayyoo samiirratti jechuunis bakka Waaqayyo jiraatutti akkuma taʼe, lafarrattis taʼuunsaa akka hin oolle nu hubachiisa. Jaalalli Waaqayyoo samiirratti akka hin raawwatamne wanti dhorku akka hin jirre mirkanaaʼeera; achitti Ilmi Waaqayyoo Seexanaafi duuka buutotasaarratti waraana banee gara lafaatti gad isaan darbateera. (Mulʼata 12:9-12) Akkuma kadhannaawwan jalqabaa lamaanii, kadhannaan inni sadaffaan kunis, dhimmoota dhuunfaa keenyaatiif utuu hin taʼin, jaalala Waaqayyootiif dursa kennuurratti akka xiyyeeffannu kan nu gargaarudha. Uumamawwan Yihowaa hundaaf yeroo mara wanta gaarii kan argamsiisu jaalalasaa kanadha. Yesus inni mudaa hin qabnellee Abbaasaatiin, “Akka ani jaalladhe utuu hin taʼin, akka ati jaallatte haa taʼu!” jedheera.—Luqaas 22:42.
“Soora . . . nu barbaachisu harʼa nuuf kenni!”
Yesus itti aansuudhaan, dhimma dhuunfaa ilaalchisees kadhannaa dhiheessuu akka dandeenyu dubbateera. Waaqayyo wantoota guyyaa guyyaadhaan nu barbaachisan akka nuu kennu isa kadhachuun dogoggora hin qabu. Kadhannaa akkasii dhiheessuun keenya, ‘sanyii namaa hundumaaf, jireenyaafi qilleensa, kan isaan barbaachisu hundumaas kan kennu’ Yihowaa taʼuusaa nu hubachiisa. (Hojii Ergamootaa 17:25) Macaafni Qulqulluun, Yihowaan Abbaa jaalala qabeessa wantoota ijoolleesaatiif barbaachisan isaaniif dhiheessuudhaan gammadu akka taʼe ibsa. Taʼuyyuu, akkuma abbaan gaariin tokko godhu, Yihowaan wanti ijoolleensaa gaafatan tokko kan isaan miidhu taanaan isaaniif hin kennu.
“Yakka Keenyas Nuuf Dhiisi!”
Waaqayyo dhiifama siif gochuunsaa si barbaachisaa? Namoonni hedduun yeroo harʼaa jiran, cubbuun maal akka taʼeefi cubbuu hojjechuunis hammam gadhee akka taʼe hin beekan. Macaafni Qulqulluun garuu, cubbuun wanta ilmaan namootaarratti duʼa fide waan taʼeef, madda rakkoowwan nurra gaʼanii akka taʼe barsiisa. Cubbuu dhaalleen kan kaʼe yeroo baayʼee cubbuu waan hojjennuuf, jireenya barabaraa argachuun keenya Waaqayyo biraa dhiifama argachuu keenyarratti kan hundaaʼedha. (Roomaa 3:23; 5:12; 6:23) Macaafni Qulqulluun, “Yaa gooftaa, ati gaarii dha, jaalala keetiinis namaaf cubbuu isaa in dhiifta” akka jedhu beekuun boqonnaa namaaf argamsiisa.—Faarfannaa 86:5.
“Hamaa nu oolchi.”
Eegumsi Waaqayyoo haala ariifachiisaa taʼeen hammam akka si barbaachisu hubatteettaa? Namoonni baayʼeen Seexanni inni “hamaa” jedhame akka jiru hin amanan. Haataʼu malee Yesus, Seexanni dhugumaan kan jiru taʼuusaa barsiisuusaarrayyuu “isa biyya lafaa kana abboomu” jechuudhaan isa ibseera. (Yohannis 12:31; 16:11) Seexanni, biyya lafaa harkasaa jala jiru kana kan mancaase yommuu taʼu, siinis si xureessuufi walitti dhufeenya Abbaakee Yihowaa wajjin qabdu akka hin guddifanne gochuu barbaada. (1 Phexros 5:8) Haataʼu malee Yihowaan humna Seexana caalu kan qabu taʼuusaarrayyuu, namoota isa jaallatan eeguutti ni gammada.
Kadhannaa Yesus akka fakkeenyaatti dhiheesse kana gabaabaadhumatti irra deebiʼuudhaan, waan kadhachuu qabnu hundumaa qoruu hin dandeenyu. Yohannis Inni Duraa 5:14 waaʼee Waaqayyoo, “Akka fedha isaatti yoo isa kadhanne inni nuuf in dhagaʼa” jechuudhaan dubbata. Kanaafuu, rakkoowwan si mudatan Waaqayyo duratti dhihaachuu kan hin qabne akka taʼan yaaduudhaan kadhachuu hin dhiisin.—1 Phexros 5:7.
Haataʼu malee, yeroofi bakki itti kadhatan kan murtaaʼe taʼuu qabaa? Yeroofi bakki itti kadhannaa dhiheessinu jijjiirama fidu qabaa?
[Fakkii fuula 7rra jiru]
-
-
5 Bakkiifi Yeroonsaa Jijjiirama Fidaa?Masaraa Eegumsaa—2011 | Amajjii 1
-
-
Kadhannaa
5 Bakkiifi Yeroonsaa Jijjiirama Fidaa?
AMANTIIWWAN hedduun, manni guddaaniifi guyyaa keessatti yeroo murtaaʼaan kadhannaan itti dhihaachuu qabu akka barbaachisu akka isaanitti dhagaʼamu hubachuu hin ooltu. Macaafni Qulqulluun bakkaafi saʼaatii murtaaʼaa taʼe qofatti kadhannaa dhiheessuu akka qabnu barsiisaa?
Macaafni Qulqulluun yeroon itti kadhannaa dhiheessuu qabnu akka jiru ni dubbata. Fakkeenyaaf, Yesus duuka buutotasaa wajjin nyaata nyaachuusaa dura Waaqayyoon galateeffatee ture. (Luqaas 22:17) Bartoonnisaas yeroo waaqeffannaadhaaf wal walgaʼan ni kadhatu turan. Kana gochuudhaan, barsiifata mana sagadaa Yihudootaafi mana qulqullummaa Yerusaalem keessatti itti hojjetamaa turetti fayyadamuusaanii itti fufaniiru. Kaayyoon Waaqayyoo, manni qulqullummaa “saba hundumaatiif mana kadhataa” akka taʼu ture.—Maarqos 11:17.
Tajaajiltoonni Waaqayyoo yommuu walgaʼiirratti tokkummaadhaan kadhatan, himanni isaan dhiheessan buʼaa argamsiisuu dandaʼa. Kiristiyaanonni kun yaadaan tokko yoo taʼaniifi kadhannaansaanii seerawwan buʼuuraa Caaffata Qulqullaaʼoo wajjin kan walsimu yoo taʼe, Waaqayyo ni gammada. Kadhannaan kun, Yihowaan wanta utuu isaan kadhachuu baatanii hin raawwanne akka raawwatu isa kakaasuu dandaʼa. (Ibroota 13:18, 19) Dhugaa Baatonni Yihowaa walgaʼiisaaniirratti yeroo hunda kadhannaa ni dhiheessu. Atis, Galma Mootummaa naannookee jirutti argamtee kadhannaa isaan dhiheessan akka dhageessu kabajaan si afeerra.
Haataʼu malee, Macaafni Qulqulluun kadhannaa dhiheessuu kan qabnu saʼaatii ykn iddoo murtaaʼe tokkotti qofa akka taʼe hin dubbatu. Seenaan tajaajiltoonni Waaqayyoo saʼaatiifi bakka kamittiyyuu kadhannaa dhiheessaa akka turan ibsu Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffameera. Yesus, “Yeroodhuma kadhattu mana keetti ol gali, balbala cufadhu, abbaa kee isa iddoo dhoksaa sana jiru kadhadhu! Abbaan kee inni dhoksaatti argus gatii kee siif in kenna” jechuudhaan dubbateera.—Maatewos 6:6.
Kun afeerrii baayʼee nama gammachiisu mitii? Waaqayyo isa uumama cufarratti olaantummaa qabu saʼaatii barbaaddetti kophaa keetti isa kadhachuufi akka si dhagaʼu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. Yesusis kadhannaa dhiheessuuf yeroo baayʼee kophaasaa taʼuu barbaaduunsaa kan nama dinqisiisu miti! Yeroo tokko murtoo barbaachisaa taʼe tokko gochuuf qajeelfama waan barbaadeef, gara Waaqayyootti kadhannaa dhiheessaa buleera.—Luqaas 6:12, 13.
Dhiironniifi dubartoonni Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman kaanis, murtoo guddaa gochuun yeroo isaan barbaachisetti ykn rakkinni cimaan yeroo isaanirra gaʼetti kadhannaa dhiheessaniiru. Yeroo tokko tokko sagalee guddisanii, yeroo kaanittimmoo utuu sagalee hin dhageessisin, akkasumas tuutaanis taʼe kophaatti kadhannaa dhiheessaniiru. Wanti barbaachisaa taʼe kadhannaa dhiheessuusaanii ture. Waaqayyo, “Kadhata keessan itti fufaa” jechuudhaanillee tajaajiltootasaa afeereera. (1 Tasaloniiqee 5:17) Waaqayyo yeroo hundumaa namoota fedhasaa raawwachuu jaallatan dhagaʼuuf hawwii qaba. Afeerriin kun jaalala Yihowaan nuuf qabu kan argisiisu mitii?
Addunyaa shakkiidhaan guutame kana keessatti, namoonni baayʼeen kadhannaan faayidaa qabaachuunsaa gaaffii isaanitti uuma. Atis, ‘Kadhannaan dhuguma faayidaa naaf argamsiisaa?’ jettee gaafatta taʼa.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 9rra jiru]
Yeroofi bakka barbaannetti kadhannaa dhiheessuu dandeenya
-
-
6 Faayidaa Qabaa?Masaraa Eegumsaa—2011 | Amajjii 1
-
-
Kadhannaa
6 Faayidaa Qabaa?
KADHANNAA gochuun faayidaa nuuf argamsiisu qabaa? Eeyyee, Macaafni Qulqulluun, kadhannaan tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoo taʼan dhiheessan faayidaa akka isaaniif argamsiise dubbata. (Luqaas 22:40; Yaaqoob 5:13) Kadhannaa dhiheessuun karaa hafuuraa, karaa miiraafi qaamaa faayidaa nuuf argamsiisuu dandaʼa. Akkamitti?
Fakkeenyaaf mucaa yoo qabaatte, mucaakee kanaaf kennaan ni kennameef haa jennu. Mucaan kun miirri galateeffannaa isatti dhagaʼamuunsaa qofti gaʼaa akka taʼemoo, miira isatti dhagaʼame kana akka ibsu isa barsiista? Miira gaarii nutti dhagaʼame jechaan ibsuun keenya, miirri sun akka beekamuufi caalaatti akka jabaatu godha. Miira nutti dhagaʼame Waaqayyoof ibsuun keenya buʼaa akkasii ni argamsiisaa? Eeyyee ni argamsiisa! Mee fakkeenya muraasa haa ilaallu.
Kadhannaa galataa. Wanta gaarii arganneef Abbaa keenya yommuu galateeffannu, eebba arganne sanarratti xiyyeeffanna. Kanaan kan kaʼes, caalaatti kan galateeffannuufi gammachuudhaan kan guutamne taana; ilaalcha gaariis ni qabaanna.—Filiphisiiyus 4:6.
Fakkeenya: Yesus, Abbaansaa kadhannaa inni dhiheesse dhagaʼee deebii waan isaa kenneef Waaqayyoon galateeffateera.—Yohannis 11:41.
Kadhannaa dhiifama argachuuf dhihaatu. Dhiifama akka nuu godhuuf yommuu Waaqayyoon gaafannu, yaanni garaa keenyaa ni leenjiʼa, garaadhaa qalbii geddaranna; cubbuun wanta ulfaataa taʼuusaa ilaalchisee hubannaan qabnus dabalaa deema. Kana malees, balleessaa nutti dhagaʼamurraa boqonnaa arganna.
Fakkeenya: Daawit cubbuu raawwatee tureef yaada garaa geddarachuusaafi gadduusaa ibsuuf kadhannaa dhiheesseera.—Faarfannaa 51.
Kadhannaa qajeelfamaafi ogummaa argachuuf dhihaatu. Yihowaan akka nu qajeelchu ykn ogummaa murtoo gaarii gochuuf nu gargaaru akka nuu kennu kadhachuun, dhugumaan kan gad of deebisnu akka taanu nu gargaara. Yihowaa kadhachuun keenya, humni keenya daangeffamaa akka taʼe yaadachuufi amanannaa keenya Abbaa keenya isa samiirra kaaʼachuuf nu gargaara.—Fakkeenya 3:5, 6.
Fakkeenya: Solomoon, Israaʼeliin bulchuuf qajeelfamaafi ogummaa argachuuf gad of deebisuudhaan Waaqayyoon kadhateera.—1 Mootota 3:5-12.
Kadhannaa yeroo dhiphinaatti dhihaatu. Yeroo miirri keenya jeeqamu kadhannaa garaadhaa madde Waaqayyotti yoo dhiheessine, tasgabbiin kan nutti dhagaʼamu taʼuusaarrayyuu, ofitti utuu hin taʼin Yihowaatti amanamna.—Faarfannaa 62:8.
Fakkeenya: Aasaa Mootichi yommuu diinni sodaachisaan isatti dhufe kadhannaa dhiheessee ture.—2 Seenaa 14:11.
Kadhannaa nageenya warra kaaniitiif dhihaatu. Kadhannaawwan akkasii ofittummaarraa fagaachuuf, akkasumas gara laafinaafi ooʼa qabaachuuf nu gargaaru.
Fakkeenya: Yesus, duuka buutotasaatiif kadhateera.—Yohannis 17:9-17.
Kadhannaa Yihowaa jajachuuf dhihaatu. Hojiiwwansaafi amalawwansaa warra dinqisiisoo taʼaniif ennaa Yihowaa jajannu, ulfinni isaaf kenninuufi dinqisiifannaan isaaf qabnu dabalaa deema. Akkasumas kadhannaawwan akkasii Abbaa keenya isa samiitti caalaatti akka dhihaannu nu gargaaru.
Fakkeenya: Daawit, wantoota Waaqayyo uumeef garaadhaa isa jajateera.—Faarfannaa 8.
‘Nagaa Waaqayyoo isa hubannaa namaa hundumaarra caalu’ argachuun, eebba kadhannaa dhiheessuudhaan argamu kan biraadha. (Filiphisiiyus 4:7) Biyya lafaa jeeqamaa taʼe kana keessatti tasgabbii argachuun eebba guddaadha. Tasgabbiin kun qaama keenyaafillee faayidaa argamsiisa. (Fakkeenya 14:30) Haataʼu malee, tasgabbiin kun carraaqqii gochuudhaan qofa argamamoo wanti barbaachisaa taʼe garabiraan jira?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 10rra jiru]
Kadhannaa dhiheessuun karaa qaamaafi miiraa, hunda caalaammoo karaa hafuuraa faayidaa nuuf argamsiisa
[Fakkii fuula 10rra jiru]
-
-
7 Waaqayyo Dhagaʼee Deebii Ni Kennaa?Masaraa Eegumsaa—2011 | Amajjii 1
-
-
Kadhannaa
7 Waaqayyo Dhagaʼee Deebii Ni Kennaa?
GAAFFIIN kun miira keenyaafi hawwii beekuuf qabnu kakaasa. Macaafni Qulqulluun Yihowaan yeroo harʼaattis kadhannaa akka dhagaʼu dubbata. Waaqayyo kadhannaa keenya dhagaʼuufi dhiisuunsaa caalaatti nurratti kan hundaaʼedha.
Yesus, geggeessitoonni amantii barasaa turan kadhannaansaanii fakkeessaarratti waan hundaaʼeef isaan balaaleffateera; namoonni kun caalaatti kan isaan yaaddessu warra kaan duratti qajeelota taʼanii argamuusaanii ture. Yesus, namoonni kun “gatii isaanii,” jechuunis wanta caalaatti barbaadan sana ykn xiyyeeffannaa namootaa akka argataniifi wanta isaan barbaachisu jechuunis, Waaqayyo duratti fudhatama qabaachuu garuu akka hin arganne dubbateera. (Maatewos 6:5) Yeroo harʼaas namoonni baayʼeen akka fedhasaaniitti malee, akka fedha Waaqayyootti kadhannaa hin dhiheessan. Seerawwan buʼuuraa olitti ibsaman waan hin hordofneef, Waaqayyo kadhannaasaanii hin dhagaʼu.
Atoo kadhannaankee akkami? Waaqayyo kadhannaakee dhagaʼee deebii sii kennaa? Kadhannaankee deebii argachuunsaa, sanyii, lammii ykn iddoo hawaasa keessatti qabdurratti kan hundaaʼe miti. Macaafni Qulqulluun, ‘Waaqayyo nama wal hin caalchisu. Saba biyya lafaa hundumaa keessaa namni isa sodaatu, inni waan qajeelaa hojjetus isa biratti fudhatamaadha’ jechuudhaan mirkaneessa. (Hojii Ergamootaa 10:34, 35) Atoo nama akkasiitii? Waaqayyoon kan sodaattu yoo taʼe, bakka guddaa isaaf kennita, akkasumas akka isa hin gaddisiisne sodaatta. Wanta qajeelaa kan hojjettu yoo taʼe, fedhakee ykn kan namaa utuu hin taʼin, wanta Waaqayyo sirriidha jedhe raawwachuuf carraaqqii goota. Waaqayyo kadhannaakee akka dhagaʼu ni barbaaddaa? Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo kadhannaakee akka dhagaʼu akkamitti kadhachuu akka qabdu sitti hima.a
Namoonni baayʼeen, Waaqayyo kadhatasaaniitiif dinqiidhaan deebii akka kennu barbaadu. Haataʼu malee, Waaqayyo bara duriittillee dinqii kan raawwate darbee darbee ture. Al tokko tokko, dinqiin tokko erga raawwatamee booda kan biraan utuu hin raawwatamin jaarraa hedduun darbeera. Kana malees, Macaafni Qulqulluun dinqii raawwachuun bara ergamoonni Yesus turan booda akka hafe ibsa. (1 Qorontos 13:8-10) Kana jechuun garuu Waaqayyo yeroo harʼaatti kadhannaadhaaf deebii hin kennu jechuudhaa? Akkas jechuu miti! Mee kadhannaawwan Waaqayyo deebii kennuuf tokko tokko haa ilaallu.
Waaqayyo ogummaa ni kenna. Yihowaan Madda ogummaa dhugaa hundarra caaludha. Namoota qajeelfamasaa barbaadaniifi kanaa wajjin walsimanii jiraataniif arjummaadhaan ogummaa ni kenna.—Yaaqoob 1:5.
Waaqayyo hafuura qulqulluufi faayidaa hafuura kanarraa argamu hunda ni kenna. Hafuurri qulqulluun humna Waaqayyoo isa hojiirra jirudha. Humni hafuura kanarra caalu hin jiru. Hafuurri kun qorumsa akka dandamannu nu gargaaruu dandaʼa. Yommuu dhiphannu keessi keenya nagaa akka qabaatu godha. Amala gaggaariifi jaallatamoo kaanis akka horannu nu gargaaruu dandaʼa. (Galaatiyaa 5:22, 23) Yesus, Waaqayyo hafuura kana arjummaadhaan akka kennu duuka buutotasaatiif mirkaneesseera.—Luqaas 11:13.
Waaqayyo namoota garaadhaa isa barbaadaniif beekumsa ni kenna. (Hojii Ergamootaa 17:26, 27) Addunyaa mararra namoonni garaadhaa dhugaa barbaadan jiru. Namoonni kun waaʼee Waaqayyoo, maqaansaafi kaayyoo inni lafaafi ilmaan namootaatiif qabu, akkasumas akkamittiin isatti dhihaachuu akka dandaʼan beekuu barbaadu. (Yaaqoob 4:8) Yeroo baayʼee Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota akkasii wajjin kan wal argan siʼa taʼu, deebii Macaafni Qulqulluun gaaffiiwwan kanaaf kennu isaanitti himuunis baayʼee isaan gammachiisa.
Atoo barruu kana kan fudhatte kanaafii? Waaqayyoon beekuu ni barbaaddaa? Tarii Waaqayyo karaa kanaan deebii sii kennaa jira taʼa.
[Miiljalee]
a Waaqayyo kadhannaa keenyaaf deebii akka nuu kennutti akkamitti kadhachuu akka qabnu yaada dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 17 ilaali.
-