LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Ani . . . Kanan Gad Of Qabu Dha”
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
    • BOQONNAA SADII

      “Ani . . . Kanan Gad Of Qabu Dha”

      Yesuus ilmoo harreerra taaʼee yeroo dhufu namoonni daandii qarqara jiran sagalee guddaa dhageessisaa fi damee muka meexxii qabatanii isa simachaa jiru. Warri kaanimmoo uffata irraan uffatanii fi damee muka meexxii lafarra afaa jiru.

      “Kunoo, mootiin kee gara kee ni dhufa”

      1-3. Yesuus gara Yerusaalem kan dhufe haala akkamiitiini? Yeroo kanatti namoonni tokko tokko kan isaan ajaaʼibe maaliif taʼuu dandaʼa?

      MAGAALAAN Yerusaalem gammachuudhaan guutamteetti. Namni bakki guddaan kennamuuf tokko garashii dhufaa jira. Magaalattiidhaa alatti namoonni hedduun karaarratti walitti qabamaniiru. Namoonni tokko tokko, dhaaltuun Daawit Mootichaa, Bulchaa Israaʼel taʼuuf mirga qabu isa akka taʼe waan dubbataniif, namoonni magaalattii isa simachuuf hawwiidhaan eegaa jiru. Namoonni baayʼeen isa simachuuf damee muka meexxii qabataniiru, warri kaanimmoo kabaja isaaf qaban argisiisuuf uffata irraan uffatanii fi damee mukaa karaarra afaa jiru. (Maatewos 21:7, 8; Yohaannis 12:12, 13) Namoonni magaalattii hedduun, ‘Haala akkamiitiin dhufa laata?’ jedhanii yaaduu hin oolan.

      2 Namoonni tokko tokko wanti adda taʼe akka raawwatamu eeganii taʼuu dandaʼa. Namoota beekamoo ulfina guddaadhaan gara biyya isaaniitti galan akka beekan hin shakkisiisu. Fakkeenyaaf, Abiishaalom ilmi Daawit mootii taʼuusaa yeroo labsetti, namoota gaarii fardaasaa dura fiigan 50 qopheeffatee ture. (2 Saamuʼel 15:1, 10) Bulchaa Roomaa kan taʼe Juuliyes Qeesaarimmoo wanta kanarra baayʼee caalu godheera; yeroo tokko injifannoo erga argatee booda loltoota hedduu of duukaa buusee fi arboota 40 ibsaa baataniin marfamee gara Roomaatti deebiʼe. Amma garuu namoonni Yerusaalem eegaa kan jiran nama namoota kanarra baayʼee caaludha. Hubatanis hubachuu baatanis, namni isaan eegaa jiran kun Masiihicha isa namoota lafarra jiraatan hundarra caaludha. Yeroo Mootiin kun gara magaalattii dhufu garuu, namoonni tokko tokko isaan ajaaʼibee taʼuu dandaʼa.

      3 Gaariin fardaa, namoonni fiigan, fardeen ykn arboonni isa faana hin jiran. Yesuus dhufaa kan jiru harree ishee horii feʼumsaa taaterra taaʼeeti.a Mootiin kun uffata adda taʼe hin uffanne, harreen inni irra taaʼes karaa adda taʼeen hin miidhagfamne. Harree sanarra kan jiru kooraa gatii guddaa qabu utuu hin taʼin, uffata duuka buutonnisaa irra buusan qofadha. Namoonni hamma isaa bakka guddaa hin qabne gara magaalaa isaanii kan seenan haala baayʼee adda taʼeen taʼus, Yesuus haala akkasiitiin gara Yerusaalemitti galuu kan filate maaliifi?

      4. Kitaabni Qulqulluun akkaataa Masiihichi inni Mootii taʼe gara Yerusaalem itti dhufu ilaalchisee raajii akkamii dubbata?

      4 Yeroo kanatti Yesuus raajiin kun akka raawwatamu gochaa ture: “Baayʼee gammadi. Yaa intala Yerusaalem, injifannoodhaan iyyi. Kunoo, mootiin kee gara kee ni dhufa. Inni qajeelaa dha, fayyina ni argamsiisa, kan gad of qabu dhas; harree irra taaʼee . . . ni dhufa.” (Zakkaariyaas 9:9) Raajiin kun Masiihichi inni Waaqayyo dibe, gaaf tokko Mootii Waaqayyo muude taʼee namoota Yerusaalemitti akka mulʼatu ibsa. Harreerra taaʼuuf filachuusaa dabalatee, akkaataan Mootii taʼuusaa itti argisiise amala gad of qabuu isa baayʼee nama hawwatu akka qabu argisiisa.

      5. Amalli gad of qabuu Yesuus argisiise garaa keenya kan tuqu maaliifi? Gama kanaan fakkeenya Yesuus hordofuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

      5 Yesuus amala gad of qabuu qabaachuunsaa isatti dhihaachuuf nu kakaasa; amalasaa kanarratti yeroo xiinxallu garaan keenya baayʼee tuqama. Boqonnaa darberratti akkuma ilaalle, “karaan, dhugaanii fi jireenyi” Yesuus qofadha. (Yohaannis 14:6) Namoota biliyoona hedduutti lakkaaʼamanii fi lafarra jiraatan keessaa namni hamma Ilma Waaqayyoo bakka guddaa qabu akka hin jirre beekamaadha. Taʼus, Yesuus namoota baayʼeerraa haala adda taʼeen akka kooru ykn akka of tuulu argisiisee hin beeku. Nuyis duuka buutota Kiristoos taʼuu yoo barbaanne, koorarraa fagaachuuf carraaquu qabna. (Yaaqoob 4:6) Yihowaan of tuulummaa akka jibbu yaadadhu. Kanaaf, amala gad of qabuu argisiisuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuun keenya barbaachisaadha.

      Yesuus Yeroo Hundumaa Gad Of Qaba

      6. Gad of qabuun maalidha? Yihowaan, Masiihichi akka gad of qabu kan beeke akkamitti?

      6 Gad of qabuun faallaa of tuulummaa ykn faallaa kooraati. Gad of qabuun garaa keessaa madda; amalli kun dubbii, amalaa fi walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnurratti ni mulʼata. Yihowaan, Masiihichi akka gad of qabu kan beeke akkamitti? Ilmisaa gad of qabuurratti fakkeenyasaa akka hordofe beeka. (Yohaannis 10:15) Gochasaarraas akka inni gad of qabu hubateera. Akkamitti?

      7-9. (a) Mikaaʼel yeroo Seexanaa wajjin wal falmanitti akka gad of qabu kan argisiise akkamitti? (b) Kiristiyaanonni gad of qabuudhaan fakkeenya Mikaaʼel hordofuu kan dandaʼan akkamitti?

      7 Kitaabni Yihudaa akkana jechuudhaan haala kanaaf fakkeenya taʼu tokko ibsa: “Mikaaʼel hogganaan maleekotaa illee, waaʼee reeffa Musee irratti Diyaabilosii wajjin yeroo wal falman, ‘Yihowaan si haa ifatu’ jedhe malee dubbii arrabsootiin itti murteessuuf hin onnanne.” (Yihudaa 9) Maqaan Mikaaʼel jedhu maqaa Yesuus gara lafaa dhufuusaa duraa fi erga gara samiitti deebiʼee booda ittiin waamamudha; maqaan kun hogganaa maleekotaa ykn ajajaa raayyaa maleekota Yihowaa taʼuusaa argisiisa.b (1 Tasalonqee 4:16) Haa taʼu malee, Mikaaʼel falmii Seexanni kaase kanaaf akkamitti deebii akka kenne hubadhu.

      8 Kitaabni Yihudaa, Seexanni reeffa Musee kan barbaade maaliif akka taʼe ibsuu baatus, Diiyaabilos reeffa isaa kan barbaade hamminaaf akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Tarii, reeffa nama amanamaa ture kanaatti fayyadamee waaqeffannaa sobaa babalʼisuu barbaadee taʼuu dandaʼa. Mikaaʼel karoora Seexanaa kana kan morme taʼus, haala baayʼee ajaaʼibsiisaa taʼeen akka of toʼatus argisiiseera. Seexana ifachuun sirrii taʼus, Mikaaʼel yeroo isaa wajjin wal falmaa ture sanatti “hundumaa irratti akka murteessuuf” aangoon waan isaaf hin kennamneef, murtii akkasii kennuu kan qabu Yihowaa qofa akka taʼe isatti dhagaʼameera. (Yohaannis 5:22) Mikaaʼel hogganaa maleekotaa waan taʼeef, yeroo sanattis aangoo guddaa qaba ture. Haa taʼu malee, aangoo dabalataa fudhachuuf yaaluu mannaa, dhimmicha Yihowaadhaaf dhiiseera. Yesuus akka gad of qabu qofa utuu hin taʼin, humnasaa akka beekus argisiiseera.

      9 Yihudaan waaʼee dhimma kanaa sababii itti barreesse qaba. Kiristiyaanonni bara sana turan tokko tokko kan gad of qaban hin turre. Namoonni kun of tuulummaadhaan, “wantoota sirriitti hin hubanne hunda ni ceephaʼu” turan. (Yihudaa 10) Nuti ilmaan namootaa cubbamoota taane, salphaatti kooraan moʼamuu dandeenya. Fakkeenyaaf, murtoo qaamni jaarsolii godhe tokko yoo hubachuu baanne maal goona? Sababii murtoo sana itti godhan guutummaatti utuu hin hubatin waaʼee isaanii wanta gaarii hin taane yoo dubbanne, akka gad of hin qabne argisiisuu nutti hin taʼuu? Kanaaf, fakkeenya Mikaaʼel ykn Yesuus hordofuudhaan wantoota Waaqayyo aangoo irratti nuuf hin kenninerratti murtii kennuurraa haa fagaannu.

      10, 11. (a) Ilmi Waaqayyoo ajaja gara lafaa akka dhufu isaaf kenname fudhachuuf fedhii qabaachuunsaa kan nu ajaaʼibsiisu maaliifi? (b) Fakkeenya Yesuus hordofuudhaan gad of qabuu kan dandeenyu akkamitti?

      10 Ilmi Waaqayyoo ajaja gara lafaa akka dhufu isaaf kenname fudhachuudhaanis akka gad of qabu argisiiseera. Mee gara lafaa dhufuuf wantoota dhiisuun isa barbaachise tokko tokko yaadi. Inni hogganaa maleekotaa ture. Kana malees, “Dubbicha,” jechuunis Dubbii Himaa Yihowaa ture. (Yohaannis 1:1-3) Samii isa “iddoo jireenyaa [Yihowaa] isa ol kaʼaa, isa qulqulluu fi ulfina qabeessa taʼe” keessa jiraachaa ture. (Isaayyaas 63:15) Taʼus, “duwwaa of godhe; bifa garbummaa qabaatees nama taʼe.” (Filiphisiyus 2:7) Hojiin lafarratti akka hojjetu isaaf kenname maalfaa akka dabalatu yaadi! Lubbuunsaa gadameessa durba Yihudii tokkoo keessa kan kaaʼame yeroo taʼu, nama taʼee dhalachuuf jiʼa sagaliif achi keessatti guddachuun isa barbaachiseera. Maatii namicha hiyyeessa anaaxii taʼe tokkoo keessatti dhalatee guddate. Yesuus mudaa kan hin qabne taʼus, warrasaa cubbamoota taʼaniif ajajamaa ture. (Luqaas 2:40, 51, 52) Kun, baayʼee akka gad of qabu kan argisiisu mitii?

      11 Nutoo mirga tajaajilaa akka gad aanaatti ilaalamu fudhachuudhaan akkuma Yesuus gad of qabuu ni dandeenyaa? Fakkeenyaaf, yeroo namoonni ergaa keenyaaf dantaa dhaban, yeroo nutti qoosanii fi nu jibban, hojiin misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo akka lallabnu nuu kenname gad aanaa akka taʼe nutti dhagaʼamuu dandaʼa. (Maatewos 28:19, 20) Haa taʼu malee, hojii kana hojjechuu keenya yoo itti fufne lubbuu namootaa oolchuu dandeenya. Buʼaa akkasii argannus argachuu baannus, gad of qabuu ilaalchisee barumsa guddaa arganna, akkasumas faana Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos duukaa buuna.

      Yesuus Yeroo Nama Turetti Gad Of Qabeera

      12-14. (a) Yesuus yeroo namoonni isa jajanitti akka gad of qabu kan argisiise akkamitti? (b) Yesuus walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabuun akka gad of qabu kan argisiise karaawwan kamiini? (c) Yesuus amala gad of qabuu kan argisiise, fakkeessuuf ykn seerumasaa guutuuf akka hin turre kan argisiisu maalidha?

      12 Yesuus yeroo lafarratti tajaajilaa ture hundumaatti akka gad of qabu argisiiseera. Amala kana argisiisuudhaan jajannaanii fi ulfinni hundi Abbaadhaaf akka kennamu godheera. Yeroo tokko tokko namoonni dubbii ogummaa afaansaa keessaa baʼuuf, humna dinqii raawwachuuf qabuuf, akkasumas amala gaarii qabaachuu isaatiif isa jaju turan. Inni garuu ulfina kana fudhachuu mannaa Yihowaadhaaf akka kennamu godheera.—Maarqos 10:17, 18; Yohaannis 7:15, 16.

      13 Yesuus akkaataa namoota itti qabeenis kan gad of qabu taʼuusaa argisiiseera. Inniyyuu gara lafaa kan dhufe warri kaan akka isa tajaajilaniif utuu hin taʼin, warra kaan tajaajiluuf akka taʼe dubbateera. (Maatewos 20:28) Garraamummaadhaan namoota qabuudhaan, akkasumas yaada ofiitti kan hin cichine taʼuudhaan akka gad of qabu argisiiseera. Duuka buutonnisaa yeroo isa aarsanitti, isaan ceephaʼuu mannaa, garaasaanii tuquuf irra deddeebiʼee carraaqqii godheera. (Maatewos 26:39-41) Yeroo boqochuu fi kophaa taʼuu barbaadetti namoonni hedduun yommuu gara isaa dhufan isaan deebisuu mannaa, “wanta hedduu” isaan barsiiseera. (Maarqos 6:30-34) Dubartiin nama biyya Israaʼel hin taane takka intalashii akka ishiidhaaf fayyisu yeroo irra deddeebitee isa kadhattetti, jalqabarratti fedhii akka hin qabne argisiiseera. Haa taʼu malee, ishiitti dheekkamuu mannaa, akkuma Boqonnaa 14​rratti ilaallu, amantii addaa ishiin qabdu ilaaluudhaan wanta gaafatte godheeraaf.—Maatewos 15:22-28.

      14 Yesuus wanta waaʼee ofiisaa, “Ani garraamii fi kanan gad of qabu dha” jechuudhaan dubbate karaawwan hedduudhaan hojiirra oolcheera. (Maatewos 11:29) Yesuus amala gad of qabuu kan argisiise, fakkeessuuf ykn seerumasaa guutuuf hin turre. Amalli gad of qabuu inni argisiise garaadhaa kan madde ture. Kanaaf, Yesuus duuka buutonnisaa akka gad of qaban barsiisuurratti xiyyeeffachuun isaa nu hin dinqisiisu.

      Duuka Buutonnisaa Akka Gad Of Qaban Barsiiseera

      15, 16. Yesuus amalli duuka buutonnisaa argisiisan amala bulchitoonni addunyaa qabanirraa adda taʼuu akka qabu kan ibse akkamitti?

      15 Ergamoonni Yesuus amala gad of qabuu dafanii hin horanne. Kanaan kan kaʼes, Yesuus irra deddeebiʼee amala kana isaan barsiisuuf dirqameera. Fakkeenyaaf, yeroo tokko Yaaqoobii fi Yohaannis Yesuus Mootummaa Waaqayyoo keessatti iddoo guddaa akka isaaniif kennu akka isaaniif gaafattuuf haadhasaanii isatti erganii turan. Yesuus garuu gad of qabuudhaan, “Karaa mirga koo fi karaa bitaa koo taaʼuun . . . warra Abbaan koo isaaniif qopheesseef kan kennamu dha malee wanta ani kennu miti” jedhee isaaniif deebise. Ergamoonni kurnan garuu Yaaqoobii fi Yohaannisitti “ni aaran.” (Maatewos 20:20-24) Yesuus rakkina kanaaf furmaata kan kenne akkamitti?

      16 Akkana jechuudhaan gaarummaadhaan hundasaaniitiif gorsa kenne: “Bulchitoonni sabootaa gooftolii akka isaan irratti taʼan, namoonni guguddoota jedhamanis aangoo isaanii akka isaan irratti argisiifatan beektu. Isin gidduutti garuu akkana taʼuu hin qabu; kanaa mannaa, isin gidduutti guddaa taʼuu kan barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan haa taʼu; namni isin gidduutti dura taʼuu barbaadu kam iyyuu garbicha keessan haa taʼu.” (Maatewos 20:25-27) Ergamoonni Yesuus “bulchitoonni sabootaa” baayʼee akka kooran, aangoo akka barbaadanii fi ofittoo akka taʼan akka beekan hin shakkisiisu. Yesuus duuka buutonnisaa namoota gara jabeeyyii aangoo argachuuf fedhii cimaa qaban kanarraa adda taʼuu akka qaban isaan hubachiisaa jira. Gad of qabuun isaan barbaachisa ture. Maarree, ergamoonni barumsasaa kana hubataniiruu?

      17-19. (a) Yesuus galgala duʼuusaa dura turetti, ergamootasaa waaʼee gad of qabuu kan barsiise karaa hin irraanfatamne akkamiitiini? (b) Karaan Yesuus waaʼee gad of qabuu itti barsiise inni guddaan isa kami?

      17 Barumsa kana hubachuun isaaniif salphaa hin turre. Yesuus sana duras taʼe sana booda barumsa akkasii barsiiseera. Sana dura, isaan keessaa eenyu akka caalu yeroo wal falmanitti mucaa xinnoo tokko gidduusaanii dhaabee akkuma ijoollee xixinnoo akka taʼan isaan barsiisee ture; ijoolleen akka namoota guguddaa hin kooran, warra kaanirratti aangoo qabaachuufis hin hawwan. (Maatewos 18:1-4) Yesuus galgala ajjeefamuusaa dura turettillee ergamoonnisaa ammayyuu koorri isaan keessa akka jiru hubateera. Achiis barumsa hin irraanfatamne tokko isaan barsiise. Mudhiisaatti fooxaa hidhatee wanta akka gad aanaatti ilaalamu hojjete; yeroo sanatti yeroo baayʼee miila keessummootaa kan dhiqan tajaajiltoota turan. Yesuus miila Yihudaa isa dabarsee isa kennuuf jedhu sanaa dabalatee miila ergamootasaa hunda dhiqe.—Yohaannis 13:1-11.

      18 Yesuus, “Ani fakkeenya isiniif taʼeera” jechuudhaan, gad of qabuun maal akka taʼe isaan hubachiiseera. (Yohaannis 13:15) Barumsi kun garaasaanii tuqeeraa laata? Kan nama ajaaʼibu gaafasuma galgala, isaan keessaa hundarra kan caalu eenyu akka taʼe wal falmaniiru! (Luqaas 22:24-27) Yeroo kanattis Yesuus obsa isaanitti argisiisuusaa itti fufeera, gad of qabuudhaanis isaan barsiiseera. Dhumarrattis, “gad of qabuudhaan hamma duʼutti, jechuunis hamma muka dhiphinaa irratti fannifamee duʼutti ajajamaa [taʼuudhaan]” hundasaaniitiif barumsa guddaa kenneera. (Filiphisiyus 2:8) Yesuus yakka akka raawwatee fi Waaqayyoon akka arrabsetti sobaan himatamee duʼa salphinaa duʼuuf of dhiheesseera. Ilmi Waaqayyoo karaa kanaan uumamawwan Yihowaa warra kaan caalaa karaa mudaa hin qabnee fi adda taʼeen akka gad of qabu argisiiseera.

      19 Tarii barumsi hin irraanfatamnee fi Yesuus yeroo nama turetti gad of qabuu ilaalchisee barattootasaa warra amanamoo taʼan dhumarratti barsiise kana taʼuu hin oolu. Kitaabni Qulqulluun, namoonni kun sana booda waggoota hedduudhaaf gad of qabanii hojjechaa akka turan dubbata. Nutoo amala akkasii qabnaa?

      Fakkeenya Yesuus ni Hordoftaa?

      20. Kan gad of qabnu taʼuu fi dhiisuu keenya beekuu kan dandeenyu akkamitti?

      20 Phaawulos, “Ilaalcha Kiristoos Yesuus qabu kana qabaadhaa” jechuudhaan hunda keenya gorseera. (Filiphisiyus 2:5) Nutis akkuma Yesuus gad of qabuu qabna. Kan gad of qabnu taʼuu fi dhiisuu keenya beekuu kan dandeenyu akkamitti? Phaawulos, “Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa malee, morkiidhaan yookiin of tuulummaadhaan kakaatanii waan tokko illee hin godhinaa” jechuudhaan nu gorseera. (Filiphisiyus 2:3) Kanaaf, wanti guddaan ‘Warra kaan ofii keenyaa wajjin yommuu wal bira qabnu, ilaalcha akkamii isaaniif qabaanna?’ kan jedhudha. Nurra akka caalanii fi nu caalaa bakka guddaa akka qaban goonee yaaduu qabna. Gorsa kana hojiirra ni oolchitaa?

      21, 22. (a) Kiristiyaanonni ilaaltota olaanaa taʼan gad of qabuu kan qaban maaliifi? (b) Gad of qabuu akka uffanne argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

      21 Pheexiros ergamaan Yesuus erga duʼee waggoota hedduu boodallee gad of qabuun baayʼee barbaachisaa akka taʼe yaadaa ture. Pheexiros, hojiisaanii gad of qabanii akka hojjetanii fi hoolota Yihowaarratti gooftummaa akka hin argisiisne Kiristiyaanota ilaaltota olaanaa taʼan barsiiseera. (1 Pheexiros 5:2, 3) Itti gaafatamummaa qabaachuun kooruuf sababa taʼuu hin qabu. Kanaa mannaa, itti gaafatamummaa qabaachuun keenya garaadhaa akka gad of qabnu nu kakaasuu qaba. (Luqaas 12:48) Dhugaadha, obboloota ilaaltota olaanaa taʼan qofa utuu hin taʼin, hundi keenyayyuu amala kana argisiisuu qabna.

      22 Pheexiros galgala Yesuus utuma inni diduu miilasaa itti dhiqe sana akka hin irraanfanne beekamaadha. (Yohaannis 13:6-10) Pheexiros, “Walitti dhufeenya walii wajjin qabdaniin hundi keessan gad of qabuu uffadhaa” jechuudhaan Kiristiyaanota gorseera. (1 Pheexiros 5:5) Jechi Afaan Giriikii “uffadhaa” jedhamee hiikame, tajaajilaan tokko hojii gadaanaa taʼe hojjechuuf shirrixii akka uffatu argisiisa. Yaanni kun Yesuus jilbeenfatee miila ergamootasaa dhiquusaa dura fooxaadhaan mudhiisaa akka hidhate nu yaadachiisa taʼa. Fakkeenya Yesuus kan hordofnu yoo taʼe, hojii Waaqayyo nuu kenne kamiyyuu hin tuffannu. Kan gad of qabnu taʼuun keenya, akkuma waan amala kana uffanneetti namoota hundatti kan mulʼatu taʼuu qaba.

      23, 24. (a) Of tuulummaarraa fagaachuuf carraaquu kan qabnu maaliifi? (b) Boqonnaan itti aanu, gad of qabuu wajjin haala wal qabateen ilaalcha dogoggoraa akkamii sirreessuuf nu gargaara?

      23 Of tuulummaan akkuma summii miidhaa guddaa geessisuu dandaʼa. Amalli kun namni dandeettii addaa qabu tokko Waaqayyo biratti faayidaa kan hin qabne akka taʼu gochuu dandaʼa. Gad of qabuun garuu namni dandeettii addaa hin qabne tokko Yihowaa biratti faayidaa kan qabu akka taʼu godha. Faana Kiristoos duukaa buʼuuf carraaqqii gochuudhaan yeroo hunda kan gad of qabnu yoo taʼe eebba guddaa arganna. Pheexiros, “Yeroon isaa yommuu gaʼu akka ol isin qabuuf, harka Waaqayyoo isa jabaa jalatti gad of qabaa” jedheera. (1 Pheexiros 5:6) Yesuus guutummaatti waan gad of qabeef Yihowaan ol isa qabeera. Atis kan gad of qabdu yoo taʼe Waaqni kee akka si kiisu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.

      24 Kan nama gaddisiisu garuu, namoonni tokko tokko gad of qabuun mallattoo dadhabinaa akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Fakkeenyi Yesuus, kun sirrii akka hin taane nu hubachiisa; inni namoota hunda caalaa kan gad of qabe taʼus, namoota hunda caalaa ija jabeessa ture. Boqonnaan itti aanu waaʼee kanaa ibsa.

      a Barreeffamni tokko waaʼee haala kanaa yeroo ibsu, harreen “uumama gad aantuu, saffisa hin qabne, didduu, horii hiyyeessonni yeroo hunda itti fayyadamanii fi biftishii namatti hin tolle” akka taate dubbateera.

      b Mikaaʼel Yesuus taʼuusaa ilaalchisee ragaa dabalataa argachuuf, weebsaayitii Dhugaa Baatota Yihowaa jw.org irraa kutaa “Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu” jalaa mata duree “Mikaaʼel Hogganaan Maleekotaa Eenyu Dha?” jedhu ilaali.

      Yesuus Duukaa Buʼuu kan Dandeessu Akkamitti?

      • Milkaaʼina argatte tokkoon of jajuuf yommuu qoramtu fakkeenyi Yesuus kan si gargaaru akkamitti?—Maatewos 12:15-19; Maarqos 7:35-37.

      • Obboloota kee fayyaduuf jecha hojii akka gad aanaatti ilaalamu hojjechuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeessu akkamitti?—Yohaannis 21:1-13.

      • Sirna kana keessatti beekamtii ykn milkaaʼina argachuuf yommuu qoramtu, fakkeenya Yesuusirraa faayidaa argachuu kan dandeessu akkamitti?—Yohaannis 6:14, 15.

  • “Kunoo, Leenci Gosa Yihudaa”
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
    • BOQONNAA AFUR

      “Kunoo, Leenci Gosa Yihudaa”

      Yesuus loltoota dabalatee namoota aaranii jiranitti inni eenyu akka taʼe itti himaa jira. Ergamoonni isaa amanamoon duuba isaa taʼanii wanta uumamu ilaalaa jiru.

      “Inni ana dha”

      1-3. Yesuusirra qorumsa cimaa akkamiitu gaʼe? Innoo maal godhe?

      NAMOONNI hedduun Yesuusiin qabuuf yaalaa jiru. Loltoonni, akkasumas namoonni goraadee fi ulee qabatan isaan wajjin jiru. Kaayyoo hamaadhaaf waliin taʼanii daandiiwwan Yerusaalem warra dukkanaaʼaa taʼanirra buʼanii Sulula Qedroon qaxxaamuruudhaan gara Gaara Ejersaa deemaa jiru. Addeessi kan goobante taʼus, namoonni kun gucaa fi ibsaa qabataniiru. Ibsaa kan qabatan duumessi addeessa waan haguugeefimoo, namni isaan barbaadan sun waan jalaa dhokatu isaanitti fakkaateeti? Yesuus ni sodaata jedhanii yaadaniiru taanaan baayʼee dogoggoraniiru.

      2 Yesuus isa qabuuf dhufaa akka jiran beekeera. Taʼus, achuma dhaabbatee isaan eege. Namoonni baayʼeen Yihudaa isa duraan michuusaa ture duukaa buʼanii dhufaa jiru. Yihudaan eenyummaa isaa adda baafachuu akka dandaʼaniif Yesuusiin nagaa gaafatee erga dhungatee booda gooftaasaa qaanii tokko malee dabarsee kenne. Yesuus garuu yeroo kanattillee tasgabbaaʼee ture. Achiis fuulduratti baʼee, “Eenyuun barbaaddu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Yesuus nama Naazireet” jedhan.

      3 Namni baayʼeen nama meeshaa waraanaa hidhate akkasii yommuu argu baayʼee sodaata. Namoonni Yesuusiin qabuu dhufanis kana eeguu hin oolan. Yesuus garuu hin sodaanne, hin baqanne, akkasumas naasuudhaan soba hin dubbanne. Kanaa mannaa tasgabbiidhaan, “Inni ana dha” jedhee deebiseef. Yesuus hammam akka tasgabbaaʼee fi hammam akka onnate yeroo argan baayʼee naʼan. Kanaaf, duubatti kukkufan!—Yohaannis 18:1-6; Maatewos 26:45-50; Maarqos 14:41-46.

      4-6. (a) Ilmi Waaqayyoo maalitti fakkeeffameera? Maaliif? (b) Karaawwan Yesuus ija jabeessa taʼuusaa itti argisiise sadan kamfaʼi?

      4 Yesuus, yommuu qorumsi guddaan akkasii isarra gaʼetti, tasgabbaaʼuu fi of qabuu kan dandaʼe maaliifi? Ija jabeessa waan tureefi. Ija jabinni amaloota geggeessaan tokko qabaachuu qabu keessaa tokkodha; amala kana argisiisuudhaan namni Yesuusiin qixxaatu hin jiru. Boqonnaa darberratti, Yesuus baayʼee akka gad of qabuu fi garraamii akka taʼe baranneerra. “Hoolicha” jedhamuunsaa sirriidha. (Yohaannis 1:29) Haataʼu malee, ija jabinni Yesuus argisiise maqaan adda taʼe tokko akka isaaf kennamu godheera. Kitaabni Qulqulluun Ilma Waaqayyoo ilaalchisee, “Kunoo, Leenci gosa Yihudaa!” jedha.—Mulʼata 5:5.

      5 Yeroo baayʼee, leenci ija jabinaa wajjin wal qabsiifamee ibsama. Leenca guddaa qaamaan argitee beektaa? Taanaan, bineensa kanatti dhihaachuu kan dandeesse, dallaa keessa waan jiruuf akka taʼe beekamaadha. Leenca dallaa keessa jirullee ilaaluun nama sodaachisuu dandaʼa. Yommuu fuula bineensa guddaa fi humna qabeessa taʼe kanaa ilaaltuu fi innis si ilaalu, bineensi kun sodaatee baqachuu dandaʼa jettee matumaa hin yaaddu. Kitaabni Qulqulluun, ‘leenci bineensota hundumaa caalaa jabaa akka taʼee fi eenyu jalaa iyyuu akka hin baqanne’ dubbata. (Fakkeenya 30:30) Kiristoosis ija jabina akkasii argisiiseera.

      6 Yesuus karaawwan sadiin, jechuunis dhugaadhaaf dhaabbachuudhaan, haqa deggeruudhaan, akkasumas ariʼatama dandamachuudhaan ija jabina akka leencaa kan argisiise akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Nutis uumamaan ija jabeeyyii taanus taʼuu baannus, ija jabina argisiisuudhaan akkamitti fakkeenya Yesuus hordofuu akka dandeenyu ilaalla.

      Ija Jabinaan Dhugaadhaaf Dhaabbateera

      7-9. (a) Yesuus yeroo mucaa waggaa 12 turetti maaltu taʼe? Haalli sun kan nama sodaachisu akka taʼe kan sitti dhagaʼamu maaliifi? (b) Yesuus mana qulqullummaa keessatti barsiisotaa wajjin yeroo mariʼatetti ija jabina kan argisiise akkamitti?

      7 Addunyaa Seexana isa “abbaa sobaa” taʼeen bulu kana keessatti dhugaadhaaf dhaabbachuun yeroo baayʼee ija jabina gaafata. (Yohaannis 8:44; 14:30) Yesuus ejjennoo akkasii qabaachuuf hamma nama guddaa taʼutti hin eegne. Yeroo mucaa waggaa 12 turetti, Yerusaalemitti ayyaana Faasikaa erga kabajanii booda warrasaa biraa achitti hafe. Maariyaamii fi Yoseef guyyaa sadiif isa barbaacha jooraa turan. Dhumarrattis mana qulqullummaa keessatti isa argatan. Achitti maal gochaa ture? ‘Barsiisota gidduu taaʼee isaan dhaggeeffachaa fi gaaffii isaan gaafachaa ture.’ (Luqaas 2:41-50) Barsiisota akkasii wajjin mariʼachuun maal akka fakkaatu yaadi.

      8 Barreessitoonni seenaa, geggeessitoonni amantaa beekamoo taʼan tokko tokko ayyaana booda achuma mana qulqullummaatti hafanii kutaawwan fuuldura mana qulqullummaa jiran keessaa isa tokkotti namoota barsiisuu akka amaleeffatan ibsaniiru. Namoonnis isaan fuuldura taaʼanii isaan dhaggeeffatu, akkasumas gaaffii isaan gaafatu turan. Barsiisonni kun namoota baratanidha. Seera Musee dabalatee, seerotaa fi aadaawwan namootaa yeroo yeroodhaan itti daddabalaman akka gaariitti kan baratan turan. Namoota akkasii gidduu utuu teessee maaltu sitti dhagaʼama? Ni sodaattaa? Akka sodaattu beekamaadha. Yeroo kanatti mucaa waggaa 12 utuu taateehoo maaltu sitti dhagaʼama? Ijoollee hedduun ni sodaatu. (Ermiyaas 1:6) Ijoolleen tokko tokko mana barumsaatti xiyyeeffannaa barsiisotasaanii harkisuu hin barbaadan; wanta tokko akka isaan gaafatanii fi adda baasanii akka isaan waaman hin barbaadan; matumaa wanti isaan qaanessu ykn akka itti qoosamu godhu akka uumamus hin barbaadan.

      9 Yesuus garuu, namoota baratan kana gidduu taaʼee, sodaa tokko malee gaaffii ciccimaa isaan gaafachaa ture. Wanta kanarra caalus godheera. Seenaansaa, “Namoonni isa dhaggeeffatan hundis hubannaa fi deebii inni kennu baayʼee dinqisiifatu turan” jedha. (Luqaas 2:47) Kitaabni Qulqulluun yeroo sanatti Yesuus maal akka jedhe nutti himuu baatus, barumsa sobaa barsiisota amantii sana biratti fudhatama qabu akka irra hin deebine mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (1 Pheexiros 2:22) Dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu waan dubbateef, namoonni isa dhaggeeffachaa turan mucaan waggaa 12 kun hubannaa fi ija jabina akkasiitiin wanta itti amanu ibsuu dandaʼuunsaa isaan ajaaʼibsiisee akka ture beekamaadha.

      Obboleettiin dargaggeettii taate takka kitaaba “Uumaan Siif Yaadu Jiraa?” jedhamutti fayyadamtee barsiistuu ishii mariisisaa jirti.

      Dargaggoonni Kiristiyaanota taʼan hedduun waaʼee amantiisaanii ija jabinaan warra kaanitti ni himu

      10. Dargaggoonni Kiristiyaanota taʼan, ija jabina argisiisuudhaan fakkeenya Yesuus kan hordofan akkamitti?

      10 Yeroo harʼaatti, dargaggoonni Kiristiyaanota taʼan hedduun fakkeenya Yesuus hordofaa jiru. Haala Yesuusirraa adda taʼeen, dargaggoonni kun mudaa akka qaban beekamaadha. Taʼus, isaanis akkumasaa dhugaadhaaf dhaabbachuuf hamma nama guddaa taʼanitti hin eegan. Mana barumsaattis taʼe naannoosaaniitti, namoota malaan gaaffii tokko tokko gaafatu, ni dhaggeeffatu, akkasumas waaʼee dhugaa kabajaan isaanitti himu. (1 Pheexiros 3:15) Dargaggoonni kun, ijoolleen isaan faana baratan, barsiisonnii fi olloonnisaanii duuka buutota Kiristoos akka taʼan gargaaraniiru. Ija jabinnisaanii Yihowaa akka gammachiisu beekamaadha! Kitaabni Qulqulluun dargaggoota fixeensa barraaqaa isa namatti toluu fi hedduu taʼe wajjin wal fakkeessa.—Faarfannaa 110:3.

      11, 12. Yesuus nama guddaa erga taʼee booda dhugaadhaaf falmuudhaan ija jabina kan argisiise akkamitti?

      11 Yesuus nama guddaa erga taʼee boodas irra deddeebiʼee dhugaadhaaf falmuudhaan ija jabina argisiiseera. Mormiin isarra gaʼuu kan jalqabe, tajaajilasaa isa namoonni baayʼeen sodaachisaa akka taʼetti ilaalan yeroo eegaletti ture. Yesuus, Seexana isa diinota Yihowaa hunda caalaa humna qabuu fi hamaa taʼe yeroo morme kanatti, angafa ergamootaa humna qabu utuu hin taʼin nama ture. Yesuus yeroo Seexanni karaa sirrii hin taaneen Kitaabota Qulqulluurraa caqasu, isa mormuudhaan sobasaa ifatti saaxileera. Dhumarrattis ija jabinaan, “Seexana nana, na duraa deemi!” isaan jedheera.—Maatewos 4:2-11.

      12 Yesuus yaalii Dubbii Abbaasaa jalʼisuuf ykn karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamuuf godhamu ija jabinaan mormuudhaan, tajaajilasaarratti fakkeenya gaarii nuu taʼeera. Akkuma yeroo harʼaa, yeroo sanattis barumsi amantaa sobaa babalʼatee ture. Yesuus geggeessitoota amantii barasaa turaniin, “Aadaa keessan isa dhalootaa dhalootatti dabarsitaniin dubbii Waaqayyoo gatii dhabsiistu” jedheera. (Maarqos 7:13) Yeroo sanatti geggeessitoonni amantaa kun baayʼee kan kabajaman taʼus, Yesuus jaamotaa fi fakkeessitoota taʼuusaanii sodaa tokko malee saaxileera.a (Maatewos 23:13, 16) Maarree, ija jabina argisiisuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

      13. Fakkeenya Yesuus hordofuu ilaalchisee maal yaadachuu qabna? Mirga akkamii arganneerra?

      13 Nuti akka Yesuus garaa namaa dubbisuu akka hin dandeenyee fi namatti murteessuuf aangoo akka hin qabne beekna. Taʼus, ija jabinaan dhugaadhaaf falmuudhaan fakkeenyasaa hordofuu ni dandeenya. Fakkeenyaaf, soba yeroo baayʼee Waaqa, kaayyoosaa fi Dubbiisaa ilaalchisee dubbatamu saaxiluudhaan, addunyaa olola Seexanaatiin dukkanaaʼe kana keessatti ifa ibsuu dandeenya. (Maatewos 5:14; Mulʼata 12:9, 10) Namoonni, garbummaa barumsa sobaa isa sodaadhaan akka guutaman isaan godhee fi hariiroo Waaqayyoo wajjin qaban jalaa balleesse jalaa bilisa akka baʼan gargaarra. Waadaan Yesuus, ‘Dhugaan bilisa isin baasa’ jechuudhaan gale yommuu raawwatamu arguun mirga guddaadha!—Yohaannis 8:32.

      Ija Jabinaan Haqa Deggereera

      14, 15. (a) Karaan Yesuus “haqni maal akka taʼe” ifa itti godhe inni tokko maalidha? (b) Yesuus dubartii biyya Samaariyaa tokkoo wajjin haasaʼuudhaan jibba halaalaa akka hin deggerre kan argisiise akkamitti?

      14 Raajiin Kitaaba Qulqulluu, Masiihichi “haqni maal akka taʼe” sabootaaf akka ifa godhu dubbata. (Maatewos 12:18; Isaayyaas 42:1) Yesuus yeroo lafarra turetti akkas gochuu akka jalqabe beekamaadha. Walitti dhufeenya namootaa wajjin qabuun haqa qabeessaa fi loogiirraa walaba taʼuusaa ija jabina guddaadhaan argisiiseera. Fakkeenyaaf, jibba halaalaa fi mankaraarsitummaa amantaa namoonni baayʼeen argisiisaa turanirraa fagaateera.

      15 Yesuus boolla bishaanii Siikaar biratti dubartii biyya Samaariyaa tokko yommuu haasofsiisu, duuka buutonnisaa baayʼee isaan ajaaʼibee ture. Maaliif? Yeroo sanatti Yihudoonni namoota Samaariyaa baayʼee jibbu turan; jibbi kun sana durayyuu waggoota hedduudhaaf kan turedha. (Izraa 4:4) Kana malees, warri rabbii tokko tokko dubartoota ni tuffatu turan. Seerri warra rabbii inni yeroo booda barreeffamaan kaaʼame, dhiirri tokko dubartii wajjin akka hin haasofne kan dhowwuu fi Seera Waaqayyoo barachuun dubartootaaf akka hin malle kan ibsu ture. Keessumaa dubartoonni Samaariyaa xuraaʼoo akka taʼanitti ilaalamu turan. Yesuus jibba halaalaa akkasii hin deggerre; Masiihii taʼuusaallee ishiidhaaf ibsuudhaan dubartii biyya Samaariyaa (jireenya gadhiisii jiraachaa turte) sana ifatti barsiiseera.—Yohaannis 4:5-27.

      16. Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran jibba halaalaarraa fagaachuuf ija jabinni kan isaan barbaachisu maaliifi?

      16 Namoota halaalatti nama jibban wajjin yeroo dabarsitee beektaa? Namoonni akkasii namoota sanyii ykn lammii biraa taʼanitti tuffiidhaan ni qoosu, waaʼee namoota saala faallaa taʼanii tuffiidhaan ni dubbatu ykn namoota haalli diinagdeesaanii ykn sadarkaan hawaasicha keessatti qaban kansaaniirraa adda taʼe ni tuffatu taʼa. Duuka buutonni Kiristoos garuu jibba akkasii hin deggeran; jibba halaalaa akkamiiyyuu garaasaanii keessaa balleessuuf carraaqqii guddaa godhu. (Hojii Ergamootaa 10:34) Hundi keenyayyuu loogiirraa fagaachuuf ija jabeeyyii taʼuu qabna.

      17. Yesuus mana qulqullummaa keessatti tarkaanfii akkamii fudhate? Maaliif?

      17 Yesuus ija jabeessa taʼuunsaa saba Waaqayyoo qulqulleessuuf, akkasumas qophii waaqeffannaa qulqulluutiif barbaachisu gochuuf jabaatee akka hojjetu isa kakaaseera. Yeroo tajaajilasaa jalqabetti, mooraa mana qulqullummaa Yerusaalem keessatti daldaltootaa fi namoota maallaqa jijjiiran yommuu argu baayʼee aare. Aarii qajeelinaatiin kakaʼees namoota sassatoo taʼan sana ariʼeera, miʼasaaniis gaggaragalcheera. (Yohaannis 2:13-17) Yeroo tajaajilasaa xumuruuf jedhuttis akkasuma godheera. (Maarqos 11:15-18) Akkas gochuun namoonni iddoo guddaa qaban diina akka isatti taʼan gochuu kan dandaʼu taʼus, tarkaanfii fudhachuurraa duubatti hin jenne. Maaliif? Akkuma ijoollummaasaatii jalqabee dubbachaa turetti, manni qulqullummaa sun mana Abbaasaa waan taʼeefi. (Luqaas 2:49) Waaqeffannaa qulqulluu achi keessatti dhihaatu faaluun jalʼina waan taʼeef, Yesuus gocha akkasii callisee bira darbuu hin dandaʼu. Hinaaffaansaa ija jabinaan tarkaanfii barbaachisu akka fudhatu isa kakaaseera.

      18. Kiristiyaanonni qulqullina gumii eeguu wajjin haala wal qabateen ija jabina argisiisuu kan dandaʼan akkamitti?

      18 Duuka buutonni Kiristoos yeroo harʼaatti argamanis, sabni Waaqayyoo qulqulluu taʼuunsaa fi qophiin waaqeffannaa qulqulluu baayʼee isaan yaaddessa. Kiristiyaanni tokko cubbuu cimaa akka raawwate yoo beekan callisanii bira darbuu mannaa, nama sana ykn jaarsolii ija jabinaan haasofsiisu. (1 Qorontos 1:11) Dhimmichi jaarsoliitti himamuusaa ni mirkaneeffatu. Jaarsoliinis nama karaa hafuuraa dhukkubsate sana gargaaruu fi sabni Yihowaa qulqulluu akka taʼu gochuuf tarkaanfii fudhachuu dandaʼu.—Yaaqoob 5:14, 15.

      19, 20. (a) Bara Yesuusitti jalʼina akkamiitu babalʼatee ture? Yesuus dhiibbaa akkamii moʼe? (b) Duuka buutonni Kiristoos dhimmoota siyaasaa fi fincilarratti kan hin hirmaanne maaliifi?

      19 Kana jechuun garuu, Yesuus jalʼina yeroo sanatti raawwatamaa ture hunda sirreessuuf yaalii godheera jechuudhaa? Yeroo sanatti, iddoo hundumaatti jalʼinni raawwatamaa akka ture beekamaadha. Biyyisaa bulchaa saba biraatiin qabamtee turte. Loltoonni warra Roomaa humna guddaa qaban Yihudoota cunqursaa turan; warri Roomaa gibira humnaa ol isaan gaafachaa fi sirna waaqeffannaasaanii gidduu galaa turan. Kanaaf, namoonni yeroo sana jiraachaa turan hedduun Yesuus dhimma siyaasaa keessa akka galu barbaaduunsaanii nama hin ajaaʼibsiisu. (Yohaannis 6:14, 15) Yesuus yeroo kanattis ija jabina qabaachuun isa barbaachiseera.

      20 Yesuus Mootummaansaa kutaa addunyaa akka hin taane ibseera. Duuka buutonnisaa dhimmoota siyaasaarraa akka fagaatan, akkasumas misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuurratti akka xiyyeeffatan fakkeenya taʼuudhaan isaan leenjiseera. (Yohaannis 17:16; 18:36) Yeroo namoonni baayʼeen isa qabuuf dhufanitti siyaasa keessa galuurraa of qusachuu ilaalchisee barumsa guddaa kenneera. Pheexiros ariifatee goraadeesaa luqqifatee gurra namicha tokkoo kutee ture. Yeroo kanatti Yesuus Pheexirosirra goruu dandaʼa ture. Fincila kaasuun utuu sirrii taʼee, galgala Ilma Waaqayyoo isa balleessaa hin qabnerra miidhaan gaʼe sanatti kana gochuun sirrii taʼa ture. Yesuus garuu yeroo sanatti, “Goraadee kee manʼee isaatti deebisi; warri goraadee luqqifatan hundi goraadeedhaan badu” jechuudhaan seera hamma harʼaatti duuka buutotasaatiif hojjetu kenneera. (Maatewos 26:51-54) Nagaa buusuuf jecha ejjennoo akkasii qabaachuun yeroo sanattis taʼe yeroo harʼatti ija jabina gaafata. Sabni Waaqayyoo yeroo harʼaas, waraana, duula sanyii balleessuu, jeequmsa uumuu fi gochawwan kana fakkaatanirratti akka hin hirmaanne argisiisaniiru. Kana gochuufimmoo ija jabina guddaa qabaachuun isaan barbaachiseera.

      Ija Jabinaan Ariʼatama Dandamateera

      21, 22. (a) Yesuus qorumsi hundarra caalu isarra gaʼuusaa dura gargaarsa akkamii argateera? (b) Yesuus hamma dhumaatti ija jabeessa taʼuusaa kan argisiise akkamitti?

      21 Ilmi Yihowaa lafarratti mormii guddaan akka isarra gaʼu beeka ture. (Isaayyaas 50:4-7) Akkuma jalqaba boqonnaa kanaarratti ibsame, Yesuus akka ajjeefamu yeroo baayʼee doorsifameera. Maarree, ariʼatamni akkasii utuma isarra gaʼuu ija jabina argisiisuu kan dandaʼe akkamitti? Namoonni hedduun isa qabuuf dhufuusaanii dura Yesuus maal gochaa ture? Kadhannaa garaadhaa madde Yihowaatti dhiheessaa ture. Yihowaanoo maal godhe? Kitaabni Qulqulluun kadhannaan Yesuus akka “isaaf dhagaʼame” nutti hima. (Ibroota 5:7) Yihowaan Ilmasaa ija jabeessa taʼe kana jajjabeessuuf maleekaa tokko samiirraa erge.—Luqaas 22:42, 43.

      22 Yesuus erga jajjabina argatee booda barattootasaatiin, “Kaʼaa, haa deemnu” jedhe. (Maatewos 26:46) Mee wanta inni dubbate kanarratti yaadi. Yesuus, “Haa deemnu” kan isaaniin jedhe, michootasaa akka gadhiisan namoota isa qabuuf dhufan akka gaafatu, michoonnisaa isa dhiisanii akka baqatan, akkasumas kophaasaa haalli dhiphisaan baayʼee cimaa taʼe akka isarra gaʼu utuma beekuu ture. Kophaasaa yakki isarratti raawwatameera, itti qoosameera, dararameera, akkasumas duʼa suukanneessaa duʼeera. Taʼus, yeroo kana hundatti ija jabeessa taʼuusaa argisiiseera.

      23. Yesuus yeroo lubbuunsaa duʼaaf saaxilamee turetti dantaa dhabee hin turre kan jennu maaliif akka taʼe ibsi.

      23 Yesuus nama dantaa hin qabne turee? Hin turre; nama dantaa hin qabne taʼuu fi ija jabina dhugaa argisiisuun tokko miti. Yesuus of eeggatoo akka taʼan, jechuunis fedhii Waaqayyoo raawwachuusaanii itti fufuu akka dandaʼaniif ogummaadhaan balaarraa akka of eegan duuka buutotasaa barsiiseera. (Maatewos 4:12; 10:16) Yeroo kanatti garuu Yesuus, karaan itti rakkina kana keessaa baʼan kan biraan akka hin jirre beekee ture. Fedhiin Waaqayyoo maal akka taʼes beekeera. Yesuus ejjennoosaa eeguuf kutatee ture; kanaaf, filannaan inni qabu qorumsa isatti dhufaa jirutti kallattiidhaan deemuu qofa ture.

      Obboloota uffata mana hidhaa uffatanii fi ariʼatama Jarman keessatti bara Naaziitti isaanirra gaʼe dandamatan sadii.

      Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo ariʼatamni isaanirra gaʼu ija jabina argisiisaniiru

      24. Qorumsi akkamiiyyuu yoo nurra gaʼe ija jabeeyyii taʼuu akka dandeenyu akkamitti beekna?

      24 Duuka buutonni Yesuus hedduun fakkeenya Gooftaasaanii hordofuudhaan ija jabina argisiisaniiru. Baayʼeensaanii yeroo isaanitti qoosametti, yeroo ariʼatamanitti, yeroo hidhamanitti, yeroo dararamanitti, darbees hamma duʼaatti jabaatanii dhaabbataniiru. Namoonni mudaa qaban ija jabina akkasii qabaachuu kan dandaʼan akkamitti? Ija jabina akkasii kan argisiisan ofumasaaniitiin hin turre. Akkuma Yesuus, isaanis gargaarsa Waaqayyo argataniiru. (Filiphisiyus 4:13) Kanaaf, wanta gara fuulduraatti si mudachuu dandaʼu matumaa hin sodaatin. Amanamummaa kee eeguuf yoo kutatte Yihowaan ija jabina si barbaachisu siif kenna. Fakkeenya Geggeessaa keenya Yesuusirraa jajjabina argachuu kee itti fufi; Yesuus, “Jabaadhaa! Ani addunyaa moʼeera” jedheera.—Yohaannis 16:33.

      a Barreessitoonni seenaa awwaalli warra rabbii, awwaala raajotaa fi awwaala abbootii amantii isa ulfinni guddaan kennamuuf wajjin baayʼee akka wal fakkaatu ibsaniiru.

      Yesuus Duukaa Buʼuu kan Dandeessu Akkamitti?

      • Namoonni dhugaa ati barsiistutti kan aaran yoo taʼellee, fakkeenyi Yesuus ija jabinaan dubbachuuf kan si gargaaru akkamitti?—Yohaannis 8:31-59.

      • Seexana ykn jinniiwwansaa sodaannee warra kaan gargaaruurraa duubatti jechuu kan hin qabne maaliifi?—Maatewos 8:28-34; Maarqos 1:23-28.

      • Ariʼatama warra cunqurfamanitti gara laafina argisiisuu keenyaan nurra gaʼu dandamachuuf fedhii qabaachuu kan qabnu maaliifi?—Yohaannis 9:1, 6, 7, 22-41.

      • Wanti Yesuus eeggachaa ture qorumsa dandamachuuf kan isa gargaare akkamitti? Abdiin qabdu ija jabina qabaachuuf kan si gargaaru akkamitti?—Yohaannis 16:28; 17:5; Ibroota 12:2.

  • ‘Badhaadhina Ogummaa Hunda’
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
    • BOQONNAA SHAN

      ‘Badhaadhina Ogummaa Hunda’

      1-3. Yesuus Dh.K.B. bara 31​tti yeroo gaara tokkorratti lallabaa turetti haallisaa maal fakkaata ture? Dhaggeeffattoonnisaa kan dinqisiifatanoo maaliifi?

      YEROONSAA Dh.K.B. bara 31 ture. Yesuus Kiristoos magaalaa Qifirnaahom ishii namni itti baayʼatutti dhihaateera; magaalaan kun kaaba dhiha qarqara Galaana Galiilaatti argamti. Yesuus gaara achitti argamu tokkotti ol baʼee kophaasaa halkan guutuu kadhachaa bule. Yommuu bariʼus barattootasaa waamee isaan keessaa namoota 12 erga filatee booda ergamoota jedhee isaan moggaase. Yeroo kanatti namoota bakka fagoodhaa dhufan tokko tokko dabalatee, namoonni hedduun garasaa dhufanii balʼeensa gaara sanarratti argamurra taaʼan. Namoonni kun wanta Yesuus dubbatu dhaggeeffachuu fi dhukkubasaaniirraa fayyuuf hawwanii turan. Innis wanta hawwan isaaniif godheera.—Luqaas 6:12-19.

      2 Yesuus namoota kanatti dhihaatee warra dhukkubsatan hunda fayyise. Namoota dhukkuba cimaadhaan qabaman hunda erga fayyisee boodas, taaʼee isaan barsiisuu jalqabe.a Wanti inni yeroo kanatti dubbate dhaggeeffattootasaa ajaaʼibsiisee taʼuu qaba. Namoonni kun nama akkasaatti barsiisu arganii hin beekan. Yesuus, barumsisaa fudhatama akka argatu gochuuf, duudhaa ykn barumsa warra rabbii yeroo sanatti beekamaa turerraa hin caqasne. Kanaa mannaa, irra deddeebiʼee Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaarraa caqasa ture. Ergaasaa kallattiidhaan dubbata, akkasumas jechoota hubachuuf salphaa taʼanitti fayyadama ture. Yeroo barsiisee xumuru, namoonni sun barumsasaa baayʼee dinqisiifatan. Namni isaan barsiise, nama namoota hanga harʼaatti jiraatan hunda caalaa ogummaa qabu waan taʼeef, barumsasaa dinqisiifachuunsaanii sirriidha!—Maatewos 7:28, 29.

      Yesuus namoota hedduudhaaf lallaba isa gaararraa dhiheessaa jira.

      “Namoonni hedduun sun akkaataa inni itti barsiise baayʼee dinqisiifatan”

      3 Lallaba kana dabalatee wanti Yesuus dubbatee fi raawwate hedduun Dubbii Waaqayyoo keessatti galmeeffameera. “Badhaadhinni ogummaa . . . hundi” Yesuus keessa waan jiruuf, isa ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun dubbatu gadi fageenyaan qoruun keenya barbaachisaadha. (Qolosaayis 2:3) Ogummaan, dandeettii rakkina furuuf beekumsaa fi hubannaatti fayyadamuudha; maarree, Yesuus ogummaa kana eessaa argate? Ogummaa akka qabu kan argisiise akkamitti? Fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyuhoo akkamitti?

      ‘Namni kun Ogummaa Kana Eessaa Argate?’

      4. Namoonni Naazireetitti Yesuusiin dhaggeeffachaa turan gaaffii akkamii kaasan? Maaliif?

      4 Yesuus gara magaalaa Naazireet iddoo itti guddate dhaqee, mana sagadaa achitti argamu keessatti barsiisuu jalqabe. Yeroo kanatti namoonni isa dhaggeeffatan hedduun ajaaʼibsiifannaadhaan, ‘Namni kun ogummaa kana eessaa argate?’ jedhanii gaafatan. Namoonni kun warrasaa fi obbolaasaa beeku; maatiinsaa hiyyeeyyii akka taʼanis beeku. (Maatewos 13:54-56; Maarqos 6:1-3) Namni anaaxii taʼe kun mana barumsaa warra rabbii isa beekamaa taʼe galee akka hin barannes beeku. (Yohaannis 7:15) Kanaaf, gaaffiinsaanii kun sirrii fakkaata.

      5. Yesuus Maddi ogummaasaa maal akka taʼe kan ibse akkamitti?

      5 Yesuus ogummaa kana kan qabaate sammuu mudaa hin qabne waan qabuuf qofa hin turre. Yeroo booda yommuu mana qulqullummaa keessatti barsiisaa turetti, ogummaa kana kan argate qaama isarra baayʼee caalu tokkorraa akka taʼe dubbateera. “Wanti ani barsiisu, kan isa na erge sanaa ti malee kan koo miti” jedheera. (Yohaannis 7:16) Eeyyee, Maddi ogummaa Yesuus Abbaasaa isa isa erge sanadha. (Yohaannis 12:49) Haataʼu malee, Yesuus Yihowaarraa ogummaa kan argate akkamitti?

      6, 7. Yesuus Abbaasaarraa ogummaa kan argate karaawwan kamiini?

      6 Hafuurri Yihowaa garaa fi sammuu Yesuus keessatti hojjechaa ture. Isaayyaas, Yesuus isa Masiihicha abdachiifame taʼe ilaalchisee raajii akkas jedhu dubbateera: “Hafuurri Yihowaa isa irra ni buufata, hafuurri ogummaa fi hafuurri hubannaa, hafuurri gorsaa fi hafuurri jabinaa, hafuurri beekumsaa fi hafuurri Yihowaa sodaachuu isa irra ni buufata.” (Isaayyaas 11:2) Yesuus hafuurri Yihowaa isarra buufatee yaadaa fi murtoosaa waan isaaf qajeelchuuf, dubbii fi gochasaatiin ogummaa hundarra caalu calaqqisiisuun isaa nama hin ajaaʼibsiisu.

      7 Yesuus karaa adda taʼe kan biraatiinis Abbaasaarraa ogummaa argateera. Akkuma Boqonnaa 2​ffaarratti ilaalle, Yesuus nama taʼee dhalachuusaa dura waggoota hammana hin jedhamneef yeroo Abbaasaa wajjin jiraachaa turetti ilaalcha isaa akka gaariitti hubachuuf carraa argateera. Ilmi “hojjetaa dandeettii qabu” taʼee wantoota hundumaa uumuurratti yeroo Abbaasaa wajjin hojjechaa turetti ogummaa hammamii akka horate tilmaamuunillee ulfaataadha. Kanaaf, Ilmi nama taʼee dhalachuusaa dura ogummaatti fakkeeffamuunsaa sirriidha. (Fakkeenya 8:22-31; Qolosaayis 1:15, 16) Yesuus yeroo lafarratti tajaajilaa ture hundatti, ogummaa yeroo Abbaasaa bira turetti argate fayyadamuu dandaʼeera.b (Yohaannis 8:26, 28, 38) Kanaaf, dubbii fi gocha Yesuusirratti beekumsii fi hubannaa gadi fagoon mulʼachuunsaa nu ajaaʼibsiisuu hin qabu.

      8. Nuti duuka buutonni Yesuus ogummaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

      8 Duuka buutota Yesuus waan taaneef, Yihowaan inni Madda ogummaa taʼe ogummaa akka nuu kennu isa gaafachuu qabna. (Fakkeenya 2:6) Yihowaan dinqiidhaan ogummaa akka nuuf hin kennine beekamaadha. Haataʼu malee, ogummaa rakkina nu mudatu moʼuuf nu barbaachisu akka nuu kennu garaadhaa yoo isa kadhanne deebii nuu kenna. (Yaaqoob 1:5) Ogummaa kana argachuufimmoo carraaqqii guddaa gochuu qabna. Ogummaa kana “akkuma qabeenya guddaa dhokfamee jirutti” barbaaddachuu keenya itti fufuu qabna. (Fakkeenya 2:1-6) Eeyyee, Dubbii Waaqayyoo isa ogummaa Yihowaa qabate gadi fageenyaan qoʼachuu fi wanta barannee hojiirra oolchuu qabna. Fakkeenyi Ilmi Yihowaa keessumaa ogummaa argachuuf baayʼee nu gargaara. Mee karaawwan garaagaraa Yesuus ogummaa itti argisiise qoruudhaan akkamitti fakkeenyasaa hordofuu akka dandeenyu haa barannu.

      Dubbii Ogummaa

      Obboleessi tokko Kitaaba Qulqulluu dubbisaa jira. Minjaala isaarra barreeffamoonni Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan jiru.

      Ogummaan Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsameera

      9. Barumsi Yesuus ogummaadhaan akka guutamu kan godhe maalidha?

      9 Namoonni hedduun wanta inni dubbatu dhagaʼuuf gara Yesuus dhufu turan. (Maarqos 6:31-34; Luqaas 5:1-3) Yommuu inni dubbatu hundatti ogummaan hundarra caalu afaansaa keessaa waan baʼuuf kun taʼuun isaa nama hin dinqisiisu. Barumsisaa Dubbii Waaqayyoo gadi fageenyaan akka beekuu fi miira namaa baayʼee akka hubatu argisiisa. Barumsisaa namoota hunda kan hawwatuu fi yeroon kan itti hin darbinedha. Mee fakkeenyota wanti Yesuus inni “Gorsaa Dinqii” jedhame dubbate ogummaa akka qabu argisiisan tokko tokko haa ilaallu.—Isaayyaas 9:6.

      10. Yesuus amaloota gaggaarii akkamii akka horannu nu gorse? Maaliif?

      10 Lallabnisaa inni gaararraa inni jalqaba boqonnaa kanaarratti ibsame, gabaasa barumsa Yesuus qabate isa dheeraadha; achirratti kan galmeeffame wanta Yesuus dubbate qofadha. Yesuus lallabasaa kanarratti dubbii fi amalli keenya gaarii taʼuu akka qabu qofa utuu hin taʼin, wanta kana gochuuf nu gargaarus nu barsiiseera. Yesuus yaannii fi miirri, dubbii fi gochatti akka nama geessu waan beekuuf, amaloota gaggaarii akka horannu, jechuunis akka of toʼannu, qajeelummaa akka jaallannu, gara laafina akka argisiisnu, naga qabeeyyii akka taanuu fi jaalala akka argisiisnu nu jajjabeesseera. (Maatewos 5:5-9, 43-48) Amaloota akkasii horachaa yommuu adeemnu, dubbii fi gochi keenya Yihowaa kan gammachiisu taʼa, warra kaan wajjinis walitti dhufeenya gaarii qabaanna.—Maatewos 5:16.

      11. Yesuus kaʼumsi cubbuu maal akka taʼe kan ibse akkamitti?

      11 Yesuus cubbuu ilaalchisee yommuu gorsa kennu, kaʼumsasaas ni caqasa ture. Gocha warra kaan miidhu raawwachuurraa akka fagaannu qofa utuu hin taʼin, aariin keenya akka nu toʼatu heyyamuu akka hin qabnes nu akeekkachiiseera. (Maatewos 5:21, 22; 1 Yohaannis 3:15) Ejja akka hin raawwanne qofa utuu hin taʼin, miira garaa keessaa madduu fi gocha kanatti geessurraa akka of eegnus nu akeekkachiiseera. Wanta hawwii gadheen keessa keenyatti akka uumamu godhu ilaaluurraa akka of qusannu nu gorseera. (Maatewos 5:27-30) Akka kanaan Yesuus amaloota argisiisnuuf qofa utuu hin taʼin, wanta amaloota akkasii argisiisuutti nu geessuufis xiyyeeffannaa akka kenninu nu barsiiseera. Ilaalchii fi fedhiin cubbuu raawwachuutti nama geessu kan akkamii akka taʼe ifa godheera.—Faarfannaa 7:14.

      12. Duuka buutonni Yesuus gorsasaatiif ilaalcha akkamii qabu? Maaliif?

      12 Dhugumayyuu, wanti Yesuus dubbate ogummaa dhugaa kan calaqqisiisudha! “Namoonni hedduun sun akkaataa inni itti barsiise baayʼee [dinqisiifachuun]” isaanii nama hin ajaaʼibsiisu. (Maatewos 7:28) Nutis duuka buutotasaa waan taaneef, gorsasaa isa ogummaarratti hundaaʼe hordofuu barbaanna. Gara laafina, nagaa fi jaalala dabalatee amaloota gaggaarii Yesuus barsiise horachuuf carraaqqii goona; amaloota kana horachuun keenya Yihowaa akka gammachiisu beekna. Aarii toʼannaa hin qabnee fi hawwii addaggummaa dabalatee miirawwanii fi fedhiiwwan Yesuus akka irraa fagaannu nu akeekkachiise of keessaa balleessuuf carraaqqii goona; kunis cubbuu hojjechuurraa fagaachuuf nu gargaara.—Yaaqoob 1:14, 15.

      Jireenya Ogummaadhaan Geggeeffamu

      13, 14. Yesuus jireenyaasaa keessatti maal akka godhu yeroo murteessetti hubannaa akka qabu kan argisiise akkamitti?

      13 Yesuus dubbiisaatiin qofa utuu hin taʼin, gochasaatiinis ogummaa akka qabu argisiiseera. Murtoosaa, ilaalcha ofiif qabuu fi walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabu dabalatee guutummaan jireenyasaa ogummaa jechuun maal jechuu akka taʼe kan argisiisudha. Fakkeenyota Yesuus “ogummaa fi dandeettii [yaaduutiin]” akka geggeeffamu argisiisan tokko tokko ilaali.—Fakkeenya 3:21.

      14 Ogummaan, hubannaa qabaachuus ni dabalata. Yesuus jireenyasaa keessatti maal akka godhu yeroo murteessetti ogummaa akka qabu argisiiseera. Utuu barbaadee, jireenya akkamii jiraachuu, mana akkamii ijaarrachuu, hojii akkamii hojjechuu, akkasumas addunyaarratti beekamummaa akkamii argachuu akka dandaʼu tilmaamuu dandeessaa? Yesuus wantoota kanaaf dursa kennuun, ‘wanta gatii hin qabnee fi akkuma bubbee duukaa fiiguu’ akka taʼe beeka. (Lallaba 4:4; 5:10) Jireenyi akkasii gowwummaa waan taʼeef faallaa ogummaati. Yesuus jireenya salphaa jiraachuu filateera. Maallaqa argachuu fi qabeenya sassaabbachuurratti hin xiyyeeffanne. (Maatewos 8:20) Wanta barsiisee wajjin haala wal simuun, ijjisaa kaayyoosaarratti qofa, jechuunis fedhii Waaqayyoo raawwachuurratti akka xiyyeeffatu godheera. (Maatewos 6:22) Yeroosaa fi humnasaa Mootummicha babalʼisuuf itti fayyadameera; kunimmoo wanta qabeenya caalaa barbaachisaa taʼee fi eebba guddaa argamsiisudha. (Maatewos 6:19-21) Kana gochuudhaan fakkeenya gaarii nuu taʼeera.

      15. Duuka buutonni Yesuus, ijjisaanii fedhii Mootummichaa raawwachuurratti akka xiyyeeffate argisiisuu kan dandaʼan akkamitti? Kunoo ogummaa kan taʼe maaliifi?

      15 Duuka buutonni Yesuus yeroo harʼaa jiranis Mootummaa Waaqayyoorratti xiyyeeffachuun ogummaa akka taʼe ni hubatu. Kanaaf, liqii hin barbaachisnerraa, akkasumas wantoota xiyyeeffannaa fi humna guddaa barbaadanirratti yeroosaanii gubuurraa ni fagaatu. (1 Ximotewos 6:9, 10) Obboloonni hedduun tajaajilasaaniirratti yeroo dabalataa dabarsuuf, akkasumas yeroosaanii guutuu tajaajiluuf jecha, jireenya salphaa jiraachuuf tarkaanfii tokko tokko fudhataniiru. Hojii Mootummichaatiif dursa kennuun, gammachuu guddaa waan argamsiisuuf, tarkaanfii akkasii fudhachuun ogummaa guddaadha.—Maatewos 6:33.

      16, 17. (a) Yesuus wanta ofiirraa eeguun humnasaa akka beeku kan argisiise karaawwan kamiini? (b) Wanta ofirraa eegnuun humna keenya akka beeknu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

      16 Kitaabni Qulqulluun namni ogeessa taʼe humnasaas akka beeku dubbata; kunimmoo hanqina ofii beekuu kan dabalatudha. (Fakkeenya 11:2) Yesuus wanta ofiirraa eeguun nama humnasaa beeku ture. Namoonni ergaasaa dhagaʼan hundi duuka buutotasaa akka taʼan gochuu akka hin dandeenye beeka ture. (Maatewos 10:32-39) Namoota hundaaf dhuunfaatti lallabuu akka hin dandeenyes hubateera. Kanaaf, hojii barattoota gochuu akka hojjetaniif duuka buutotasaa leenjisuudhaan ogummaa akka qabu argisiiseera. (Maatewos 28:18-20) Duuka buutonnisaa biyyoota garaagaraa hedduuttii fi yeroo dheeraadhaaf namoota hedduudhaaf lallabuu waan dandaʼaniif, ‘hojii kan isaa irra caalu akka hojjetan’ amanee fudhateera. (Yohaannis 14:12) Yesuus gargaarsi warra kaanii akka isa barbaachisus hubateera. Yeroo lafa onaa keessa turetti gargaarsa maleekota isa tajaajiluuf dhufanii fudhateera, akkasumas gargaarsa maleekaa Getesemaanee keessatti isa jajjabeessuuf dhufee fudhateera. Ilmi Waaqayyoo yeroo gargaarsi guddaan isa barbaachisetti wawwaannaa dhiheesseera.—Maatewos 4:11; Luqaas 22:43; Ibroota 5:7.

      17 Nutis wanta ofirraa eegnuun humna keenya akka beeknu argisiisuu qabna. Hojii lallabaa fi barattoota gochuurratti lubbuu guutuudhaan hirmaachuu akka barbaannu beekamaadha. (Luqaas 13:24; Qolosaayis 3:23) Kana malees, Yihowaan warra kaanii wajjin akka wal nu hin dorgomsiisnee fi nutis akkas gochuu akka hin qabne yaadachuu qabna. (Galaatiyaa 6:4) Ogummaa qabaachuun keenya dandeettii fi haala keenya tilmaama keessa galchuudhaan galma irra gaʼuu dandeenyu baafachuuf nu gargaara. Obboloonni itti gaafatamummaa qabanis ogummaa qabaachuun isaanii humnisaanii daangeffamaa taʼuusaa akka hubatanii fi yeroo tokko tokko gargaarsi akka isaan barbaachisu amananii akka fudhatan isaan gargaara. Humna isaanii beekuunsaanii Yihowaan obboleessi tokko “madda jajjabinaa guddaa” akka isaaniif taʼu gochuu akka dandaʼu hubachuudhaan, gargaarsa isaaniif godhamu gammachuudhaan akka fudhatan isaan kakaasa.—Qolosaayis 4:11.

      18, 19. (a) Yesuus walitti dhufeenya barattootasaa wajjin qaburratti yaadasaatti akka hin cichinee fi wanta gaarii isaan qabanirratti akka xiyyeeffatu kan argisiisu maalidha? (b) Walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnurratti wanta gaarii isaan qabanirratti xiyyeeffachuu fi yaada keenyatti kan hin cichine taʼuu kan qabnu maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyuhoo akkamitti?

      18 Yaaqoob 3:17, “ogummaan inni ol gubbaadhaa dhufu . . . yaada ofiitti kan hin cichine” akka taʼe dubbata. Yesuus walitti dhufeenya barattootasaa wajjin qaburratti yaada ofiitti kan hin cichinee fi ilaalcha gaarii kan qabu ture. Dadhabinasaanii sirriitti kan beeku taʼus, wanta gaarii isaan qabanirratti xiyyeeffateera. (Yohaannis 1:47) Yeroo qabamutti isa dhiisanii akka baqatan kan beeke taʼus, amanamoo taʼuusaanii hin shakkine. (Maatewos 26:31-35; Luqaas 22:28-30) Pheexiros akka isa hin beekne dubbachuudhaan siʼa sadii isa ganeera. Taʼus, Yesuus Pheexirosiif wawwaannaa dhiheessee, akkasumas amanamummaasaa akka eegu isarratti amantii akka qabu ibsee ture. (Luqaas 22:31-34) Yesuus galgala duʼuusaa dura turetti yommuu gara Abbaasaatti kadhannaa dhiheessetti, dogoggora duuka buutotasaarratti hin xiyyeeffanne. Kanaa mannaa, “Isaanis dubbii kee eeganiiru” jechuudhaan wanta gaarii raawwatan dubbateera. (Yohaannis 17:6) Mudaa kan qaban taʼus, hojii lallabaa fi barattoota gochuu akka hojjetan itti gaafatamummaa isaaniif kenneera. (Maatewos 28:19, 20) Isaanirratti amantii akka qabu ibsuunsaa, hojii isaan ajaje hojjechuuf akka isaan kakaase hin shakkisiisu.

      19 Duuka buutota Yesuus waan taaneef, nutis fakkeenyasaa hordofuu barbaanna. Ilmi Waaqayyoo inni mudaa hin qabne barattootasaa warra mudaa qabaniif erga obsee, nuti namoonni cubbamoota taanemmoo waliif obsuu hin qabnuu? (Filiphisiyus 4:5) Dadhabina obboloota keenyaarratti xiyyeeffachuu mannaa, wanta gaarii keessasaanii jirurratti xiyyeeffachuu qabna. Yihowaan akka ofitti isaan harkise yaadachuun keenya barbaachisaadha. (Yohaannis 6:44) Yihowaan, wantoota gaggaarii tokko tokko isaan keessatti argeera erga taʼee, nutis akkas gochuu qabna. Ilaalcha gaarii qabaachuun keenya ‘balleessaa tuffannee bira darbuuf’ qofa utuu hin taʼin, karaa warra kaan itti galateeffannu barbaaduufis nu kakaasa. (Fakkeenya 19:11) Obboloota keenyaaf amantii isaanirratti qabnu yeroo isaaniif ibsinu, jabaatanii Yihowaa akka tajaajilanii fi tajaajilasaaniirraa gammachuu akka argatan isaan gargaarra.—1 Tasalonqee 5:11.

      20. Ogummaa seenaa Wangeelaa keessatti argamurraa faayidaa argachuuf maal gochuu qabna? Maaliif?

      20 Eeyyee, seenaan Wangeelaa waaʼee jireenyaa fi tajaajila Yesuus ibsu ogummaa guddaa qabateera. Maarree, kennaa gita hin qabne kanarraa faayidaa argachuuf maal gochuu qabna? Yesuus xumura lallabasaa isa gaaraarratti, dhaggeeffattoonnisaa dubbiisaa isa ogummaarratti hundaaʼe dhagaʼuu qofa utuu hin taʼin, hojiirra oolchuu akka qabanis gorseera. (Maatewos 7:24-27) Ilaalcha, kakaʼumsaa fi gocha keenya, dubbii fi gocha Yesuus isa ogummaarratti hundaaʼee wajjin wal simsiisuun keenya, jireenya hundarra caalu jiraachuu fi daandii jireenya barabaraatti geessurra deemuu keenya itti fufuuf nu gargaara. (Maatewos 7:13, 14) Dhugumayyuu, barumsa Yesuus hojiirra oolchuun ogummaadha!

      a Barumsi Yesuus guyyaa sanatti barsiise, lallabasaa isa gaararraa jedhamee beekama. Maatewos 5:3–7:27​rratti akka galmeeffametti, lallabnisaa kun lakkoofsota 107 kan qabatedha; gara daqiiqaa 20 qofa kan fudhatu taʼuu hin oolu.

      b Yesuus yeroo cuuphametti yommuu “samiiwwan . . . banaman,” jireenya gara lafaa dhufuu isaa dura jiraate yaadatee akka ture haalasaarraa hubachuu dandeenya.—Maatewos 3:13-17.

      Yesuus Duukaa Buʼuu kan Dandeessu Akkamitti?

      • Obboleessa kee tokko akka mufachiiste yoo sitti dhagaʼame maal gochuu qabda?—Maatewos 5:23, 24.

      • Yommuu namoonni si arrabsan ykn si aarsanitti, gorsi Yesuus ogummaadhaan deebii kennuuf kan si gargaaru akkamitti?—Maatewos 5:38-42.

      • Wanta Yesuus dubbaterratti xiinxaluun kee, maallaqaa fi qabeenyaaf ilaalcha sirrii taʼe qabaachuuf kan si gargaaru akkamitti?—Maatewos 6:24-34.

      • Wantoota jireenya kee keessatti dursa kennituuf yeroo murteessitu, fakkeenya Yesuus hordofuun kee murtoo gaarii gochuuf kan si gargaaru akkamitti?—Luqaas 4:43; Yohaannis 4:34.

  • “Ajajamuu Barateera”
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
    • BOQONNAA JAʼA

      “Ajajamuu Barateera”

      1, 2. Abbaan tokko, ilmisaa yommuu isaaf ajajamu kan gammadu maaliifi? Yihowaan yeroo isaaf ajajamnu maaltu isatti dhagaʼama?

      ABBAAN tokko, yommuu ilmisaa hiriyootasaa wajjin taphatu karaa foddaa ilaalaa jira. Utuma taphachaa jiranii kubbaansaanii mooraa keessaa karaatti jalaa baʼe. Ijji mucaa sanaa kubbicharra jira. Yeroo kanatti, hiriyaansaa tokko fiigee kubbaa sana akka fidu itti hima; mucichi garuu akkas gochuu dida. Achiis, “Karaatti akkan baʼu naaf hin heyyamamu” jedha. Abbaansaas kanatti ni gammada.

      2 Abbaan mucaa kanaa baayʼee kan gammade maaliifi? Kophaasaa karaatti akka hin baane mucaasaa ajajee waan tureefi. Mucaan kun abbaansaa isa ilaalaa akka jiru beekuu baatus ajajamaa jira; abbaansaa, ilmisaa ajajamuu barachaa akka jiruu fi kunis balaarraa akka isa eegu beeka. Miirri Abbaa keenya isa samiitti dhagaʼamus miira abbaa kanatti dhagaʼamee wajjin tokkodha. Waaqayyo amanamoo taanee jiraachuu fi wantoota gaggaarii inni gara fuulduraatti nuu qopheesse argachuu yoo barbaanne, isatti amanamuu fi isaaf ajajamuu barachuu akka qabnu beeka. (Fakkeenya 3:5, 6) Barsiisaa namoota hundarra caalu kan nuu erges kanaafi.

      3, 4. Yesuus “ajajamuu barateera,” akkasumas ‘guutummaatti gaʼumsa qabaateera’ jedhamuu kan dandaʼu akkamitti? Fakkeenyaan ibsi.

      3 Kitaabni Qulqulluun Yesuusiin ilaalchisee wanta nama ajaaʼibsiisu kana nutti hima: “Inni ilma Waaqayyoo yoo taʼe iyyuu, rakkoowwan isa irra gaʼan irraa ajajamuu barateera. Guutummaatti gaʼumsa erga qabaatee boodas, warri isaaf ajajaman hundi fayyina bara baraa akka argatan itti gaafatamummaan ni kennameef.” (Ibroota 5:8, 9) Ilmi kun waggoota hammana hin jedhamneef samiirra jiraachaa ture. Ilmi angafaa kun, Seexannii fi maleekonni kan biroon yeroo ajajamuu didan kan arge taʼus, Yihowaadhaaf ajajamuu isaa itti fufeera. Raajiin Kitaaba Qulqulluu, “Anis didaa hin turre” jedhu isarratti raawwatameera. (Isaayyaas 50:5) Maarree, Ilmi guutummaatti ajajamaa taʼe kun “ajajamuu barateera” jedhamuu kan dandaʼu akkamitti? Uumamni cubbuurraa walaba taʼe kun, ‘guutummaatti gaʼumsa qabaateera’ jedhamuu kan dandaʼuhoo akkamitti?

      4 Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Namni mana ijaaru tokko meeshaa ijaarsaa haaraa taʼe bituu barbaade haa jennu. Namni kun meeshaa gaarii tokko bitate. Garuu, meeshaan kun dhuguma gaarii taʼuusaa akkamitti mirkaneeffachuu dandaʼa? Gaarii taʼuunsaa kan beekamu ittiin hojjetamee erga ilaalamee boodadha. Haalli Yesuusis kanaa wajjin wal fakkaata. Gara lafaa dhufuusaa durayyuu guutummaatti Yihowaadhaaf ajajamaa kan ture taʼus, gara lafaa erga dhufee booda karaa adda taʼeen ajajamuusaa argisiiseera. Lafarratti qorumsa samiirratti isa mudachuu hin dandeenyeen qoramee ilaalameera.

      5. Yesuus ajajamuunsaa baayʼee barbaachisaa kan ture maaliifi? Boqonnaa kana keessatti maal ilaalla?

      5 Yesuus hojii lafarratti akka hojjetu isaaf kenname raawwachuuf ajajamaa taʼuu qaba ture. Yesuus inni ‘Addaam isa boodaa’ taʼe qorumsa keessattillee Yihowaadhaaf ajajamuudhaan wanta Addaam inni duraa utuu hin raawwatin hafe raawwateera. (1 Qorontos 15:45) Taʼus, Yesuus kan ajajame dirqama isatti taʼee miti. Kanaa mannaa, sammuu, garaa fi lubbuu guutuudhaan ajajameera. Kanas gammachuudhaan godhe. Fedhii Abbaasaa raawwachuun isaaf nyaata caalaa iddoo guddaa qaba ture. (Yohaannis 4:34) Ajajamuu ilaalchisee fakkeenya Yesuus hordofuuf maaltu nu gargaara? Mee jalqaba ajajamuuf maaltu akka isa kakaase haa ilaallu. Akkumasaa kakaʼumsa qabaachuun keenya qorumsa moʼuu fi fedhii Waaqayyoo raawwachuuf nu gargaara. Akkuma Kiristoos ajajamuun keenya eebbawwan akkamii akka nuuf argamsiisus ni ilaalla.

      Ajajamuuf kan Isa Kakaase Maalidha?

      6, 7. Sababiiwwan Yesuus akka ajajamu isa kakaasan tokko tokko maalfaʼi?

      6 Yesuus kan ajajame, amala gaggaarii waan qabuufi. Akkuma Boqonnaa 3​rratti ilaalle, Kiristoos gad of qaba. Namoonni kooran eenyuufiyyuu ajajamuu hin barbaadan; kan gad of qabnu yoo taʼe garuu fedhiidhaan Yihowaadhaaf ajajamna. (Baʼuu 5:1, 2; 1 Pheexiros 5:5, 6) Yesuus wanta jaallatuu fi wanta jibbu qabaachuunsaas ajajamuuf isa kakaaseera.

      7 Hunda caalaammoo, Yesuus Abbaasaa isa samii ni jaallata ture. Waaʼeen jaalala kanaa boqonnaa 13​ffaarratti balʼinaan ibsama. Yesuus jaalala akkasii qabaachuunsaa Waaqayyoon sodaachuuf isa kakaaseera. Yihowaadhaaf jaalalaa fi sodaa guddaa waan qabuuf, isa gaddisiisuu hin barbaadu. Kadhannaansaa akka isaaf dhagaʼamu kan godhe sodaa inni Waaqayyoof qabudha. (Ibroota 5:7) Sodaan inni Yihowaadhaaf qabu kun, yommuu Mootii taʼee bulchuttis ni mulʼata.—Isaayyaas 11:3.

      Obboloonni lama poostarii fiilmii yakkaa beeksisu tokko fuuldura dhaabbataniiru. Obboleessi inni tokko nyaara guuree poostaricha ilaalaa jira, inni tokkommoo harka isaa ol kaasee irraa garagalee jira.

      Bashannanni filattu wanta hamaa akka jibbitu kan argisiisudhaa?

      8, 9. Akkuma raajiidhaan ibsametti, Yesuus qajeelummaa fi jalʼina ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama? Miira isaa kana kan argisiisehoo akkamitti?

      8 Yihowaa jaallachuun wanta inni jibbu jibbuus ni dabalata. Fakkeenyaaf, Masiihicha ilaalchisee raajiin akkana jedhu dubbatameera: “Ati qajeelummaa jaallattee jalʼina jibbite. Waaqayyo inni Waaqa kee taʼe hiriyoota kee caalchisee zayitii gammachuutiin kan si dibe kanaafi.” (Faarfannaa 45:7) ‘Hiriyoonni’ Yesuus, mootota karaa hidda dhalootaa Daawit Mootichaa dhufanidha. Hundasaaniiyyuu caalaa Yesuus dibamuusaatti sababii itti gammadu qaba. Akkas kan jennu maaliifi? Badhaasni inni argatu kansaaniirra baayʼee kan caaluu fi bulchiinsisaa faayidaa barabaraa kan argamsiisu waan taʼeefi. Jaalalli inni qajeelummaadhaaf qabuu fi jibbi inni jalʼinaaf qabu karaa hundumaatiin Waaqayyoof ajajamuuf waan isa kakaaseef, badhaasa guddaa argateera.

      9 Ilaalchi Yesuus qajeelummaafis taʼe jalʼinaaf qabu kan mulʼate akkamitti? Fakkeenyaaf, Yesuus duuka buutonnisaa qajeelfama inni hojii lallabaa ilaalchisee isaaniif kenneef ajajamuusaaniitiin eebba argatanitti maaltu isatti dhagaʼame? Baayʼee gammade. (Luqaas 10:1, 17, 21) Namoonni Yerusaalem gargaarsa inni jaalalaan kakaʼee isaaniif godhe fudhachuu dhiisuudhaan yommuu irra deddeebiʼanii ajajamuu didanittoo maaltu isatti dhagaʼame? Namoonni magaalattii Yihowaadhaaf ajajamuu waan didaniif booʼeera. (Luqaas 19:41, 42) Yesuus yeroo namoonni wanta gaarii godhan ni gammada, yeroo jalʼina raawwatanimmoo ni gadda.

      10. Gocha qajeelummaa fi gocha dogoggoraa ilaalchisee miira akkamii qabaachuu qabna? Kana gochuufoo maaltu nu gargaara?

      10 Miira Yesuusitti dhagaʼamerratti xiinxaluun keenya, sababii Yihowaadhaaf itti ajajamnu qoruuf nu gargaara. Mudaa qabaannus jaalala wanta gaarii taʼeef qabnuu fi jibba wanta gaarii hin taaneef qabnu guddifachuu ni dandeenya. Yihowaan miira innii fi Ilmisaa qaban qabaachuuf akka nu gargaaru kadhachuu qabna. (Faarfannaa 51:10) Wantoota miira akkasii nu jalaa mancaasanirraas fagaachuu qabna. Bashannanaa fi hiriyoota keenya of eeggannoodhaan filachuun keenya barbaachisaadha. (Fakkeenya 13:20; Filiphisiyus 4:8) Akka Kiristoos kakaʼumsa sirrii yoo qabaanne, kan ajajamnu waan nurraa eegamuuf qofa miti. Wanta sirrii taʼe kan goonu, akkas gochuun waan nu gammachiisuufi. Wanta gaarii hin taane gochuurraa kan fagaannummoo, narratti beekama jennee waan sodaannuuf utuu hin taʼin gocha sana waan jibbinuufi.

      “Inni Cubbuu Tokko Illee hin Hojjenne”

      11, 12. (a) Yesuus akkuma tajaajilasaa jalqabeen maaltu isa mudate? (b) Seexanni jalqabarratti Yesuusiin kan qore akkamitti? Yeroo kanatti mala haxxummaa akkamii fayyadame?

      11 Yesuus lafarratti tajaajilasaa akkuma jalqabeen jibbi cubbuuf qabu qorameera. Erga cuuphamee booda utuu nyaata hin nyaatin guyyaa 40 fi halkan 40 lafa onaa keessatti dabarseera. Dhumarrattis Seexanni isa qoruuf dhufe. Haxxummaa Diyaabilos hubattee?—Maatewos 4:1-11.

      12 Seexanni jalqabarratti, “Ilma Waaqayyoo yoo taate, dhagoonni kun daabboo akka taʼan ajaji” jedheen. (Maatewos 4:3) Yesuus yeroo hammanaatiif erga soomee booda maaltu isatti dhagaʼame? Kitaabni Qulqulluun, “Ni beelaʼe” jechuudhaan ifatti dubbata. (Maatewos 4:2) Kanaaf, Seexanni taʼe jedhee Yesuus hamma beelaʼuttii fi hamma dadhabutti erga eegee booda, fedhii nyaataa inni qabutti fayyadamee isa qore. Seexanni, “Ilma Waaqayyoo yoo taate” jechuudhaan akka isatti qooses qalbeeffadhu. Seexanni, Yesuus “angafa uumama hundumaa” akka taʼe beeka. (Qolosaayis 1:15) Taʼus, Yesuus dhiibbaan Seexanaa akka hin ajajamne akka isa godhu hin heyyamne. Yesuus humnasaatti fayyadamee fedhii ofittummaa guuttachuun fedhii Waaqayyoo wajjin akka wal hin simne beeka. Akkas gochuurraa fagaachuudhaan, wanta isa barbaachisus taʼe qajeelfama argachuuf Yihowaatti akka amanamu argisiiseera.—Maatewos 4:4.

      13-15. (a) Qorumsi lammaffaa fi sadaffaan Seexanni Yesuusiin qoruuf itti fayyadame maalidha? Yesuus hoo deebii kan kenne akkamitti? (b) Yesuus Seexanarraa of eeguuf yeroo hunda dammaqaa akka ture akkamitti beekna?

      13 Qorumsa lammaffaarrattimmoo, Seexanni, Yesuusiin gara fiixee mana qulqullummaatti ol baase. Yeroo kanatti Seexanni Dubbii Waaqayyoo jalʼisee caqasuudhaan, maleekonni waan isa oolchaniif fiixee mana qulqullummaarraa gad of darbachuudhaan wanta namoota ajaaʼibsiisu akka raawwatu Yesuusiin gaafate. Namoonni mana qulqullummaa keessa turan dinqii akkasii utuu ilaalaniiru taʼee, sana booda Yesuus Masiihicha abdachiifame taʼuusaa namni gaaffii kaasu jiraachuu dandaʼaa? Namoonni sun dinqii kanarratti hundaaʼanii Yesuus Masiihii taʼuusaa amananiiru utuu taʼee qorumsii fi rakkinni hedduun isarra ni gaʼa turee? Tarii gaʼuu dhiisuu dandaʼa ture. Haataʼu malee Yesuus, Waaqayyo kan barbaadu Masiihichi gad of qabee hojiisaa akka hojjetu malee, dinqii akkasii raawwachuudhaan namoonni akka isatti amanan dhiibbaa akka godhu akka hin taane beeka. (Isaayyaas 42:1, 2) Yeroo kanattis, Yesuus Yihowaadhaaf ajajameera. Beekamtii argachuuf hin hawwine.

      14 Aangoo argachuufoo hawweeraa? Qorumsa isa sadaffaarratti, Seexanni siʼa tokko qofa yoo isa waaqeffate mootummoota addunyaa hundumaa akka isaaf kennu Yesuusitti hime. Yesuus, affeerraa Seexanni isaaf dhiheesserratti yaadeeraa? Yeruma sana, “Seexana nana, na duraa deemi!” jedhee isaaf deebise. Itti dabaluudhaanis, “‘Waaqa kee Yihowaa waaqeffadhu; isa qofaaf tajaajila qulqulluu dhiheessi’ kan jedhu barreeffameera” isaan jedhe. (Maatewos 4:10) Wanti akkamiiyyuu waaqa kan biraa akka waaqeffatu dhiibbaa isarratti gochuu hin dandaʼu. Yesuus addunyaa keessatti aangoo argachuuf jedhee matumaa Yihowaadhaaf ajajamuu hin dhiisu.

      15 Seexanni yeroo kanatti abdii kutateeraa? Dhugaadha, akkuma Yesuus isa ajajetti isa biraa deemeera. Taʼus, Wangeelli Luqaas, “[Diyaabilos] hanga yeroo mijaaʼaa kan biraa argatutti isa dhiisee deeme” jedha. (Luqaas 4:13) Seexanni Yesuusiin qoruuf hamma dhumaatti yeroo mijaaʼaa barbaadaa ture. Kitaabni Qulqulluun, Yesuus ‘karaa hundumaan akka qorame’ nutti hima. (Ibroota 4:15) Yesuus yeroo hundumaa dammaqinaan jiraateera; nutis akkasuma gochuu qabna.

      16. Seexanni tajaajiltoota Waaqayyoo yeroo harʼaa jiran kan qoru akkamitti? Carraaqqii inni godhu moʼuu kan dandeenyuhoo akkamitti?

      16 Yeroo harʼaattis Seexanni tajaajiltoota Waaqayyoo qoruusaa itti fufeera. Kan nama gaddisiisu, mudaa qabaachuun keenya yeroo baayʼee nu qoruun akka isaaf salphatu godha. Seexanni uumamaan fedhii ofittummaa, kooraa fi fedhii aangoo argachuu akka qabnu beeka. Nu qoruuf qabeenyatti kan fayyadamu kanaafi. Kanaaf, yeroo tokko tokko haqaan of qoruun keenya barbaachisaadha. Yaada 1 Yohaannis 2:15-17​rratti argamurratti xiinxaluun keenya gaariidha. Yommuu akkas goonu, hawwiin foonii, hawwiin qabeenyaa, akkasumas fedhiin dinqisiifannaa warra kaanii argachuuf qabnu, jaalala Abbaa keenya isa samiitiif qabnu nu jalaa hirʼisuu fi dhiisuusaa of gaafachuu dandeenya. Addunyaan kun, Seexana isa bulchaasaa taʼe faana baduuf akka jedhu yaadachuu qabna. Kanaaf, carraaqqii Seexanni haxxummaadhaan cubbuutti nu galchuuf godhu haa fashaleessinu. Akkasumas fakkeenya Gooftaa keenya isa “cubbuu tokko illee hin hojjenne” sanaa haa hordofnu.—1 Pheexiros 2:22.

      ‘Yeroo Hundumaa Wanta Isa Gammachiisun Godha’

      17. Yesuus Abbaasaatiif ajajamuu ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama? Taʼus namoonni tokko tokko yaada akkamii kaasuu dandaʼu?

      17 Ajajamuun cubbuurraa fagaachuu caalaa wanta dabalatu qaba; Kiristoos wanta Abbaansaa isa ajaje hunda raawwateera. ‘Ani yeroo hundumaa wanta isa gammachiisun godha’ jedheera. (Yohaannis 8:29) Yesuus ajajamuunsaa gammachuu guddaa isaaf argamsiiseera. Namoonni tokko tokko ajajamuun Yesuusiif salphaa akka taʼe dubbatu taʼa. Tarii, ‘Yesuus ajajamuun kan isa barbaachisu Yihowaa isa mudaa hin qabneef qofadha; nuti garuu yeroo baayʼee abbootii taayitaa mudaa qabaniif akka ajajamnu nurraa eegama’ jedhu taʼa. Haataʼu malee, Yesuusis namoota mudaa qabaniif ajajamaa ture.

      18. Yesuus ijoolleedhaaf fakkeenya akkamii taʼeera?

      18 Yesuus warrisaa Yoseefii fi Maariyaam mudaa kan qaban taʼus ijoollummaasaatti isaaniif ajajamaa ture. Ijoollee kaan caalaa hirʼina warrasaa hubachuu akka dandaʼu beekamaadha. Maarree, isaaniif ajajamuu dideeraa? Yookiin maatiisaanii akkamitti bulchuu akka qaban isaanitti himeeraa? Yesuus isa mucaa waggaa 12 ilaalchisee Luqaas 2:51, “Isaaniif bitamuu isaas itti fufe” jedha. Yesuus ijoollee warrasaaniitiif ajajamuu fi isaan kabajuuf carraaqqii godhaniif fakkeenya taʼeera.—Efesoon 6:1, 2.

      19, 20. (a) Yesuus namoota mudaa qabaniif ajajamuu ilaalchisee haalli rakkisaan adda taʼe akkamii isa mudateera? (b) Kiristiyaanonni dhugaan yeroo harʼaatti argaman obboloota itti gaafatamummaa qabaniif ajajamuu kan qaban maaliifi?

      19 Namoota mudaa qabaniif ajajamuu ilaalchisee, haalli rakkisaan Kiristiyaanota dhugaa yeroo harʼaa mudachuu hin dandeenye Yesuusiin mudateera. Mee barri inni keessa jiraate maal akka fakkaatu yaadi. Mana qulqullummaa Yerusaalemitti argamuu fi qophii lubummaa dabalatee, sirni amantaa Yihudootaa inni yeroo dheeraadhaaf Yihowaa biratti fudhatama argachaa ture gumii Kiristiyaanaatiin bakka buufamuuf jedha ture. (Maatewos 23:33-38) Yeroo kanatti, geggeessitoonni amantaa hedduun barumsa sobaa falaasama Giriikiirraa fudhatame barsiisaa turan. Mana qulqullummaa keessatti malaanmaltummaan babalʼatee waan tureef, Yesuus mana qulqullummaa sana “holqa saamtotaa” jedhee waameera. (Maarqos 11:17) Maarree, Yesuus gara mana qulqullummaa fi manneen sagadaa dhaquu dhiiseeraa? Hin dhiisne. Yihowaan yeroo sanattis qophiiwwan kanatti fayyadamaa ture. Yesuus, Waaqayyo tarkaanfii fudhatee jijjiirama hamma fidutti ajajamuudhaan ayyaanota mana qulqullummaa keessatti kabajamanirratti argamaa fi gara mana sagadaa Yihudootaa dhaqaa ture.—Luqaas 4:16; Yohaannis 5:1.

      20 Yesuus haalawwan akkasii keessatti erga ajajamee, Kiristiyaanonni dhugaan yeroo harʼaatti argamanis ajajamuu hin qabaniiree? Yeroo waaqeffannaa qulqulluun inni yeroo dheeraa dura raajiidhaan dubbatame deebiʼee itti hundeeffame keessa jirra. Waaqayyo, Seexanni sabasaa akka mancaasu matumaa akka hin heyyamne waadaa galeera. (Isaayyaas 2:1, 2; 54:17) Obboloonni gumii keessa jiran hundi mudaa akka qabanii fi cubbuu akka raawwatan beekamaadha. Haataʼu malee, dogoggorri warri kaan raawwatan Yihowaadhaaf akka hin ajajamne, walgaʼii gumiirraa akka hafnu ykn jaarsolii akka qeeqnu nu taasisuu qabaa? Matumaa! Kanaa mannaa, obboloota gumii keessatti itti gaafatamummaa qaban garaa guutuudhaan deggerra. Walgaʼiiwwan gumii fi walgaʼiiwwan guguddaarratti ni argamna, gorsa Kitaaba Qulqulluu nuu kennamus hojiirra ni oolchina; akka kanaan ajajamoo taʼuu keenya argisiisna.—Ibroota 10:24, 25; 13:17.

      Obboloonnii fi obboleettonni Galma Walgaʼii fuuldura dhaabbatanii gammachuudhaan waliin haasaʼaa jiru.

      Wanta walgaʼii Kiristiyaanaarratti barannu hojiirra ni oolchina

      21. Yesuus, Waaqayyoof akka hin ajajamne yeroo namoonni dhiibbaa isarraan geessisanitti deebii fakkeenya nuuf taʼu akkamii kenne?

      21 Yesuus michootasaa isaaf yaadan dabalatee, eenyuyyuu Yihowaadhaaf akka hin ajajamne dhiibbaa akka isarratti godhu hin heyyamne. Fakkeenyaaf, Pheexiros ergamaan, dhiphachuu fi duʼuun akka isa hin barbaachisne isa amansiisuuf yaalee ture. Pheexiros garaa akka ofitti hin jabaanne kan isa gorse isaaf yaadee taʼus, Yesuus cimsee isa mormeera. (Maatewos 16:21-23) Yeroo harʼaatti, firoonni keenya nuuf yaadanii seeraa fi qajeelfama Waaqayyootiif ajajamuu keenya akka dhiisnu nu amansiisuuf yaalu taʼa. Yeroo akkasiitti akkuma duuka buutota Yesuus jaarraa jalqabaatti turanii, “Namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof akka bulchaa keenyaatti ajajamuu qabna” jenna.—Hojii Ergamootaa 5:29.

      Akkuma Kiristoos Ajajamuun Eebba Argamsiisa

      22. Yesuus gaaffii isa kamiif deebii kenne? Akkamitti?

      22 Guyyaa Yesuus ajjeefametti, Seexanni qorumsa baayʼee ulfaataa taʼe isatti fideera. Guyyaa baayʼee ulfaataa taʼe sanatti Yesuus karaa adda taʼeen ‘ajajamuu barateera.’ Fedhiisaa utuu hin taʼin, fedhii Abbaasaa raawwateera. (Luqaas 22:42) Yesuus umuriisaa guutuu amanamaa taʼee itti fufuudhaan ajajamuurratti fakkeenya hundarra caalu nuu taʼeera. (1 Ximotewos 3:16) Kana gochuudhaan, gaaffii Seexanni bara dheeraa dura, ‘Namni mudaa hin qabne tokko qorumsa keessatti Yihowaadhaaf ajajamuu ni dandaʼaa?’ jechuudhaan kaaseef deebii kenneera. Addaamii fi Hewaan Waaqayyoof hin ajajamne. Yesuus garuu gara lafaa dhufee hamma duʼaatti ajajamuudhaan Seexanni sobduu taʼuusaa saaxileera. Yesuus inni uumamawwan Yihowaa hundarra caalu, deebii hundarra caalu kenneera. Aarsaa guddaa kan isa kaffalchiise taʼus ajajameera.

      23-25. (a) Ajajamuun amanamummaa wajjin kan wal qabatu akkamitti? Fakkeenyaan ibsi. (b) Boqonnaa ittaanurratti maal ilaalla?

      23 Yeroo Yihowaadhaaf ajajamnu akka isa jaallannuu fi umurii keenya guutuu isaaf amanamoo taʼuu akka barbaannu argisiisna. Yesuus ajajamuudhaan, amanamummaasaa eeguu fi ilmaan namootaa hundaaf faayidaa argamsiisuu dandaʼeera. (Roomaa 5:19) Yihowaanis baayʼee isa eebbiseera. Nutis Gooftaa keenya Kiristoosiif yoo ajajamne Yihowaan nu eebbisa. Kiristoosiif ajajamuun, “fayyina bara baraa” argamsiisa.—Ibroota 5:9.

      24 Amanamoo taʼuun keenya eebba kan biraas nuuf argamsiisa. Fakkeenyi 10:9, “Namni garaa qulqulluudhaan deddeebiʼu sodaa malee deema” jedha. Amanamummaa, mana guddaa xuubiiwwan ciccimoodhaan ijaaramaa jirutti yoo fakkeessine, gochi ajajamuudhaan raawwannu tokkommoo xuubii tokkotti fakkeeffamuu dandaʼa. Xuubiin tokko kophaa isaa faayidaa guddaa kan hin qabne fakkaachuu dandaʼa; garuu tokkoon tokkoonsaa barbaachisaadha. Xuubiiwwan hedduun yommuu walirra naqaman, mana bareedaa taʼe tokko argamsiisu. Haaluma wal fakkaatuun, guyyaa guyyaadhaan, akkasumas waggaadhaa gara waggaatti ajajamuu keenya yommuu itti fufnu, amanamummaa mana bareedaa wajjin wal fakkaatu horanna.

      25 Namni yeroo dheeraadhaaf ajajamaa jiraate jabaatee akka dhaabbatus ni argisiisa. Fakkeenya Yesuus gama kanaan nuu kaaʼe boqonnaa ittaanurratti ilaalla.

      Yesuus Duukaa Buʼuu kan Dandeessu Akkamitti?

      • Ajajawwan Kiristoos tokko tokko maalfaʼi? Ajajawwan kana eeguu kan dandeenyu akkamitti? Kunoo eebba akkamii argamsiisa?—Yohaannis 15:8-19.

      • Firoonni Yesuus jalqabarratti tajaajilasaatiif ilaalcha akkamii qabu turan? Akkaataa inni itti isaan qaberraa barumsa akkamii arganna?—Maarqos 3:21, 31-35.

      • Yihowaadhaaf ajajamuun gammachuu nu dhabsiisa jennee yaaddaʼuu kan hin qabne maaliifi?—Luqaas 11:27, 28.

      • Yesuus seera kallattiidhaan isa hin ilaallanneef ajajamuuf fedhii qabaachuusaarraa maal baranna?—Maatewos 17:24-27.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi