LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Baayʼee Isaaniif Gadde”
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
    • BOQONNAA KUDHA SHAN

      “Baayʼee Isaaniif Gadde”

      Yesuus namoota qaro dhabeeyyii taʼan lama fayyisaa jira.

      “Yaa Gooftaa, ija keenya nuu bani”

      1-3. (a) Yesuus yommuu namoonni qaro dhabeeyyii taʼan lama akka isaan gargaaru isa kadhatanitti maal godhe? (b) Yaanni “isaaniif gadde” jedhu hiika akkamii qaba? (Miiljalee ilaali.)

      NAMOONNI qaro dhabeeyyii taʼan lama daandii Yerikootti dhihoo jiru tokko qarqara taaʼaniiru. Karaa kanarra namoonni hedduun waan darbaniif, namoonni kun kadhachuuf guyyaa guyyaadhaan dhufu turan. Guyyaa kanatti garuu, haalli guutummaatti jireenyasaanii jijjiiru tokko raawwatamuuf jedha.

      2 Namoonni kadhatan kun akkuma tasaa waca dhagaʼan. Wanta raawwatamaa jiru arguu waan hin dandeenyeef, isaan keessaa inni tokko namoonni kan wacan maaliif akka taʼe yommuu gaafatu, “Yesuus nama Naazireet sanatu darbaa jira!” jedhanii itti himan. Yesuus yeroo dhumaatiif gara Yerusaalem deemaa jira. Yeroo kanatti kophaasaa hin turre; namoonni hedduun isaa wajjin jiru turan. Namoonni kadhatan kun, achiin darbaa kan jiru Yesuus taʼuusaa yommuu dhagaʼan, “Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit, garaa nuu laafi!” jedhanii iyyan. Namoonni Yesuusii wajjin turan wacasaaniitti aaranii akka callisan isaanitti himan. Isaan garuu gargaarsa argachuuf kutatanii waan turaniif callisuu didan.

      3 Yesuus namoonni hedduun wacaa kan turan taʼus, iyya namoota kanaa ni dhagaʼe. Maarree, maal godha laata? Wanti isa yaaddessu hedduun jira ture. Jireenyasaa isa lafarraa xumuruuf gara torban tokkootu isa hafe. Yerusaalem keessatti akka dhiphatuu fi gara jabinaan akka ajjeefamu beeka. Taʼus, iyya namoonni kun dhageessisan callisee bira hin darbine. Erga dhaabbatee booda namoota lamaan sana garasaatti akka fidan gaafate. Isaanis, “Yaa Gooftaa, ija keenya nuu bani” jedhanii isa kadhatan. Yesuusis “isaaniif gaddee” ijasaanii qaqqabe; iji isaanis deebiʼee arguu jalqabe.a Isaanis yeruma sana isa duukaa buʼuu jalqaban.—Luqaas 18:35-43; Maatewos 20:29-34.

      4. Yesuus, raajii ‘isa rakkataa taʼeef akka gaddu’ dubbatame kan raawwate akkamitti?

      4 Yesuus gara laafina kan argisiise yeroo kanatti qofa hin turre. Yeroo baayʼee haala addaddaa keessatti gara laafina guddaa argisiiseera. Yesuus ‘isa rakkataa taʼeef akka gaddu’ raajiidhaan dubbatamee ture. (Faarfannaa 72:13) Raajii kanaa wajjin haala wal simuun, Yesuus miirri namootaa baayʼee isa yaaddessa ture. Namoota gargaaruufis dursa ni fudhata ture. Gara laafina qabaachuunsaa lallabuuf isa kakaaseera. Seenaawwan Wangeelota keessatti ibsaman Yesuus wanta dubbatee fi raawwateen gara laafina kan argisiise akkamitti akka taʼe ifatti argisiisu; mee gara laafina akkasii argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

      Miira Warra Kaaniitiif Yaaduu

      5, 6. Yesuus namootaaf akka gaddu fakkeenyi argisiisu isa kami?

      5 Yesuus namootaaf baayʼee gadda. Dhiphinnisaanii waan isaaf galuuf, isaan wajjin dhiphata. Rakkinni isaanirra gaʼe hundi isarra gaʼuu baatus, miidhamni isaanii isatti ni dhagaʼama. (Ibroota 4:15) Dubartii waggaa 12f dhiignishee dhangalaʼaa ture tokko yeroo fayyisetti, ‘dhukkubni ishii kan ishii dhiphisu’ taʼuusaa dubbachuudhaan, dhiphinaa fi rakkina guddaa dhukkubichi ishiirraan geessise akka hubate argisiiseera. (Maarqos 5:25-34) Maariyaamii fi namoonni ishee wajjin turan Alaazaar duʼuusaatiin yeroo booʼan, gaddisaanii baayʼee waan isatti dhagaʼameef garaansaa raafamee ture. Yesuus, Alaazaariin duʼaa akka kaasu kan beeku taʼus, keessisaa baayʼee waan jeeqameef imimmaan ijasaa guute.—Yohaannis 11:33, 35.

      6 Yeroo kan biraattimmoo, namichi dhukkuba nadaayiitiin qabame tokko gara Yesuus dhufee, “Yoo fedhii kee taʼe, na fayyisuu dandeessa” jedhee isa kadhate. Yesuus inni mudaa hin qabnee fi dhukkubsatee hin beekne deebii akkamii kenne? Baayʼee garaa isaaf laafe. Kitaabni Qulqulluun, “Baayʼee isaaf gadde” jedha. (Maarqos 1:40-42) Achiis wanta adda taʼe tokko godhe. Yesuus akka Seera Museetti namoonni dhukkuba nadaayiitiin qabaman xuraaʼoo akka taʼanii fi warra kaanitti makamuu akka hin qabne sirriitti beeka. (Leewwota 13:45, 46) Yesuus nama kana utuu harkaan hin tuqin fayyisuu akka dandaʼu beekamaadha. (Maatewos 8:5-13) Taʼus, harka isaa diriirsee namicha dhukkuba nadaayiitiin qabame sana qaqqabee, “Nan fedha! Fayyi!” isaan jedhe. Dhukkubni nadaayii sunis yeruma sana isa irraa bade. Dhugumayyuu, Yesuus baayʼee namaaf gadda!

      Obboleettiin takka obboleettii gadditee jirtu takka jajjabeessaa jirti.

      “Miira walii hubadhaa”

      7. Warra kaaniif garaadhaa akka gaddinu kan nu gargaaru maalidha? Miira kanahoo akkamitti ibsuu dandeenya?

      7 Kiristiyaanota waan taaneef, akkuma Yesuus warra kaaniif gadduu qabna. Kitaabni Qulqulluun gorsa, “Miira walii hubadhaa” jedhu nuuf kenna.b (1 Pheexiros 3:8) Keessumaa rakkinni akkasii nurra gaʼee hin beeku taanaan, miira namoota dhukkuba ykn dhiphina cimaadhaan dararamaa jiranii hubachuun ulfaataa nutti taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, warra kaaniif gadduuf, dirqama rakkinni isaanirra gaʼe nurra gaʼuu hin qabu. Yesuus dhukkubsatee kan hin beekne taʼus, namoota dhukkubsataniif ni gadda ture. Maarree, warra kaaniif gadduu barachuu kan dandeenyu akkamitti? Namoonni rakkinni isaan mudate yeroo miirasaanii nutti himan obsaan dhaggeeffachuun amala kana horachuuf nu gargaara. ‘Iddoo isaanii utuun taʼee, maaltu natti dhagaʼama ture?’ jennee of gaafachuu dandeenya. (1 Qorontos 12:26) Miira namootaa hubachuuf garaadhaa kan carraaqnu yoo taʼe, ‘warra dhiphatan jajjabeessuu’ ni dandeenya. (1 Tasalonqee 5:14) Yeroo tokko tokko akka isaaniif gaddine kan argisiisnu wanta dubbannuun qofa utuu hin taʼin, imimmaan keenya dhangalaasuudhaanis taʼuu dandaʼa. Roomaan 12:15, “Warra booʼanii wajjin booʼaa” jedha.

      8, 9. Yesuus miira namootaatiif akka of eeggatu kan argisiise akkamitti?

      8 Yesuus namootaaf waan yaaduuf, miirasaaniitiif akka of eeggatu argisiiseera. Yeroo nama dhagaʼuu fi dubbachuu hin dandeenye tokko garasaatti fidanitti maal akka godhe yaadadhu. Yesuus namichi kun akka dhiphatu waan hubateef, wanta yeroo kaan hin goone tokko godhe; namicha sana “kophaatti isa baase.” Achiis bakka namoonni isa hin arginetti geessee isa fayyise.—Maarqos 7:31-35.

      9 Yesuus yeroo namoonni nama qaro dhabeessa taʼe isatti fidanittis akka isaaf yaadu argisiiseera. “Namicha qaro dhabeessa sana harka isaa qabee ganda sana keessaa baase.” Achiis suutuma suuta isa fayyise. Akkas gochuunsaa, tarii iji namichaa ifa aduu fi wantoota yeroo jalqabaatiif argu garaagaraa wajjin wal baruun akka isaaf salphatu godhee taʼuu dandaʼa. (Maarqos 8:22-26) Dhugumayyuu, Yesuus namootaaf baayʼee yaada!

      10. Miira warra kaaniitiif akka of eeggannu karaawwan kamiin argisiisuu dandeenya?

      10 Duuka buutota Yesuus waan taaneef, miira warra kaaniitiif akka of eeggannu argisiisuu qabna. Utuu itti hin yaadin dubbachuun miira namootaa miidhuu akka dandaʼu waan beeknuuf, dubbachuu keenya dura irratti yaanna. (Fakkeenya 12:18; 18:21) Kiristiyaanonni miira warra kaaniitiif waan of eeggannuuf, dubbii gadhee fi dubbii miira namaa miidhu ykn dubbii nama tuqu hin dubbatan. (Efesoon 4:31) Jaarsoliin, miira warra kaaniitiif akka of eeggattan argisiisuu kan dandeessan akkamitti? Yommuu gorsa kennitan, gaarummaadhaan dubbachuudhaan nama sana akka kabajjan argisiisaa. (Galaatiyaa 6:1) Warrihoo, miira ijoollee keessaniitiif akka of eeggattan argisiisuu kan dandeessan akkamitti? Yommuu isaan adabdan, utuu hin barbaachisin wanta isaan qaanessu akka hin goone of eeggadhaa.—Qolosaayis 3:21.

      Warra Kaan Gargaaruuf Dursa Fudhachuu

      11, 12. Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu Yesuus namootatti gara laafina argisiisuuf hamma gaafatamutti akka hin eegne argisiisan kamfaʼi?

      11 Yesuus gara laafina kan argisiise, yeroo namoonni isa gaafatanitti qofa hin turre. Namni gara laafina qabu namoota gargaarsi isaan barbaachisu gargaaruuf ni kakaʼa. Kanaaf, Yesuus gara laafinaan kakaʼee warra kaan gargaaruuf dursa fudhachuunsaa nama hin ajaaʼibsiisu. Fakkeenyaaf, yeroo namoonni hedduun nyaata utuu hin nyaatin guyyaa sadiif isaa wajjin turanitti, akka beelaʼanii fi waan tokko akka isaaniif godhu hamma isatti himamutti hin eegne. Seenaansaa akkana jedha: “Yesuus barattoota isaa ofitti waamee akkana isaaniin jedhe: ‘Namoonni kun guyyaa sadii guutuu anaa wajjin turaniiru; wanta nyaatan waan hin qabneef ani isaaniif nan gadda. Dadhabanii karaa irratti akka hin kukkufneef, hagabuu isaanii isaan geggeessuu hin barbaadu.’” Achiis ofumasaatiin kakaʼee dinqiidhaan wanta nyaatan isaaniif kenne.—Maatewos 15:32-38.

      12 Mee seenaa kan biraas haa ilaalu. Dhaloota Kiristoos Booda bara 31​tti, Yesuus magaalaa Naayinitti yommuu dhihaatu wanta nama gaddisiisu tokko arge. Namoonni reeffa ‘ilma tokkicha dubartii abbaan manaa irraa duʼe’ tokkoo awwaaluuf magaalattiidhaa baʼanii deemaa turan; kan deeman gara bakka awwaalaa gaara jalatti argamuu taʼuu hin oolu. Haatisaa hammam akka gaddite tilmaamuu dandeessaa? Ilmashee tokkicha awwaaluuf jetti; abbaa manaa ishee wajjin gaddus hin qabdu. Yesuus namoota sana hunda keessaa dubartii kana ‘arge.’ Wanta argetti garaansaa waan tuqameef, “baayʼee ishiidhaaf gadde.” Namni waa akka godhu isa gaafate hin jiru. Gara laafinnisaa tarkaanfii akka fudhatu isa kakaaseera. Kanaaf, “itti siqee siricha tuqe,” achiis dargaggeessa duʼe sana duʼaa kaase. Sana booda maaltu taʼe? Yesuus dargaggeessi duʼaa kaʼe sun namoota hedduu isaa wajjin deemaa turanitti akka makamu hin goone. Kanaa mannaa, haati isaa kophaa akka hin taanee fi kunuunsa akka argattuuf, “haadha isaatiif isa kenne.”—Luqaas 7:11-15.

      Obboleettiin dargaggeettiin takka obboleettii maanguddoo takka abaaboo dhaabuu gargaaraa jirti.

      Namoota gargaarsi isaan barbaachisu gargaaruuf dursa fudhadhu

      13. Namoota gargaarsi isaan barbaachisu dursa fudhannee gargaaruudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

      13 Fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Dhugaadha, dinqii raawwachuudhaan nyaata dhiheessuus taʼe namoota duʼan duʼaa kaasuu hin dandeenyu. Haataʼu malee, dursa fudhannee namoota gargaarsi isaan barbaachisu gargaaruudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu dandeenya. Fakkeenyaaf, obboleessi tokko rakkinni dinagdee isa mudatee ykn hojiisaa dhabee taʼuu dandaʼa. (1 Yohaannis 3:17) Obboleettiin abbaan manaa irraa duʼe tokko mannishee suphamuu qaba taʼa. (Yaaqoob 1:27) Tariimmoo maatii gaddi irra gaʼee fi jajjabinni ykn gargaarsi kan biraan isa barbaachisu beekna taʼa. (1 Tasalonqee 5:11) Namoota haala akkasii keessa jiran gargaaruuf hamma gargaarsa gaafatamnutti eeguu hin qabnu. (Fakkeenya 3:27) Gara laafina qabaachuun keenya hamma dandeenye dursa fudhannee warra kaan gargaaruuf nu kakaasa. Gaarummaadhaan kakaanee wanta xinnoo raawwachuun keenya ykn garaadhaa wanta nama jajjabeessu dubbachuun keenya qoftillee, karaa gara laafina guddaa itti argisiisnu taʼuu dandaʼa.—Qolosaayis 3:12.

      Gara Laafinni Lallabuuf Isa Kakaaseera

      14. Yesuus hojii lallabaatiif dursa kan kenne maaliifi?

      14 Akkuma Kutaa 2​ffaa kitaaba kanaa keessatti ilaalle, Yesuus misiraachicha lallabuudhaan fakkeenya hundarra caalu nuu taʼeera. “Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo magaalota kaanittis lallabuun qaba; sababiin isaas, ani kanaafan ergame” jedheera. (Luqaas 4:43) Yesuus hojii kanaaf dursa kan kenne maaliifi? Adda durummaadhaan, Waaqayyoon waan jaallatuufi. Gara laafina guddaa qabaachuunsaa, wanta karaa hafuuraa warra kaan barbaachisuuf xiyyeeffannaa kennuufis isa kakaaseera. Karaawwan Yesuus gara laafina itti argisiise keessaa hundarra kan caalu namoota karaa hafuuraa beelaʼan gargaaruusaati. Mee haalawwan Yesuus namoota lallabaafii tureef ilaalcha akkamii akka qabu argisiisan lama haa ilaallu. Kana gochuun keenya, tajaajilarratti hirmaachuuf wanti nu kakaasuu qabu maal akka taʼe qoruuf nu gargaara.

      15, 16. Haalawwan ilaalcha Yesuus namoota lallabaafii tureef qabu argisiisan lamaan ibsi.

      15 Yesuus gara waggaa lamaatiif hinaaffaadhaan tajaajilarratti erga hirmaatee booda, Dh.K.B. bara 31​tti caalaatti tajaajiluuf “magaalotaa fi gandeen [Galiilaa] hunda keessa” naannaʼeera. Wanti achitti arge tokko garaasaa tuqe. Maatewos ergamaan, “Namoota hedduu sana yommuu argu, baayʼee isaaniif gadde; sababiin isaas, isaan akka hoolota tiksee hin qabneetti cunqurfamanii fi dagatamanii turan” jedhee gabaaseera. (Maatewos 9:35, 36) Yesuus namoota bakka guddaa hin qabne kanaaf gaddee ture. Karaa hafuuraa haala gaddisiisaa taʼe keessa akka jiran hubateera. Geggeessitoonni amantaa kunuunsa isaaniif gochuu qaban, isaan miidhaa akka jiranii fi guutummaatti akka isaan dagatan beeka. Yesuus gara laafinaan kakaʼee, ergaa abdii qabu namoota kanatti himuuf carraaqqii guddaa godheera. Namoota kanaaf misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo caalaa wanti isaan barbaachisu hin jiru ture.

      16 Jiʼoota muraasa booda, bara 32​tti yeroo Ayyaanni Faasikaa dhihaatettis haalli akkasii uumamee ture. Yeroo kanatti Yesuusii fi ergamoonnisaa bakka namni hin jirre dhaqanii boqochuu waan barbaadaniif bidiruu yaabbatanii Galaana Galiilaa gamatti ceʼan. Haataʼu malee, namoonni hedduun fiiganii bidiruu sana dursanii achi gaʼan. Yeroo kanatti Yesuus maal godhe? “Yeroo bidiruu irraa [buʼu], namoota hedduu argee baayʼee isaaniif gadde; sababiin isaas, isaan akka hoolota tiksee hin qabnee turan. Wanta hedduus isaan barsiisuu jalqabe.” (Maarqos 6:31-34) Namoonni kunis karaa hafuuraa haala gaddisiisaa taʼe keessa waan turaniif Yesuus “isaaniif gadde.” “Akka hoolota tiksee hin qabnee” karaa hafuuraa beelaʼanii fi kunuunsa dhabanii turan. Yesuus isaaniif kan lallabe dirqamni waan isarra jiruuf utuu hin taʼin, gara laafinaan kakaʼeeti.

      Obboleettiin takka tajaajilarratti karaa gara laafina argisiisuun dubartii takka haasofsiisaa jirti.

      Tajaajilarratti gara laafina argisiisi

      17, 18. (a) Tajaajilarratti hirmaachuuf kan nu kakaasu maalidha? (b) Amala gara laafinaa horachuu kan dandeenyu akkamitti?

      17 Nuti duuka buutonni Yesuus, tajaajilarratti akka hirmaannu kan nu kakaasu maalidha? Boqonnaa 9​ffaa kitaaba kanaarratti akkuma ilaalle, hojii lallabuu fi duuka buutota gochuu akka raawwannu itti gaafatamummaan nuu kennameera. (Maatewos 28:19, 20; 1 Qorontos 9:16) Haataʼu malee, hojii kanarratti kan hirmaannu, dirqamni waan nurra jiruuf qofa miti. Misiraachoo Mootummichaa lallabuuf wanti nu kakaasu inni guddaan jaalala Yihowaadhaaf qabnudha. Wanti namootaaf akka lallabnu nu kakaasu kan biraanimmoo, gara laafina isaaniif qabnudha. (Maarqos 12:28-31) Maarree, caalaatti gara laafina horachuu kan dandeenyu akkamitti?

      18 Nutis akkuma Yesuus namoonni, “akka hoolota tiksee hin qabneetti cunqurfamanii fi dagatamanii” akka jiran hubachuu qabna. Mee hoolaa badde tokko akka argite godhii yaadi. Hoolaan kun tiksee gara iddoo margaa fi bishaan qabuttii ishee geessu waan hin qabneef, beelaa fi dheebuudhaan miidhamteetti. Hoolaan kun si hin marartuu? Wanta nyaattuu fi bishaan isheedhaaf kennuuf carraaqqii hin gootuu? Namoonni misiraachicha hin beekne hedduun akkuma hoolaa kanaati. Geggeessitoonni amantaasaanii dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu isaan hin barsiisan; kanaaf, karaa hafuuraa dheebotanii fi abdii malee jiraatu. Wanti isaan barbaachisu, jechuunis nyaanni hafuuraa isaan cimsuu fi bishaan Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu inni isaan haaromsu nu bira jira. (Isaayyaas 55:1, 2) Waaʼee isaanii yeroo yaannu baayʼee isaaniif gaddina. Akkuma Yesuus namootaaf baayʼee kan gaddinu yoo taʼe, abdii Mootummichaa isaanitti himuuf wanta dandeenyu hunda goona.

      19. Barataan Kitaaba Qulqulluu ulaagaasaa guutu tokko tajaajilarratti hirmaachuuf kakaʼumsa akka qabaatu gargaaruuf maal gochuu dandeenya?

      19 Warri kaan fakkeenya Yesuus akka hordofan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenyaaf, barataan Kitaaba Qulqulluu ulaagaasaa guutu tokko nu faana tajaajilarratti akka hirmaatu jajjabeessuu barbaanne haa jennu. Yookiinimmoo babalʼisaan qabbanaaʼe tokko deebiʼee tajaajilarratti akka hirmaatu gargaaruu barbaanna taʼa. Namoota akkasii gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Jalqaba garaasaanii tuquu qabna. Yesuus namoota sana yeroo argetti jalqaba “baayʼee isaaniif gadde,” isaan kan barsiise sana boodadha. (Maarqos 6:34) Kanaaf, barataan Kitaaba Qulqulluu tokko ykn obboleessi qabbanaaʼe tokko gara laafina akka qabaatan gargaaruu yoo dandeenye, garaansaanii akkuma Yesuus misiraachicha warra kaanitti himuuf isaan kakaasuunsaa hin oolu. Akkana jennee isaan gaafachuu dandeenya: “Ergaa Mootummichaa fudhachuun kee jireenya kee kan jijjiire akkamitti? Namoonni ergaa kana hin beeknehoo misiraachicha dhagaʼuun isaan hin barbaachisuu? Isaan gargaaruuf maal gochuu dandeessa?” Dhugaadha, wanti tajaajilarratti hirmaachuuf nu kakaasu inni guddaan, jaalala Waaqayyoof qabnuu fi fedhii isa tajaajiluuf qabnudha.

      20. (a) Duuka buutuu Yesuus taʼuun maalfaa dabalata? (b) Boqonnaa ittaanurratti waaʼee maalii qoranna?

      20 Duuka buutuu Yesuus taʼuun, wanta inni dubbate dubbachuu fi wanta inni godhe gochuu caalaa waan dabalatu qaba. “Ilaalcha” inni qabu horachuun nu barbaachisa. (Filiphisiyus 2:5) Kitaaba Qulqulluu keessatti yaannii fi miirri, dubbii fi gocha Yesuus duuba jiru nuuf ibsamuusaatti baayʼee galateeffanna! “Yaada Kiristoos” yoo hubanne, namootaaf ni gaddina, akkasumas garaa isaaniif laafna; kunimmoo akkuma isaa namootatti gaarummaa argisiisuuf nu gargaara. (1 Qorontos 2:16) Boqonnaa ittaanurratti, karaawwan garaagaraa Yesuus duuka buutotasaatti jaalala itti argisiise qoranna.

      a Jechi Afaan Giriikii “isaaniif gadde” jedhamee hiikame, jechoota Afaan Giriikii miira gara laafinaa sirriitti ibsan keessaa tokkodha. Kitaabni Kitaaba Qulqulluurratti ibsa kennu tokko akka ibsetti jechi kun, “miira, dhiphina nama tokkoo yeroo arginu nutti dhagaʼamu qofa utuu hin taʼin, rakkina sana salphisuuf ykn balleessuuf fedhii guddaa qabaachuus” kan argisiisudha.

      b Jechi Afaan Giriikii “miira walii hubadhaa” jedhamee hiikame kallattiidhaan hiika, “wajjin dhiphadhaa” jedhu qaba.

      Yesuus Duukaa Buʼuu kan Dandeessu Akkamitti?

      • Yesuus akkaataa aangoosaatti itti fayyadameen gara laafina kan argisiise akkamitti? Nutoo fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?—Maatewos 11:28-30.

      • Warra kaanitti gara laafina argisiisuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu kan qabnu maaliifi?—Maatewos 9:9-13; 23:23.

      • Yesuus miira warra kaanii akka hubatu kan argisiise akkamitti? Nutoo fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?—Luqaas 7:36-50.

      • Fakkeenyi namicha Samaariyaa, gara laafinni amala gaarii akka taʼe kan argisiisu akkamitti? Barumsa seenaa kanarraa argannu hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?—Luqaas 10:29-37.

  • ‘Yesuus Hamma Dhumaatti Isaan Jaallate’
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
    • BOQONNAA KUDHA JAʼA

      ‘Yesuus Hamma Dhumaatti Isaan Jaallate’

      1, 2. Galgalli dhumaa Yesuus ergamootasaa wajjin dabarse maal fakkaata ture? Yeroon kun isaaf bakka guddaa qaba kan jennu maaliifi?

      YESUUSII fi ergamoonnisaa fooqii Yerusaalemitti argamu tokkorratti walitti qabamaniiru; Yesuus galgalli kun galgala dhumaa isaanii wajjin dabarsu taʼuusaa beeka. Yeroon gara Abbaasaa itti deebiʼu dhihaateera. Saʼaatii muraasa booda ni qabama; haala kanaan dura taʼee hin beekneenis amantiinsaa ni qorama. Yeroo muraasa booda akka ajjeefamu kan beeku taʼus, wanta ergamootasaatiif barbaachisu gochuurraa duubatti hin jenne.

      2 Yesuus, isaan dhiisee akka deemu ergamootasaatti kan hime taʼus, yeroo gara fuulduraatiif isaan qopheessuuf waan isaanitti himu kan biraas qaba ture. Kanaaf, yeroo murteessaa taʼe kanatti fayyadamee, barumsa barbaachisaa amanamoo taʼuuf isaan gargaaru isaan barsiiseera. Wanta kanaan dura isaanitti dubbate hunda caalaa, wanti inni yeroo kanatti dubbate akka isaan jaallatu kan argisiisu ture. Yesuus waaʼee ofiisaa caalaa waaʼeen ergamootasaa kan isa yaaddesse maaliifi? Yeroo dhumaa isaanii wajjin dabarsu kanaaf hamma kana iddoo guddaa kan kennehoo maaliifi? Baayʼee waan isaan jaallatuufi.

      3. Yesuus duuka buutotasaatti jaalala argisiisuuf hamma galgala isa dhumaatti akka hin eegne akkamitti beekna?

      3 Yohaannis ergamaan waggoota hedduu booda galgala sana ilaalchisee akkana jedhee barreesseera: “Ayyaana Faasikaa dura, Yesuus saʼaatiin inni addunyaa kana dhiisee gara Abbaa itti dhaqu gaʼuu isaa waan beekeef, warra addunyaa keessa jiran, warra kan isaa taʼanii fi jaallachaa ture sana hamma dhumaatti ni jaallate.” (Yohaannis 13:1) Yesuus “warra kan isaa taʼan” akka jaallatu argisiisuuf hamma galgala sanaatti hin eegne. Guutummaa tajaajilasaarratti karaawwan addaddaatiin duuka buutotasaa akka jaallatu argisiiseera. Gama kanaan fakkeenyasaa hordofuun keenya, dhugumaan duuka buutotasaa akka taane waan argisiisuuf, karaawwan Yesuus jaalala itti argisiise tokko tokko qoruun keenya barbaachisaadha.

      Obsa Argisiisuu

      4, 5. (a) Yesuus barattootasaatti obsa argisiisuun kan isa barbaachise maaliifi? (b) Yesuus ergamoonnisaa sadan iddoo biqiltuu Getesemaanee keessatti yeroo rafanitti maal godhe?

      4 Jaalallii fi obsi wal qabatu. Qorontos Tokkoffaan 13:4, “Jaalalli ni obsa” jedha; obsuunimmoo warra kaan dandaʼanii jiraachuu dabalata. Yesuus barattootasaatti obsa argisiisuun isa barbaachiseeraa? Eeyyee. Akkuma Boqonnaa 3​ffaarratti ilaalle, ergamoonnisaa amala gad of qabuu horachuun isaanitti ulfaatee ture. Yeroo garaagaraatti isaan keessaa eenyu akka caalu wal falmaniiru. Yeroo kanatti Yesuus maal godhe? Isaanitti aaruudhaan akka isaan matumaa jijjiiramuu hin dandeenye yaadeeraa? Lakki; galgala isa dhumaa sanatti dhimma kana ilaalchisee yommuu isaan gidduutti “falmii guddaan” kaʼettillee obsaan isaan gargaareera.—Luqaas 22:24-30; Maatewos 20:20-28; Maarqos 9:33-37.

      5 Galgala dhumaa sana gara boodaa, yeroo Yesuus ergamootasaa 11 wajjin gara iddoo biqiltuu Getesemaanee dhaqettis wanti obsasaa qoru uumamee ture. Ergamootasaa saddeet dhiisee, Pheexiros, Yaaqoobii fi Yohaannisiin fudhatee iddoo biqiltuu sana keessa seene. Achiis Yesuus, “Ani hamma duʼaatti baayʼee gaddeera. Asuma turaatii . . . dammaqaa eegaa” isaaniin jedhe. Achiis isaanirraa xinnoo siqee, cimsee kadhachuu jalqabe. Yeroo dheeraadhaaf erga kadhatee boodas, gara ergamootasaa sadanitti deebiʼe. Maal gochaa turan? Yeroo inni baayʼee dhiphatee ture kanatti hirriba cimaa keessa turan! Maarree, dammaqinaan eeguu dadhabuusaaniitti isaanitti dheekkamee? Lakki; obsaan isaan jajjabeesse. Gaarummaadhaan isaanitti dubbachuunsaa, dhiphinaa fi dadhabinasaanii akka isaaniif hubate argisiisa.a “Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha” isaaniin jedhe. Yesuus galgala sana siʼa tokko qofa utuu hin taʼin, siʼa sadii rafanii yeroo isaan argettillee obsa isaanitti argisiiseera.—Maatewos 26:36-46.

      6. Walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnurratti fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

      6 Yesuus ergamootasaatti abdii akka hin kutanne beekuun keenya baayʼee nu jajjabeessa. Obsaan isaan qabuunsaa buʼaa gaarii argamsiiseera; namoonni amanamoon kun gad of qabuu fi dammaqinaan eeguun barbaachisaa taʼuusaa yeroo booda barataniiru. (1 Pheexiros 3:8; 4:7) Walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnurratti fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Keessumaa jaarsoliin obsa qabaachuun isaan barbaachisa. Tarii jaarsi tokko yeroo dadhabee ykn dhimma dhuunfaasaatiin dhiphatee jirutti obboloonni rakkinasaanii isatti himachuu barbaadu taʼa. Yeroo tokko tokkommoo, namoonni gargaarsi isaan barbaachisu gorsa isaaniif kenname dafanii hojiirra hin oolchan taʼa. Taʼus, jaarsoliin obsa qabeeyyii taʼan “garraamummaadhaan” gorsu, akkasumas “tuuticha gara laafinaan” qabu. (2 Ximotewos 2:24, 25 Hojii Ergamootaa 20:28, 29) Ijoolleen yeroo tokko tokko gorsa ykn sirreeffama isaaniif kennamu dafanii hojiirra waan hin oolchineef, warris obsa argisiisuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuun isaan barbaachisa. Warri, jaalalaa fi obsa qabaachuunsaanii carraaqqii ijoolleesaanii leenjisuuf godhanitti abdii akka hin kutanne isaan gargaara. Obsi akkasii buʼaa gaarii argamsiisa.—Faarfannaa 127:3.

      Wanta Isaan Barbaachisu Guutuu

      7. Yesuus wanta karaa qaamaa duuka buutotasaatiif barbaachisu kan guute karaawwan kamiini?

      7 Jaalalli gocha ofittummaarraa walaba taʼeen ibsama. (1 Yohaannis 3:17, 18) Jaalalli “faayidaa mataa isaa qofa hin barbaadu.” (1 Qorontos 13:5) Jaalalli Yesuus barattootasaatiif qabu, wanta karaa qaama isaan barbaachisu akka isaaniif guutu isa kakaaseera. Yeroo baayʼee, utuu isaan hin gaafatin wanta isaan barbaachisu isaaniif godha ture. Akka dadhaban yeroo hubatetti, “Gara bakka namni hin jirre tokkoo haa dhaqnu; achitti xinnoo boqodhaa” isaaniin jedheera. (Maarqos 6:31) Akka beelaʼan yeroo hubatettimmoo, ofumasaatiin kakaʼee isaaniifis taʼe namoota kumaan lakkaaʼamanii fi barumsasaa dhaggeeffachuuf dhufan kaaniif nyaata kenneera.—Maatewos 14:19, 20; 15:35-37.

      8, 9. (a) Yesuus wanta karaa hafuuraa barattootasaatiif barbaachisu akka hubatee fi fedhiisaanii akka guute kan argisiisu maalidha? (b) Yesuus yeroo mukarratti fannifamee turetti, haadhasaatiif garaadhaa akka yaadu kan argisiise akkamitti?

      8 Yesuus wanta karaa hafuuraa barattootasaatiif barbaachisu hubatee fedhiisaanii isaaniif guuteera. (Maatewos 4:4; 5:3) Yommuu barsiisu, yeroo baayʼee xiyyeeffannaa addaa isaaniif kenna ture. Lallabni Gaararraa keessumaa kan dhihaate barattootasaa gargaaruufi. (Maatewos 5:1, 2, 13-16) Fakkeenyaan erga barsiisee booda “barattoota isaatiif . . . yeroo kophaa isaanii taʼanitti wanta hundumaa isaaniif ibsa ture.” (Maarqos 4:34) Yesuus guyyoota dhumaatti duuka buutonnisaa karaa hafuuraa sirriitti akka sooratan gochuuf, ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ akka isaaniif muudu raajii dubbatee ture. Garbichi amanamaan kun garee xinnoo Kiristiyaanota dibamoo obboloota Yesuus taʼan of keessatti qabatee fi Dh.K.B. bara 1919 kaasee “yeroo sirrii taʼetti nyaata” hafuuraa dhiheessaa jirudha.—Maatewos 24:45.

      9 Yesuus guyyaa duʼetti, michummaan duuka buutonnisaa Yihowaa wajjin qaban akka isa yaaddessu argisiiseera. Mee haala armaan gadiirratti yaadi: Yesuus mukarratti fannifamee dhiphachaa jira. Yeroo hafuura fudhatu miilasaa gadi dhiibuudhaan qaamasaa ol harkisuun isa barbaachisa. Yeroo kanatti mismaarri qaamasaa baate madaa miilasaarra jiru caalaatti waan tarsaasuuf, akkasumas dugdisaa inni madaaʼe mukichatti waan rigamuuf, dhukkubbii cimaan akka isatti dhagaʼamu beekamaadha. Yeroo akkasiitti hafuura fudhachuunis taʼe dubbachuun salphaa akka hin taanee fi baayʼee akka nama dhukkubsu ifadha. Taʼus, Yesuus yeroo duʼuuf jedhu sanatti wanta haadhasaa Maariyaamiif jaalala guddaa akka qabu argisiisu dubbateera. Yesuus, Maariyaamii fi Yohaannis ergamaan naannoo sana dhaabbatanii yeroo argetti, akka isa dhagaʼaniif sagaleesaa ol kaasee jalqaba Maariyaamiin, “Dubartii nana, ilaa ilma kee!” jedhe. Achiis Yohaannisiin, “Ilaa, haadha tee!” jedhe. (Yohaannis 19:26, 27) Yesuus, ergamaan amanamaan kun karaa qaamaa qofa utuu hin taʼin, karaa hafuuraas wanta ishee barbaachisu akka isheedhaaf guutu beeka ture.b

      Fakkiiwwan garaagaraa: 1. Abbaan tokko haadha manaa isaa fi ijoollee isaa sadi faana waaqeffannaa maatii godhachaa jira. 2. Maatichi waliin bashannanaa jira. 3. Maatichi gammachuudhaan nyaata waliin nyaachaa jira.

      Warri ijoolleesaaniitiif yaadan, obsa isaanitti argisiisu, wanta isaan barbaachisus isaaniif ni guutu

      10. Warri, wanta ijoolleesaaniitiif barbaachisu isaaniif guutuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandaʼan akkamitti?

      10 Warri ijoolleesaaniitiif yaadan fakkeenya Yesuusirratti xiinxaluunsaanii isaan gargaara. Abbaan maatiisaa jaallatu, wanta karaa qaamaa isaan barbaachisu isaaniif ni guuta. (1 Ximotewos 5:8) Mataan maatii ilaalcha madaalamaa qabuu fi jaalala qabeessa taʼe, yeroo maatiinsaa itti boqotuu fi itti bashannanu ni ramada. Hunda caalaammoo, warri Kiristiyaanota taʼan, karaa hafuuraa wanta ijoolleesaanii barbaachisu ni guutu. Akkamitti? Sagantaa dhaabbataa maatiidhaan Kitaaba Qulqulluu itti qoʼatan ni ramadu, akkasumas yeroon kun ijoolleesaanii kan jajjabeessuu fi kan gammachiisu akka taʼu gochuuf ni carraaqu. (Keessa Deebii 6:6, 7) Warri, tajaajilarratti hirmaachuun, akkasumas walgaʼiidhaaf qophaaʼuu fi irratti argamuun barsiifata gaarii taʼuusaa dubbii fi gochasaaniitiin ijoolleesaanii barsiisu.—Ibroota 10:24, 25.

      Dhiifama Gochuuf Qophaaʼuu

      11. Yesuus dhiifama gochuu ilaalchisee duuka buutotasaa maal barsiise?

      11 Dhiifama gochuun karaawwan jaalalli itti ibsamu keessaa tokkodha. (Qolosaayis 3:13, 14) Qorontos Tokkoffaan 13:5, “[Jaalalli] miidhaa isa irra gaʼe galmeessee hin qabatu” jedha. Yesuus dhiifama gochuun barbaachisaa taʼuusaa duuka buutotasaa irra deddeebiʼee barsiiseera. Warra kaaniif dhiifama kan godhan “siʼa 77 malee, siʼa torba qofa” akka hin taane, jechuunis daangaa malee dhiifama akka godhan isaan gorseera. (Maatewos 18:21, 22) Namni balleessaa raawwate tokko gorsa isaaf kenname fudhatee yoo yaada geeddarate dhiifama gochuufii akka qaban isaan barsiiseera. (Luqaas 17:3, 4) Yesuus Fariisota fakkeessitoota taʼanirraa haala adda taʼeen, kan barsiisu dubbiidhaan qofa utuu hin taʼin, fakkeenya taʼuudhaani. (Maatewos 23:2-4) Yesuus michuunsaa baayʼee amanu yeroo isa gaddisiisettillee dhiifama gochuuf qophaaʼaa taʼuusaa kan argisiise akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

      Yesuus mana gubbaarra taʼee yeroo Pheexiros mooraa keessatti isa ganu gadi ilaalaa jira.

      12, 13. (a) Galgala Yesuus qabametti Pheexiros kan isa gaddisiise akkamitti? (b) Yesuus erga duʼaa kaʼee booda, Pheexirosiif dhiifama akka godhe kana argisiise akkamitti?

      12 Michoota Yesuus keessaa tokko kan taʼe Pheexiros nama gaarii ture; yeroo tokko tokko garuu wanta tokko kan dubbatuu fi kan godhu utuu itti hin yaadiin ture. Yesuus amaloota gaggaarii Pheexiros qabu waan hubateef, mirgawwan adda taʼan isaaf kenneera. Pheexiros, Yaaqoobii fi Yohaannisii wajjin dinqiiwwan ergamoonni Yesuus kaan hin argine tokko tokko argeera. (Maatewos 17:1, 2; Luqaas 8:49-55) Akkuma olitti ilaalle, Pheexiros ergamoota Yesuusii wajjin iddoo biqiltuu Getesemaanee keessa seenan keessaa tokkodha. Taʼus, galgaluma sana yeroo Yesuus dabarfamee kennameettii fi qabametti, Pheexirosii fi ergamoonni kaan isa dhiisanii baqataniiru. Sana booda, Pheexiros yeroo Yesuus karaa seeraan ala taʼeen murtiitti dhihaateetti, ija jabinaan ala dhaabbatee ilaalaa ture. Booda garuu sodaatee siʼa sadii Yesuusiin akka hin beekne dubbachuudhaan dogoggora cimaa raawwateera! (Maatewos 26:69-75) Maarree, Yesuus maal godhe? Ati michuun kee tokko balleessaa akkasii utuu sirratti raawwatee maal goota?

      13 Yesuus, Pheexirosiif dhiifama gochuuf qophaaʼaa ture. Yesuus, Pheexiros cubbuu raawwatetti baayʼee akka gadde beeka. Ergamaan gaabbe kun, “of toʼachuu dadhabee hirqinfatee booʼuu jalqabe.” (Maarqos 14:72) Yesuus guyyaa duʼaa kaʼetti Pheexirositti mulʼateera; kana kan godhe isa jajjabeessuu fi dhiifama akka isaaf godhe isatti himuuf taʼuu hin oolu. (Luqaas 24:34; 1 Qorontos 15:5) Achiis jiʼa lama utuu hin guutin, guyyaa Phenxeqosteetti namoota hedduudhaaf dhugaa baʼurratti dursa akka fudhatu isaaf heyyamuudhaan kabaja guddaa isatti argisiiseera. (Hojii Ergamootaa 2:14-40) Yesuus ergamoonnisaa isa dhiisanii baqachuusaaniitti haaloo isaanitti hin qabanne. Kanaa mannaa, erga duʼaa kaʼee booda “Obboloota koo” jedhee isaan waameera. (Maatewos 28:10) Yesuus waaʼee dhiifama gochuu barsiisuu qofa utuu hin taʼin, hojiidhaanis argisiiseera.

      14. Warra kaaniif dhiifama gochuu barachuu kan qabnu maaliifi? Dhiifama gochuuf qophaaʼoo taʼuu keenya argisiisuu kan dandeenyuhoo akkamitti?

      14 Nutis barattoota Kiristoos waan taaneef, warra kaaniif dhiifama gochuu barachuu qabna. Maaliif? Haala Yesuusirraa adda taʼeen, akkuma namoota balleessaa nurratti raawwatanii nutis cubbamootadha. Hundi keenya darbee darbee dubbiidhaanis taʼe gochaan ni dogoggorra. (Roomaa 3:23; Yaaqoob 3:2) Namni balleessaa nurratti raawwate tokko wanta godhetti gaabbee yeroo dhiifama nu gaafatu dhiifama yoo isaaf goone, Waaqayyos dhiifama nuuf godha. (Maarqos 11:25) Maarree, namoota balleessaa nurratti raawwataniif dhiifama gochuuf qophaaʼoo taʼuu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Jaalalli dogoggora xixinnoo warri kaan hojjetan bira darbuuf nu gargaara. (1 Pheexiros 4:8) Namoonni cubbuu nurratti raawwatan akkuma Pheexiros dogoggora raawwatanitti garaadhaa yoo gaabban, fakkeenya Yesuus hordofuudhaan dhiifama isaaniif gochuuf qophaaʼoo taʼuu barbaanna. Haaloo qabachuu mannaa, guutummaatti dhiifama gochuun keenya gaariidha. (Efesoon 4:32) Yoo akkas goone nagaa gumichaatiif gumaacha goona, nagaa keenyas ni eegganna.—1 Pheexiros 3:11.

      Warra Kaan Amanuu

      15. Yesuus barattoonnisaa dogoggora kan raawwatan taʼus kan isaan amane maaliifi?

      15 Jaalallii fi warra kaan amanuun walitti dhufeenya cimaa qabu. Jaalalli, “waan hundumaa amana.”c (1 Qorontos 13:7) Yesuus barattootasaatiif jaalala waan qabuuf, utuma dogoggora raawwatanii isaan amana ture. Yihowaa garaadhaa akka jaallatanii fi fedhiisaa raawwachuu akka barbaadan ni amana ture. Yeroo dogoggora raawwatanittillee, kakaʼumsasaanii hin shakkine. Fakkeenyaaf, Yaaqoobii fi Yohaannis Mootummaasaa keessatti of cinaa akka isaan kaaʼu akka isaaniif gaafattu yeroo haadhasaanii erganitti, Yesuus amanamummaasaanii hin shakkine ykn mirga ergamootasaa taʼuu isaan hin dhoowwine.—Maatewos 20:20-28.

      16, 17. Yesuus barattootasaatiif itti gaafatamummaa akkamii kenne?

      16 Yesuus barattootasaatiif mirga addaddaa kennuudhaan akka isaan amanu argisiiseera. Yeroo garaagaraa lamatti karaa dinqii taʼeen yommuu namoota hedduu sooretti, nyaata akka hiran barattootasaatiif itti gaafatamummaa kenneera. (Maatewos 14:19; 15:36) Ayyaana Faasikaa yeroo dhumaatiif kabajuusaa dura, Pheexirosii fi Yohaannis gara Yerusaalem dhaqanii wanta ayyaanichaaf barbaachisu akka qopheessan godheera. Isaanis hoolaa, wayinii, maxinoo, baala hadhaaʼaa fi wantoota barbaachisan kan biroo qopheessaniiru. Kun hojii akka laayyootti ilaalamu hin turre; Yesuus Ayyaana Faasikaa karaa Seerri Musee ajajuun kabajuu qaba ture. Kana malees, Yesuus galgaluma sana itti aansuudhaan yeroo Ayyaana Yaadannoo duʼasaa hundeessetti, foonii fi dhiigasaa argisiisuuf wayinii fi maxinoo sanatti fayyadameera.—Maatewos 26:17-19; Luqaas 22:8, 13.

      17 Yesuus barattootasaatiif itti gaafatamummaa kanarra caalullee kenneera. Fakkeenyaaf, akka lallabanii fi barattoota akka godhan itti gaafatamummaa guddaa isaaniif kenneera. (Maatewos 28:18-20) Akkuma olitti ilaalle, garee xinnoon duuka buutotasaa dibamoo taʼan of keessatti qabatee fi lafarratti argamu nyaata hafuuraa akka qopheessuuf itti gaafatamummaa guddaa akka isaaf kennu raajii dubbatee ture. (Luqaas 12:42-44) Yesuus yeroo ammaatti samii keessatti karaa hin mulʼanneen bulchaa kan jiru taʼus, gumiiwwan akka kunuunsaniif ‘namoota kennaa’ taʼaniif itti gaafatamummaa kennuudhaan duuka buutotasaa akka amanu argisiisuusaa itti fufeera.—Efesoon 4:8, 11, 12.

      18-20. (a) Obboloota keenya akka amannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Jaarsoliin fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandaʼan akkamitti? (c) Boqonnaa itti aanurratti waaʼee maalii mariʼanna?

      18 Walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnurratti fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Obboloota yeroo amannu akka isaan jaallannu argisiisna. Jaalala yoo qabaanne wanta gaarii isaan godhanirratti xiyyeeffanna malee, dogoggorasaanii hin funaanu. Yeroo garaagaraatti warri kaan nu aarsuu dandaʼu; jaalala qabaachuun keenya yeroo akkasiitti ariifannee kakaʼumsisaanii gaarii akka hin taane yaaduurraa of qusachuuf nu gargaara. (Maatewos 7:1, 2) Obbolootaaf ilaalcha gaarii yoo qabaanne, karaa isaan diiguun utuu hin taʼin, karaa isaan ijaaruun isaan qabna.—1 Tasalonqee 5:11.

      19 Karaa kan biraan warra kaan amanuurratti fakkeenya Yesuus hordofuu itti dandeenyu maalidha? Obboloonni gumii keessatti itti gaafatamummaa qaban, warri kaan hamma humnasaanii karaa gaarii taʼeen akka hojjetan amanuudhaan, hojiiwwan barbaachisoo isaan hojjechuu dandaʼan isaaniif kennuunsaanii faayidaa qaba. Jaarsoliin muuxannoo qaban yeroo akkas godhan, obboloota gaʼumsa qabanii fi gumicha gargaaruuf ‘carraaqaniif’ leenjii isaan fayyadu kennu. (1 Ximotewos 3:1; 2 Ximotewos 2:2) Leenjiin akkasii kennamuunsaa baayʼee barbaachisaadha. Yihowaan hojiin Mootummichaa akka babalʼatu gochaa waan jiruuf, dhiironni gaʼumsa qaban leenjii argachuu qabu.—Isaayyaas 60:22.

      20 Yesuus jaalala argisiisuudhaan fakkeenya gaarii nuu taʼeera. Kanaaf, karaan hunda caalaa fakkeenyasaa hordofuu itti dandeenyu jaalala argisiisuudha. Boqonnaa itti aanurratti karaa jaalalasaa itti argisiise isa guddaarratti mariʼanna; innis nuuf jedhee fedhiidhaan lubbuusaa dabarsee kennuusaati.

      a Ergamoonni Yesuus kan rafan, qaamnisaanii waan dadhabeef qofa hin turre. Luqaas 22:45 “gadda irraa kan kaʼe waan dadhabaniif rafanii [akka] isaan arge” dubbata.

      b Yeroo kanatti Maariyaam dubartii abbaan manaa irraa duʼe taʼuu hin ooltu; ijoolleenshee kaanimmoo barattoota Yesuus hin turre.—Yohaannis 7:5.

      c Kana jechuun garuu wanta dhageenyu hundaa fi nama arginu hunda ni amanna jechuu miti. Kanaa manaa, jaalalli utuu hin barbaachisin hin komatu ykn hin shakku jechuudha. Namni jaalala qabu, ariifatee dogoggora warra kaaniirratti hin xiyyeeffatu ykn sababiin wanta tokko raawwachuu fi dubbachuuf itti kakaʼan sirrii akka hin taanetti hin yaadu.

      Yesuus Duukaa Buʼuu kan Dandeessu Akkamitti?

      • Dhiifama gochuu ilaalchisee gorsa Yesuus kenne hojiirra oolchuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?—Maatewos 6:14, 15.

      • Yesuus dhiifama gochuun barbaachisaa taʼuusaa ibsuuf fakkeenya akkamii dubbate? Gorsasaa hojiirra oolchuu kan dandeenyuhoo akkamitti?—Maatewos 18:23-35.

      • Yesuus barattootasaatiif akka yaadu kan argisiise akkamitti? Nutoo fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?—Maatewos 20:17-19; Yohaannis 16:12.

      • Yesuus akka isa amanu Pheexirosiif kan ibse akkamitti? Nutoo akka isaan amannu namootaaf ibsuu kan dandeenyu akkamitti?—Luqaas 22:31, 32.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi