-
‘Inni Dursee nu Jaallateera’Yihowaatti Dhihaadhu
-
-
BOQONNAA 23
‘Inni Dursee nu Jaallateera’
1-3. Sababiiwwan duuti Yesuus adda akka taʼu godhan tokko tokko maalfaʼi?
GARA waggoota 2,000 dura namni qulqulluun tokko murtiitti erga dhihaatee booda yakka hin raawwanneen yakkamaa akka taʼe itti murtaaʼee gara jabinaan ajjeefame. Ajjeechaan gara jabinaan raawwatame kun seenaa keessatti isa jalqabaa hin turre; isa dhumaas miti. Haa taʼu malee, duuti nama kanaa duʼa namoota kaanii irraa adda ture.
2 Saʼaatii dhumaa lubbuun isaa darbuuf jettutti, wanti samii irratti mulʼate dhimmi kun wanta bakka guddaa qabu akka taʼe ifa godheera. Yeroon sun guyyaa walakkaa taʼus, yeruma sana lafti ni dukkanaaʼe. Akka barreessaan Kitaaba Qulqulluu tokko ibsetti, ‘ifti aduu badee’ ture. (Luqaas 23:44, 45) Sana booda, namichi duʼuu isaa yeroo muraasa dura, “ni raawwatame!” jechuudhaan yaada hin irraanfatamne dubbate. Dhuguma iyyuu, namni kun lubbuu isaa dabarsee kennuudhaan wanta dinqisiisaa taʼe tokko raawwateera. Aarsaan isaa kun gocha jaalalaa hunda irra caalu ture.—Yohaannis 15:13; 19:30.
3 Namni kun Yesuus Kiristoosi dha. Dhiphinnii fi duuti guyyaa gaddisiisaa sanatti, jechuunis Dh.K.B. bara 33 Niisaan 14tti isa irra gaʼe akka gaariitti beekama. Haa taʼu malee, yeroo baayʼee wanti barbaachisaa taʼe tokko ni dagatama. Yesuus garmalee kan dhiphate taʼus, qaamni isa caalaa dhiphate tokko jira. Guyyaa sanatti Yesuus caalaa aarsaa kan kaffale, jechuunis uumama cufa keessatti jaalala guddaa kan argisiise qaama kana dha. Wanti inni godhe maal ture? Deebiin gaaffii kanaa, waaʼee wanta barbaachisaa taʼe tokkoo, jechuunis waaʼee jaalala Yihowaa barachuuf seensa gaarii nuu taʼa.
Gocha Jaalalaa Hunda Irra Caalu
4. Loltuun warra Roomaa tokko, Yesuus namoota kaan irraa adda taʼuu isaa kan hubate akkamitti? Kanaan kan kaʼes maal jedhe?
4 Ajajaan loltoota Roomaa murtoo duʼaa Yesuus irratti dabarfame raawwachiisaa ture tokko, dukkanaa fi kirkira lafaa duʼa Yesuus booda uumametti dinqisiifamee, “Dhuguma iyyuu kun Ilma Waaqayyoo ture” jedheera. (Maatewos 27:54) Dhuguma iyyuu Yesuus namoota kaan irraa adda ture. Loltuun kun, Ilma Waaqa isa Hundaa Olii ajjeesisuu irratti hirmaateera! Haa taʼu malee, Ilmi kun Abbaa isaa biratti hammam jaallatama?
5. Ilmi Waaqayyoo gara lafaa dhufuu isaa dura yeroo hammamiitiif Abbaa isaa wajjin samii irra jiraate?
5 Kitaabni Qulqulluun Yesuus, “angafa uumama hundumaa ti” jedha. (Qolosaayis 1:15) Mee yaadi, Ilmi Yihowaa uumamni cufti uumamuu isaa dura jiraachaa ture. Maarree Abbaa fi Ilmi kun yeroo hammamiitiif waliin turaniiru? Saayintistoonni tokko tokko akka tilmaamanitti, uumamni cufti umurii waggaa biliyoona 13 qaba. Yeroon kun hammam baayʼee akka taʼe tilmaamuu dandeessaa? Tilmaamni kun sirrii utuma taʼee illee, waggaan biliyoona 13 taʼu kun hundi illee umurii Ilma Yihowaa irra ni xiqqaata. Garuu Ilmi Waaqayyoo kun yeroo kana hundatti maal hojjechaa ture?
6. (a) Ilmi Yihowaa nama taʼuu isaa dura maal hojjechaa ture? (b) Yihowaa fi Ilma isaa gidduu michummaa akkamiitu jira?
6 Ilmi Waaqayyoo “hojjetaa dandeettii qabu” taʼee gammachuudhaan Abbaa isaa tajaajileera. (Fakkeenya 8:30) Kitaabni Qulqulluun, “Wanta taʼe keessaas [Ilma] malee wanti taʼe tokko illee hin jiru” jedha. (Yohaannis 1:3) Kanaaf, Yihowaa fi Ilmi isaa wantoota kan biroo hunda uumuuf waliin hojjetaniiru jechuu dha. Yeroo gammachiisaa akka waliin dabarsan hin shakkisiisu! Hundi keenya iyyuu jaalalli warraa fi ijoollee gidduu jiru cimaa akka taʼe ni amanna. Kana malees, “jaalalli tokkummaadhaan namoota walitti hidha.” (Qolosaayis 3:14) Maarree yeroo dheeraa kana keessatti michummaa cimaan isaan gidduutti akka uumame namni shakkuu dandaʼu jiraa? Kanaaf, Yihowaa fi Ilmi isaa, hidhaa jaalalaa cimaa hunda irra caaluun tokko akka taʼan beekamaa dha.
7. Yeroo Yesuus cuuphametti, Yihowaan miira Ilma isaatiif qabu maal jedhee ibse?
7 Yihowaan Ilma isaa baayʼee kan jaallatu taʼus, nama taʼee akka dhalatu gara lafaatti isa ergeera. Kana jechuun, waggoota 30 oliif Ilma isaa isa jaallatamaa of biraa dhabee ture jechuu dha. Yeroo Yesuus nama mudaa hin qabne taʼee guddatu Yihowaan xiyyeeffannaadhaan samii irraa isa ilaalaa ture. Yesuus yommuu umuriin isaa gara waggaa 30 taʼu ni cuuphame. Yihowaan yeroo kanatti maaltu akka isatti dhagaʼame tilmaamuun nu hin barbaachisu. Yihowaan ofuma isaatii kallattiidhaan samii irraa, “Kun Ilma koo isa jaallatamaa, isa ani itti gammadu dha” jedheera. (Maatewos 3:17) Abbaan isaa, Yesuus raajiiwwan waaʼee isaa dubbatamanii fi wanta irraa eegamu hunda amanamummaadhaan akka raawwate yommuu arge, baayʼee akka gammade beekamaa dha!—Yohaannis 5:36; 17:4.
8, 9. (a) Yesuus Dh.K.B. bara 33 Niisaan 14tti rakkina akkamiitu isa irra gaʼe? Kun hoo Abbaa isaatti maaltu akka dhagaʼamu godhe? (b) Yihowaan Ilmi isaa akka dhiphatuu fi akka duʼu kan heyyame maaliifi?
8 Haa taʼu malee, Dh.K.B. bara 33 gaafa Niisaan 14 Yihowaatti maaltu dhagaʼame? Yeroo Yesuus halkan sana dabarfamee kennamuu fi namoonni isa qaban; yommuu michoonni isaa isa dhiisanii baqatanii fi himanni seeraan alaa isa irratti dhihaatu; yommuu itti qoosamu, yommuu itti tufamuu fi abootteedhaan rukutamu; yommuu dugdi isaa garafame ciccitee dhiigu; yommuu harki isaa fi miilli isaa mismaaraan muka irratti rukutamee fannifamuu fi namoonni isa arrabsan; yommuu Ilmi isaa inni jaallatamaan dhiphatee gara isaatti iyyatu; akkasumas yommuu Ilmi isaa inni jaallatamaan yeroo jalqabaatiif jireenyaa ala taʼu, Yihowaatti maaltu dhagaʼamee ture laata?—Maatewos 26:14-16, 46, 47, 56, 59, 67; 27:38-44, 46; Yohaannis 19:1.
9 Yihowaan miira kan qabu waan taʼeef, dhiphina yeroo Ilmi isaa duʼetti isa irra gaʼe jechaan ibsuu hin dandeenyu. Ibsuu kan dandeenyu, sababii Yihowaan wanta kana itti heyyame qofa dha. Yihowaan wanti akkasii akka isa irra gaʼu kan heyyame maaliifi? Yohaannis 3:16 irratti yaada dinqisiisaa taʼe tokko nuu ibseera. Caqasni Kitaaba Qulqulluu kun yaada baayʼee barbaachisaa taʼe waan qabateef, yaada ijoo Wangeelaa jedhameera. Caqasichi: “Isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennutti addunyaa baayʼee jaallateera” jedha. Kanaaf, Yihowaan kana akka godhu kan isa kakaase jaalala dha. Yihowaan Ilmi isaa nuuf jedhee akka dhiphatuu fi akka duʼu nuu erguun isaa, gocha jaalalaa hunda irra caalu dha.
‘Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha kenneera’
Jaalalli Maali Dha?
10. Ilmaan namootaa fedhii akkamii qabu? Hiikni jecha “jaalala” jedhuu maal taʼeera?
10 Jechi “jaalala” jedhu hiikni isaa maali dha? Jaalalli wantoota ilmaan namootaatiif barbaachisan keessaa isa guddaa akka taʼe dubbatama. Ilmaan namootaa yeroo dhalatanii kaasee hamma duʼanitti, jaalala argachuu barbaadu; jaalala yommuu argatan ni lalisu, jaalala yommuu dhaban immoo cooliguu fi duʼuu illee ni dandaʼu. Taʼus, jecha kana ibsuun baayʼee rakkisaa dha. Dhugaa dha, namoonni jaalala ilaalchisee waan baayʼee jedhu. Kitaabonni, sirboonnii fi walaloowwan waaʼee jaalalaa ibsan hedduun jiru. Haa taʼu malee, wantoonni kun yeroo hunda hiika jaalalaa sirriitti hin ibsan. Namoonni jecha kanatti yeroo baayʼee waan fayyadamaniif, hiikni isaa inni sirriin hanga wallaalamutti gaʼeera.
11, 12. (a) Waaʼee jaalalaa barumsa guddaa eessaa argachuu dandeenya? Akkas kan jennu hoo maaliifi? (b) Afaan Giriikii isa durii keessatti gosawwan jaalalaa meeqatu caqasame? Kitaabota Qulqulluu afaan Giriikii keessatti “jaalala” argisiisuuf jechi balʼinaan itti hojjetame isa kami? (Miiljalees ilaali.) (c) Yeroo baayʼee Kitaaba Qulqulluu keessatti agaappeen hiika akkamii qaba?
11 Kitaabni Qulqulluun garuu waaʼee jaalalaa barumsa ifa taʼe barsiisa. Eksipooziitarii Dikshinarii oov Niiwu Teestaamanti Wordis, inni nama Vaayin jedhamuun qophaaʼe, “Jaalalli beekamuu kan dandaʼu gocha isaatiin qofa dha” jedha. Gochi Yihowaa inni Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame, jaalala dhugaa inni uumamawwan isaatiif qabu ilaalchisee wanta hedduu nu barsiisa. Fakkeenyaaf, gocha jaalalaa Yihowaa isa gita hin qabnee fi olitti ibsame caalaa wanti waaʼee amala kanaa ibsuu dandaʼu jiraa? Boqonnaawwan itti aanan keessatti, fakkeenyota hedduu gocha jaalalaa Yihowaa ibsan ni ilaalla. Kana malees, afaan Kitaabni Qulqulluun ittiin barreeffameen jechoota “jaalala” argisiisuuf itti hojjetaman irraa hubannaa argachuu dandeenya. Afaan Giriikii isa durii keessatti jechoonni “jaalala” argisiisuuf itti hojjetaman afur turan.a Isaan keessaa, Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti hunda isaanii caalaa baayʼinaan kan argamu jecha agaappee jedhu dha. Galmeen jechootaa Kitaaba Qulqulluu tokko, “jaalala ibsuuf jechi kana caalu hin jiru” jedheera. Maaliifi?
12 Akka Kitaaba Qulqulluu keessatti itti hojjetametti agaappeen jaalala dhugaa buʼuuraatiin geggeeffamu dha. Kanaaf, jaalalli akkasii miira warra kaaniif qabnu qofa irratti kan hundaaʼe miti. Jaalalli kun hiika balʼaa kan qabu yeroo taʼu, wanti tokko sirrii akka taʼee fi gochuu akka qabnu hubachuudhaan kan argisiifamu dha. Akkasumas jaalalli Kiristiyaanaa ykn agaappeen ofittummaa irraa guutummaatti bilisa dha. Fakkeenyaaf mee ammas Yohaannis 3:16 ilaali. ‘Addunyaan’ inni Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennuufitti jaallate isa kami? Ilmaan namootaa aarsaa furii Yesuus irraa fayyadamuu dandaʼan hunda argisiisa. Namoota kana keessaa hedduun isaanii immoo amma iyyuu jireenya Waaqayyoon hin gammachiisne jiraachaa jiru. Yihowaan, akkuma Abrahaam isa amanamaa jaallate, namoota hunda dhuunfaatti akka michuu isaatti ni jaallataa? Lakki. (Yaaqoob 2:23) Haa taʼu malee, gatii guddaa kan isa kaffalchiisu taʼus namoota hundatti gaarummaa ni argisiisa. Namoonni hundi yaada akka geddaratanii fi daandii isaanii akka jijjiiran barbaada. (2 Pheexiros 3:9) Namoonni hedduun kana godhaniiru. Yihowaanis namoota kana akka michoota isaatti isaan simateera.
13, 14. Jaalalli Kiristiyaanaa ykn agaappeen yeroo baayʼee miira hoʼaa akka dabalatu wanti argisiisu maali dha?
13 Taʼus namoonni tokko tokko akkaataa agaappeen Kitaaba Qulqulluu keessatti itti hojjetame dogoggoraan hubatu. Jaalalli kun qabbanaaʼaa akka taʼee fi beekumsa qofa irratti kan hundaaʼe akka taʼetti yaadu. Haa taʼu malee, yeroo baayʼee jaalalli Kiristiyaanaa ykn agaappeen nama tokkoof jaalala hoʼaa qabaachuus kan dabalatu dha. Fakkeenyaaf Yohaannis, “Abbaan Ilma ni jaallata” jedhee yeroo barreessetti jecha agaappee jedhutti fayyadameera. (Yohaannis 3:35) Jaalalli kun miira hoʼaa kan hin qabnedhaa? Yesuus, “Abbaan ilma ni jaallata” yeroo jedhu jecha fiiliyoo jedhutti akka fayyadame yaadadhu. (Yohaannis 3:35; 5:20) Jaalalli Yihowaa yeroo baayʼee miira hoʼaa kan dabalatu dha. Haa taʼu malee, jaalalli isaa miiraan qofa kan oofamu miti. Yeroo hunda dhugaawwan buʼuuraa isaa warra ogummaa fi haqa irratti hundaaʼaniin geggeeffama.
14 Akkuma kanaan dura ilaalle amalawwan Yihowaa hundi baʼeessa, mudaa kan hin qabnee fi kan nama hawwatani dha. Haa taʼu malee, hunda isaanii caalaa kan nama hawwatu jaalala dha. Wanti akka jaalalaa Yihowaatti nu dhiheessuuf humna qabu hin jiru. Kana nama gammachiisu immoo jaalalli amala Yihowaa isa hunda irra caalu dha. Kana akkamitti beekna?
“Waaqayyo Jaalala”
15. Kitaabni Qulqulluun jaalala isa amala Yihowaa isa guddaa taʼe ilaalchisee maal jedha? Ibsi kun adda kan taʼe hoo maaliifi? (Miiljalees ilaali.)
15 Kitaabni Qulqulluun amalawwan Yihowaa warra guguddaa kaan irraa haala adda taʼeen waaʼee jaalalaa wanta dubbatu qaba. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo humna ykn haqa ykn ogummaa akka taʼe hin dubbatu. Yihowaan amalawwan kana kan qabu taʼuu isaa irra iyyuu, madda amalawwan kanaa ti; akkasumas amalawwan kana sadan argisiisuudhaan qaamni isaan qixxaatu hin jiru. Haa taʼu malee, “Waaqayyo jaalala” jechuudhaan amala isaa isa arfaffaa ilaalchisee wanta adda taʼe dubbata.b (1 Yohaannis 4:8) Kana jechuun maal jechuu dha?
16-18. (a) Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo jaalala” kan jedhu maaliifi? (b) Uumamawwan lafa irratti argaman hunda keessaa, namni jaalala Yihowaatiif fakkeenya gaarii kan taʼu maaliifi?
16 “Waaqayyo jaalala” jechuun, “Waaqayyo jaalalaa wajjin qixxee dha” jechuu miti. Hima kana garagalchinee, “jaalalli Waaqayyo dha” jechuu hin dandeenyu. Yihowaan amala qaama hin qabne irra baayʼisee caala. Inni jaalala malees miirawwanii fi amalawwan hedduu qaba. Jaalalli garuu amala isaa isa guddaa dha. Kanaan kan kaʼes galmeen jechootaa Kitaaba Qulqulluu tokko caqasa kana ilaalchisee, “Waaqayyo guutummaatti jaalala dha” jedheera. Dhimma kana ilaalchisee akkas jennee yaaduu dandeenya: Humni Yihowaa waa gochuuf isa dandeessisa. Haqnii fi ogummaan isaa immoo akkaataa inni wanta sana itti raawwatu qajeelchu. Jaalalli Yihowaa garuu wanta tokko akka raawwatu isa kakaasa. Akkaataa amalawwan isaa warra kaan itti fayyadamu irratti jaalalli isaa ni mulʼata.
17 Kitaabni Qulqulluun, Yihowaan jaalala argisiisuudhaan fakkeenya hunda irra caalu akka taʼe nutti hima. Kanaaf, waaʼee jaalala isa dhugaa buʼuuraatiin geggeeffamuu beekuu yoo barbaanne, waaʼee Yihowaa barachuu qabna. Dhugaa dha, amala gaarii kana namoota irrattis arguu dandeenya. Garuu kun kan taʼe maaliifi? Yihowaan yeroo namoota uumetti, ilma isaatiin taʼuu dandaʼa, “Akka bifa keenyaatti, akka fakkaattii keenyaattis nama haa tolchinu” jedheera. (Uumama 1:26) Uumamawwan lafa irratti argaman hunda keessaa, Abbaa isaanii isa samii jaallachuu fi fakkeenya isaa hordofuu kan dandaʼan namoota qofa dha. Yihowaan amalawwan isaa warra guguddaa ibsuuf uumamawwan adda addaatti fayyadameera. Taʼus amala isaa isa guddaa kan taʼe jaalala isaa ibsuuf, nama isa uumamawwan hunda irra caalutti fayyadameera.—Hisqiʼel 1:10.
18 Dhugaawwan buʼuuraa irratti hundoofnee yommuu jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiisnu, amala Yihowaa isa hunda irra caalu calaqqisna. Akkuma Yohaannis ergamaan barreesse, “Inni dursee waan nu jaallateef, nuti jaalala ni argisiisna.” (1 Yohaannis 4:19) Haa taʼu malee, Yihowaan dursee kan nu jaallate karaawwan kamiini?
Yihowaan Dursee Jaalala Nutti Argisiiseera
19. Jaalalli Yihowaan uumuu akka jalqabu gochuu irratti shoora guddaa qaba kan jennu maaliifi?
19 Jaalalli wanta haaraa miti. Yihowaan uumuu akka jalqabu kan isa kakaase maali dha? Kophaa taʼuu isaatiin kan kaʼe michuun waan isa barbaachiseef hin turre. Yihowaan guutuu fi kan of dandaʼe waan taʼeef, qaamni isa gargaaru isa hin barbaachisu. Kanaa mannaa uumuu kan jalqabe, jaalalli isaa uumamawwan isaa warra yaaduu dandaʼanii fi kennaa kana dinqisiifataniif jireenya akka kennu waan isa kakaaseefi. Qaamni “Uumama Waaqayyoo keessaa isa jalqabaa taʼe” Ilma isaa isa tokkicha dha. (Mulʼata 3:14) Achiis Yihowaan Hojjetaa isaa isa dandeettii qabutti fayyadamee, maleekota irraa jalqabee wantoota kaan hunda gara jireenyaatti fide. (Iyyoob 38:4, 7; Qolosaayis 1:16) Qaamonni hafuuraa humna guddaa qaban kun, bilisummaa, dandeettii yaaduu fi miira waan qabaniif ofii isaaniif, walii isaanii fi hunda caalaa immoo Yihowaaf jaalala qabaachuu dandaʼu. (2 Qorontos 3:17) Akka kanaan, dursanii waan jaallatamaniif isaanis jaallachuu dandaʼaniiru.
20, 21. Addaamii fi Hewaan ragaawwan Yihowaan akka isaan jaallatu argisiisan akkamii qabu turan? Isaan garuu maal godhan?
20 Yihowaan jaalala kana ilmaan namootaattis argisiiseera. Jalqabumaa kaasee Addaamii fi Hewaan wantoota jaalala Yihowaa isa guddaa argisiisaniin marfamanii turan. Jannata Eedan ishii mana isaanii taate keessatti bakka hunda yommuu ilaalan, jaalala Abbaan isaanii isaaniif qabu arguu dandaʼu turan. Kitaabni Qulqulluun, “Yihowaan kallattii bahaatiin Eedan keessatti iddoo biqiltuu ni dhaabe; namicha tolche sanas achi keessa kaaʼe” akka jedhu qalbeeffadhu. (Uumama 2:8) Bakka biqiltuun jiru ykn paarkii bareedu tokko dhaqxee beektaa? Hunda caalaa wanti si gammachiise maal ture? Ifa biiftuu gaaddisa mukeetii gidduudhaan mulʼatudhaa? Abaaboowwan halluu garaa garaa qabanidhaa? Sagalee fincaaʼaa, waca simbirrootaa fi ilbiisotaatii? Urgaa mukeetii, urgaa firiiwwanii fi abaabootii? Karaa kamiin iyyuu, paarkiin jannata Eedan wajjin wal gituu dandaʼu hin jiru. Maaliifi?
21 Jannata kana kan qopheesse Yihowaa dha! Iddoon sun baayʼee kan nama gammachiisu akka ture hin shakkisiisu. Achi keessa mukti ija namaatti toluu fi firiin isaa miʼaawaa taʼe hundi jira ture. Jannanni sun akka gaariitti bishaan kan argatu, balʼaa fi bineeldota adda addaatiin kan guutame ture. Addaamii fi Hewaan hojii gammachiisaa fi hiriyyummaa mudaa hin qabne dabalatee, wantoota jireenyi isaanii gammachuu akka qabaatuu fi guutuu akka taʼu godhan hunda qabu turan. Yihowaan dursee waan isaan jaallateef, isa jaallachuuf sababii gaʼaa qabu turan. Isaan garuu, kana utuu hin godhin hafaniiru. Jaalalaan kakaʼanii Abbaa isaanii isa samiitiif ajajamuu mannaa, ofittoo waan taʼaniif isa irratti fincilaniiru.—Uumama, boqonnaa 2.
22. Fincila Eedan keessatti kaʼe ilaalchisee tarkaanfiin Yihowaan fudhate, jaalalli isaa amanamaa taʼuu isaa kan mirkaneessu akkamitti?
22 Gochi isaanii kun Yihowaa baayʼee gaddisiisee akka ture beekamaa dha. Haa taʼu malee, kun namoota jaallachuu akka dhiisu isa taasiseeraa? Hin goone! “Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.” (Faarfannaa 136:1) Kanaan kan kaʼes, ijoollee Addaamii fi Hewaan warra garaa qajeelaa qaban furuuf jaalalaan kakaʼee yeruma sana qophii godheera. Akkuma olitti ilaalle, qophiin kun aarsaa furii Ilma isaa isa jaallatamaa kan dabalatu yeroo taʼu, kunis Yihowaan gatii guddaa akka kaffalu godheera.—1 Yohaannis 4:10.
23. Sababiiwwan Yihowaan “Waaqa gammadaa” itti taʼe keessaa inni tokko maali dha? Boqonnaa itti aanu irratti gaaffii barbaachisaa kam irratti mariʼanna?
23 Eeyyee, Yihowaan jalqabumaa kaasee ilmaan namootaatti jaalala argisiisuuf dursa fudhateera. Inni karaawwan hedduudhaan, ‘dursee nu jaallateera.’ Jaalalli, tokkummaa fi gammachuu waan argamsiisuuf, Yihowaan “Waaqa gammadaa” jedhamuun isaa nama hin dinqisiisu. (1 Ximotewos 1:11) Haa taʼu malee, as irratti gaaffiin barbaachisaa taʼe tokko ni kaʼa. Dhuguma Yihowaan dhuunfaadhaan nu jaallataa? Boqonnaan itti aanu waaʼee kanaa ibsa.
a Jechi fiiliyoo jedhu “jaalala michuu dhihoo ykn obboleessa ofiitiif qaban kan argisiisu yeroo taʼu, baayʼinaan Kitaabota Qulqulluu afaan Giriikii keessatti itti hojjetameera. Jechi istoorjii jedhu jaalala maatii keessatti argamu kan argisiisu yeroo taʼu, jechi kun 2 Ximotewos 3:3 irratti jaalala isa guyyoota dhumaatti badu argisiisuuf itti hojjetameera. Jechi eeros jedhu immoo, jaalala saala faallaa gidduutti uumamu kan argisiisu dha; jaalalli akkasii Kitaaba Qulqulluu keessatti kan ibsame taʼus, Kitaabota Qulqulluu afaan Giriikii keessatti hin argamu.—Fakkeenya 5:15-20.
b Kitaaba Qulqulluu keessa yaadawwan kanaa wajjin wal fakkaatan jiru. Fakkeenyaaf, “Waaqayyo ifa dha,” akkasumas “Waaqni . . . ibidda gubee balleessu dha” jedhameera. (1 Yohaannis 1:5; Ibroota 12:29) Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun akkas kan jedhe Yihowaa wantoota kanatti fakkeessee ibsuuf jedhee akka taʼe beekamaa dha. Yihowaan qulqulluu fi qajeelaa waan taʼeef ifatti fakkeeffamuu dandaʼa. “Dukkanni” ykn xuraaʼummaan isa keessa hin jiru. Humna balleessuuf qabutti waan fayyadamuufis, ibiddatti fakkeeffamuu dandaʼa.
-
-
Wanti Kam Iyyuu ‘Jaalala Waaqayyoo Irraa Gargar Nu hin Baasu’Yihowaatti Dhihaadhu
-
-
BOQONNAA 24
Wanti Kam Iyyuu ‘Jaalala Waaqayyoo Irraa Gargar Nu hin Baasu’
1. Kiristiyaanota dhugaa tokko tokko dabalatee, namoonni hedduun ilaalcha dogoggora akkamii qabu?
YIHOWAAN dhuunfaatti si jaallataa? Namoonni tokko tokko, akkuma Yohaannis 3:16 irratti ibsame Waaqayyo walumaa galatti ilmaan namootaa akka jaallatu ni amanu. Haa taʼu malee, ‘Waaqayyo matumaa anaan jaallachuu hin dandaʼu’ jedhanii yaadu. Kiristiyaanonni dhugaan illee darbee darbee shakkii akkasii qabaachuu dandaʼu. Namni abdii kutate tokko, “Waaqayyo xinnuma illee anaaf ni yaada jedhee amanuun baayʼee natti ulfaata” jedheera. Siinoo yeroo tokko tokko akkas sitti dhagaʼamaa?
2, 3. Yihowaa duratti gatii akka hin qabne ykn akka hin jaallatamne nu amansiisuu kan barbaadu eenyu? Ilaalcha akkasii moʼuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Seexanni, Yihowaan nu hin jaallatu ykn bakka guddaa nuuf hin kennu jennee akka yaannu barbaada. Yeroo baayʼee namoonni akka of bokoksan ykn of tuulan gochuudhaan akka isaan gowwoomsu beekamaa dha. (2 Qorontos 11:3) Haa taʼu malee, namoonni gatii akka hin qabne akka isaanitti dhagaʼamu gochuunis baayʼee isa gammachiisa. (Yohaannis 7:47-49; 8:13, 44) Keessumaa “guyyoota dhumaa” rakkisoo taʼan kanatti akkas gochaa jira. Namoonni yeroo ammaatti argaman hedduun maatii “jaalala hin qabne” keessatti guddatan. Warri kaan immoo, guyyaa guyyaadhaan namoota gara jabeeyyii, ofittoo fi mata jabeeyyii taʼanii wajjin oolu. (2 Ximotewos 3:1-5) Namoonni akkasii waggoota hedduuf rakkinni ykn jibbi isaan irra gaʼuun isaa, gatii akka hin qabne ykn akka hin jaallatamne akka isaanitti dhagaʼamu godhee taʼuu dandaʼa.
3 Miirri dogoggoraa akkasii yoo sitti dhagaʼame abdii hin kutatin. Baayʼeen keenya yeroo tokko tokko garaa ofitti jabaanna. Haa taʼu malee, Dubbiin Waaqayyoo “wanta hundumaa sirreessuuf” akkasumas “dahoowwan jajjaboo garagalchuuf” akka qophaaʼe yaadadhu. (2 Ximotewos 3:16; 2 Qorontos 10:4) Kitaabni Qulqulluun, “isa durattis garaa keenya ni tasgabbeessina; wanta garaan keenya nutti murteessu hundumaa irratti kana ni goona; sababiin isaas, Waaqayyo garaa keenya irra ni caala, wanta hundumaas beeka” jedha. (1 Yohaannis 3:19, 20) Mee karaawwan Kitaabni Qulqulluun Yihowaan akka nu jaallatu “garaa keenya” amansiisuuf nu gargaaru afur haa ilaallu.
Yihowaan Bakka Guddaa Siif Kenna
4, 5. Fakkeenyi Yesuus waaʼee dimbiixii dubbate, Yihowaa biratti gatii akka qabnu kan argisiisu akkamitti?
4 Tokkoffaa, Kitaabni Qulqulluun tajaajiltoonni Waaqayyoo hundi isa duratti gatii guddaa akka qaban barsiisa. Fakkeenyaaf Yesuus akkas jedheera: “Dimbiixiiwwan lama saantima gatii xinnoo qabdu tokkoon gurguramu mitii? Taʼus, isaan keessaa ishiin tokko illee utuu Abbaan keessan hin beekin lafa irra hin buutu. Isin garuu rifeensi mataa keessanii hundi iyyuu lakkaaʼameera. Egaa hin sodaatinaa; isin dimbiixiiwwan hedduu caalaa gatii guddaa qabdu.” (Maatewos 10:29-31) Yaanni kun, dhaggeeffattoota Yesuus warra jaarraa jalqabaatti turaniif hiika akkamii akka qabu ilaali.
“Isin dimbiixiiwwan hedduu caalaa gatii guddaa qabdu”
5 ‘Namni tokko dimbiixii kan bitu maaliifi?’ jennee gaafanna taʼa. Bara Yesuus lafa irra turetti dimbiixiin simbirroota nyaataaf oolan keessaa hunda caalaa rakasa turte. Namni tokko saantiima xinnoo tokkoon dimbiixii lama bituu dandaʼa ture. Yesuus itti fufuudhaan namni tokko saantima lama yoo qabaate, dimbiixii afur utuu hin taʼin shan bituu akka dandaʼu dubbateera. Ishiin tokko akka eebbaatti kennamti turte. Tarii simbirroonni kun namoota duratti akka waan gatii hin qabneetti ilaalamu taʼa; Yihowaan garuu ilaalcha akkamii isaaniif qaba? Yesuus, “Taʼus, isaan keessaa ishiin tokko illee [ishiin akka eebbaatti kennamte illee] Waaqayyo duratti hin dagatamtu” jedheera. (Luqaas 12:6, 7) Amma wanta Yesuus jechuu barbaade hubachuu dandeenya. Yihowaan dimbiixii tokkoof iddoo guddaa akkasii kan kennu erga taʼee, namni hoo isa biratti kana caalaa gatii hin qabuu? Akkuma Yesuus jedhe, Yihowaan waaʼee keenya waan hunda beeka. Rifeensi mataa keenyaa illee lakkaaʼamaa dha!
6. Yesuus rifeensi mataa keenyaa akka lakkaaʼame yeroo dubbatu, arbeessaa akka hin jirre mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?
6 Dhuguma rifeensi keenya lakkaaʼamuu dandaʼaa? Namoonni tokko tokko wanti Yesuus as irratti dubbate kan arbeeffame akka taʼetti yaadu taʼa. Haa taʼu malee, mee waaʼee abdii duʼaa kaʼuu yaadi. Yihowaan deebisee kan nu uumu, waaʼee keenya guutummaatti waan beekuufi. Yihowaan iddoo guddaa waan nuu kennuuf, koodii jiinii keenya keessatti argamu dabalatee wantoota umurii keenya guutuu sammuutti qabannee fi mudannoo keenya hunda ni yaadata.a Kanaa wajjin yeroo waliin ilaalamu rifeensa mataa keenyaa isa giddu galeessaan baayʼinni isaa gara 100,000 taʼu lakkaaʼuun baayʼee salphaa dha.
Yihowaan Yommuu Garaa Keenya Ilaalu Maal Irratti Xiyyeeffata?
7, 8. (a) Amalawwan gaggaariin Yihowaan yommuu garaa namootaa qoru argachuu barbaadu tokko tokko kamfaʼi? (b) Hojiiwwan Yihowaan bakka guddaa kennuuf tokko tokko kamfaʼi?
7 Lammaffaa, Kitaabni Qulqulluun Yihowaan yommuu tajaajiltoota isaa ilaalu maal irratti akka xiyyeeffatu nu barsiisa. Gabaabumatti, amalawwan keenya warra gaggaarii fi carraaqqii isa tajaajiluuf goonutti gammada. Daawit Mootichi, ‘Yihowaan garaa hundumaa ni qora, yaadaa fi fedhii hundumaa ni hubata’ jedhee ilma isaa Solomoonitti himeera. (1 Seenaa Baraa 28:9) Waaqayyo addunyaa hamminaa fi jibbaan guutame kana keessatti garaa namoota biliyoonaan lakkaaʼamanii yommuu qorutti, garaa nagaa, dhugaa fi qajeelummaa jaallatu yommuu argatu hammam gammada laata? Waaqayyo garaa jaalala isaatiin guutame, akkasumas waaʼee isaa barachuu fi beekumsa kana warra kaaniif hiruu barbaadu yommuu argatu maaltu itti dhagaʼama? Yihowaan namoota waaʼee isaa warra kaanitti himaniif xiyyeeffannaa akka kennu nutti himeera. Inni “Warra Yihowaa sodaatanii fi maqaa isaa irratti xiinxalaniif” ‘kitaaba yaadannoo’ illee qopheesseera. (Miilkiyaas 3:16) Amalawwan akkasii isa biratti iddoo guddaa qabu.
8 Hojiiwwan gaggaariin Yihowaan bakka guddaa kennuuf tokko tokko kamfaʼi? Carraaqqii Ilma isaa Yesuus Kiristoosiin fakkaachuuf goonuuf bakka guddaa akka kennu beekamaa dha. (1 Pheexiros 2:21) Hojii barbaachisaan Waaqayyo bakka guddaa kennuuf inni tokko, misiraachoo waaʼee Mootummaa isaa dubbatu babalʼisuu dha. Roomaa 10:15, “Miilli namoota wantoonni gaggaariin akka dhufan misiraachoo labsanii akkam bareeda!” jedha. Yeroo baayʼee miilli keenya bareedaa akka taʼetti hin yaannu taʼa. As irratti garuu miilli, carraaqqii sabni Yihowaa misiraachicha lallabuuf godhan argisiisa. Carraaqqiin akkasii, Yihowaa duratti bareedaa fi bakka guddaa kan qabudha.—Maatewos 24:14; 28:19, 20.
9, 10. (a) Yihowaan rakkina adda addaa keessatti jabaannee dhaabachuu keenya akka dinqisiifatu akkamitti beekna? (b) Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoo taʼaniif ilaalcha dogoggoraa akkamii hin qabu?
9 Yihowaan jabaannee dhaabachuu keenyaafis iddoo guddaa kenna. (Maatewos 24:13) Seexanni, Yihowaa irraa akka fagaattu akka barbaadu yaadadhu. Guyyaa guyyaadhaan amanamaa taatee jiraachuun kee, Yihowaan arrabsoo Seexanaatiif deebii akka kennu godha. (Fakkeenya 27:11) Jabaatanii dhaabachuun yeroo tokko tokko salphaa miti. Dhibeen fayyaa, rakkinni dinagdee, dhiphinnii fi rakkinni kan biraan guyyaa guyyaadhaan qorumsa sitti taʼuu dandaʼa. Abdiin lafa irra harkifamus gammachuu si dhabsiisuu dandaʼa. (Fakkeenya 13:12) Rakkoowwan akkasii keessatti jabaattee dhaabachuun kee Yihowaa biratti gatii guddaa qaba. Daawit Mootichi Yihowaan imimmaan isaa “qalqalloo” keessatti akka walitti isaaf qabu erga gaafatee booda, “inni kitaaba kee keessatti galmeeffameera mitii?” jechuudhaan amanannaa qabu ibseera. (Faarfannaa 56:8) Eeyyee, Yihowaan carraaqqii isaaf amanamoo taʼuuf goonuu wajjin haala wal qabateen, imimmaan dhangalaasnuu fi rakkina dabarsinu hunda ni yaadata; bakka guddaas ni kennaaf. Wantoonni kun Yihowaa biratti iddoo guddaa qabu.
Yihowaan rakkina adda addaa keessatti jabaannee dhaabachuu keenyaaf iddoo guddaa kenna
10 Haa taʼu malee, garaan keenya inni nu ceephaʼu, ragaawwan Yihowaan bakka guddaa akka nuu kennu argisiisan kana fudhachuu diduu dandaʼa. Garaan keenya yeroo hunda akkas nuun jedha taʼa: ‘Garuu ana caalaa namoonni fakkeenya gaarii taʼan hedduun jiruum. Yihowaan yeroo isaanii wajjin wal bira qabee na ilaalu baayʼee natti gadda.’ Yihowaan namoota wal bira qabee hin ilaalu; akkasumas waan tokkotti kan cichuu fi hamaa miti. (Galaatiyaa 6:4) Yihowaan garaa keenya of eeggannoodhaan kan ilaalu yeroo taʼu, wanta gaarii xinnoo illee yoo argate wanta sanaaf bakka guddaa kenna.
Yihowaan Wanta Gadhee Keessaa Wanta Gaarii Calalee Baasa
11. Wanta Yihowaan Abiyaa ilaalchisee dubbate irraa waaʼee isaa maal baranna?
11 Sadaffaa, Yihowaan wanta gaarii nu keessa jiru calalee baasuuf of eeggannoodhaan nu qora. Fakkeenyaaf, Yihowaan maatiin Yerobiʼaam Mootichaa inni gantuu ture guutummaatti akka balleeffamu yommuu murteesse, ilmi mootichaa Abiyaan awwaala ulfina qabu akka argatu ajajeera. Maaliifi? ‘Yihowaan Waaqni Israaʼel wanta gaarii isa keessatti waan argateef’ ture. (1 Mootota 14:1, 10-13) Yihowaan garaa mucaa sanaa keessaa calalee ‘wanta gaarii’ argateera jechuun ni dandaʼama. Wanti gaariin sun hammam iyyuu xinnoo taʼus, Yihowaan Dubbii isaa keessatti galmeeffamuu akka qabu itti dhagaʼameera. Nama miseensa maatii gantuu taʼe kanaa tokkotti araara isaaf malu argisiisuudhaan isa kiiseera.
12, 13. (a) Haalli Yoshaafaax Mootichaa, cubbuu yoo hojjenne illee Yihowaan nu keessatti wanta gaarii argachuuf akka yaalu kan argisiisu akkamitti? (b) Hojii gaarii hojjennuu fi amala gaarii qabnu ilaalchisee, Yihowaan warraa wajjin wal fakkaachuu kan dandaʼu akkamitti?
12 Yoshaafaax isa Mootii gaarii ture irraas fakkeenya kana irra caalu argachuu dandeenya. Mootichi wanta sirrii hin taane yommuu raawwatetti raajiin Yihowaa, “Sababii kanaatiin dheekkamsi Yihowaa si irratti ni dhufa” jedheen. Kun yaada nama naasisu dha! Haa taʼu malee, ergaan Yihowaa asuma irratti hin dhaabanne. Itti fufuudhaan, “wantoonni gaariin si keessatti argamaniiru” jedheen. (2 Seenaa Baraa 19:1-3) Kanaaf, Yihowaan aariin isaa inni qajeelummaa irratti hundaaʼe, wanta gaarii garaa Yoshaafaax keessa jiru akka hin argine isa hin goone. Dhuguma iyyuu Yihowaan namoota cubbamoota taʼan irraa addadha! Nuti yommuu namoota kaanitti aarru, wanta gaarii isaan keessa jiru arguun nu rakkisa. Yommuu cubbuu raawwannu immoo, abdii waan kutannuuf, waan qaanofnuu fi waan of ceephaanuuf wanta gaarii nu keessa jiru arguu dadhabna. Haa taʼu malee, yaada yoo geddarannee fi lammata cubbuu sana hojjechuu dhiisuuf carraaqqii cimaa yoo goone, Yihowaan dhiifama akka nuu godhu hin dagatin.
13 Yihowaan yommuu qoree si ilaalu, akkuma namni warqee gingilchu cirracha hin barbaadamne gatu, cubbuuwwan akkasii yeroo argatu ni gata. Amalootaa fi hojiiwwan kee warra gaggaarii hoo maal godha? Amalawwan kun “warqee” waan taʼaniif ni kaaʼata! Warri ijoollee isaanii jaallatan fakkii ykn hojii mana barumsaa ijoolleen isaanii qopheessaniif iddoo guddaa kennu; yeroo tokko tokko ijoolleen sun kan irraanfatan yoo taʼe illee isaa waggoota dheeraaf kaaʼu. Yihowaan warra kam iyyuu caalaa ijoollee isaa ni jaallata. Isaaf amanamoo taanee yoo itti fufne, hojii gaarii raawwannee fi amala keenya isa gaarii matumaa hin irraanfatu. Wantoota akkasii irraanfachuu akka jalʼinaatti kan ilaalu yeroo taʼu, inni immoo matumaa jalʼaa miti. (Ibroota 6:10) Yihowaan karaa kan biraadhaanis garaa keenya ni calala.
14, 15. (a) Cubbuun dhaalle Yihowaan wanta gaarii nu keessa jiru akka hin argine kan isa hin goone maaliifi? Fakkeenyaan ibsi. (b) Yihowaan nu keessatti wanta gaarii yommuu argatu maal godha? Saba isaa amanamoo taʼan akkamitti ilaala?
14 Yihowaan mudaa qabaachuu keenya qofa utuu hin taʼin, jijjiirama gochuu akka dandeenyus beeka. Namoonni ogummaa harkaa jaallatan, fakkii ykn meeshaa cabe tokko haaromsuuf carraaqqii guddaa godhu. Fakkeenyaaf, fakkiin Liiyonaardoo daa Viinchiin kaasee fi doolaara miliyoona 30 baasu tokko Godambaa Landan Ingilaandi keessatti kan argamu yeroo taʼu, namni tokko fakkii kana rasaasaan rukutee miidhe; yeroo kanatti eenyu iyyuu fakkiin kun waan miidhameef gatamuu qaba hin jenne. Yaaliin fakkii umurii gara waggaa 500 qabu kana haaressuuf godhamu yeruma sana jalqabame. Maaliifi? Fakkiin kun namoota ogummaa akkasii jaallatan biratti bakka guddaa waan qabuufi. Ati fakkii nooraa fi kasalaan kaafame kana caalaa gatii guddaa hin qabduu ree? Mudaan dhaalte hammam iyyuu kan si mancaase yoo taate, Waaqayyo duratti gatii guddaa qabda. (Faarfannaa 72:12-14) Yihowaan inni ogummaa guddaadhaan ilmaan namootaa uume, namoota kunuunsa inni isaanii godhu dinqisiifatan hunda cubbuu dhaalan irraa walaba gochuuf wanta barbaachisu hunda ni godha.—Hojii Ergamootaa 3:21; Roomaa 8:20-22.
15 Eeyyee, Yihowaan wanta gaarii nuti of keessatti arguu hin dandeenye illee ni arga. Yommuu isa tajaajillu immoo, mudaa kan hin qabne hamma taanutti amalli keenya inni gaariin guddachaa akka deemu godha. Addunyaan Seexanni bulchu kun, rakkina akkamii iyyuu yoo nu irraan gaʼe, Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoo ni jaallata; bakka guddaas ni kennaaf.—Haagee 2:7.
Yihowaan Yeroo Hunda Jaalala Isaa ni Argisiisa
16. Ragaan Yihowaan akka nu jaallatu argisiisu inni guddaan maali dha? Kennaan kun dhuunfaatti kan nuuf kenname taʼuu isaa akkamitti beekna?
16 Arfaffaa, Yihowaan akka nu jaallatu argisiisuuf waan baayʼee godheera. Aarsaan furii Kiristoos, soba Seexanni nuti Yihowaa biratti gatii akka hin qabnee fi akka hin jaallatamne dubbatuuf deebii hunda irra caalu kenna. Yesuus muka irratti gidiraa argee kan duʼee fi Yihowaan immoo Ilmi isaa inni jaallatamaan yommuu duʼu ilaaluudhaan kana caalaa kan dhiphate, waan nu jaallataniif akka taʼe dagachuu hin qabnu. Kan nama gaddisiisu garuu, namoonni hedduun kennaan kun isaaniif dhuunfaatti akka kenname amanuun isaan rakkisa. Kennaan kun akka isaaniif hin malle isaanitti dhagaʼama. Phaawulos ergamaan duuka buutota Kiristoos ariʼachaa akka ture yaadadhu. Taʼus, ‘Ilmi Waaqayyoo na jaallatee anaaf jedhee dabarsee of kenne’ jedhee barreesseera.—Galaatiyaa 1:13; 2:20.
17. Yihowaan gara ofii isaa fi gara Ilma isaatti kan nu harkisu maalitti fayyadamee ti?
17 Yihowaan faayidaawwan aarsaa Kiristoos irraa argaman dhuunfaatti akka argannu nu gargaaruudhaan akka nu jaallatu argisiiseera. Yesuus, “Abbaan inni na erge sun yoo isa harkise malee, namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu” jedheera. (Yohaannis 6:44) Eeyyee, Yihowaan dhuunfaadhaan gara Ilma isaattii fi gara abdii jireenya bara baraatti nu harkiseera. Akkamitti? Yihowaan kana kan godhu, ergaan isaa dhuunfaatti akka nuu lallabamu gochuu fi hafuura qulqulluutti fayyadamee ti; hafuurri kun immoo humni keenya kan daangeffamee fi cubbamoota taanu iyyuu dhugaawwan hafuuraa akka hubannuu fi hojii irra akka oolchinu nu gargaara. Kanaan kan kaʼes Yihowaan akkuma Israaʼelotaan jedhe nuunis, “Jaalala bara baraatiin si jaalladheera. Jaalala amanamaadhaan kanan ofitti si harkise kanaafi” jechuu dandaʼa.—Ermiyaas 31:3.
18, 19. (a) Karaan Yihowaan akka nu jaallattu itti argisiise keessaa inni guddaan isa kami? Kadhannaa keenya kan dhagaʼu isa qofa taʼuu isaa kan argisiisu maali dha? (b) Dubbiin Waaqayyoo, Yihowaan gara laafinaan akka nu dhaggeeffatu kan nuu mirkaneessu akkamitti?
18 Yihowaan dhuunfaatti hammam akka nu jaallatu karaan itti beeknu inni guddaan, mirga kadhannaa nuu kennuu isaa ti. Kitaabni Qulqulluun, hundi keenya “yeroo hundumaa” Waaqayyotti ‘kadhannaa’ akka dhiheessinu nu afeera. (1 Tasalonqee 5:17) Kadhannaa keenyas ni dhagaʼa. Inni, ‘Isa kadhannaa namaa dhagaʼu’ jedhamee waamameera. (Faarfannaa 65:2) Yihowaan hojii kana Ilma isaa dabalatee eenyuufi iyyuu hin kennine. Mee yaadi, Uumaan uumama cufaa, utuu hin dhiphatin kadhannaadhaan akka isatti dhihaannu nu jajjabeesseera. Garuu kan nu dhaggeeffatu akkamitti? Dantaa akka hin qabnee fi akka namaaf hin gaddine karaa argisiisuunii? Matumaa akkas miti.
19 Yihowaan garaa nuu laafa. Gara laafinni maali dha? Kiristiyaanni maanguddoon tokko akkas jedheera: ‘Rakkina garaa kee keessa jiru, akka garaa koo keessa jirutti ilaaluu.’ Dhuguma Yihowaan rakkinni kee isatti dhagaʼamaa? Yeroo sabni isaa rakkatan wanta isatti dhagaʼame ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun, “Yeroo isaan dhiphatan hundumaatti, innis ni dhiphate” jedha. (Isaayyaas 63:9) Yihowaan rakkina isaanii ilaaluu qofa utuu hin taʼin, isaaniif gaddeera. Yaanni Yihowaan, “Kan isin tuqu kam iyyuu qaroo ija kootii tuqa” jechuudhaan dubbate dhiphinni isaanii akka isatti dhagaʼamu argisiisa.b (Zakkaariyaas 2:8) Qaroon ijaa yoo tuqame baayʼee nama dhukkuba! Eeyyee, Yihowaan waaʼee keenyas akkasuma waan itti dhagaʼamuuf, yommuu dhiphannu innis ni dhiphata.
20. Gorsa Roomaa 12:3 irratti argamu hojii irra oolchuu yoo barbaanne, ilaalcha dogoggora taʼe akkamii irraa fagaachuu qabna?
20 Kiristiyaanni ilaalcha sirrii qabu kam iyyuu, ragaawwan Waaqayyo akka nu jaallatuu fi bakka guddaa akka nuu kennu argisiisan kana sababa godhatee akka of hin jajne ykn hin koorre beekamaa dha. Phaawulos ergamaan akkas jedhee barreesseera: “Namni isin gidduu jiru kam iyyuu, akka amantii Waaqayyo isaaf kennetti, sammuu fayyaa akka qabu karaa argisiisuun akka yaadu malee, hamma yaaduu qabu caalaa waaʼee ofii isaa akka hin yaanne gaarummaa guddaa naaf kennameen isinan gorsa.” (Roomaa 12:3) Abbaan keenya inni samii nu jaallachuun isaa kan nu gammachiisu taʼus, ilaalcha sirrii qabaachuudhaan jaalala Waaqayyoo hojii keenyaan akka argannu ykn akka nuuf malu goonee yaaduu hin qabnu.—Luqaas 17:10.
21. Yeroo hunda sobawwan Seexanni babalʼisu akkamii mormuu qabna? Dhugaa isa kamiin garaa keenya amansiisuu qabna?
21 Hundi keenya soba Seexanni Yihowaan bakka guddaa akka nuu hin kennine ykn akka nu hin jaallanne babalʼisu dabalatee soba isaa hunda mormuuf wanta dandeenyu hunda haa goonu. Rakkinni si irra gaʼe, Waaqayyo jaalalli isaa hammam iyyuu guddaa taʼus si jaallachuu akka hin dandeenye akka sitti dhagaʼamu yoo godhe ykn ija Waaqayyoo isa wanta hunda arguu dandaʼu duratti illee hojiin kee inni gaariin garmalee xinnoo waan taʼeef mulʼachuu akka hin dandeenye ykn cubbuun kee guddaa waan taʼeef duuti Ilma isaa illee cubbuu kanaaf dhiifama argamsiisuu akka hin dandeenye yoo sitti dhagaʼame soba amanaa jirta jechuu dha. Soba akkasii irraa guutummaatti fagaadhu! Kanaafuu, yaada Phaawulos geggeessaa hafuuraatiin barreesseen garaa keenya haa amansiisnu. Akkas jedheera: “duuti yookiin jireenyi yookiin maleekonni yookiin mootummoonni yookiin wantoonni amma jiran yookiin wantoonni dhufuuf jiran yookiin humnoonni yookiin ol kaʼiinsi yookiin gad fageenyi yookiin uumamni kan biraan akkamii iyyuu jaalala Waaqayyoo isa karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus ibsame irraa gargar nu baasuu akka hin dandeenye hubadheera.”—Roomaa 8:38, 39.
a Yeroo baayʼee Kitaabni Qulqulluun abdii duʼaa kaʼuu fi dandeettii Yihowaan yaadachuuf qabu wal qabsiisee ibsa. Nama amanamaa kan ture Iyyoob Yihowaadhaan, ‘Daangaa yeroo naaf keessee utuu na yaadattee!’ jedheera. (Iyyoob 14:13) Yesuus “warri awwaala yaadannoo keessa jiran hundi” duʼaa akka kaʼan dubbateera. Yihowaan namoota duʼaa kaasuu barbaadu akka gaariitti waan yaadatuuf akkas jedhamuun isaa sirrii dha.—Yohaannis 5:28, 29.
b Hiikawwan tokko tokko, caqasni kun namni saba Waaqayyoo tuqu qaroo Waaqayyoo utuu hin taʼin, qaroo Israaʼelotaa ykn qaroo isaa akka tuqu godhanii ibsu. Dogoggorri kun, barreessitoota yaanni kun Waaqayyoof ulfina akka hin fidnee fi balleeffamuu akka qabu itti dhagaʼamu tokko tokko irraa kan madde dha. Ilaalchi dogoggoraa kun, yaada Yihowaan warra kaaniif akka gaddu argisiisu kana dhokseera.
-
-
“Gara Laafina Guddaa Waaqa Keenyaa”Yihowaatti Dhihaadhu
-
-
BOQONNAA 25
“Gara Laafina Guddaa Waaqa Keenyaa”
1, 2. (a) Haati tokko daaʼimni ishii yommuu booʼu maal gooti? (b) Haadha tokko caalaa gara laafina kan qabu eenyu?
HALKAN walakkaa daaʼimni tokko ni booʼe. Haati isaa yeruma sana hirribaa dammaqxe. Erga daaʼima kana deessee kaasee akka durii hirriba gaarii hin raftu. Sababiiwwan adda addaa daaʼimni ishii itti booʼu beekti. Beelaʼee, uruurfamuu ykn xiyyeeffannaa argachuu barbaadee taʼuu isaa beekti. Sababiin daaʼimni kun itti booʼe maal iyyuu yoo taʼe, haati isaa wanta isa barbaachisu hunda ni gootiif. Garaan ishii wanta daaʼima ishiitiif barbaachisu akka gootu ishii dirqisiisa.
2 Gara laafinni haati tokko daaʼima gadameessa ishiitii baʼeef qabdu, jaalala ilmaan namootaa qaban hunda irra ni caala. Haa taʼu malee, gara laafinni Waaqni keenya Yihowaan nuuf qabu, gara laafina haati tokko daaʼima ishiitiif qabdu irra ni caala. Amala namatti tolu kana qorachuun keenya, caalaatti Yihowaatti akka dhihaannu nu gargaara. Mee amma gara laafinni maal akka taʼee fi Waaqni keenya akkamitti amala kana akka argisiisu haa ilaallu.
Gara Laafinni Maali Dha?
3. Jechi afaan Ibrootaa gara laafina jedhamee hiikame hiika akkamii qaba?
3 Kitaaba Qulqulluu keessa jechoonni afaan Ibrootaa fi afaan Giriikii yaada gara laafina jedhu of keessaa qaban hedduun jiru. Isaan keessaa inni tokko jecha afaan Ibrootaa raahaam jedhamu dha. Galmeen jechootaa Kitaaba Qulqulluu tokko jecha kana miira cimaa yeroo namni jaallannu dhiphatu ykn gargaarsa keenya barbaadu nutti dhagaʼamu akka taʼe ibseera. Jechi afaan Ibrootaa Yihowaan miira isaa ibsuuf itti fayyadame kun, jecha “gadameessa” jedhuu wajjin walitti dhufeenya kan qabu yeroo taʼu, “gara laafina haadhaa” jedhamees hiikamuu dandaʼa.a—Baʼuu 33:19; Ermiyaas 33:26.
‘Haati takka ilma ishii isa gadameessa ishii keessaa baʼe irraanfachuu dandeessii?’
4, 5. Kitaabni Qulqulluun, jaalala haati tokko daaʼima ishiif qabdutti fayyadamee gara laafina Yihowaa kan nu barsiisu akkamitti?
4 Kitaabni Qulqulluun, jaalala haati tokko daaʼima ishiif qabdu akka fakkeenyaatti fayyadamuudhaan waaʼee gara laafina Yihowaa nu barsiisa. Isaayyaas 49:15, “Haati takka mucaa ishii isa hoosistu irraanfachuu dandeessii? Ilma ishii isa gadameessa ishii keessaa baʼeef hoo garaa hin laaftuu? Dubartoonni kun yoo irraanfatan illee, ani matumaa si hin irraanfadhu” jedha. Ibsi garaa namaa tuqu kun, Yihowaan saba isaatti gara laafina guddaa akka argisiisu akka gaariitti ibsa. Akkamitti?
5 Haati tokko daaʼima ishii kunuunsuu ni irraanfatti jedhanii yaaduun ulfaataa dha. Kana malees, daaʼimni tokko of gargaaruu waan hin dandeenyeef, halkanii fi guyyaa xiyyeeffannaa fi jaalalli haadha isaa isa barbaachisa. Kan nama gaddisiisu garuu, keessumaa ‘yeroo rakkisaa’ ‘jaalala dhabuun’ baayʼate kanatti haadhotiin ijoollee isaanii akka dagatan dhagaʼuun baramaa dha. (2 Ximotewos 3:1, 3) Yihowaan garuu, “Ani matumaa si hin irraanfadhu” jedheera. Inni yoom iyyuu tajaajiltoota isaatti gara laafina argisiisuu hin dhiisu. Gara laafinni Yihowaa, gara laafina cimaa haati tokko uumamaan daaʼima ishiif qabdu irra baayʼee caala. Kanaafuu hayyuun tokko Isaayyaas 49:15 ilaalchisee, “Kun, karaa isa guddaa Waaqayyo Kakuu Moofaa keessatti jaalala isaa itti ibse dha” jechuun isaanii nama hin dinqisiisu.
6. Namoonni hedduun gara laafinaaf ilaalcha akkamii qabu? Yihowaan garuu maal nuu mirkaneesseera?
6 Gara laafinni mallattoo dadhabinaatii? Namoonni hedduun ilaalcha akkasii qabu. Fakkeenyaaf, falaasaan biyya Roomaa Seneekaa jedhamu inni bara Yesuusitti jiraatee fi hayyoota guguddaa jedhaman keessaa tokko taʼe, “Warra kaaniif garaa laafuun dadhabina sammuu qabaachuu argisiisa” jedhee barsiiseera. Seneekaan, falaasama Isxooyikootaa isa tasgabbaaʼuu jajjabeessuu fi miira ofii ibsuu nama dhowwu barsiisa ture. Seneekaan, namni ogeessi tokko warra dhiphatan gargaaruu kan dandaʼu taʼus namootaaf gadduun isaa tasgabbii waan isa dhabsiisuuf akkas gochuu akka hin qabne ibseera. Ilaalchi ofittummaa irratti xiyyeeffate kun, namni tokko gara laafina xinnoo illee akka hin qabaanne godha. Yihowaan garuu ilaalcha akkasii kan hin qabne yeroo taʼu, “jaalala guddaa kan qabuu fi gara laafessa” akka taʼe Dubbii isaa keessatti nuu mirkaneesseera. (Yaaqoob 5:11) Akkuma kanatti aansee ilaallu, gara laafinni dadhabina utuu hin taʼin, amala cimaa fi barbaachisaa taʼe dha. Mee Yihowaan akkuma abbaa jaalala qabeessa taʼe tokkoo amala kana akkamitti akka argisiisu haa ilaallu.
Gara Laafina Yihowaan Saba Israaʼelitti Argisiise
7, 8. Israaʼelonni biyya Gibxii ishii durii keessatti kan dhiphatan akkamitti? Yihowaan hoo maal isaaniif godhe?
7 Yihowaan akkaataa saba Israaʼel itti qabeen gara laafessa taʼuu isaa argisiiseera. Dhaloota Kiristoos Dura dhuma jaarraa 16ffaatti, Israaʼelonni miliyoonaan lakkaaʼaman yeroo garbummaadhaan biyya Gibxii keessa jiranitti garmalee cunqurfamaa turan. Warri Gibxii, “Dhoqqee suphee isaan bukeessisuudhaan, xuubii hojjechiisuudhaan, . . . hojii cimaadhaan jireenya isaanii isaanitti hadheessan.” (Baʼuu 1:11, 14) Yeroo kanatti, Israaʼelonni waan dhiphataniif, Yihowaan akka isaan gargaaru isatti iyyatan. Maarree, Waaqni gara laafessi kun deebii akkamii kenneefi?
8 Yihowaan baayʼee isaaniif gadde. Akkas jedhe: “Ani dhugumaan rakkina saba koo warra Gibxii keessa jiranii argeera; warra dirqamaan isaan hojjechiisaniin kan kaʼe iyya isaan dhageessisan dhagaʼeera; miidhaa isaan irra gaʼaa jirus akka gaariitti nan beeka.” (Baʼuu 3:7) Yihowaan dhiphina saba isaa kan argee fi iyya isaanii kan dhagaʼe utuu isaaniif hin gaddin miti. Akkuma Boqonnaa 24 irratti ilaalle, Yihowaan Waaqa rakkinni warra kaanii isatti dhagaʼamu dha. Rakkinni warra kaanii akka rakkina keenyaatti nutti dhagaʼamuun isaa immoo gara laafina wajjin walitti dhufeenya guddaa qaba. Taʼus Yihowaan saba isaatiif gadduu qofa utuu hin taʼin, isaan gargaaruuf tarkaanfii fudhateera. Isaayyaas 63:9, “Jaalala isaa fi gara laafina isaatiin isaan ni fure” jedha. Yihowaan “harka jabaadhaan” Israaʼelota Gibxii keessaa baaseera. (Keessa Deebii 4:34) Sana booda, dinqiidhaan nyaata isaaniif kenneera; akkasumas biyya isaanii ishii lalistuutti isaan galcheera.
9, 10. (a) Israaʼelonni Biyyattii Abdachiifamte keessa jiraachuu erga jalqabanii booda, Yihowaan yeroo baayʼee diinota isaanii jalaa kan isaan oolche maaliifi? (b) Bara Yiftaatti Yihowaan cunqursaa akkamii jalaa Israaʼelota fureera? Kana gochuuf kan isa kakaase hoo maali dha?
9 Gara laafinni Yihowaa kanuma irratti hin dhaabanne. Israaʼelonni Biyyattii Abdachiifamtetti erga galanii booda, yeroo baayʼee amanamoo utuu hin taʼin waan hafaniif rakkinaaf saaxilamu turan. Haa taʼu malee, gara qalbii isaaniitti deebiʼanii yommuu Yihowaatti iyyatan isaan oolcha ture. Maaliifi? “Saba isaatiif, . . . waan garaa laafeef.”—2 Seenaa Baraa 36:15; Abbootii Murtii 2:11-16.
10 Wanta bara Yiftaatti raawwatames ilaali. Israaʼelonni waaqolii sobaa tajaajiluu waan jalqabaniif, Yihowaan Amoononni waggaa 18f akka isaan cunqursan heyyame. Dhuma irratti garuu Israaʼelonni yaada geddaratan. Kitaabni Qulqulluun, “Isaan waaqolii ormaa of gidduudhaa balleessanii Yihowaa tajaajilan; kanaafuu, inni sana booda dhiphina Israaʼel callisee bira darbuu hin dandeenye” jedha.b (Abbootii Murtii 10:6-16) Sabni isaa garaadhaa yaada waan geddarataniif, sana booda Yihowaan dhiphina isaanii callisee ilaaluu hin dandeenye. Kanaan kan kaʼes Waaqni gara laafessa taʼe kun, Yiftaaf humna kennuudhaan diinota isaanii jalaa Israaʼelota akka oolchu godheera.—Abbootii Murtii 11:30-33.
11. Akkaataa Yihowaan Israaʼelota itti qabe irraa, gara laafina ilaalchisee maal baranna?
11 Akkaataan Yihowaan saba Israaʼeliin itti qabe, waaʼee gara laafinaa maal nu barsiisa? Tokkoffaa, Yihowaan gara laafessa dha jechuun, rakkina namoota irra gaʼu argee gadduudhaan qofa bira darba jechuu akka hin taane hubanna. Haati tokko daaʼima ishiif gadduun ishii, yommuu inni booʼu isa gargaaruuf akka ishii kakaasu yaadadhu. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaanis iyya saba isaa ni dhagaʼa. Gara laafinni isaa rakkina isaaniitiif furmaata akka kennu isa kakaasa. Kana malees, seenaan Israaʼelotaa gara laafinni Yihowaa saba isaatiif tarkaanfii cimaa fi murteessaa taʼe akka fudhatu waan isa kakaaseef, amalli kun dadhabina kan argisiisu akka hin taane nu hubachiisa. Haa taʼu malee, Yihowaan tajaajiltoota isaatiif gara laafina kan argisiisu gareedhaan qofadhaa?
Gara Laafina Yihowaan Dhuunfaatti Namootaaf Qabu
12. Seerichi, Yihowaan namootaaf dhuunfaadhaan akka garaa laafu kan argisiisu akkamitti?
12 Seerri Waaqayyo saba Israaʼeliif kenne, Yihowaan dhuunfaadhaan namootaaf gara laafina akkamii akka qabu nu hubachiisa. Fakkeenyaaf, kunuunsa inni hiyyeessotaaf godhu ilaali. Yihowaan namni Israaʼel tokko haalawwan hin eegameen kan kaʼe, hiyyeessa taʼuu akka dandaʼu beeka. Maarree Yihowaan hiyyeessonni akkamitti akka qabaman barbaada? Yihowaan Israaʼelotaaf ajaja cimaa akkas jedhu kennee ture: “Obboleessa kee isa hiyyeessa taʼe sanatti garaa hin jabaatin yookiin harka kee isaaf diriirsuu irraa duubatti hin jedhin. Waaqni kee Yihowaan hojii kee fi wanta raawwattu hundumaatti kan si eebbisu sababa kanaan waan taʼeef, ati arjummaadhaan isaaf kenni malee, garaa duuba isaaf hin kennin.” (Keessa Deebii 15:7, 10) Kana malees, Yihowaan Israaʼelonni qarqara maasii isaanii akka hin haamne ykn qarmii akka hin funaanne isaan ajajee ture. Qarmiin kun hiyyeessotaaf dhiifamuu qaba ture. (Leewwota 23:22; Ruut 2:2-7) Sabni Israaʼel seera gaarii hiyyeessota isaan gidduutti argaman gargaaruuf qophaaʼe kana yoo eegan, namoonni harka qalleeyyii taʼan kadhachuun isaan hin barbaachisu. Kun gara laafina Yihowaa kan argisiisu mitii?
13, 14. (a) Yaanni Daawit dubbate Yihowaan dhuunfaatti akka nuu yaadu kan nuu mirkaneessu akkamitti? (b) Yihowaan namoota ‘garaan isaanii cabee fi hafuurri isaanii caccabetti’ dhihoo akka taʼe fakkeenyaan ibsuun kan dandaʼamu akkamitti?
13 Yeroo ammaattis Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe, dhuunfaatti nuu yaada. Rakkina nu irra gaʼu hunda akka gaariitti beeka. Daawit faarfatichi akkas jedhee barreesseera: “Ijji Yihowaa qajeelota irra jira, gurri isaas iyya isaan gargaarsa argachuuf dhiheessan ni dhagaʼa. Yihowaan warra garaan isaanii cabetti dhihoo dha; warra hafuurri isaanii caccabes ni oolcha.” (Faarfannaa 34:15, 18) Namni Kitaaba Qulqulluu irratti yaada kennu tokko, namoota as irratti ibsaman ilaalchisee akkas jedheera: “Namoonni kun garaan isaanii kan cabee fi kan gaabban, cubbuu raawwachuu isaaniitiin kan qaanaʼanii fi ofii isaaniif kabaja kan hin qabne, akkasumas gad aanoo akka taʼan kan itti dhagaʼamu dha.” Namoonni akkasii Yihowaan isaan irraa fagoo akka taʼe, akkasumas inni wayittuu waan isaan hin lakkoofneef akka isaaniif hin yaanne itti dhagaʼama. Ilaalchi akkasii kun garuu sirrii miti. Yaanni Daawit dubbate, Yihowaan “namoota ofii isaaniif kabaja hin qabne” akka hin gatne nuu mirkaneessa. Waaqni keenya inni gara laafessa taʼe, yoom iyyuu caalaa yeroo akkasiitti akka inni nu barbaachisu beeka; nuttis dhihoo dha.
14 Mee muuxannoo tokko ilaali. Haati Yuunaayitid Isteetis keessa jiraattu tokko, ilmi ishii inni waggaa lamaa dhibee hafuura baafachuu dhowwuun waan qabameef atattamaan hospitaala geessite. Doktaroonni erga isa ilaalanii booda halkan sana hospitaala buluu akka qabu ishiitti himan. Haati kun halkan sana eessa bulte? Barcuma siree ilmi ishii irra ciise bira ture tokko irra taaʼaa bulte! Daaʼimni ishii waan dhukkubsateef biraa fagaachuu hin qabdu turte. Abbaa keenya isa samii fi isa jaalala qabeessa taʼe irraa kana caalaa eeguu akka dandeenyu beekamaa dha! Kana malees, kan uumamne akka bifa isaatti dha. (Uumama 1:26) Yaanni garaa namaa tuquu fi Faarfannaa 34:18 irratti argamu, yommuu ‘garaan keenya cabu’ ykn ‘hafuurri keenya caccabu’ Yihowaan akkuma abbaa jaalala qabeessaatti, yeroo kam iyyuu caalaa gara laafina nutti argisiisuu fi nu gargaaruuf qophaaʼee akka ‘nutti dhihaatu’ argisiisa.
15. Yihowaan dhuunfaatti kan nu gargaaru karaawwan kamiini?
15 Maarree Yihowaan dhuunfaatti kan nu gargaaru akkamitti? Tarii madda rakkina keenyaa nuuf balleessuu dhiisuu dandaʼa. Taʼus, namoota isatti iyyatan gargaaruuf qophii hedduu godheera. Dubbiin isaa Kitaabni Qulqulluun gorsa gaarii nu gargaaruu dandaʼu qabateera. Gumii keessatti Yihowaan, ilaaltota olaanoo karaa hafuuraa gaʼumsa qabanii fi gara laafina isaa calaqqisuudhaan obboloota isaanii gargaaran qopheesseera. (Yaaqoob 5:14, 15) Inni, ‘Waaqa kadhannaa namaa dhagaʼu’ waan taʼeef, “warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu” ni kenna. (Faarfannaa 65:2; Luqaas 11:13) Hafuurri qulqulluun immoo, hanga Mootummaan Waaqayyoo rakkoowwan nu dhiphisan hunda nu irraa balleessutti jabaannee akka dhaabannuuf, ‘humna humna caalu’ nuu kenna. (2 Qorontos 4:7) Maarree qophiiwwan isaa kanaaf isa galateeffachuu hin qabnuu? Qophiiwwan kun gara laafina Yihowaa akka argisiisan dagachuu hin qabnu.
16. Fakkeenyi guddaan Yihowaan gara laafessa taʼuu isaa argisiisu maali dha? Kun hoo dhuunfaatti kan nu fayyadu akkamitti?
16 Fakkeenyi guddaan Yihowaan gara laafessa taʼuu isaa argisiisu, Ilma isaa isa tokkicha furii godhee nuu kennuu isaa ti. Furiin kun aarsaa guddaa kan isa kaffalchiise yeroo taʼu, nuti immoo fayyina akka argannu karaa nuu baneera. Qophiin furii kun dhuunfaatti faayidaa akka nuuf argamsiisu yaadadhu. Abbaa Yohaannis kan taʼe Zakkaariyaas, qophiin kun “gara laafina guddaa Waaqa keenyaa” akka argisiisu ibsuun isaa sirrii dha.—Luqaas 1:78.
Yihowaan Yeroo Gara Laafina hin Argisiisne Qaba
17-19. (a) Kitaabni Qulqulluun gara laafinni Yihowaa daangaa akka qabu kan ibsu akkamitti? (b) Yihowaan saba isaatti gara laafina akka hin argisiisne kan godhe maali dha?
17 Gara laafinni Yihowaa daangaa akka hin qabne goonee yaaduu qabnaa? Lakki. Faallaa kanaatiin Kitaabni Qulqulluun Yihowaan namoota seera isaa isa qajeelaa mormanitti garaa laafina argisiisuu akka dhiisuu fi kunis sirrii akka taʼe ibsa. (Ibroota 10:28) Akkas kan godhu maaliif akka taʼe hubachuuf, fakkeenya saba Israaʼel ilaali.
18 Yihowaan yeroo baayʼee Israaʼelota diinota isaanii jalaa kan oolche taʼus, yeroo booda gara laafina isaanitti argisiisuu dhiiseera. Namoonni mata jabeeyyii taʼan kun, waaqolii isaanii warra balfamoo gara mana qulqullummaa Yihowaatti fiduudhaan waaqeffataniiru! (Hisqiʼel 5:11; 8:17, 18) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun waaʼee isaanii akkas jedha: “Isaan garuu hamma dheekkamsi Yihowaa saba isaa irratti dhufuttii fi hamma fayyinni isaaniif dhabamutti ergamtoota Waaqa dhugaatti ni qoosu, dubbii isaa ni tuffatu, raajota isaattis ni qoosu turan.” (2 Seenaa Baraa 36:16) Israaʼelonni namoota gara laafinni Yihowaa isaaniif hin malle hanga taʼanitti waan hammaataniif, aarii Yihowaa isa qajeelina irratti hundaaʼe kakaasaniiru. Kun hoo maal isaanitti fide?
19 Yihowaan sana booda gara laafina isaanitti argisiisuu dhiise. “Gara laafina isaanitti hin argisiisu yookiin isaaniif hin gaddu yookiin araara akkamii iyyuu isaanitti hin argisiisu; isaan balleessuu irraa wanti na dhowwus hin jiraatu” jedheera. (Ermiyaas 13:14) Kanaan kan kaʼes, Yerusaalemii fi manni qulqullummaa ishii kan balleeffaman yeroo taʼu, Israaʼelonnis boojiʼamanii gara Baabilonitti geeffamaniiru. Ilmaan namootaa Yihowaa irratti kaʼuudhaan hamma inni garaa isaanitti jabaatutti gaʼuun isaanii baayʼee nama gaddisiisa!—Faaruu Ermiyaas 2:21.
20, 21. (a) Bara keenyatti yommuu Yihowaan gara laafina argisiisu dhiisu maaltu taʼa? (b) Boqonnaa itti aanu irratti qophii gara laafina Yihowaa argisiisu isa kamtu ibsama?
20 Harʼa hoo haalli isaa akkami dha? Yihowaan hin jijjiiramne. Gara laafessa waan taʼeef, Dhugaa Baatonni isaa guutummaa addunyaatti ‘misiraachoo Mootummichaa’ akka lallaban ajajeera. (Maatewos 24:14) Namoonni garaa qajeelaa qaban fedhii qabaachuu isaanii yommuu argisiisan, Yihowaan ergaa Mootummichaa akka hubatan isaan gargaara. (Hojii Ergamootaa 16:14) Haa taʼu malee, hojiin kun bara baraaf itti hin fufu. Yihowaan addunyaan inni hamaan kun rakkoowwan isaa hundaa wajjin bara baraaf akka itti fufu heyyamuun isaa gara laafina hin taʼu. Yihowaan yommuu gara laafina argisiisuu dhiisu addunyaa kana irratti murtii ni dabarsa. Tarkaanfii kana kan fudhatu, ‘maqaa isaa isa qulqulluu’ fi tajaajiltoota isaa warra isaaf bulaniif garaa waan laafuufi. (Hisqiʼel 36:20-23) Yihowaan hammina guutummaatti erga balleessee booda, addunyaa haaraa qajeelummaan keessa guute ni fida. Hamoota ilaalchisee immoo, “Ijji koo isaaniif hin gaddu; anis gara laafina isaanitti hin argisiisu. Miidhaa daandii isaaniitiin kan kaʼe dhufu mataa isaanii irratti nan fida” jedheera.—Hisqiʼel 9:10.
21 Hamma yeroo sanaatti garuu, Yihowaan warra badiisni isaan irra gaʼu dabalatee namoota hundaaf gara laafina ni argisiisa. Ilmaan namootaa garaadhaa yaada geddaratan, qophii guddaa Yihowaan gara laafinaan godhe tokko irraa faayidaa argatu; qophiin kun, qophii inni dhiifama cubbuu akka argannu nuu godhe dha. Boqonnaa itti aanu irratti fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu Yihowaan guutummaatti dhiifama akka namaa godhu argisiisan tokko tokko ilaalla.
a Taʼus, Faarfannaa 103:13 irratti jechi afaan Ibrootaa raahaam jedhu, gara laafina abbaan tokko ijoollee isaatiif qabus ni argisiisa.
b Yaanni “callisee bira darbuu hin dandeenye” jedhu kallattiidhaan “obsa dhabe ykn obsa isaa fixate” jechuu dha.
-
-
Waaqa ‘Dhiifama Gochuuf Qophaaʼaa’ TaʼeYihowaatti Dhihaadhu
-
-
BOQONNAA 26
Waaqa ‘Dhiifama Gochuuf Qophaaʼaa’ Taʼe
1-3. (a) Daawit faarfatichi baʼaa ulfaataa akkamii baatee ture? Dhiphina isaa irraa jajjabina kan argate hoo akkamitti? (b) Cubbuu hojjechuun baʼaa akkamii nutti taʼuu dandaʼa? Taʼus Yihowaan maal nuu mirkaneesseera?
DAAWIT faarfatichi, “Dogoggorawwan koo mataa koo irratti tuulamaniiru; isaan akka baʼaa ulfaatoo waan taʼaniif, ani isaan baachuu hin dandaʼu. Ani hadoodeera, guutummaattis caccabeera” jedhee barreesseera. (Faarfannaa 38:4, 8) Daawit, qalbiin nama ceephaʼu baʼaa ulfaataa akka taʼe beeka. Taʼus dhiphina isaa irraa jajjabina argateera. Yihowaan cubbuu kan jibbu taʼus, namni cubbuu hojjete tokko garaadhaa yoo yaada geddaratee fi cubbuu raawwachuu isaa yoo dhiise Yihowaan namicha akka hin jibbine Daawit hubatee ture. Daawit Yihowaan nama garaadhaa yaada geddaratuuf dhiifama akka godhu guutummaatti waan amanuuf, ‘Yaa Yihowaa ati dhiifama gochuuf qophaaʼaa dha’ jedheera.—Faarfannaa 86:5.
2 Nutis yommuu cubbuu hojjennu, qalbiin keenya nu ceephaʼuudhaan baʼaa ulfaataa nu caccabsu nu irra kaaʼuu dandaʼa. Qalbiin keenya nu ceephaʼuun isaa faayidaa qaba. Miirri akkasii dogoggora keenya sirreessuuf tarkaanfii akka fudhannu nu kakaasuu dandaʼa. Haa taʼu malee, qalbiin keenya garmalee nu ceephaʼuun isaa rakkina guddaaf nu saaxiluu dandaʼa. Qalbiin keenya inni nu ceephaʼu, hammam iyyuu yoo yaada geddaranne Yihowaan dhiifama akka nuuf hin goone nu amansiisuu barbaada. ‘Gadda guddaadhaan yoo liqimfamne’ Seexanni, nuti Yihowaa duratti gatii akka hin qabnee fi isa tajaajiluuf gaʼeessota akka hin taane akka nutti dhagaʼamu gochuudhaan abdii nu kutachiisuuf yaala.—2 Qorontos 2:5-11.
3 Taʼus Yihowaan nuti gatii akka hin qabnetti nu ilaalaa? Matumaa! Dhiifama gochuun, karaa jaalalli Yihowaa inni guddaan itti mulʼatu keessaa tokko dha. Yihowaan yommuu nuti garaadhaa yaada geddarannu dhiifama nuu gochuuf fedhii akka qabu Kitaaba Qulqulluu keessatti nuu mirkaneesseera. (Fakkeenya 28:13) Mee amma Yihowaan dhiifama akka nuuf godhu mirkanaaʼaa taʼuuf inni dhiifama kan godhu maalii fi akkamitti akka taʼe haa qorannu.
Yihowaan ‘Dhiifama Gochuuf Qophaaʼaa’ Kan Taʼe Maaliifi?
4. Yihowaan akkaataa itti uumamne ilaalchisee maal yaadata? Kunoo akkaataa inni itti nu qabu irratti jijjiirama akkamii fida?
4 Yihowaan dadhabina keenya beeka. Faarfannaan 103:14, “Inni akkamitti akka tolfamne sirriitti beeka, biyyoo taʼuu keenyas ni yaadata” jedha. Biyyoo irraa waan uumamneef cubbamoota akka taane ykn dadhabina akka qabnu hin dagatu. Yaanni “akkamitti akka tolfamne” beeka jedhu, Kitaabni Qulqulluun Yihowaa suphee dhooftuu wajjin, nuun immoo miʼa suphee wajjin kan wal fakkeessu taʼuu isaa nu yaadachiisa. (Ermiyaas 18:2-6) Suphee Dhooftuu Inni Guddaan, akkuma dadhabina keenyaatti, akkasumas qajeelfama isaatiif ajajamuu fi dhiisuu keenya irratti hundaaʼee dhiifama nuu godha.
5. Kitaabni Roomaa humna guddaa cubbuun qabu kan ibsu akkamitti?
5 Yihowaan cubbuun humna guddaa akka qabu beeka. Kitaabni Qulqulluun cubbuun humna guddaa namoota toʼatuu fi gara duʼaatti geessu akka taʼe ibsa. Maarree humni cubbuun qabu hangam guddaa dha? Phaawulos ergamaan Kitaaba Roomaa keessatti akka armaan gadii jedheera: Akkuma loltoonni ajajaa isaanii jala jiran nutis “cubbuu jala” jirra (Roomaa 3:9); cubbuun akkuma mootii tokkootti ilmaan namootaa irratti “mootii” taʼee jira (Roomaa 5:21); cubbuun nu keessa ‘jiraata’ (Roomaa 7:17, 20); ‘seerri’ cubbuu yeroo hunda nu keessatti waan hojjetuuf sochii keenya toʼachuu barbaada. (Roomaa 7:23, 25) Dhuguma iyyuu cubbuun, foon keenya isa dadhabaa irratti humna guddaa qaba!—Roomaa 7:21, 24.
6, 7. (a) Yihowaan namoota cubbuu isaaniitti gaabbuudhaan araara isaa argachuu barbaadaniif ilaalcha akkamii qaba? (b) Araara Waaqayyoo akka laayyootti ilaaluu kan hin qabne maaliifi?
6 Kanaaf, Yihowaan isaaf ajajamuuf garaadhaa kan hawwinu taʼus, guutummaatti kana gochuu akka hin dandeenye beeka. Wanta raawwannetti gaabbinee araara isaa argachuuf yoo yaalle, dhiifama akka nuu godhu nuu mirkaneesseera. Faarfannaan 51:17, “Aarsaan Waaqayyoon gammachiisu, hafuura cabe dha; Yaa Waaqayyo, ati garaa cabee fi bullaaʼe hin tuffattu” jedha. Yihowaan, garaa baʼaa cubbuutiin “cabee fi bullaaʼe” hin tuffatu.
7 Kana jechuun garuu, cubbuu dhaalle sababeeffachuudhaan cubbuu yoo hojjenne illee dhiifama Waaqayyoo ni arganna jennee yaaduudhaan, araara isaa akka laayyootti ilaaluu qabna jechuudhaa? Matumaa akkas jechuu miti! Yihowaan miiraan hin geggeeffamu. Araarri isaa daangaa qaba. Namoota mata jabeeyyii, taʼe jedhanii cubbuu hojjetanii fi yaada hin geddaranneef dhiifama hin godhu. (Ibroota 10:26) Namoota cubbuu isaaniitti gaabbaniif garuu dhiifama gochuuf qophaaʼaa dha. Mee amma jechoota Kitaabni Qulqulluun amala jaalala Yihowaa argisiisu kana ibsuuf itti fayyadame tokko tokko haa qorru.
Dhiifamni Yihowaa Hammam Guddaa Dha?
8. Yihowaan yommuu cubbuu keenya nuuf dhiisu maal godheera jechuu dandeenya? Kun hoo amantii akkamii qabaachuuf nu gargaara?
8 Daawit inni yaada geddarate, “Dhuma irratti cubbuu koo sitti nan himadhe; dogoggora koo hin dhoksine; . . . Atis dogoggora koo fi cubbuu koo naaf dhiiste” jedheera. (Faarfannaa 32:5) Jechi “dhiiste” jedhame, afaan Ibrootaatiin “kaasuu” ykn “baachuu” yaada jedhu dabarsa. As irratti jechi kun, “miira balleessaa, cubbuu fi irra daddarbaa” nama irraa kaasuu argisiisa. Kanaaf, Yihowaan cubbuu Daawit hojjete isa irraa kaasee fageessee gateera jechuu dha. Kun immoo miira balleessaa Daawit irratti feʼamee ture akka salphise hin shakkisiisu. (Faarfannaa 32:3) Nutis, Waaqa keenya isa namoota aarsaa furii Yesuusitti amanuudhaan dhiifama argachuu barbaadaniif cubbuu isaanii fageessee gatu irratti amantii cimaa qabaachuu dandeenya.—Maatewos 20:28.
9. Yihowaan cubbuu keenya hammam nu irraa fageessa?
9 Daawit fakkeenya gaarii Yihowaan dhiifama akka namaaf godhu ibsu kan biraattis fayyadameera: “Akkuma bahi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu, balleessaa keenya nu irraa fageesseera.” (Faarfannaa 103:12) Biiftuun kallattii bahaatiin baati, kallattii dhihaatiin immoo ni lixxi. Bahi dhiha irraa hammam fagaata? Kallattiiwwan kun lamaan baayʼee walirraa fagaatu; matumaa wal hin tuqan. Hayyuun tokko yaanni kun, “baayʼee fagoo; hamma tilmaamuu dandeenyu caalaa fagoo” jechuu akka taʼe ibsaniiru. Yaanni Daawit hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee barreesse, Yihowaan yommuu dhiifama nuu godhu, cubbuu keenya hamma yaaduu dandeenyu caalaa nu irraa fageessee akka gatu nu hubachiisa.
“Cubbuun keessan . . . akkuma cabbii adii ni taʼa”
10. Yihowaan cubbuu keenyu erga nuu dhiisee booda, jireenya keenya guutuu xurii cubbuu sanaa baannee jiraachaa akka jirru nutti dhagaʼamuu kan hin qabne maaliifi?
10 Uffata adii irraa xurii gadhiisisuuf yaaltee beektaa? Gadhiisisuuf carraaqqii cimaa gootus xuriin sun ni mulʼata taʼa. Yihowaan dandeettii dhiifama gochuuf qabu akkamitti akka ibse ilaali: “Cubbuun keessan diimaa dhiiga fakkaatu yoo taʼe illee, akkuma cabbii adii ni taʼa; akka uffata bifa bildiimaatti yoo diimate illee, akkuma suufii ni addaata.” (Isaayyaas 1:18) Yaanni “diimaa dhiiga fakkaatu” jedhu halluu garmalee diimaa taʼe argisiisa.a Jechi “bildiimaa” jedhu immoo halluu garmalee diimaa taʼee fi uffanni halluu diimaa akka qabaatu gochuuf gargaaru dha. (Naahom 2:3) Xurii cubbuu nu irra jiru carraaqqii keenyaan gadhiisisuu hin dandeenyu. Yihowaan garuu, cubbuu keenya isa akka dhiigaa nu diimesse nu irraa kaasee, akka cabbii ykn akka suufiitti nu addeessuu dandaʼa. Yihowaan cubbuu keenya erga nuu dhiisee booda, jireenya keenya guutuu xurii cubbuu sanaa baannee jiraachaa akka jirru nutti dhagaʼamuu hin qabu.
11. Yihowaan cubbuu keenya of duubatti ni gata jedhamuu kan dandaʼu akkamitti?
11 Hisqiyaas dhukkuba duʼaaf isa saaxilu irraa erga oolee booda faarfannaa galataa qindeesse irratti Yihowaadhaan, “Cubbuuwwan koo hundumaa of duubatti gatteetta” jedheera. (Isaayyaas 38:17) As irratti Yihowaan namoota yaada geddaratan irraa cubbuu isaanii fuudhee of duubatti, jechuunis bakka lammata hin arginetti ykn hin qalbeeffannetti akka gatu ibsameera. Akka barreeffamni tokko ibsutti yaanni kun, “Ati [cubbuu koo] akka waan hin raawwatamnetti ilaalte” jedhamees hiikamuu dandaʼa. Kun yaada baayʼee nama jajjabeessu mitii?
12. Yihowaan yommuu dhiifama nuu godhu, cubbuu keenya bara baraaf akka balleessu Miikiyaas raajichi kan ibse akkamitti?
12 Miikiyaas raajichi, abdii Israaʼelonni biyya isaanitti akka deebiʼan dubbate irratti Yihowaan saba isaa warra yaada geddarataniif dhiifama akka godhu amantii qabu akkas jedhee ibseera: “Waaqni akka keetti warra dhaala isaa keessaa hafaniif balleessaa isaanii . . . irra isaaniif darbu eenyu? Ati cubbuu isaanii hundumaa galaana gad fagoo keessatti ni darbatta.” (Miikiyaas 7:18, 19) Yaanni kun namoota bara sana turaniif hiika akkamii akka qabu mee yaadi. Wanti “galaana gad fagoo keessatti” darbatame tokko deebiʼee argamuu ni dandaʼaa? Kanaaf wanti Miikiyaas dubbate, Yihowaan yommuu dhiifama nuu godhu cubbuu keenya bara baraaf akka balleessu argisiisa.
13. Yesuus, “Balleessaa [idaa] keenya nuu dhiisi” jennee akka kadhannu yeroo nu gorsu maal jechuu isaati?
13 Yesuus, Yihowaan dhiifama akka namaa godhu ibsuuf, fakkeenya waaʼee nama liqii nama irraa qabuu fi nama liqiin irra jiruu ibsutti fayyadameera. Akkasumas Yesuus, “Balleessaa [idaa, miiljalee] keenya nuu dhiisi” jennee akka kadhannu nu gorseera. (Maatewos 6:12) Akka kanaan Yesuus cubbuu idaatti fakkeesseera. (Luqaas 11:4) Yommuu cubbuu raawwannu “idaan” Yihowaa kan nu irra jiru taana. Jecha afaan Giriikii “dhiifama” jedhamee hiikame ilaalchisee, galmeen jechootaa Kitaaba Qulqulluu tokko, “Akka namaaf kaffalamu gaafachuu dhiisuudhaan, idaa dhiisuu” jedheera. Kana jechuun Yihowaan yommuu dhiifama godhu idaa galmee herregaa keenya irratti galmeeffame nuu haqa jechuu dha. Dhuguma iyyuu kun cubbamoota yaada geddarataniif jajjabina guddaa kenna. Yihowaan idaa keenya isa nuu dhiise matumaa deebiʼee nu hin kaffalchiisu.—Faarfannaa 32:1, 2.
14. Yaanni, “cubbuun keessan akka isinii haqamuuf” jedhu maal nu yaadachiisa?
14 Hojiin Ergamootaa 3:19 Yihowaan guutummaatti dhiifama akka godhu yommuu ibsu, “Cubbuun keessan akka isinii haqamuuf yaada geddaradhaa, deebiʼaas” jedha. Jechi afaan Giriikii ‘haquu’ jedhu, ‘haxaaʼuu ykn balleessuu’ argisiisuu dandaʼa. Hayyoonni tokko tokko yaanni as irratti ibsame wanta barreeffame tokko haqanii balleessuu wajjin akka wal fakkaatu dubbataniiru. Kun taʼuu kan dandaʼu akkamitti? Bara duriitti qalamni yeroo baayʼee, cilee, haphee fi bishaan irraa hojjetama. Namni tokko qalama akkasiitti fayyadamee erga barreessee booda yeruma sana, ispoonjii jiidhaadhaan wanta barreeffame sana balleessuu dandaʼa. Yaanni kun araara Yihowaa baʼeessa godhee ibsa. Yihowaan cubbuu keenya yeroo nuu dhiisu, akkuma nama waan barreeffame ispoonjiidhaan balleessuutti cubbuu keenya guutummaatti nu irraa haqa.
15. Yihowaan waaʼee isaa maal akka beeknu barbaada?
15 Fakkeenyota kana hunda irratti xiinxaluun keenya, garaadhaa yaada yoo geddaranne Yihowaan cubbuu keenya nuu dhiisuuf qophaaʼaa taʼuu isaa akka beeknu akka barbaadu ifa nuu hin godhuu? Yihowaan cubbuu nuu dhiise sanaan fuulduratti nu adaba jennee sodaachuun nu hin barbaachisu. Araara Yihowaa isa guddaa ilaalchisee wanti Kitaabni Qulqulluun ibsu tokko kana ifa godha: Yihowaan yommuu dhiifama godhu ni irraanfata.
Yihowaan, ‘dhiifama gochuuf qophaaʼaa’ taʼuu isaa akka beeknu barbaada
“Cubbuu Isaaniis Sana Booda Hin Yaadadhu”
16, 17. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan cubbuu keenya ni irraanfata yommuu jedhu maal jechuu isaati? Akkas jettee kan deebiste maaliifi?
16 Yihowaan, “Ani balleessaa isaanii isaaniif nan dhiisa, cubbuu isaaniis sana booda hin yaadadhu” jechuudhaan, namoota kakuu haaraa keessatti hammatamaniif abdii kenneera. (Ermiyaas 31:34) Kana jechuun garuu, Yihowaan yommuu dhiifama namaaf godhu cubbuu raawwatame yaadachuu hin dandaʼu jechuudhaa? Gonkumaa akkas jechuu miti. Kitaabni Qulqulluun, Yihowaan Daawitiin dabalatee namoota hedduuf cubbuu isaanii akka dhiise nutti hima. (2 Saamuʼel 11:1-17; 12:13) Yihowaan harʼa illee cubbuu namoonni sun hojjetan akka beeku ifa dha. Cubbuu isaan raawwatan, yaada geddarachuun isaanii fi Yihowaan dhiifama isaaniif gochuun isaa faayidaa keenyaaf galmeeffameera. (Roomaa 15:4) Maarree, Kitaabni Qulqulluun Yihowaan namootaaf dhiifama erga godhee booda, cubbuu isaanii ‘hin yaadatu’ yeroo jedhu maal jechuu isaati?
17 Afaan Ibrootaatiin yaanni “sana booda hin yaadadhu” jedhamee hiikame, wanta kanaan dura raawwatame yaadachuu qofa kan argisiisu miti. Kitaabni, Tiʼooloojikaal Wardibuuk oov za Ooldi Teestaamanti jedhamu, yaanni kun, ‘wanta raawwatame sana ilaalchisee wanta tokko gochuus akka dabaltu’ ibseera. Akka hiika kanaatti yaanni cubbuu ‘yaadachuu’ jedhu, namoota cubbuu hojjetan irratti tarkaanfii fudhachuu dabalata. (Hoseʼaa 9:9) Kanaafuu, Waaqayyo ‘cubbuu isaanii sana booda hin yaadadhu’ yommuu jedhu, namoota cubbuu hojjetanii fi yaada geddarataniif takkaa erga dhiifama godhee booda, cubbuu raawwatan sanaaf deebiʼee akka isaan hin adabne nuu mirkaneessuu isaati. (Hisqiʼel 18:21, 22) Yihowaan cubbuu keenya nutti hin lakkaaʼu jechuun, yeroo hunda nu ceephaʼuuf ykn nu adabuuf jecha cubbuu kanaan dura raawwanne irra deddeebiʼee hin yaadatu jechuu dha. Waaqni keenya cubbuu keenya akka nuu dhiisuu fi akka irraanfatu beekuun nama hin jajjabeessuu?
Yihowaan Rakkina Cubbuun Hojjenne Nutti Fidu Irraa nu Oolchaa?
18. Namni cubbuu hojjete tokko dhiifama argachuun isaa, rakkoowwan karaa cubbuu sanaa itti dhufan irraa isa eega jechuu kan hin taane maaliifi?
18 Yihowaan dhiifama gochuuf qophaaʼaadha jechuun, namni cubbuu hojjetee fi yaada geddarate tokko, rakkina cubbuun isaa itti fidu hunda irraa walaba taʼa jechuudhaa? Matumaa akkas jechuu miti. Cubbuu yoo raawwanne miidhaan nu irra gaʼuun isaa hin oolu. Phaawulos, “Namni waanuma facaase sana haammata” jedhee barreesseera. (Galaatiyaa 6:7) Cubbuu raawwachuu keenyaan rakkinni tokko tokko nu irra gaʼuu dandaʼa. Kana jechuun garuu, Yihowaan dhiifama erga nuu godhee booda rakkina nutti fida jechuu miti. Kiristiyaanni tokko yommuu rakkinni isa irra gaʼu, ‘Tarii Yihowaan cubbuun kanaan dura hojjedheef na adabaa jira taʼa’ jedhee yaaduu hin qabu. (Yaaqoob 1:13) Taʼus, Yihowaan rakkoowwan cubbuu raawwachuun keenya nutti fidu hunda irraa nu hin eegu. Wal hiikuun, ulfi hin barbaadamne, dhibeewwan saalqunnamtiidhaan daddarban, warra kaan biratti amanamummaa ykn ulfina dhabuun, rakkoowwan gaddisiisoo karaa cubbuu dhufan keessaa muraasa isaaniiti. Yihowaan Daawitiif dhiifama kan godhe taʼus, rakkoowwan cubbuu inni Baat Sheebaa fi Uuriyaa wajjin wal qabateen raawwateen itti dhufan irraa akka isa hin eegne yaadadhu.—2 Saamuʼel 12:9-12.
19-21. (a) Seerri Leewwota 6:1-7 irratti argamu, nama miidhes taʼe nama miidhame kan fayyadu akkamitti? (b) Cubbuu hojjenneen warri kaan yoo miidhaman, Yihowaa gammachiisuuf tarkaanfii akkamii fudhachuu qabna?
19 Keessumaa wanti raawwanne warra kaan miidheera taanaan, cubbuun keenya wanta nu kaffalchiisu kan biraas qabaachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, seenaa Leewwota boqonnaa 6 irra jiru ilaali. Seerri Musee namni Israaʼel tokko miʼa nama kaanii hatuu, saamuu ykn gowwoomsee fudhachuudhaan cubbuu guddaa yoo hojjete maal gochuu akka qabu ibsa. Namni cubbuu hojjete sun gocha isaa kana haaluu fi sana irra darbees sobaan kakachuu dandaʼa. Namni ragaa baʼu waan hin jirreef namni kun hin adabamu. Booda garuu, namni cubbuu hojjete sun qalbiin isaa waan isa ceephaʼeef cubbuu isaa ni himata. Namni kun Waaqayyo akka dhiifama isaaf godhu yoo barbaade wantoota dabalataa sadii gochuu qaba: Wanta fudhate sana deebisuu, adaba akka taʼuuf harka 20 dabalee namichaaf kennuu fi sababii yakkaatiif korbeessa hoolaa tokko dhiheessuu qaba. Seerichi itti fufuudhaan, “Lubichis Yihowaa duratti araara isaaf ni argamsiisa; . . . akka isaaf dhiifamus ni godha” jedha.—Leewwota 6:1-7.
20 Seerri kun qophii Waaqayyo araara isaatiin kakaʼee godhedha. Kun taʼuu isaatti namni miini isaa isaaf deebiʼe kun ni fayyadama, akkasumas namni isa miidhe sun cubbuu isaa amanuu isaatti boqonnaa guddaatu itti dhagaʼama. Qophiin kun, nama booda irratti qalbiin isaa isa ceephaʼee fi dogoggora isaa akka sirreessu isa kakaases ni fayyada. Namni kun kana gochuu yoo dide garuu Waaqayyo dhiifama isaaf hin godhu.
21 Nuti seera Musee jala jiraachuu baannus, Seerichi ilaalcha Yihowaan dhiifama gochuuf qabu dabalatee, akkaataa inni itti yaadu irratti hubannaa guddaa nuu kenna. (Qolosaayis 2:13, 14) Warri kaan cubbuu hojjenneen yoo miidhaman, dogoggora raawwanne sirreessuuf hamma dandeenye carraaquun keenya Waaqayyoon ni gammachiisa. (Maatewos 5:23, 24) Kun immoo cubbuu keenya amanuu fi nama yakkine sana dhiifama gaafachuu dabalata. Sana booda, aarsaa Yesuus irratti hundoofnee Yihowaa dhiifama gaafachuu fi dhiifama isaa argachuu dandeenya.—Ibroota 10:21, 22.
22. Dhiifama Yihowaa argachuun maal kan dabalatu taʼuu dandaʼa?
22 Akkuma abbaa jaalala qabeessa taʼe tokkoo, Yihowaanis yommuu dhiifama godhu hamma tokko nu adabuu dandaʼa. (Fakkeenya 3:11, 12) Kiristiyaanni yaada geddarate tokko, mirga jaarsa, tajaajilaa gumii ykn qajeelchaa taʼuudhaan qabu dhabuu dandaʼa. Tarii mirgawwan bakka guddaa kennuuf kana yeroo muraasaaf dhabuun isaa isa gaddisiisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, adabni kun Yihowaan dhiifama akka isaaf hin goone kan argisiisu miti. Adabni Yihowaan nuu kennu, jaalala nuuf qabu kan argisiisu akka taʼe yaadachuu qabna. Adaba kana fudhachuu fi hojii irra oolchuun keenya faayidaa guddaa nuuf argamsiisa.—Ibroota 12:5-11.
23. Yihowaan dhiifama nuuf hin godhu jennee yaaduu kan hin qabne maaliifi? Dhiifama gochuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuu kan qabnu hoo maaliifi?
23 Waaqni keenya “dhiifama gochuuf qophaaʼaa” akka taʼe beekuun baayʼee nama gammachiisa! Cubbuu akkamii iyyuu yoo hojjenne, araarri Yihowaa nuuf hin malu jennee yaaduu hin qabnu. Garaadhaa qalbii yoo geddaranne, dogoggora raawwanne sirreessuuf tarkaanfii yoo fudhannee fi dhiiga Yesuus isa nuuf dhangalaʼe irratti hundoofnee dhiifama argachuuf garaadhaa yoo kadhanne, Yihowaan dhiifama akka nuu godhu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (1 Yohaannis 1:9) Nutis walii keenyaaf dhiifama gochuudhaan fakkeenya Yihowaa haa hordofnu. Yihowaan inni cubbuu hin hojjenne jaalalaan dhiifama kan nuu godhu erga taʼee, nuti warri cubbamoota taane walii keenyaaf dhiifama gochuuf carraaquu hin qabnuu?
a Hayyuun tokko halluun diimaa dhiiga fakkaatu jedhame kun, halluu “fixeensaan, bokkaadhaan, miicuudhaan ykn yeroo dheeraa itti fayyadamuudhaan hin gadhiisne dha” jedheera.
-
-
“Gaarummaan Isaa Baayʼee Guddaa Dha!”Yihowaatti Dhihaadhu
-
-
BOQONNAA 27
“Gaarummaan Isaa Baayʼee Guddaa Dha!”
1, 2. Gaarummaan Waaqayyoo hammam guddaadha? Kitaabni Qulqulluun amala kana kan ibsu akkamitti?
MICHOONNI yeroo dheeraa waliin jiraatan muraasni, bareedina yeroo biiftuun lixxu mulʼatu dinqisiifachaa, taaʼanii nyaata nyaachaa, kolfaa fi taphachaa jiru. Fagootti immoo, qotee bulaan tokko samiin gurraachaʼuu isaa fi bokkaan maasii isaa isa bishaan dheebote irratti roobuu jalqabuu isaa ilaalee gammadaa jira. Bakka biraatti immoo, abbaa fi haati tokko daaʼimni isaanii dhaabatee deemuuf yommuu tarkaanfachuu jalqabu ilaalanii gammadaa jiru.
2 Namoonni kun, hubatanis hubachuu baatanis, gaarummaa Yihowaa irraa fayyadamaa jiru. Namoonni amantii tokko tokko jechoota “Waaqayyo gaarii dha” jedhu yeroo baayʼee ni dubbatu. Kitaabni Qulqulluun garuu ibsa kana irra caalu kenna. “Gaarummaan isaa baayʼee guddaa dha!” jedha. (Zakkaariyaas 9:17) Taʼus namoonni yeroo harʼaatti argaman hedduun yaada kana sirriitti kan hubatan hin fakkaatu. Gaarummaan Yihowaa maalfaa dabalata? Amalli Waaqayyoo kun dhuunfaatti kan nu fayyadu akkamitti?
Amala Jaalala Waaqayyoo Akka Gaariitti Argisiisu
3, 4. Gaarummaan maalidha? Gaarummaan Yihowaa, karaa jaalalli isaa itti mulʼatu akka taʼetti ibsamuun isaa sirrii kan taʼe maaliifi?
3 Afaanonni yeroo ammaatti argaman hedduun, jecha “gaarummaa” jedhu wantoota hedduu argisiisuuf itti fayyadamu. Kitaabni Qulqulluun garuu, amalli iddoo guddaa qabu kun dhugumaan maal akka taʼe nuu ibsa. Amalli kun naamusa ol aanaa qabaachuu argisiisa. Kanaan kan kaʼes, Yihowaan gaarummaadhaan kan guutame dha jechuu dandeenya. Humna isaa, haqa isaa fi ogummaa isaa dabalatee, amalawwan isaa hundi guutummaatti gaarii dha. Hunda caalaa garuu gaarummaan karaa jaalalli Yihowaa itti mulʼatu dha. Akkas kan jennu maaliifi?
4 Gaarummaan amala hojiidhaaf nama kakaasu dha. Phaawulos ergamaan, gaarummaan qajeelummaa caalaa namoota biratti jaallatamaa akka taʼe ibseera. (Roomaa 5:7) Namni qajeelaan, ulaagaawwan seera tokko keessatti argaman akka gaariitti eega, namni gaariin garuu wanta kana irra caalu godha. Namni gaariin dursa fudhatee warra kaan fayyaduuf carraa barbaada. Akkuma kanatti aansinee ilaallu, Yihowaan akkas gochuudhaan Waaqa gaarii taʼuu isaa argisiiseera. Gaarummaan akkasii jaalala Yihowaa isa guddaa irraa akka maddu beekamaa dha.
5-7. Yesuus “barsiisaa gaarii” jedhamee waamamuu kan hin barbaanne maaliifi? Kana gochuu isaatiin barumsa guddaa akkamii dabarseera?
5 Kana malees, gaarummaan Yihowaa addadha. Yesuus duʼuu isaa yeroo muraasa dura namni tokko isatti dhihaatee, “Yaa Barsiisaa gaarii” jedhee isa waamuudhaan gaaffii tokko isa gaafate. Yesuusis, “Maaliif gaarii jettee na waamta? Waaqa tokkicha malee gaariin hin jiru” jedhee deebiseef. (Maarqos 10:17, 18) Tarii deebiin isaa kun bitaa sitti taʼuu dandaʼa. Yesuus nama kana kan sirreesse maaliifi? Dhuguma inni “barsiisaa gaarii” hin turree?
6 Namichi Yesuusiin “barsiisaa gaarii” yommuu jedhu, isa jajuuf jedhee akka ture haala isaa irraa hubachuu dandeenya. Yesuus garuu gad of qabuudhaan, ulfina kana Abbaa isaa isa samii isa hunda caalaa gaarii taʼeef kenneera. (Fakkeenya 11:2) Kana malees, Yesuus carraa kanatti fayyadamee dhugaa barbaachisaa taʼe tokko barsiiseera. Ulaagaan wanta gaarii Yihowaa qofa dha. Wanti gaarii fi wanti gadheen maal akka taʼe murteessuuf ol aantummaa kan qabu Yihowaa qofa dha. Addaamii fi Hewaan Waaqayyo irratti fincilanii firii mukaa gaarii fi hamaa beeksisu nyaachuudhaan, mirga akkasii argachuu akka barbaadan argisiisaniiru. Isaan irraa haala faallaa taʼeen, Yesuus wanta gaarii fi gadhee taʼeef ulaagaa baasuuf mirga kan qabu Abbaa isaa akka taʼe gad of qabuudhaan amanee fudhateera.
7 Kana malees, Yesuus, Yihowaan madda wanta dhugumaan gaarii taʼe hundaa taʼuu isaa beeka ture. “Kennaan gaariinii fi kennaan guutuun hundi” kan dhufu isa biraati. (Yaaqoob 1:17) Mee amma, gaarummaan Yihowaa arjummaa isaatiin kan mulʼate akkamitti akka taʼe haa ilaallu.
Wantoota Gaarummaa Yihowaa Isa Guddaa Argisiisan
8. Yihowaan namoota hundatti gaarummaa kan argisiise akkamitti?
8 Namni gaarummaa Yihowaa irraa faayidaa hin arganne hin jiru. Faarfannaan 145:9, “Yihowaan uumamawwan hundumaatiif gaarii dha” jedha. Fakkeenyonni Yihowaan nama hundumaaf gaarii taʼuu isaa argisiisan tokko tokko maalfaʼi? Kitaabni Qulqulluun, “Wanta gaarii gochuudhaan, jechuunis samii irraa bokkaa roobsuudhaan, waqtiilee firii qaban isiniif kennuudhaan, akkasumas nyaata akka quuftanii fi garaan keessan gammachuudhaan akka guutamu gochuudhaan waaʼee ofii isaa dhugaa baʼeera” jedha. (Hojii Ergamootaa 14:17) Nyaata gaarii nyaachuudhaan baayʼee gammaddee beektaa? Yihowaan gaarummaa isaatiin kakaʼee marsaan bishaanii akka walirraa hin cinne utuu gochuu baatee fi nyaanni hedduun akka jiraatuuf “waqtiilee firii qaban” utuu kennuu baatee nyaanni hin jiraatu ture. Yihowaan gaarummaa isaa kana namoota isa jaallatanitti qofa utuu hin taʼin, namoota hundatti argisiisa. Yesuus, “Inni aduu isaa namoota hamoo fi namoota gaarii irratti ni baasa; bokkaas qajeelotaa fi jalʼoota irratti ni roobsa” jedheera.—Maatewos 5:45.
9. Poomiin, gaarummaa Yihowaa kan argisiisu akkamitti?
9 Namoonni hedduun, arjummaa Yihowaan aduu, bokkaa fi waqtiilee midhaan itti oomishamu nuu kennuudhaan yeroo hunda nutti argisiisu akka laayyootti ilaalu. Mee poomii akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Poomiin, kuduraa naannoowwan badda daree taʼanitti baayʼinaan beekamu dha. Taʼus, kuduraan kun bareedaa, miʼaawaa, bishaan hedduu kan qabuu fi faayidaa guddaa kan argamsiisu dha. Addunyaa maratti akaakuun poomii 7,500 taʼu ni argama. Poomiiwwan halluu diimaa, halluu warqee, halluu keelloo fi magariisa dabalatee halluu addaddaa qabu. Guddinni isaaniis ija wayinii irraa kaasee hamma burtukaana guddaa kan gaʼudha. Kana beekta turtee? Sanyiin poomii xinnoon tokko yommuu harkaan qabamtu wayittuu kan hin lakkaaʼamne fakkaachuu dandeessi. Haa taʼu malee, guddattee muka baayʼee bareedu taati. (Weedduu Weedduu Caalu 2:3) Mukti poomii waqtii birraatti ni daraara, waqtii arfaasaatti immoo firii godhata. Mukti poomii tokko waggoota 75f waggaa waggaadhaan kuduraa kaartoonii 20 tokkoon tokkoon isaa kiilogiraamii 19 madaalu godhata.
Yihowaan, ‘samii irraa bokkaa roobsuudhaan, waqtiilee firii qaban siif kenneera’
Mukti namoonni waggoota hedduuf nyaata irraa argachuu fi itti gammaduu dandaʼan, sanyii baayʼee xinnoo taate kana irraa argama
10, 11. Qaamonni miiraa keenya gaarummaa Yihowaa kan mulʼisan akkamitti?
10 Yihowaan gaarummaa isaa isa dhuma hin qabneen kakaʼee qaama keenya isa ‘karaa dinqisiisaa taʼeen tolfame’ qaamota miiraa hojii harka isaa hubachuu fi itti gammaduuf nu gargaaran wajjin nuu kenneera. (Faarfannaa 139:14) Mee wantoota jalqaba boqonnaa kanaa irratti kaasne irra deebiʼii ilaali. Ati utuu achi jiraattee wantoota si gammachiisan akkamii arguu dandeessa? Daaʼima baayʼee gammadee kolfu, bokkaa maasii bishaan dheebote irratti roobu, halluu diimaa, bifa warqee fi kan biraa yeroo aduun seentu mulʼatu arguu dandeessa. Iji namaa halluuwwan gara garaa kuma dhibbaan, tarii immoo miliyoonaan lakkaaʼaman addaan baasuu dandaʼa! Dandeettiin dhagaʼuu, sagaleewwan namatti tolan adda addaa gargar baasuuf nu gargaara; fakkeenyaaf siiqsa qilleensaa mukeetii gidduudhaa dhagaʼamuu fi kolfa daaʼima tokkoo addaan baasuu dandeenya. Wantoota kana ilaallee fi dhageenyee itti gammaduu kan dandeenye maaliifi? Kitaabni Qulqulluun, “Gurra dhagaʼuu fi ija argu, lamaan isaanii iyyuu Yihowaatu uume” jedha. (Fakkeenya 20:12) Taʼus wanti Yihowaan nuu kenne wantoota kana lamaan qofa miti.
11 Dandeettiin fuunfachuus ragaa kan biraa gaarummaa Yihowaa argisiisu dha. Funyaan namaa fooliiwwan gara miliyoona tokkoo taʼan addaan baasuu dandaʼa. Urgaan nyaata jaallattu tokkoo, urgaan abaaboo, fooliin baala harcaʼee fi aarri ibiddaa kanneen keessaa muraasa isaaniiti. Miirri qaqqabuu, yommuu qilleensi namatti tolu fuula keetti qilleensaʼuu fi michuun kee tokko si hammatu akka gammaddu, akkasumas firii mukaa tokkoo harkaan qaqqabdee lallaafina isaa akka hubattu si gargaara. Kuduraa tokko yommuu cuffattu immoo, qaamni miiraa dhandhamuuf si gargaaru hojii isaa jalqaba. Yommuu cuunfaan kuduraa sanaa arraba kee tuqu afaan kee dhandhama namatti toluun guutama. Dhuguma iyyuu, “Gaarummaan kee akkam baayʼee dha! Ati warra si sodaataniif isa keesseetta” jennee Yihowaa jajachuuf sababii gaʼaa qabna. (Faarfannaa 31:19) Garuu Yihowaan namoota isa sodaataniif wanta gaarii kan ‘kaaʼe’ akkamitti?
Gaarummaa Faayidaa Bara Baraa Argamsiisu
12. Qophiin Yihowaa inni hunda caalaa barbaachisaa taʼe isa kami dha? Barbaachisaa kan taʼe hoo maaliifi?
12 Yesuus, “‘Namni dubbii afaan Yihowaa keessaa baʼu hundumaatiin malee, nyaata qofaan jiraachuu hin dandaʼu’ kan jedhu barreeffameera” jedheera. (Maatewos 4:4) Dhuguma iyyuu, qophiin hafuuraa jireenya bara baraatti waan nu geessuuf, qophii qaama keenyaaf godhame caalaa faayidaa guddaa qaba. Boqonnaa 8ffaa kitaaba kanaa irratti, Yihowaan jannata hafuuraa argamsiisuuf guyyoota gara dhumaa kanatti humna haaressuuf qabutti akka fayyadame ilaallee turre. Wanti jannanni hafuuraa kun ittiin beekamu inni guddaan, nyaata hafuuraa baayʼinaan dhihaatu dha.
13, 14. (a) Hisqiʼel raajichi mulʼataan maal arge? Kun hoo yeroo ammaatti nuuf hiika maalii qaba? (b) Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoo taʼaniif qophii hafuuraa jireenya argamsiisu akkamii qopheesseera?
13 Raajii Kitaaba Qulqulluu haaromsaa ilaalchisee dubbatame tokko irratti, Hisqiʼel raajichi mana qulqullummaa ulfina qabeessa deebiʼee ijaarame mulʼataan argeera. Bishaan mana qulqullummaa sana keessaa burqe tokko, balʼinni isaa fi gadi fageenyi isaa dabalaa deemuudhaan galaana taʼe. Bishaanichi gara itti yaaʼe hundatti eebba guddaa argamsiisa ture. Qarqara bishaanichaatti mukeetiin firiin isaanii nyaataa fi qorichaaf taʼu ni biqilu. Bishaanichi Galaana Duʼaa isa soogidda qabuu fi lubbu qabeeyyiin keessa hin jiraanneef illee jireenya kenneera! (Hisqiʼel 47:1-12) Maarree kun hundi hiika maalii qaba?
14 Mulʼanni mana qulqullummaa, Yihowaan waaqeffannaa dhugaa akka iddootti deebisu argisiisa. Waaqeffannaan achi keessatti dhihaatus ulaagaa isaa wajjin kan walsimu taʼa. Akkuma bishaan mulʼaticha keessatti ibsame sanaa, qophiin Waaqayyo jireenyaaf godhe, saba isaatiif yeroo kam iyyuu caalaa baayʼinaan ni dhangalaʼa. Yihowaan waaqeffannaa qulqulluun bara 1919 jalqabee iddootti akka deebiʼu erga godhee kaasee, qophiiwwan jireenya argamsiisan kennuudhaan saba isaa eebbiseera. Akkamitti? Kitaabni Qulqulluun, barreeffamoonni Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan, walgaʼiiwwan gumii fi walgaʼiiwwan guguddaan namoota miliyoonaan lakkaaʼaman dhugaa beeksisuuf tajaajilaniiru. Yihowaan wantoota kanatti fayyadamee namoonni qophii inni jireenyaaf godhe keessaa waaʼee isa hunda caalaa barbaachisaa taʼe tokkoo akka baratan gochaa jira. Qophiin kun aarsaa furii Kiristoos isa warra garaadhaa Waaqayyoon jaallatanii fi sodaataniif Yihowaa duratti ejjennoo qulqulluu argamsiisuu fi abdii jireenya bara baraa isaaniif kennu dha.a Kanaan kan kaʼes, guyyoota dhumaa kanatti addunyaan beela hafuuraatiin kan miidhame taʼus, sabni Yihowaa nyaata hafuuraa irraa hafaa argachaa jiru.—Isaayyaas 65:13.
15. Bulchiinsa Barkumee Kiristoositti gaarummaan Yihowaa ilmaan namootaatiif kan dhangalaʼu akkamitti?
15 Haa taʼu malee, bishaan Hisqiʼel mulʼataan arge, addunyaan inni moofaan kun erga balleeffamee boodas yaaʼuu isaa hin dhiisu. Kanaa mannaa, Bulchiinsa Barkumee Kiristoositti baayʼinaan yaaʼuu isaa itti fufa. Yeroo sanatti, Yihowaan karaa Mootummaa Masiihichaa suutuma suuta namoonni amanamoon mudaa kan hin qabne akka taʼan gochuudhaan, gatiin aarsaa Kiristoos guutummaatti faayidaa irra akka oolu godha. Yeroo sanatti gaarummaa Yihowaatti baayʼee akka gammannu beekamaadha!
Karaawwan Gaarummaan Yihowaa Itti Mulʼatu Kan Biroo
16. Kitaabni Qulqulluun, gaarummaan Yihowaa amalawwan kan biroos kan of keessatti qabate taʼuu isaa kan ibsu akkamitti? Isaan keessaa tokko tokko maalfaʼi?
16 Gaarummaan Yihowaa arjummaa irra darbees waan dabalatu qaba. Waaqayyo Museedhaan, “Ani gaarummaan koo hundi fuula kee dura akka darbu nan godha; akkasumas maqaa Yihowaa si duratti nan labsa” jedheera. Seenaan isaa itti fufuudhaan, “Yihowaanis akkana jedhee labsaa isa dura darbe: ‘Yihowaa, Yihowaa Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa taʼe, aariidhaaf suuta kan jedhu, jaalalli isaa inni amanamaanii fi dhugaan isaa baayʼee kan taʼe’” jedha. (Baʼuu 33:19; 34:6 miiljalee) Kanaaf, gaarummaan Yihowaa amalawwan gaggaarii hedduu kan of keessatti qabatedha jechuu dha. Mee amalawwan kana keessaa lamaan isaanii qofa haa ilaallu.
17. Gara laafinni maalidha? Yihowaan ilmaan namootaa cubbamoo taʼanitti gara laafina kan argisiise hoo akkamitti?
17 “Gara laafessa.” Amalli kun, Yihowaan uumamawwan isaa kabajaan akka qabuu fi kan itti dhihaatamu akka taʼu isa godha. Yihowaan akka namoota aangoo qaban kaanii kan dheekkamu, jaalala kan hin qabne ykn kan nama cunqursu utuu hin taʼin garraamii fi gaarummaa kan qabu dha. Fakkeenyaaf Yihowaan Abraamiin, “Maaloo, ol jedhiitii bakka jirtu kana irraa gara kaabaa fi gara kibbaa, akkasumas gara bahaa fi gara dhihaa ilaali!” jedhe ture. (Uumama 13:14) Hiikkaawwan hedduun jecha “maaloo” jedhu baasaniiru. Haa taʼu malee, hayyoonni Kitaaba Qulqulluu, afaan Ibrootaatiin caqasni kun jecha yaada kana ajaja irraa gara gaaffii kabajaatti jijjiiru kana akka qabu ibsaniiru. Caqasawwan yaada akkasii qabatan kan biroonis jiru. (Uumama 31:12; Hisqiʼel 8:5) Gooftaan uumama cufaa, ilmaan namootaatiin “maaloo” jechuun isaa nama hin dinqisiisuu? Addunyaa hamminni, gara jabinnii fi addaggummaan itti babalʼate kana keessa yeroo jiraannutti, gara laafina Yihowaa irratti xiinxaluun nama hin gammachiisuu?
18. Yihowaan “dhugaan isaa baayʼee kan taʼe” akkamitti? Yaanni kun kan nu jajjabeessu maaliifi?
18 “Dhugaan isaa baayʼee kan taʼe.” Yeroo harʼaatti amanamummaan addunyaa irraa badeera. Kitaabni Qulqulluun garuu, “Waaqayyo akka namaa soba hin dubbatu” jedha. (Lakkoofsa 23:19) Tiitoon 1:2, ‘Waaqni sobuu hin dandaʼu’ jedha. Gaarummaan isaa guddaa waan taʼeef sobuu hin dandaʼu. Kanaan kan kaʼes, abdiin inni kenne guutummaatti amansiisaadha; wanti inni dubbates yeroo hunda ni raawwatama. Yihowaan “Waaqa dhugaa” jedhamee illee waamameera. (Faarfannaa 31:5) Yihowaan soba dubbachuu irraa of qusachuu qofa utuu hin taʼin, tajaajiltoota isaatiif dhugaa hedduu ni ibsa. Namoota irraa of fageessuu ykn of dhoksuu mannaa, tajaajiltoonni isaa warri amanamoo taʼan kuusaa ogummaa isaa isa hangana hin jedhamne irraa beekumsa akka argatan godha.b ‘Dhugaa keessa deddeebiʼuu akka itti fufaniif’ dhugaa isa irraa argataniin akkamitti jiraachuu akka qaban illee isaan barsiisa. (3 Yohaannis 3) Maarree, gaarummaan Yihowaa dhuunfaatti maal akka goonu nu kakaasuu qaba?
‘Gaarummaa Yihowaatti Gammadi’
19, 20. (a) Seexanni, Hewaan gaarummaa Yihowaa irratti amantaa akka dhabdu gochuuf kan yaale akkamitti? Kunoo maal geessise? (b) Gaarummaan Yihowaa maal akka goonu nu kakaasuu qaba? Maaliifi?
19 Seexanni iddoo biqiltuu Eedan keessatti haxxummaadhaan Hewaaniin qoru kan jalqabe amantaa gaarummaa Yihowaa irratti qabdu ishii dhabsiisuudhaan ture. Yihowaan Addaamiin, “Muka iddoo biqiltuu sana keessa jiru hundumaa irraa hamma quuftutti ni nyaatta” jedheenii ture. Mukeetii iddoo biqiltuu sana keessatti argaman hunda keessaa, Addaamii fi Hewaan akka hin nyaanne kan dhowwaman isa tokko irraa qofa ture. Seexanni garuu, “Waaqayyo dhuguma muka iddoo biqiltuu keessa jiru hundumaa irraa hin nyaatinaa isiniin jedheeraa?” jechuudhaan yaada kana jalʼisee gaaffii isa jalqabaa Hewaaniif dhiheesse. (Uumama 2:9, 16; 3:1) Seexanni, Hewaan Yihowaan wanta gaarii tokko akka isaan dhowwate akka yaaddu gochuuf, wanta Yihowaan jedhe jalʼisee dhiheesseera. Kan nama gaddisiisu tooftaan isaa kun isaaf milkaaʼeera. Akkuma namoonni sana booda dhalatan hedduun godhan, Hewaanis Waaqayyo inni wanta qabdu hunda ishiif kenne gaarii taʼuu isaa shakkuu jalqabde.
20 Shakkiin akkasii gaddaa fi jeequmsa guddaa akkamii akka fide beekna. Kanaaf, yaada Ermiyaas 31:12 irratti argamuu fi ‘Isaan gaarummaa Yihowaatti ni gammadu’ jedhu hojii irra haa oolchinu. Dhuguma iyyuu, gaarummaan Yihowaa nu gammachiisuu qaba. Waaqa keenya isa gaarummaadhaan guutame matumaa shakkuu hin qabnu. Namoonni isa jaallatan wanta gaarii akka argatan waan barbaaduuf, guutummaatti isatti haa amanamnu.
21, 22. (a) Dinqisiifannaa gaarummaa Waaqayyootiif qabdu karaawwan kamiin argisiisuu barbaadda? (b) Boqonnaa ittaanu irratti waaʼee amala isa kamii baranna? Amalli kunoo gaarummaa irraa adda kan taʼe akkamitti?
21 Kana malees, waaʼee gaarummaa Waaqayyoo warra kaanitti himuuf yommuu carraa argannu ni gammanna. Faarfannaan 145:7 saba Yihowaa ilaalchisee, “Isaan gaarummaa kee isa hedduu taʼe yommuu yaadatan gammachuudhaan dubbatu” jedha. Yeroo hundumaa gaarummaa Yihowaa irraa faayidaa ni arganna. Guyyaa guyyaadhaan gaarummaa Yihowaan sii godhe caqastee isa galateeffachuu maaliif barsiifata hin godhattu? Amala kana irratti xiinxaluun keenya, yeroo hundumaa gaarummaa isaatiif isa galateeffachuu fi waaʼee gaarummaa isaa warra kaanitti himuun keenya, fakkeenya Waaqa keenya isa gaarii hordofuuf nu gargaara. Akkuma Yihowaa wanta gaarii gochuuf yommuu karaa barbaannu, yeroo kam iyyuu caalaa isatti dhihaanna. Yohaannis ergamaan inni maanguddoo ture, “Yaa obboleessa jaallatamaa, fakkeenya warra wanta gaarii hojjetanii hordofi malee, fakkeenya warra wanta gadhee hojjetanii hin hordofin. Namni wanta gaarii hojjetu kan Waaqayyoo ti. Namni wanta gadhee hojjetu Waaqayyoon hin argine” jedhee barreesseera.—3 Yohaannis 11.
22 Gaarummaan Yihowaa amalawwan kaan wajjinis walitti dhufeenya qaba. Fakkeenyaaf Kitaabni Qulqulluun “jaalalli isaa inni amanamaan . . . baayʼee” akka taʼe ibsa. (Baʼuu 34:6) Yihowaan amala isaa kana kan argisiisu tajaajiltoota isaa warra amanamoof qofa waan taʼeef, amalli kun gaarummaa irraa addadha. Boqonnaa ittaanu irratti Yihowaan kana akkamitti akka godhu baranna.
a Furii kana caalaa wanti gaarummaa Yihowaa argisiisu kan biraan hin jiru. Yihowaan, uumamawwan hafuuraa miliyoonaan lakkaaʼaman kan qabu taʼus, akka nuuf duʼu kan filate garuu Ilma isaa isa tokkicha baayʼee jaallatu ture.
b Kitaabni Qulqulluun dhugaa fi ifa wal qabsiisee ibsuun isaa sirrii dha. Faarfatichi, “Ifa kee fi dhugaa kee ergi” jedhee faarfateera. (Faarfannaa 43:3) Yihowaan namoota isa irraa barachuu ykn ifa isaa argachuu barbaadaniif, ifa hafuuraa hammana hin jedhamne ni ibsa.—2 Qorontos 4:6; 1 Yohaannis 1:5.
-
-
“Ati Qofti Amanamaa” DhaYihowaatti Dhihaadhu
-
-
BOQONNAA 28
“Ati Qofti Amanamaa” Dha
1, 2. Gantummaan, Daawit Mootichaaf haaraa hin turre jedhamuu kan dandaʼu maaliifi?
DAAWIT MOOTICHAAF gantummaan haaraa hin turre. Fakkeenyaaf yeroo tokko sabni isaa Israaʼel isa ganuudhaan mootummaa isaa fonqolchuuf yaalanii turan. Kana malees, michoonni isaa baayʼee isatti dhihaatan tokko tokko isa gananiiru. Mee haadha manaa isaa ishii jalqabaa Miikaaliin akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Jalqaba irratti ‘Daawitiin jaallattee kan turte’ yeroo taʼu, mootii akka taʼus isa deggertee akka turte hin shakkisiisu. Booda garuu, ‘garaa ishiitti isa tuffatte,’ akkasumas ‘akka nama gowwaatti’ isa ilaaluu jalqabde.—1 Saamuʼel 18:20; 2 Saamuʼel 6:16, 20.
2 Namni Ahitoofel jedhamuu fi gorsaa Daawit taʼe tokkos jira. Gorsi isaa akkuma waan Yihowaa biraa dhufeetti waan ilaalamuuf bakka guddaa qaba. (2 Saamuʼel 16:23) Haa taʼu malee, namni amanamaa ture kun gantuu taʼuudhaan namoota Daawit irratti fincilan deggeruu jalqabe. Fincila kan jalqabsiise garuu eenyu? Ilmuma Daawit kan taʼe Abishaalom ture! Namni haxxeen kun mooticha morkachuudhaan, “garaa namoota Israaʼel gara ofii isaatti jalʼise.” Fincilli Abishaalom kaase kun ittuma cimaa waan deemeef, Daawit Mootichi lubbuu isaa oolfachuuf jecha baqachuuf illee dirqamee ture.—2 Saamuʼel 15:1-6, 12-17.
3. Daawit amanannaa akkamii qaba ture?
3 Yeroo kanatti eenyu iyyuu Daawitiif amanamaa hin turre jechuudhaa? Daawit yeroo rakkinni isa irra gaʼu hundatti qaamni tokko isaa wajjin akka jiru beeka ture. Qaamni kun eenyu dha? Yihowaadhaan alatti eenyu iyyuu taʼuu hin dandaʼu. Daawit Yihowaadhaan, “Nama amanamaa taʼeef amanamaa ni taata” jedheera. (2 Saamuʼel 22:26) Amanamummaan maalidha? Yihowaan amala kana argisiisuudhaan fakkeenya hunda irra caalu kan nuu taʼe akkamitti?
Amanamummaan Maalidha?
4, 5. (a) “Amanamummaan” maalidha? (b) Amanamummaan lubbu dhabeeyyiin argisiisan, amanamummaa namoonni argisiisan irraa adda kan taʼe akkamitti?
4 Akka Kitaaba Qulqulluu afaan Ibrootaa keessatti ibsametti, “amanamummaan,” nama nama jaallatu tokkotti of maxxansu, akkasumas isa gargaaruu fi deggeruu isaa itti fufu argisiisa. Amanamummaan itti gaafatamummaa baʼuu caalaa wanta dabalatu qaba. Namni tokko dirqamni waan isa irra jiruuf qofa amanamaa taʼuu ni dandaʼa. Faallaa kanaatiin amanamummaan as irratti ibsame jaalala irratti hundaaʼa.a Kana malees, jechi “amanamummaa” jedhu wantoota lubbuu hin qabne kan akka addeessaafis itti hojjetameera. Fakkeenyaaf faarfatichi, addeessi yeroo hunda galgala galgala waan mulʼattuuf, “samii keessatti ragaa baatuu amanamtuu” akka taate ibseera. (Faarfannaa 89:37) Haa taʼu malee amanamummaan addeessaa, amanamummaa namni argisiisuu wajjin tokko taʼuu hin dandaʼu. Maaliifi? Sababiin isaas gosti amanamummaa mata duree kana irratti ibsamaa jiru jaalala irratti kan hundaaʼe yeroo taʼu, wantoonni lubbu dhabeeyyii taʼan immoo jaalala argisiisuu hin dandaʼan.
Addeessi ragaa baatuu amanamtuu kan jedhamte taʼus, amanamummaa Yihowaa sirriitti calaqqisuu kan dandaʼan uumamawwan yaaduu dandaʼan qofadha
5 Kitaaba Qulqulluu keessatti akka ibsametti, amanamummaan miira hoʼaa qabaachuu dabalata. Namoonni waliif amanamoo taʼuun isaanii isaan gidduu michummaa cimaan akka jiru argisiisa. Amanamummaan akkasii akka dambalii galaanaa, haala qilleensaa irratti hundaaʼee kan jijjiiramu miti. Kanaa mannaa amanamummaan ykn jaalalli amanamaan kan hin jijjiiramnee fi jabaa waan taʼeef, rakkoowwan guguddaa illee moʼuu ni dandaʼa.
6. (a) Amanamummaan hammam badaa dhufeera? Kitaabni Qulqulluun kana kan ibsu hoo akkamitti? (b) Karaan inni guddaan amanamummaan maalfaa akka dabalatu beekuuf nu gargaaru maalidha? Akkas kan jennu maaliifi?
6 Yeroo ammaatti amanamummaan akkasii badaa jira. Yeroo baayʼee hiriyoonni “wal balleessuuf qophaaʼan jiru.” Oduun hiriyoonni gaaʼelaa akka wal dhiisanii deeman ibsu baayʼinaan dhagaʼama. (Fakkeenya 18:24; Miilkiyaas 2:14-16) Gochawwan gowwoomsaa babalʼachaa waan dhufaniif yaada Miikiyaas raajichi, “Namni amanamaan lafa irraa badeera” jedhee dubbate irratti walii galla. (Miikiyaas 7:2) Ilmaan namootaa yeroo baayʼee amanamoo taʼuu baatanis, Yihowaan amala kana argisiisuudhaan fakkeenya gaarii taʼa. Amanamummaan maalfaa akka dabaltu beekuuf, Yihowaan amala jaalala isaa ibsu kana akkamitti akka argisiisu akka gaariitti qoruu qabna.
Amanamummaa Yihowaa Isa Gita Hin Qabne
7, 8. Yihowaa qofatu amanamaadha jedhamuu kan dandaʼu maaliifi?
7 Kitaabni Qulqulluun Yihowaa ilaalchisee, “ati qofti amanamaa” dha jedha. (Mulʼata 15:4) Akkas kan jedhame maaliifi? Ilmaan namootaas taʼan maleekonni yeroo itti amanamummaa guddaa argisiisan hin qabanii? (Iyyoob 1:1; Mulʼata 4:8) Yesuus Kiristoos hoo? Inni hunda caalaa Waaqayyoof “amanamaa” mitii? (Faarfannaa 16:10) Yihowaa qofti amanamaadha jedhamuu kan dandaʼu akkamitti ree?
8 Amanamummaan amalawwan jaalalli itti argisiifamu keessaa isa tokko akka taʼe yaadadhu. “Waaqayyo jaalala” waan taʼeef, qaamni isa caalaa amanamummaa argisiisuu dandaʼu hin jiru! (1 Yohaannis 4:8) Maleekonnis taʼan namoonni amalawwan Waaqayyoo calaqqisuu kan dandaʼan taʼus, karaa hunda irra caaluun amanamummaa kan argisiisu Yihowaa qofa dha. Yihowaan isa “Bara Dheeraa Jiraate” waan taʼeef, uumama lafa irras taʼe samii irra jiraatu kam iyyuu caalaa yeroo dheeraaf amanamummaa argisiisaa tureera. (Daaniʼel 7:9) Kanaaf, Yihowaan amanamummaa argisiisuudhaan fakkeenya hunda irra caaludha. Amala kana argisiisuudhaan uumamni kam iyyuu isaan qixxaachuu hin dandaʼu. Mee fakkeenyota tokko tokko ilaali.
9. Yihowaan ‘wanta raawwatu hundumaatiin amanamaa’ kan taʼe akkamitti?
9 Yihowaan, ‘wanta raawwatu hundumaatiin amanamaa dha.’ (Faarfannaa 145:17) Akkamitti? Faarfannaan 136 gaaffii kanaaf deebii kenna. Achi irratti, akkaataa Israaʼelonni dinqiidhaan Galaana Diimaa itti ceʼan dabalatee, gochawwan Yihowaan saba isaa oolchuuf raawwate hedduun ibsamaniiru. Lakkoofsa hunda irratti yaanni, “Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata” jedhu kan argamu taʼuun isaa immoo kan nama dinqisiisudha. Faarfannaan kun, saanduqa “Gaaffiiwwan Xiinxaluuf Gargaaran” jedhuu fi fuula 347 irratti argamu keessatti caqasameera. Caqasawwan kana yommuu dubbistu, karaawwan hedduu Yihowaan saba isaatti jaalala amanamaa itti argisiise akka dinqisiifattu hin shakkisiisu. Eeyyee, Yihowaan tajaajiltoonni isaa amanamoo taʼan gargaarsa argachuuf yommuu isatti iyyatan dhagaʼuu fi yeroo inni jedhetti tarkaanfii fudhachuudhaan isaaniif amanamaa taʼuu isaa ni argisiisa. (Faarfannaa 34:6) Yihowaan, yeroo tajaajiltoonni isaa isaaf amanamoo taʼan hundatti innis jaalala amanamaa isaanitti ni argisiisa.
10. Yihowaan ulaagaawwan isaa wajjin haala wal qabateen amanamaa taʼuu isaa kan argisiise akkamitti?
10 Yihowaan ulaagaawwan baase eeguudhaanis tajaajiltoota isaatiif amanamaa taʼuu isaa ni argisiisa. Namoota amalli isaanii jijijjiiramuu fi miiraan oofaman irraa haala adda taʼen, ilaalchi Yihowaan wanta sirrii fi dogoggora taʼeef qabu hin jijjiiramu. Waggoota kuma hedduudhaan lakkaaʼamaniif, ilaalchi inni gocha hafuurota xuraaʼoof, waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuu fi ajjeechaaf qabu hin jijjiiramne. Yihowaan karaa Miilkiyaas raajii isaa, “Hamma dulloomtanitti ani isuma sana” jedheera. (Isaayyaas 46:4) Kanaaf, qajeelfama inni naamusaaf baasee fi Dubbii Waaqayyoo keessatti ifatti kaaʼame hordofuudhaan, faayidaa akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Isaayyaas 48:17-19.
11. Fakkeenyota Yihowaan abdii kenne akka raawwatu argisiisan tokko tokko dubbadhu.
11 Yihowaan abdii kenne raawwachuudhaanis amanamaa taʼuu isaa ni argisiisa. Raajiin inni dubbate hundi ni raawwatama. Kanaan kan kaʼes Yihowaan akkas jedheera: “Dubbiin afaan koo keessaa baʼu . . . dhugumaan wantan itti gammadu ni raawwata, wantan itti isa erges fiixaan ni baasa malee akkanumaan gara kootti hin deebiʼu.” (Isaayyaas 55:11) Yihowaan wanta dubbate raawwachuudhaan saba isaatiif amanamaa taʼuu isaa ni argisiisa. Sabni isaa wanta inni raawwachuu hin yaanne tokko hawwiidhaan akka eeggatan hin godhu. Gama kanaan Yihowaan maqaa gaarii waan qabuuf tajaajilaa isaa kan ture Iyyaasuun, “Waadaawwan gaggaarii Yihowaan mana Israaʼeliif gale hundumaa keessaa waadaan tokko illee utuu hin raawwatamin hin hafne; hundi isaanii iyyuu raawwatamaniiru” jechuu dandaʼeera. (Iyyaasuu 21:45) Kanaaf, Yihowaan abdii kenne raawwachuu hin dandaʼu jennee sodaachuudhaan, sababii abdii itti kutannu hin qabnu jechuudha.—Isaayyaas 49:23; Roomaa 5:5.
12, 13. Jaalalli amanamaan Yihowaa bara baraaf jabaatee kan dhaabatu karaawwan kamiini?
12 Akkuma olitti ibsame, Kitaabni Qulqulluun jaalalli amanamaan Yihowaa “bara baraaf jabaatee dhaabbata” jedha. (Faarfannaa 136:1) Garuu kun kan taʼu akkamitti? Tokkoffaa, Yihowaan cubbuu keenyaaf dhiifama kan godhu bara baraaf waan taʼeefidha. Akkuma Boqonnaa 26ffaa irratti ibsame, Yihowaan nama tokkoof cubbuu isaa erga dhiisee booda cubbuu sanaaf deebiʼee isa hin adabu. Namoonni ‘hundi cubbuu waan hojjetanii fi ulfina Waaqayyoo calaqqisiisuu waan hin dandeenyeef’ hundi keenya jaalalli amanamaan Yihowaa bara baraaf jabaatee kan dhaabatu taʼuu isaatti guddaa isa galateeffachuu qabna.—Roomaa 3:23.
13 Haa taʼu malee, jaalalli amanamaan Yihowaa karaa itti bara baraaf jabaatee dhaabatu kan biraas qaba. Kitaabni Qulqulluun, namni qajeelaan, “akka muka bishaan yaaʼu biratti dhaabamee, akka muka waqtii isaatti firii godhatuu, baalli isaas hin coollignee ni taʼa. Wanti inni godhu hundis isaaf ni milkaaʼa” jedha. (Faarfannaa 1:3) Mee waaʼee muka guddaa baalli isaa hin coolligne tokkoo yaadi! Nutis Dubbii Waaqayyootti garaadhaa kan gammannu yoo taʼe, jireenyi keenya dheeraa, akkasumas nagaa fi milkaaʼina kan qabu taʼa. Eebbi Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoo taʼaniif kennu bara baraaf itti fufa. Dhuguma iyyuu, addunyaa haaraa Yihowaan fiduu fi qajeelummaan keessa guutu keessatti, ilmaan namootaa ajajamoo taʼan gaarummaa isaa bara baraaf ni argu.—Mulʼata 21:3, 4.
Yihowaan, ‘Warra Isaaf Amanamoo Taʼan Hin Gatu’
14. Yihowaan amanamummaa tajaajiltoota isaa akka dinqisiifatu kan argisiisu akkamitti?
14 Yihowaan amanamaa taʼuu isaa yeroo baayʼee argisiiseera. Inni waan hin jijjiiramneef, amanamummaan inni tajaajiltoota isaa warra amanamoo taʼaniif qabu matumaa hin hirʼatu. Faarfatichi akkas jedhee barreesseera: “Ani dargaggeessan ture, amma garuu dulloomeera, taʼus namni qajeelaan kam iyyuu yommuu gatamu, ijoolleen isaas yommuu nyaata kadhatan hin argine. Sababiin isaas, Yihowaan haqa ni jaallata, warra isaaf amanamoo taʼanis hin gatu.” (Faarfannaa 37:25, 28) Yihowaan Uumaa waan taʼeef waaqeffannaan isaaf mala. (Mulʼata 4:11) Taʼu iyyuu, amanamaa waan taʼeef, amanamummaa nuti argisiisnu akka laayyootti hin ilaalu.—Miilkiyaas 3:16, 17.
15. Akkaataan Yihowaan Israaʼelota itti gargaare amanamummaa isaa kan argisiisu akkamitti akka taʼe ibsi.
15 Yihowaan jaalala amanamaa isaatiin kakaʼee, yommuu sabni isaa rakkina keessa galan irra deddeebiʼee isaan gargaara. Faarfatichi, “Inni lubbuu warra isaaf amanamoo taʼanii ni eega; harka hamootaa jalaas isaan ni oolcha” jedheera. (Faarfannaa 97:10) Mee Yihowaan saba Israaʼel akkamitti akka gargaare ilaali. Israaʼelonni dinqiidhaan Galaana Diimaa erga ceʼanii booda, “Jaalala kee isa amanamaadhaan saba isa furte ni geggeessite” jechuudhaan Yihowaa faarfataniiru. (Baʼuu 15:13) Eeyyee, gochi Yihowaan Galaana Diimaa biratti Israaʼelota oolchuuf raawwate jaalala amanamaa isaa kan argisiisu ture. Kanaan kan kaʼes, Museen Israaʼelotaan akkas jedheera: “Yihowaan kan isin jaallatee fi kan isin filate isin saboota hundumaa irra hedduu waan turtaniif miti; saboota hundumaa irra lakkoofsi keessan xinnoo ture. Kanaa mannaa, Yihowaan mana garbummaa fi humna Faraʼoon mootii Gibxii jalaa isin furuuf harka jabaadhaan kan isin baase, Yihowaan waan isin jaallateef, kakuu abbootii keessaniif kakates waan eegeef ture.”—Keessa Deebii 7:7, 8.
16, 17. (a) Israaʼelonni dinqisiifannaa akka hin qabne kan argisiisan akkamitti? Taʼus Yihowaan gara laafina kan isaanitti argisiise akkamitti? (b) Israaʼelonni hedduun “hamma fayyinni isaaniif dhabamutti” kan gaʼan akkamitti? Kun hoo akeekkachiisa akkamii nuu taʼa?
16 Israaʼelonni Galaana Diimaa erga ceʼanii booda jaalala amanamaa Yihowaa utuu hin dinqisiifatin hafaniiru; sababiin isaas erga oolanii booda “Isa Hundaa Olii irratti finciluudhaan, [Yihowaa] irratti cubbuu hojjechuu isaanii itti fufan.” (Faarfannaa 78:17) Waggoota dhibbaan lakkaaʼamaniif, Yihowaa dhiisanii waaqolii sobaa waaqeffachuu fi gochawwan gadhee isaan mancaasan raawwachuudhaan irra deddeebiʼanii isa irratti fincilaniiru. Taʼus yeroo kanatti illee Yihowaan kakuu isaa hin cabsine. Kanaa mannaa karaa Ermiyaas raajichaa, “Yaa Israaʼel ishii gantuu taate nana, deebiʼi . . . Ani amanamaa waanan taʼeef, aariidhaan gad si hin ilaalu” jedhee saba isaa kadhateera. (Ermiyaas 3:12) Haa taʼu malee, akkuma Boqonnaa 25 irratti ibsame, Israaʼelonni hedduun jijjiirama gochuuf hin kakaane. Kanaa mannaa, “ergamtoota Waaqa dhugaatti ni qoosu, dubbii isaa ni tuffatu, raajota isaattis ni qoosu turan.” Kun hoo maal geessise? Dhuma irratti, ‘hamma fayyinni isaaniif dhabamutti, dheekkamsi Yihowaa saba isaa irratti ni dhufe.’—2 Seenaa Baraa 36:15, 16.
17 Kana irraa maal baranna? Yihowaan miiraan oofamuudhaan ykn gowwoomfamuudhaan amanamummaa hin argisiisu. Yihowaan ‘jaalalli amanamaan isaa baayʼee dha,’ akkasumas yeroo sababa gaʼaa qabaatutti araara argisiisuun isa gammachiisa. Taʼus, namni cubbuu hojjete tokko hammina isaatiin yoo itti fufe maaltu irra gaʼa? Yeroo akkasiitti Yihowaan, ulaagaa qajeelummaaf baase eeguudhaan, nama kana irratti murtii cimaa dabarsa. Akkuma Museen jedhe, Yihowaan ‘isa balleessaa qabu matumaa utuu hin adabin hin hafu.’—Baʼuu 34:6, 7.
18, 19. (a) Yihowaan hamoota adabuun isaa amanamummaa isaa kan argisiisu akkamitti? (b) Yihowaan namoota amanamoo ariʼatama isaan irra gaʼeen lubbuu isaanii dhabaniif amanamummaa isaa kan argisiisu akkamitti?
18 Waaqayyo hamoota adabuun isaa iyyuu amanamummaa isaa kan argisiisudha. Akkamitti? Deebiin gaaffii kanaa inni tokko, kitaaba Mulʼataa isa ajaja Yihowaan maleekota torbaaf kenne qabate keessatti ibsameera. Ajajni kun, “Dhaqaa, dheekkamsa Waaqayyoo saaniiwwan torban sana keessa jiru lafa irratti dhangalaasaa” jedha. Maleekaan inni sadaffaan yommuu saanii golboo isaa keessaa dheekkamsa Waaqayyoo ‘lageenii fi burqaawwan bishaanii irratti dhangalaasu’ dhiiga taʼan. Achiis maleekaan kun Yihowaadhaan akkas jedhe: “Ati inni jirtuu fi inni turte, inni amanamaa taate, murtiiwwan kana waan dabarsiteef ati qajeelaa dha; isaan dhiiga qulqullootaa fi raajotaa waan dhangalaasaniif, atis akka dhuganiif dhiiga isaaniif kennite; kunis kan isaaniif malu dha!”—Mulʼata 16:1-6.
19 Maleekaan kun, ergaa murtii dabarsaa ture gidduutti, Yihowaan “amanamaa” taʼuu isaa akka caqase qalbeeffadhu. Akkas kan jedhe maaliifi? Yihowaan hamoota balleessuun isaa tajaajiltoota isaatiif amanamaa taʼuu isaa waan argisiisuufidha. Tajaajiltoota isaa kana keessaa hedduun isaanii ariʼatama isaan irra gaʼeen lubbuu isaanii dhabaniiru. Yihowaan amanamaa waan taʼeef, namoota kana akkuma waan lubbuudhaan jiraniitti ilaala. Namoota amanamoo kana deebiʼee arguuf kan hawwu yeroo taʼu, Kitaabni Qulqulluun Yihowaan duʼaa kaasuudhaan isaan kiisuu akka barbaadu nuu mirkaneessa. (Iyyoob 14:14, 15) Yihowaan tajaajiltoonni isaa amanamoo taʼan lubbuudhaan waan hin jirreef qofa isaan hin irraanfatu. Kanaa mannaa, “hundi isaanii isaaf jiraatoo” dha. (Luqaas 20:37, 38) Yihowaan namoota yaadatu kana gara jireenyaatti deebisuuf kaayyoo qabaachuun isaa, ragaa guddaa amanamummaa isaa argisiisudha.
Yihowaan namoota hamma duʼaatti illee amanamoo taʼan yaadachuu fi duʼaa kaasuudhaan amanamaa taʼuu isaa ni argisiisa
Beernaardi Luuyimisii (gubbaa) fi Woolfigaangi Kusaroow (gidduu) warra Naaziitiin ajjeefamaniiru
Moosas Niyaamusuwaan garee siyaasaa tokkoon eeboodhaan waraanamee ajjeefameera
Amanamummaan Yihowaa Fayyinaaf Karaa Bana
20. Namoonni “qodaawwan gara laafinaa” taʼan eenyufaʼi? Yihowaan namoota kanaaf amanamaa taʼuu isaa kan argisiise hoo akkamitti?
20 Yihowaan namoota amanamoo taʼanitti amanamummaa guddaa argisiisaa tureera. Waggoota kuma hedduudhaan lakkaaʼamaniif, ‘qodaawwan dheekkamsaa badiisni isaaniif malutti obsa guddaa argisiiseera.’ Maaliifi? ‘Kana kan godhe qodaawwan gara laafinaa warra dursee ulfina isaatiif qopheesse irratti ulfina isaa isa guddaa mulʼisuuf.’ (Roomaa 9:22-24) Namoonni “qodaawwan gara laafinaa” taʼan kun, namoota garaa qajeelaa qabanii fi Mootummaa Kiristoos irratti isaa wajjin bulchuuf hafuura qulqulluudhaan dibamanidha. (Maatewos 19:28) Yihowaan, namoota qodaa gara laafinaa taʼaniif daandii fayyinaa banuudhaan waadaa Abraamiif, “Ati sagalee koo waan dhageesseef, saboonni lafa irraa hundi sanyii keetiin ofii isaaniitiif eebba ni argatu” jechuudhaan galeef amanamaa taʼuu isaa argisiiseera.—Uumama 22:18.
Yihowaan amanamaa waan taʼeef, tajaajiltoonni isaa amanamoon hundi abdii amansiisaa qabu
21. (a) Yihowaan, ‘tuuta uummataa guddaa’ “rakkina guddaa” keessaa baʼuuf abdii qabanitti amanamummaa kan argisiisu akkamitti? (b) Yihowaan amanamaa taʼuun isaa maal akka gootu si kakaasa?
21 Yihowaan, ‘tuuta uummataa guddaa’ “rakkina guddaa” keessaa baʼuu fi lafa jannata taatu irra bara baraan jiraachuuf abdii qabanittis amanamummaa akkasii ni argisiisa. (Mulʼata 7:9, 10, 14) Tajaajiltoonni isaa mudaa kan qaban taʼus, Yihowaan amanamaa waan taʼeef bara baraan lafa jannata taatu irra akka jiraatan carraa isaanii kenna. Kana kan godhu akkamitti? Furii Ilma isaa isa hunda caalaa amanamummaa isaa argisiisutti fayyadameeti. (Yohaannis 3:16; Roomaa 5:8) Amanamummaan Yihowaa, namoota garaan isaanii qajeelummaa beelaʼe ni hawwata. (Ermiyaas 31:3) Amanamummaa guddaan Yihowaan argisiisaa jiruu fi gara fuulduraatti argisiisu, gara isaatti akka dhihaattu si hin kakaasuu? Hawwiin keenya Waaqayyotti dhihaachuu waan taʼeef, murtoo amanamummaadhaan isa tajaajiluuf goone cimsachuudhaan, jaalala inni nutti argisiise akka dinqisiifannu haa argisiisnu.
a Kan nama dinqisiisu 2 Saamuʼel 22:26 irratti jechi “amanamummaa” jedhamee hiikame iddoo biraatti “jaalala amanamaa” jedhamee hiikameera.
-
-
‘Jaalala Kiristoos Beekuu’Yihowaatti Dhihaadhu
-
-
BOQONNAA 29
‘Jaalala Kiristoos Beekuu’
1-3. (a) Yesuus Abbaa isaa fakkaachuuf fedhii akka qabaatu kan isa kakaase maalidha? (b) Karaawwan Yesuus jaalala itti argisiise kamfaa ilaalla?
MUCAA xinnoo abbaa isaa fakkaachuuf yaalii godhu argitee beektaa? Mucaan kun adeemsa isaa, dubbii isaa fi gocha isaatiin abbaa isaa fakkaachuuf yaala. Yeroo booda immoo amala abbaa isaa fi ilaalcha inni dhimmoota hafuuraaf qabu illee ni hordofa taʼa. Eeyyee, jaalallii fi dinqisiifannaan mucaan kun abbaa isaatiif qabu, abbaa isaa kana fakkaachuuf fedhii akka qabaatu isa godha.
2 Walitti dhufeenyi Yesuusii fi Abbaa isaa isa samii gidduu jiru hoo maal fakkaata? Yeroo tokko Yesuus, ‘Ani abbaa nan jaalladha’ jedheera. (Yohaannis 14:31) Yesuus isa uumamawwan hundi gara jireenyaatti dhufuu isaanii yeroo dheeraa dura Abbaa isaa wajjin jiraate caalaa, eenyu iyyuu Yihowaa jaallachuu hin dandaʼu. Jaalalli Ilmi kun Abbaa isaatiif qabu, Abbaa isaa fakkaachuuf fedhii akka qabaatu isa taasiseera.—Yohaannis 14:9.
3 Boqonnaawwan kanaan dura ilaalle irratti, Yesuus humna, haqaa fi ogummaa Yihowaa argisiisuudhaan guutummaatti akkamitti fakkeenya Abbaa isaa akka hordofe ilaalleerra. Haa taʼu malee, Yesuus jaalala Abbaa isaa kan argisiise akkamitti? Kanatti aansuudhaan karaawwan Yesuus jaalala itti argisiise sadii ilaalla; isaanis fedhii ofii aarsaa gochuu, gara laafina argisiisuu fi dhiifama gochuuf fedhii qabaachuu dha.
“Eenyu Iyyuu [Kana Caalaa] Jaalala Guddaa Qabaachuu Hin Dandaʼu”
4. Yesuus nama kam iyyuu caalaa jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiisuudhaan fakkeenya kan taʼe akkamitti?
4 Yesuus jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiisuudhaan fakkeenya gaarii nuu taʼa. Fedhii ofii aarsaa gochuun, ofittummaa irraa walaba taʼanii wanta warra kaaniif barbaachisuu fi wanta isaan yaaddessu kan ofii irra dursuu dabalata. Maarree, Yesuus jaalala akkasii kan argisiise akkamitti? Innumti iyyuu, “Nama michoota isaatiif lubbuu isaa dabarsee kennu caalaa, eenyu iyyuu jaalala guddaa qabaachuu hin dandaʼu” jedheera. (Yohaannis 15:13) Yesuus lubbuu isaa isa mudaa hin qabne fedhii isaatiin nuu kenneera. Kun jaalala namni kam iyyuu argisiise hunda kan caalu dha. Haa taʼu malee, Yesuus karaa kan biraas jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiiseera.
5. Ilmi Waaqayyoo inni tokkichi gara lafaa dhufuuf maal dhiisuun isa barbaachisee ture?
5 Ilmi Waaqayyoo inni tokkichi nama taʼee dhalachuu isaa dura, samii irratti mirgaa fi aangoo guddaa qaba. Yihowaa wajjinis taʼe uumamawwan hafuuraa hedduu wajjin walitti dhufeenya cimaa qaba. Ilmi Waaqayyoo inni jaallatamaan kun mirga akkasii kan qabu taʼus, “duwwaa of godhe; bifa garbummaa qabaatees nama taʼe.” (Filiphisiiyus 2:7) Ilmaan namootaa cubbamoota taʼanii wajjin addunyaa ‘humna isa hamaa sanaa jala jiru’ keessa jiraachuuf fedhii isaatiin dhufeera. (1 Yohaannis 5:19) Dhuguma iyyuu ilmi Waaqayyoo wanta hedduu dhiisuudhaan jaalala argisiiseera.
6, 7. (a) Yesuus yeroo lafa irratti tajaajilaa turetti, jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe kan argisiise karaawwan kamiini? (b) Yohaannis 19:25-27 irratti jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe qabaachuu ilaalchisee fakkeenya gaarii akkamii arganna?
6 Yesuus yeroo lafa irra tajaajilaa turettis karaawwan adda addaatiin jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiiseera. Inni matumaa ofittoo hin turre. Tajaajilaan qabamuuf jecha, wantoota buʼuuraa ilmaan namootaatiif barbaachisaa taʼan illee aarsaa godheera. “Jeedaloonni boolla qabu; simbirroonni samiis manʼee qabu; Ilmi namaa garuu bakka mataa isaa itti hirkifatu illee hin qabu” jedheera. (Maatewos 8:20) Yesuus anaaxii ogummaa qabu waan tureef, yeroo muraasa fudhatee ofii isaatiif mana gaarii ijaarrachuu ykn miʼa manaa gaggaarii hojjetee gurguruudhaan qarshii argachuu dandaʼa ture. Taʼus, ogummaa isaatti fayyadamee qabeenya walitti qabachuuf hin yaalle.
7 Fakkeenyi garaa namaa tuquu fi Yesuus jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe akka argisiise ibsu, Yohaannis 19:25-27 irratti argama. Yesuus guyyaa ajjeefamuuf turetti waaree booda, wantoonni isa dhiphisan hedduun jiru turan. Yommuu muka irratti fannifamee turetti, waaʼee bartoota isaa, waaʼee hojii lallabaa fi keessumaa immoo waaʼee amanamummaa isaa fi amanamummaan isaa kun maqaa Abbaa isaa akkamitti akka tuqu yaaddaʼee ture. Abdiin ilmaan namootaa gara fuulduraas, amanamummaa isaa irratti kan hundaaʼe ture! Wantoonni kun kan isa dhiphisan taʼu illee, duʼuu isaa yeroo muraasa dura haadha isaa Maariyaam ishii yeroo sanatti abbaan manaa irraa duʼee taʼuu dandaʼuuf akka yaadu argisiiseera. Yesuus, Yohaannis ergamaan akkuma haadha isaatti ishii ilaaluudhaan Maariyaamiif kunuunsa akka godhu kan isa gaafate yeroo taʼu, ergamaan kunis gara mana isaatti ishii fudhateera. Akka kanaan, Yesuus haati isaa karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa kunuunsa akka argattu qophii godheera. Kun jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe akka qabu kan argisiisu mitii?
“Baayʼee Isaaniif Gadde”
8. Jechi afaan Giriikii Kitaabni Qulqulluun gara laafina Yesuus ibsuuf itti fayyadame hiikni isaa maalidha?
8 Yesuus akkuma Abbaa isaa gara laafessa ture. Kitaabni Qulqulluun, Yesuus namoota dhiphataniif gadduudhaan isaan gargaaruuf akka carraaqe ibsa. Kitaabni Qulqulluun gara laafina Yesuus ibsuuf, jecha afaan Giriikii “baayʼee isaaniif gadde” jedhamee hiikametti fayyadama. Akka hayyuun tokko jedhanitti, “yaanni kun, . . . miira cimaa namni tokko tarkaanfii akka fudhatu isa kakaasu dha. Afaan Giriikiitiin jechi kun, jecha miira gara laafinaa akka gaariitti ibsu dha.” Mee haalawwan Yesuus garaa laafina guddaadhaan kakaʼee namoota akka gargaaru isa taasisan tokko tokko haa ilaalu.
9, 10. (a) Yesuusii fi ergamoonni isaa bakka tasgabbii qabu akka dhaqan kan isaan godhe maal ture? (b) Yesuus yommuu namoonni hedduun yeroo kophaa isaa itti taʼu isa dhabsiisan maal godhe? Maaliifi?
9 Karaa hafuuraa wanta namootaaf barbaachisu guutuuf kakaʼeera. Seenaan Maarqos 6:30-34 irratti argamu, wanti Yesuus akka namootaaf gaddu isa kakaase inni guddaan maal akka taʼe ibsa. Mee wanta yeroo sanatti raawwatame yaadi. Ergamoonni Yesuus, guyyaa sanatti hojii lallabaa isaanii xumuranii deebiʼuu isaaniitti baayʼee gammadaniiru. Gara Yesuusitti deebiʼanii wanta arganii fi wanta dhagaʼan hunda dinqisiifannaadhaan itti himan. Haa taʼu malee, namoonni baayʼeen walitti qabamuudhaan, Yesuusii fi ergamoota isaa nyaataaf illee yeroo dhabsiisan. Yesuus inni yeroo hunda haala namootaa hubatu ergamoonni isaa akka dadhaban arge. Kanaafuu, “Kottaa, gara bakka namni hin jirre tokkoo haa dhaqnu; achitti xinnoo boqodhaa” jedheen. Achiis bidiruu yaabbatanii kallattii kaabaatiin gara qarqara Galaana Galiilaa isa gabii qabuu dhaqan. Taʼus namoonni hedduun yommuu isaan deeman isaan argan. Warri kaan immoo oduu kana ni dhagaʼan. Kanaaf, hundi isaanii galaanicha qarqaraan fiiganii isaan dura achi gaʼan!
10 Yesuus namoonni kun yeroo kophaa isaa itti taʼu isa dhabsiisuu isaaniitti aaree turee? Matumaa! Kanaa mannaa, namoota kumaan lakkaaʼamanii fi isa eegaa turan kana yommuu argu garaan isaa ni raafame. Maarqos, “Namoota hedduu argee baayʼee isaaniif gadde; sababiin isaas, isaan akka hoolota tiksee hin qabnee turan. Wanta hedduus isaan barsiisuu jalqabe” jedhee barreesseera. Yesuus namoonni kun fedhii hafuuraa akka qaban hubateera. Isaan akkuma hoolota tiksee isaan geggeessuu fi isaan eegu hin qabnee taʼanii turan. Yesuus, geggeessitoonni amantii jaalala hin qabnee fi akka tikseetti isaan kunuunsuu qaban kun namoota kana akka dhiisan beekee ture. (Yohaannis 7:47-49) Kanaafuu, namoota kanaaf waan gaddeef, “waaʼee Mootummaa Waaqayyoo” isaan barsiisuu jalqabe. (Luqaas 9:11) Yesuus namoota kanaaf kan gadde, barumsa isaatiif ilaalcha akkamii akka qaban arguu isaa dura akka ture qalbeeffadhu. Kana jechuun Yesuus gara laafina kan isaanitti argisiise, namoota sana erga barsiisee booda hin turre jechuu dha; kanaa mannaa akka isaan barsiisu kan isa kakaase iyyuu gara laafina ture.
“Harka isaa diriirsee isa qaqqabe”
11, 12. (a) Bara duriitti namoonni dhukkuba nadaayiitiin qabaman akkamitti ilaalamu turan? Taʼus, namni “guutummaan qaama isaa dhukkuba nadaayiitiin qabame” tokko gara isaa yeroo dhufetti Yesuus maal godhe? (b) Yesuus nama dhukkuba nadaayiitiin qabame harkaan qaqqabuun isaa namichatti maaltu akka dhagaʼamu godhee taʼuu dandaʼa? Muuxannoon doktara tokkoo kana kan argisiisu akkamitti?
11 Rakkina irraa isaan furuuf kakaʼeera. Namoonni dhukkuba adda addaatiin qabaman, Yesuus gara laafessa taʼuu isaa waan hubataniif isatti dhihaatu turan. Yeroo namoonni hedduun Yesuusii wajjin deemaa turanitti, namni “guutummaan qaama isaa dhukkuba nadaayiitiin qabame” tokko gara isaa akka dhufe seenaa ibsu irraa kana hubachuu dandeenya. (Luqaas 5:12) Bara duriitti namoonni dhukkuba nadaayiitiin qabaman dhukkuba kana warra kaanitti akka hin dabarsinetti namoota irraa adda baafamu turan. (Lakkoofsa 5:1-4) Yeroo booda garuu, geggeessitoonni amantii namoota dhukkuba kanaan qabamaniif ilaalcha gadhee qabaachuu fi seerawwan isaan miidhan baasuu jalqaban.a Yesuus garuu nama dhukkuba akkasiitiin qabame kanaaf maal akka godhe qalbeeffadhu: “Achittis namichi dhukkuba nadaayiitiin qabame tokko gara isaa dhufee jilbeenfatee, ‘Yoo fedhii kee taʼe, na fayyisuu dandeessa’ jedhee isa kadhate. Yesuusis baayʼee isaaf gaddee, harka isaa diriirsee isa qaqqabee, ‘Nan fedha! Fayyi!’ isaan jedhe. Yeruma sana dhukkubni nadaayii sun isa irraa bade.” (Maarqos 1:40-42) Yesuus namni dhukkuba kanaan qabame kun achitti argamuun isaa illee sirrii akka hin taane beeka. Haa taʼu malee namicha ariʼuu mannaa, garaa isaaf laafuudhaan wanta hin yaadamne tokko godheefi. Harka isaa diriirsee isa qaqqabe!
12 Namni dhukkuba kanaan qabame sun yeroo Yesuus harkaan isa qabu maaltu akka itti dhagaʼame tilmaamuu dandeessaa? Mee fakkeenyaaf muuxannoo tokko ilaali. Doktarri Pool Biraandi jedhamuu fi dhukkuba nadaayii yaalu tokko, waaʼee nama biyya Hindiitti walʼaane tokkoo dubbateera. Doktarri kun nama kana yommuu walʼaanu harka isaa gateettii namichaa irra kaaʼee, yaalii fayyaa akkamii akka isaaf godhu turjumaanaan itti hime. Namni kunis akkuma tasaa booʼuu jalqabe. Doktarichis, “Wanta si gaddisiisun dubbadhee?” jedhee isa gaafate. Turjumaanni sunis nama kana afaan isaatiin erga gaafatee booda doktarichaan, “Lakki, doktar. Harka kee gatiittii isaa irra waan keesseef akka booʼe dubbachaa jira. Hamma as dhufutti waggoota hedduuf eenyu iyyuu harkaan isa qabee hin beeku” jedhe. Namni dhukkuba kanaan qabamee fi Yesuus harkaan isa qaqqabe immoo kana caalaa akka gammade beekamaa dha. Sababiin isaas Yesuus nama kana harkaan qabuun isaa, namichi dhukkuba warra kaan irraa isa fageesse sana irraa akka fayyu godheera!
13, 14. (a) Yesuus gara magaalaa Naayinitti yommuu dhihaate maaltu isa mudate? Haalli kun baayʼee kan nama gaddisiisu maaliifi? (b) Yesuus gara laafessa taʼuun isaa, dubartii Naayin abbaan manaa irraa duʼeef maal akka godhu isa kakaase?
13 Namoota gaddan gargaaruuf kakaʼeera. Gaddi warra kaanii Yesuusiin ni gaddisiisa ture. Fakkeenyaaf, seenaa Luqaas 7:11-15 irratti argamu ilaali. Wanti kun kan raawwatame, tajaajila isaa isa lafa irraa yeroo walakkeessetti yommuu taʼu, magaalaa Galiilaa kan taate Naayinitti yommuu dhihaatetti ture. Yesuus gara karra magaalattiitti yommuu dhihaatu, namoota reeffa baatanii awwaala dhaqan arge. Haalli isaa baayʼee kan nama gaddisiisu ture. Kan duʼe, mucaa haadha isaatiif tokkicha turedha; haati isaa immoo dubartii abbaan manaa irraa duʼe turte. Kanaan dura yeroo abbaan manaa ishii duʼettis gaddi akkasii ishii mudatee akka ture beekamaadha. Yeroo kanatti immoo ilma ishii isa tokkicha tarii ishii gargaaraa turetu jalaa duʼe. Namoota hedduu ishii wajjin turan keessaa tokko tokko, iyyanii kan booʼanii fi meeshaa muuziqaatiin warra kaan kan boossisan taʼuu dandaʼu. (Ermiyaas 9:17, 18; Maatewos 9:23) Haa taʼu malee, iji Yesuus kan buʼe, haadha gaddaan miidhamte kana irra yeroo taʼu, yeroo kanatti ishiin siree reeffa ilma ishii ittiin baatan cinaa deemaa kan turte taʼuu hin oolu.
14 Yesuus haadha gaddi irra gaʼe kanaaf ‘baayʼee gadde.’ Achiis sagalee nama jajjabeessuun, “Hin booʼin” jedheen. Sana booda eenyu iyyuu utuu isa hin gaafatin itti siqee siricha tuqe. Yeroo kanatti namoonni reefficha baatanii fi namoonni kaan callisanii waan dhaabbatan fakkaata. Yesuusis sagalee aangoo akka qabu argisiisuun mucaa duʼe sanaan, “Dargaggeessa nana, siinan jedha, kaʼi!” jedheen. Sana booda maaltu taʼe? Akkuma nama hirriba cimaa keessaa dammaqeetti, “inni duʼe sunis ol jedhee taaʼee dubbachuu jalqabe.” Achiis seenaan kun, “Yesuusis haadha isaatiif isa kenne” jechuudhaan yaada garaa namaa tuqu nutti hima.
15. (a) Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu Yesuus gara laafina akka argisiise dubbatan, gara laafinnii fi gargaarsa gochuun walitti dhufeenya akka qaban kan argisiisan akkamitti? (b) Gama kanaan fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
15 Seenaawwan kana irraa maal baranna? Seenaawwan lamaan iyyuu, gara laafinnii fi warra kaan gargaaruun walitti dhufeenya akka qaban kan argisiisan taʼuu isaa qalbeeffadhu. Yesuus yeroo rakkina warra kaanii ilaalu isaaniif kan gaddu yeroo taʼu, kun immoo tarkaanfii akka fudhatu isa kakaasa ture. Nuti hoo fakkeenya isaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Kiristiyaanota waan taaneef, misiraachicha lallabuu fi duuka buutota gochuuf dirqamni nu irra jira. Wanti kana gochuuf nu kakaasu inni guddaan jaalala Waaqayyoof qabnudha. Haa taʼu malee, hojiin kun hojii gara laafina gaafatu akka taʼes dagachuu hin qabnu. Nutis akkuma Yesuus yommuu warra kaaniif gaddinu, garaan keenya misiraachicha isaanitti himuuf wanta dandeenye hunda akka goonu nu kakaasa. (Maatewos 22:37-39) Obboloota keenya rakkinnii fi gaddi isaan irra gaʼetti hoo gara laafina argisiisuu hin qabnuu? Dinqiidhaan namoota dhukkubsatan fayyisuu ykn namoota duʼan kaasuu hin dandeenyu. Taʼus, dursa fudhannee akka isaaniif yaannu ibsuu fi isaan gargaaruudhaan gara laafina qabnu hojiidhaan argisiisuu dandeenya.—Efesoon 4:32.
“Yaa Abbaa . . . Dhiifama Isaaniif Godhi!”
16. Yesuus yeroo fannifamee turetti illee, namootaaf dhiifama gochuu akka barbaadu kan argisiise akkamitti?
16 Yesuus “dhiifama gochuufis qophaaʼaa” taʼuudhaan jaalala Abbaa isaa sirriitti calaqqiseera. (Faarfannaa 86:5) Yeroo fannifamee turetti illee, dhiifama gochuuf qophaaʼaa taʼuu isaa argisiiseera. Yesuus, harki isaa fi miilli isaa mismaaraan rukutamee yommuu duʼa salphinaa duʼuuf turetti maal jedhe? Yihowaan warra isa fannisan sana akka adabu gaafatee? Lakki. Kanaa mannaa, Yesuus yeroo duʼuuf jedhutti, “Yaa Abbaa, isaan wanta gochaa jiran waan hin beekneef dhiifama isaaniif godhi” jedhee kadhate.—Luqaas 23:34.b
17-19. Yesuus, Pheexiros al sadii isa ganus dhiifama akka isaaf godhe kan argisiise akkamitti?
17 Fakkeenyi kana irra caaluu fi Yesuus dhiifama akka godhu argisiisu immoo akkaataa inni Pheexiros ergamaa itti qabe taʼuu hin oolu. Pheexiros, Yesuusiin baayʼee akka jaallatu beekamaadha. Gaafa Niisaan 14, jechuunis galgala dhumaa jireenya isaa isa lafa irratti Pheexiros Yesuusiin, “Yaa Gooftaa, ani sii wajjin hidhamuufis taʼe duʼuuf qophaaʼaa dha” jedhee ture. Haa taʼu malee, saʼaatii muraasa booda Pheexiros Yesuusiin beekuu isaa illee al sadii gane! Kitaabni Qulqulluun, “Gooftaan garagalee Pheexirosiin ilaale” jechuudhaan, yommuu Pheexiros al sadaffaaf Yesuusiin gane maaltu akka taʼe nutti hima. Pheexiros cubbuu isaatti baayʼee waan gaddeef, “gad baʼee hirqinfatee booʼe.” Guyyaa sana yeroo Yesuus duʼu, Pheexiros ‘Gooftaan koo dhiifama naa godheeraa laata?’ jedhee yaadee taʼuu dandaʼa.—Luqaas 22:33, 61, 62.
18 Pheexiros deebii gaaffii kanaa beekuuf yeroo dheeraa eeguun isa hin barbaachisne. Yesuus gaafa Niisaan 16 ganama duʼaa kan kaʼe yeroo taʼu, haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti guyyuma sanatti Pheexirositti mulʼateera. (Luqaas 24:34; 1 Qorontos 15:4-8) Yesuus, ergamaa isa gane kanaaf xiyyeeffannaa addaa kan kenne maaliifi? Yesuus, Pheexiros inni yaada geddarate amma iyyuu gooftaa isaa biratti akka jaallatamuu fi bakka guddaa akka qabu isaaf mirkaneessuu barbaadee taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Pheexirosiin jajjabeessuuf wanta kana caalus godheera.
19 Yeroo muraasa booda, Yesuus Galaana Galiilaa biratti duuka buutota isaatti mulʼate. Yeroo kanatti Yesuus, Pheexiros (inni al sadii Gooftaa isaa gane) kan isa jaallatu taʼuu isaa al sadii isa gaafate. Siʼa sadaffaa booda, “Yaa Gooftaa, ati waan hundumaa beekta; akkan baayʼee si jaalladhus beekta” jedhee deebiseef. Dhuguma iyyuu, Yesuus inni garaa namaa beekuu dandaʼu, Pheexiros akka isa jaallatu akka gaariitti beeka ture. Yeroo kanatti Yesuus, Pheexiros jaalala isaaf qabu akka argisiisu carraa isaaf kennuu isaa ture. Kana malees Yesuus, Pheexiros “Ilmoolee hoolaa” isaa akka ‘sooruu’ fi akka ‘tiksu’ isa ajajeera. (Yohaannis 21:15-17) Sana dura, Pheexiros hojii lallabaa akka raawwatu ajajamee ture. (Luqaas 5:10) Amma garuu, Yesuus amantii guddaa isa irratti gatuudhaan, namoota fuulduratti duuka buutota isaa taʼan akka kunuunsu itti gaafatamummaa kana irra caalu kenneef. Sana booda utuu baayʼee hin turin, Yesuus sochii duuka buutonni isaa godhan keessatti Pheexiros shoora guddaa akka qabaatu godheera. (Hojii Ergamootaa 2:1-41) Pheexiros, Yesuus dhiifama akka isaaf godhee fi amma iyyuu akka isa amanu beekuu isaatti baayʼee akka gammade beekamaadha!
“Jaalala Kiristoos” Beektaa?
20, 21. Guutummaatti ‘jaalala Kiristoos beekuu’ kan dandeenyu akkamitti?
20 Dubbiin Yihowaa, jaalala Kiristoos akka gaariitti nuu ibsa. Haa taʼu malee, jaalalli Yesuus maal akka goonu nu kakaasuu qaba? Kitaabni Qulqulluun, “jaalala Kiristoos isa beekumsa irra baayʼee caalu” akka beeknu nu jajjabeessa. (Efesoon 3:19) Akkuma kanaan dura ilaalle, seenaawwan Wangeelaa waaʼee jireenyaa fi tajaajila Yesuus ibsan, waaʼee jaalala Kiristoos waan hedduu nu barsiisu. Taʼus, guutummaatti ‘jaalala Kiristoos beekuun,’ wanta Kitaabni Qulqulluun waaʼee isaa dubbatu barachuu caalaa waan dabalatu qaba.
21 Jechi afaan Giriikii “beekuu” jedhamee hiikame, “gocha ykn muuxannoo ofii irraa beekuu” argisiisa. Ofittummaa irraa walaba taanee warra kaaniif of kennuudhaan, gara laafinaan kakaanee wanta isaan barbaachisu gochuu fi garaadhaa dhiifama isaaniif gochuudhaan akkuma Yesuus yommuu jaalala argisiisnu, miira isaa sirriitti hubachuu dandeenya. Akka kanaan muuxannoo irraa kaanee, “jaalala Kiristoos isa beekumsa irra baayʼee caalu” beekuu dandeenya. Fakkeenya Kiristoos hordofaa yommuu deemnu, Waaqa keenya Yihowaa isa jaalala qabeessa, isa Yesuus guutummaatti fakkeenya isaa hordofetti caalaatti akka dhihaannu dagachuu hin qabnu.
a Seerri barsiistonni seerichaa baasan, warri kaan nama dhukkuba nadaayiitiin qabame irraa meetira 1.8 akka fagaatan ajaja. Qilleensi qilleensaʼaa jira yoo taʼe immoo, namni dhukkuba kanaan qabame yoo xinnaate gara meetira 45 nama irraa fagaachuu qaba ture. Barreeffamni Miidraash Raabaah jedhamu, barsiisaan seerichaa tokko namoota dhukkuba kanaan qabaman jalaa akka dhokate, inni kaan immoo namoonni kun akka isatti hin dhihaanne dhagaa akka isaanitti darbate dubbata. Kanaaf, namoonni dhukkuba kanaan qabaman warra kaaniin balfamuun, tuffatamuu fi jibbamuun hammam akka nama miidhu beeku.
b Yaanni jalqaba Luqaas 23:34 irratti argamu, barreeffamoota bara durii tokko tokko keessaa baafameera. Haa taʼu malee, jechoonni kun Kitaabota Qulqulluu harkaan barreeffamanii fi fudhatama argatan hedduu keessatti waan argamaniif, Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa fi hiikawwan kan biroo hedduu keessatti dabalamaniiru. Caqasa kana irratti, Yesuus waaʼee loltoota Roomaa warra isa fannisanii dubbachaa akka ture haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Namoonni kun eenyummaa Yesuus sirriitti waan hin hubanneef, maal gochaa akka jiran hin beekan turan. Kana malees, Yihudoota akka inni ajjeefamu barbaadanii fi booda garuu isatti amanaman yaadatti qabatee taʼuu dandaʼa. (Hojii Ergamootaa 2:36-38) Geggeessitoonni amantii warri Roomaa Yesuusiin akka ajjeesan kan godhan Yesuus Masiihii taʼuu isaa utuu beekanii waan taʼeef cubbuun isaanii cimaa dha. Kanaafuu baayʼeen isaanii dhiifama hin argatan.—Yohaannis 11:45-53.
-
-
‘Jaalalaan Deddeebiʼuu Kee Itti Fufi’Yihowaatti Dhihaadhu
-
-
BOQONNAA 30
‘Jaalalaan Deddeebiʼuu Kee Itti Fufi’
1-3. Jaalala argisiisuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuun keenya faayidaa akkamii qaba?
“FUDHACHUU irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa.” (Hojii Ergamootaa 20:35) Yaanni Yesuus dubbate kun, jaalalli ofittummaa irraa walaba taʼe akka nama kiisu ibsa. Jaalala argachuun kan nama gammachiisu taʼus, jaalala kennuun ykn argisiisuun immoo caalaatti nama gammachiisa.
2 Dhugaa kana Abbaa keenya isa samii caalaa eenyu iyyuu beekuu hin dandaʼu. Boqonnaawwan kutaa kana keessa jiran irratti akkuma ilaalle, Yihowaan jaalala argisiisuudhaan fakkeenya hunda caaludha. Qaamni karaa kana irra caaluu fi yeroo dheeraaf jaalala argisiise hin jiru. Maarree, Yihowaan “Waaqa gammadaa” jedhamuun isaa nama dinqisiisaa?—1 Ximotewos 1:11.
3 Waaqni keenya inni jaalala qabeessi, keessumaa jaalala argisiisuu irratti, isa fakkaachuuf akka yaallu barbaada. Efesoon 5:1, 2, “Ijoollee jaallatamoo waan taataniif, Waaqayyoon kan fakkaattan taʼaa; . . . jaalalaan deddeebiʼuu keessan itti fufaa” jedha. Jaalala argisiisuudhaan fakkeenya Yihowaa yoo hordofne, gammachuu guddaa kennuudhaan argamu argachuu dandeenya. Kana malees, Dubbiin isaa akka ‘wal jaallannu’ waan nu ajajuuf, yommuu akkas goonu Yihowaa akka gammachiisnu beekuun keenya gammachuu nuu argamsiisa. (Roomaa 13:8) Haa taʼu malee, ‘jaalalaan deddeebiʼuu keenya itti fufuuf’ sababii kan biraas qabna.
Jaalalli Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi?
Jaalalli obboloota keenya irratti amantii akka qabaannu nu kakaasa
4, 5. Obboloota keenyatti jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiisuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
4 Obboloota keenyatti jaalala argisiisuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Gabaabumatti, jaalalli amala Kiristiyaanonni dhugaan ittiin beekaman waan taʼeefi. Jaalala yoo qabaachuu baanne, Kiristiyaanota kaan wajjin hariiroo cimaa qabaachuu hin dandeenyu; hunda caalaa immoo Yihowaa biratti fudhatama hin qabaannu. Dubbiin Waaqayyoo dhugaa kana akkamitti akka ibsu ilaali.
5 Yesuus galgala dhumaa jireenya isaa isa lafaa irratti duuka buutota isaatiin akkas jedhee ture: “Akka isin wal jaallattaniif ajaja haaraa isiniif nan kenna; akkuman isin jaalladhe, isinis wal jaalladhaa. Jaalala yoo waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.” (Yohaannis 13:34, 35) Yesuus, “akkuman isin jaalladhe” waan jedheef, jaalala inni argisiise akka argisiisnu ajajamneerra. Boqonnaa 29 irratti, Yesuus fedhii fi faayidaa warra kaanii kan ofii isaa dursuudhaan jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiisuu irratti fakkeenya guddaa akka taʼe baranneerra. Nutis jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiisuu qabna; kanas namoonni gumii Kiristiyaanaatii ala jiran illee hubachuu qabu. Dhuguma iyyuu, jaalalli ofittummaa irraa walaba taʼe, duuka buutota Kiristoos taʼuu keenya adda baasee beeksisa.
6, 7. (a) Dubbiin Yihowaa jaalala argisiisuuf bakka guddaa akka kennu akkamitti beekna? (b) Yaanni Phaawulos 1 Qorontos 13:4-8 irratti ibse maal irratti xiyyeeffata?
6 Jaalala hin qabnu yoo taʼe hoo? Phaawulos ergamaan, “Jaalala hin qabu taanaan akka sibiila iyyuu yookiin akka siimbaalii walitti rukutamuu nan taʼa” jedheera. (1 Qorontos 13:1) Simbaaliin walitti rukutamu sagalee nama jeequ uuma. Sibiilli iyyu hoo? Kun fakkeenya baayʼee gaarii taʼe dha. Namni jaalala hin qabne, akkuma meeshaa muuziqaa sagalee guddaa nama jeequu fi nama hawwachuu mannaa of irraa nama fageessuu ti. Namni akkasii warra kaanii wajjin michoomuu akka hin dandeenye beekamaadha. Phaawulos, “amantii gaarota iddoo isaaniitii sochoosu yoon qabaadhe illee, jaalala hin qabu taanaan ani gatii hin qabu” jedheera. (1 Qorontos 13:2) Mee yaadi, namni jaalala hin qabne hojii akkamii iyyuu yoo hojjete “gatii hin qabu.” Kun, Dubbiin Yihowaa jaalala argisiisuuf bakka guddaa akka kennu ifa hin godhuu ree?
7 Haa taʼu malee, walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnuun amala kana argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Gaaffii kana deebisuuf, wanta Phaawulos 1 Qorontos 13:4-8 irratti ibse haa qorru. Caqasoota kana irratti kan ibsame, jaalala Waaqayyo nuuf qabu ykn jaalala nuti isaaf qabnu miti. Kanaa mannaa, Phaawulos jaalala nuti waliif qabaachuu qabnu irratti xiyyeeffate; akkasumas wantoota jaalalli godhuu fi hin goone tokko tokko ibse.
Wanta Jaalalli Godhu
8. Obsi walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnu irratti nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?
8 “Jaalalli ni obsa.” Kanaafuu jaalala jechuun obsaan warra kaan dandaʼuu jechuudha. (Qolosaayis 3:13) Obsa akkasii qabaachuun nu hin barbaachisuu? Namoota cubbamoo waliin tajaajillu waan taaneef, Kiristiyaanonni kaan yeroo tokko tokko akka nu aarsanii fi nutis akka isaan aarsinu beekamaadha. Haa taʼu malee, obsa qabaachuu fi warra kaan dandaʼuun keenya nagaa gumichaa utuu hin booressin dogoggora xixinnoo warri kaan hojjetan bira darbuuf nu gargaaruu dandaʼa.
9. Warra kaanitti gaarummaa argisiisuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?
9 “Jaalalli . . . gaarummaas ni argisiisa.” Gaarummaan warra kaan gargaaruu fi jecha gaarii dubbachuudhaan ibsama. Jaalalli, keessumaa namoota rakkina guddaa keessa jiraniif gaarummaa argisiisuuf carraa akka barbaannu nu kakaasa. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanni maanguddoon tokko kophaa waan taʼaniif, jajjabinni isaan barbaachisa taʼa. Haadha kophaa ishii ijoollee guddistu ykn obboleettii maatii amantiidhaan qoqqoodame keessa jiraattu tokko gargaarsi ni barbaachisa taʼa. Namni dhukkubsate ykn rakkinni guddaan irra gaʼe tokko, michuu amanamaa taʼe irraa dubbii gaarii dhagaʼuun isa barbaachisa taʼa. (Fakkeenya 12:25; 17:17) Gaarummaa akkasii argisiisuuf dursa yoo fudhanne, jaalalli keenya kan dhugaa taʼuu isaa argisiisna.—2 Qorontos 8:8.
10. Jaalalli yeroo ulfaataa taʼutti illee dhugaa akka deggerruu fi akka dubbannu kan nu gargaaru akkamitti?
10 “Jaalalli . . . dhugaa wajjin gammada.” Hiikni kan biraan tokko, “Jaalalli . . . gammachuudhaan dhugaa cinaa dhaabata” jedha. Jaalalli, dhugaa akka deggerruu fi ‘walii keenyatti dhugaa akka dubbannu’ nu kakaasa. (Zakkaariyaas 8:16) Fakkeenyaaf, namni jaallannu tokko cubbuu guddaa yoo hojjete, jaalalli Yihowaafis taʼe nama kanaaf qabnu, cubbuu isaa dhoksuu, sababii dhiheessuu ykn sobuu mannaa, ulaagaa Waaqayyo baase akka hordofnu nu gargaara. Dhugaadha, haalli isaa ulfaataa taʼuu dandaʼa. Taʼus, nama jaallannu kanaaf garaadhaa kan yaannu yoo taʼe, adaba Waaqayyo jaalalaan kakaʼee isaaf kennu fudhatee sirreeffama akka godhu barbaanna. (Fakkeenya 3:11, 12) Kiristiyaanota jaalala qabnu waan taaneef, “waan hundumaa irrattis amanamummaadhaan jiraachuu” hawwina.—Tiitoo 2:10.
11. Jaalalli ‘hundumaa waan dandaʼuuf,’ dogoggora obboloota keenyaa maal gochuuf carraaquu qabna?
11 “Jaalalli . . . waan hundumaa dandaʼa.” Yaanni kun kallattiidhaan yommuu hiikamu hiika, “jaalalli waan hunda haguuga” jedhu qaba. (Kiingidam Intarliiniyar) Pheexiros Tokkoffaa 4:8, “jaalalli cubbuu hedduu ni haguuga” jedha. Eeyyee, Kiristiyaanni jaalalaan geggeeffamu tokko, mudaa fi hirʼina Kiristiyaanota kaanii hunda saaxiluuf hin ariifatu. Yeroo baayʼee dogoggorri obboloonni keenya hojjetan xixinnoo fi jaalalaan bira darbuun kan dandaʼamudha.—Fakkeenya 10:12; 17:9.
12. Phaawulos ergamaan Fiilmooniin akka amanu kan argisiise akkamitti? Nuti hoo fakkeenya Phaawulos irraa maal barachuu dandeenya?
12 “Jaalalli . . . waan hundumaa amana.” Hiikni Moofaat, jaalalli ‘yeroo hunda wanti raawwatamu wanta gaariifidha jedhee amanuu filata’ jedha. Wanta obboloonni keenya godhan hunda garmalee hin shakkinu. Jaalalli, wanta obboloonni keenya raawwatan akka hin shakkine nu gargaara.a Fakkeenyaaf, yaada xalayaa Phaawulos Fiilmooniif barreesse keessatti argamu ilaali. Phaawulos ergaa kana Fiilmooniif kan barreesse, Oneesimos isa hojjetaa Fiilmoon turee fi erga isa jalaa badee booda Kiristiyaana taʼe deebisee akka ofitti fudhatu isa jajjabeessuuf ture. Phaawulos, Fiilmoon kana akka godhu isa dirqisiisuu mannaa jaalalaan isa kadhateera. “Kana akka gootu nan amana; kanan siif barreesse wantan siin jedhe caalaa iyyuu akka gootu waanan beekuufi” jechuudhaan Fiilmoon wanta sirrii akka godhu amantaa qabu ibseera. (Lakkoofsa 21) Jaalalli, obboloota keenya irratti amantii akkasii akka qabaannu yommuu nu kakaasu, amalli gaariin isaan qaban akka mulʼatu goona.
13. Obboloonni keenya wanta gaarii godhu jennee akka abdannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
13 “Jaalalli . . . waan hundumaa abdata.” Jaalalli akkuma waan hundumaa amanu, waan hundumaas ni abdata. Obboloota keenya waan jaallannuuf, wanta gaarii godhu jennee abdanna. Fakkeenyaaf, obboleessi tokko “utuu hin beekin tarkaanfii dogoggoraa yoo fudhate” gargaarsa jaalalaan isaaf godhamu akka fudhatu ni abdanna. (Galaatiyaa 6:1) Namoonni amantiin isaanii laafes akka jabaatan ni abdanna. Amantiin isaanii akka jabaatu isaan gargaaruuf wanta dandeenyu hunda gochuudhaan isaaniif obsina. (Roomaa 15:1; 1 Tasalonqee 5:14) Namni jaallannu tokko dhugaa yoo dhiise illee, akkuma ilma badee argamee fi fakkeenya Yesuus dubbate irratti ibsame sanaa, gaaf tokko yaada geddaratee Yihowaatti akka deebiʼu abdachuu keenya hin dhiisnu.—Luqaas 15:17, 18.
14. Gumii keessatti dandeettiin dandamachuu keenya qoramuu kan dandaʼu karaawwan kamiini? Yeroo kanatti jaalalli maal akka goonu nu gargaara?
14 “Jaalalli . . . waan hundumaa dandamata.” Amalli kun wanti abdii nama kutachiisuu fi rakkoowwan yommuu nu mudatan akka hin moʼamne nu gargaara. Wanti dandeettii dandamachuu keenya qoru kan nutti dhufu, namoota hin amanne irraa qofa miti. Darbee darbee, Kiristiyaanota irraas qorumsi nu irra gaʼuu dandaʼa. Obboloonni keenya cubbuu waan dhaalaniif, yeroo tokko tokko nu aarsuu dandaʼu. Dubbiin utuu itti hin yaadamin dubbatame miira keenya miidhuu dandaʼa. (Fakkeenya 12:18) Tarii dhimmi gumii tokko karaa nuti raawwatamuu qaba jennee yaanneen hin hojjetamne taʼa. Amalli obboleessa kabajamaa taʼe tokkoo kan nama aarsu taʼuu isaatiin kan kaʼe, ‘Kiristiyaanni tokko akkamitti kana godha?’ jennee yaanna taʼa. Haalli akkasii yommuu nu mudatu, gumii irraa fagaachuudhaan Yihowaa tajaajiluu ni dhiisnaa? Jaalala yoo qabaanne akkas hin goonu! Eeyyee, jaalala yoo qabaanne, dogoggorri obboleessi tokko raawwate, wanta gaarii innis taʼe gumichi qabu akka hin ilaalle akka nu godhu hin heyyamnu. Wanti namoonni cubbamoota taʼan dubbatanis taʼe godhan maal iyyuu yoo taʼe, jaalalli, Waaqayyoof amanamoo akka taanuu fi gumicha cinaa akka dhaabannu nu gargaara.—Faarfannaa 119:165.
Wanta Jaalalli Hin Goone
15. Hinaaffaan sirrii hin taane maalidha? Jaalalli, amala gadhee kana irraa fagaachuuf kan nu gargaaru akkamitti?
15 “Jaalalli hin hinaafu.” Hinaaffaan sirrii hin taane, wanta warri kaan qabanitti, jechuunis qabeenya isaaniitti, mirga argatanitti ykn dandeettii qabanitti akka aarru nu gochuu dandaʼa. Hinaaffaan akkasii yoo toʼatamuu baate, miira gadhee ofittummaa irratti hundaaʼe uumuu fi nagaa gumii booressuu dandaʼa. Maarree, hinaaffaa moʼuuf maaltu nu gargaara? (Yaaqoob 4:5) Gabaabumatti, jaalaladha. Amalli gaariin kun, namoota wanta nuti hin qabne qabanii wajjin akka gammannu nu gargaaruu dandaʼa. (Roomaa 12:15) Jaalalli, namni tokko dandeettii addaa qabaachuu isaatiin ykn milkaaʼina guddaa argachuu isaatiin yommuu jajamu akka hin aarre nu gargaara.
16. Obboloota keenya garaadhaa kan jaallannu yoo taʼe, mirga Yihowaa tajaajiluuf arganneen of jajuu kan hin qabne maaliifi?
16 “Jaalalli of hin jaju, of hin bokoksu.” Jaalalli, dandeettii keenyatti ykn milkaaʼina argannetti of jajuu irraa akka fagaannu nu gargaara. Obboloota keenya garaadhaa kan jaallannu yoo taʼe, yeroo hunda milkaaʼina tajaajila irratti arganne ykn mirga gumii keessatti qabnu kaasnee of hin jajnu! Of jajuun, namoonni warra kaanii wajjin akka of madaalanii fi gad aantummaan akka isaanitti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Jaalalli, mirga tajaajilaa Waaqayyo nuu kennetti akka of jajnu nuuf hin heyyamu. (1 Qorontos 3:5-9) Kana malees jaalalli, “of hin bokoksu;” akka hiikni Kitaaba Qulqulluu tokko ibsetti immoo, jaalalli wanta hin qabne akka qabu godhee hin yaadu. Jaalalli, warra kaan irra akka caallu akka nutti hin dhagaʼamne godha.—Roomaa 12:3.
17. Jaalalli, warra kaaniif maal akka goonu nu kakaasa? Kun hoo amala akkamii argisiisuu irraa nu eega?
17 “Jaalalli . . . amala naamusaan ala taʼe hin argisiisu.” Namni amala naamusaan ala taʼe argisiisu tokko wanta nama qaanessu ykn warra kaan salphisu raawwata. Namni tokko amala kana qabaachuun isaa, miira ykn nageenya warra kaaniitiif akka hin yaanne kan argisiisu waan taʼeef, amalli akkasii jaalala irratti kan hundaaʼe miti. Faallaa kanaatiin jaalalli gaarummaa waan qabuuf, warra kaaniif akka yaannu nu kakaasa. Jaalalli naamusa gaarii fi amala Waaqayyoon gammachiisu akka qabaannu, akkasumas obboloota keenya akka kabajnu nu godha. Kanaaf, jaalalli ‘gocha qaanessaa,’ jechuunis wanta obboloota keenya gaddisiisu ykn aarsu akkamii iyyuu akka raawwannu nuuf hin heyyamu.—Efesoon 5:3, 4.
18. Namni jaalala qabeessi tokko wanti hundi karaa inni barbaaduun akka raawwatamu kan hin dirqisiisne maaliifi?
18 “Jaalalli . . . faayidaa mataa isaa qofa hin barbaadu.” Hiikni Kitaaba Qulqulluu garabiraan tokko yaada kana, “Jaalalli wanti tokko karaa ani barbaadeen qofa raawwatamuu qaba jedhee hin cichu” jedhee hiikeera. Namni jaalala qabu yeroo hunda yaanni isaa sirrii akka taʼe yaaduudhaan, wanti hundi karaa inni barbaaduun akka raawwatamu dhiibbaa hin godhu. Akkasumas, namoonni ilaalcha kan isaa irra adda taʼe qaban ilaalcha isaa akka fudhatan hin dirqisiisu. Mata jabummaan akkasii koora guddaa kan argisiisu yeroo taʼu, Kitaabni Qulqulluun immoo, “Koorri kufaatii dura jira” jedha. (Fakkeenya 16:18) Obboloota keenya garaadhaa kan jaallannu yoo taʼe, ilaalcha isaanii ni kabajna; yoo dandaʼame immoo tole jennee fudhanna. Tole jechuun, yaada Phaawulos, “Namni hundi yeroo hundumaa faayidaa mataa isaa utuu hin taʼin, faayidaa nama kan biraa haa barbaadu!” jedhee dubbatee wajjin walsima.—1 Qorontos 10:24.
19. Yommuu namoonni kaan nu aarsan jaalalli maal akka goonu nu gargaara?
19 “Jaalalli . . . hin aaru. Miidhaa isa irra gaʼe galmeessee hin qabatu.” Jaalalli wanta namoonni kaan dubbatan ykn godhanitti salphaatti hin aaru. Yeroo warri kaan wanta nu miidhu raawwatanitti aaruun waanuma jirudha. Taʼus, aaruuf sababii gaʼaa yoo qabaanne illee, jaalalli aaruu keenya akka itti fufnu nuuf hin heyyamu. (Efesoon 4:26, 27) Dubbii ykn gocha gadhee nama miidhu, akka waan kitaaba irratti galmeessinuutti sammuu keenyatti galmeessinee hin qabannu. Kanaa mannaa, jaalalli fakkeenya Waaqa keenya isa jaalala qabeessa taʼee akka hordofnu nu kakaasa. Akkuma boqonnaa 26 irratti ilaalle, Yihowaan yeroo sababii gaʼaan jiraatutti dhiifama ni godha. Yeroo dhiifama nuu godhu, cubbuu sana ni irraanfata malee, gara fuulduraatti cubbuu sanaan nu hin adabu. Yihowaan waan hamaa raawwanne galmeessee kaaʼuu dhiisuu isaatiif isa galateeffachuu hin qabnuu?
20. Namni hidhata amantii keenya taʼe tokko cubbuu hojjeteen kan kaʼe rakkinaaf yoo saaxilame maaltu nutti dhagaʼamuu qaba?
20 “Jaalalli . . . jalʼinatti hin gammadu.” Kitaabonni Qulqulluu tokko tokko, “Jaalalli, yommuu warri kaan cubbuu hojjetan matumaa hin gammadu” jedhanii hiikaniiru. Jaalala yoo qabaanne matumaa wanta jalʼaa ykn dogoggora taʼetti hin gammannu, kanaafuu wanta akkasii salphisnee hin ilaallu. Obboleessi ykn obboleettiin keenya tokko cubbuu hojjetaniin kan kaʼe rakkinaaf yoo saaxilaman maaltu nutti dhagaʼamuu qaba? Jaalalli, ‘Baga! Gatii isaa argate!’ jennee yaaduudhaan akka gammannu nu hin godhu. (Fakkeenya 17:5) Kanaa mannaa, obboleessi cubbuu hojjete tokko kufaatii hafuuraa isa irra gaʼe irraa bayyanachuuf yommuu tarkaanfii fudhatu ni gammanna.
“Daandii Isa Hunda Irra Caalu”
21-23. (a) Phaawulos, “jaalalli matumaa hin badu” yeroo jedhu maal jechuu isaa ture? (b) Boqonnaa xumuraa irratti waaʼee maaliitu ibsama?
21 “Jaalalli matumaa hin badu.” Phaawulos yeroo akkas jedhu maal jechuu isaa ture? Yaada naannoo caqasichaa irraa akka ilaallutti, waaʼee kennaawwan hafuuraa Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa qaban ibsaa ture. Kennaawwan kun, gumiin haaraa hundeeffame sun Waaqayyo biratti fudhatama akka qabu kan mirkaneessan turan. Taʼus, fayyisuu, raajii dubbachuu ykn qooqa haaraa dubbachuu kan dandaʼan Kiristiyaanota hunda hin turre. Haa taʼu malee, kennaawwan kun yeroo booda waan hafaniif, kennaawwan kana dhabuun rakkina hin qabu. Wanti Kiristiyaanonni hundi horachuu qabanii fi bara baraaf itti fufu kan biraan garuu jira. Wanti kun kennaawwan hunda ni caala, hunduma isaanii caalaas yeroo dheeraa tura. Phaawulos, wanta kana “daandii isa hunda irra caalu” akka taʼe dubbateera. (1 Qorontos 12:31) ‘Daandiin inni hunda irra caalu’ kun maali dha? Daandii jaalalaa ti.
22 Dhuguma iyyuu akkuma Phaawulos jedhe, jaalalli Kiristiyaanotaa “matumaa hin badu,” jechuunis matumaa dhuma hin qabaatu. Jaalalli ofittummaa irraa walaba taʼe, hamma harʼaatti duuka buutota Yesuus addaan baasee beeksisaa jira. Gumii Waaqeffattoota Yihowaa addunyaa maratti argamu keessatti jaalala akkasii argaa jirra mitii? Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoo taʼaniif jireenya bara baraa kennuuf waadaa waan galeef, jaalalli kun bara baraan ni jiraata. (Faarfannaa 37:9-11, 29) ‘Jaalalaan deddeebiʼuu keenya itti fufuuf’ wanta dandeenye hunda haa goonu. Kana gochuudhaan, gammachuu guddaa kennuudhaan argamu argachuu dandeenya. Hunda caalaa immoo, fakkeenya Waaqa keenyaa hordofuudhaan bara baraaf jaalala argisiisaa jiraachuu dandeenya.
Sabni Yihowaa wal jaallachuudhaan beekama
23 Boqonnaa xumuraa kutaa waaʼee jaalalaa ibsu kana irratti walii keenyaaf akkamitti jaalala argisiisuu akka dandeenyu ilaalleerra. Jaalala Yihowaa irraa, akkasumas humna, haqaa fi ogummaa isaa irraa karaa hedduudhaan waan fayyadamneef, ‘Jaalala dhugaa akkan isaaf qabu Yihowaatti argisiisuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jennee of gaafachuu qabna. Gaaffiin kun boqonnaa xumuraa irratti deebii argata.
a Kana jechuun garuu, jaalalli Kiristiyaanotaa salphaatti kan gowwoomfamudha jechuu miti. Kitaabni Qulqulluun, ‘warra isin gidduutti wal qoqqooduu uumanii fi warra kaan gufachiisan irraa fagaadhaa’ jechuudhaan nu gorsa.—Roomaa 16:17.
-