LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Attamittan Hammina Guddaa Akkasii Hojjedha?”
    Masaraa Eegumsaa—2015 | Amajjii 1
    • Kana gochuun Yoseefiin aarsaa guddaa kaffalchiiseera. Haati manaa Phoxiifaar ijaa baʼuu barbaadde. Hojjettoonni kaan akka walitti qabamaniif battaluma sanatti iyyite. Yoseef ishee gudeeduu barbaadee akka turee fi isheen iyyinaan akka baqate dubbatte. Yoseef balleessuu isaatiif ragaa taʼa jettee waan yaaddeef, wayyaa isaa of bira keessee hanga abbaan manaa ishee dhufutti eegde. Yeroo Phoxiifaar dhufu, nama orma kana gara mana isheetti fiduun isaa dogoggora akka taʼe dubbachuudhaan, soba warra kaanitti himte isattis ni himte. Yeroo kanatti Phoxiifaar maal godhe? Macaafni Qulqulluun, “Aaree in bobaʼe” jedha! Yoseefiinis mana hidhaatti galche.—Uumama 39:13-20.

      “MIILLA ISAA FUNYOO SIBIILAATIIN MIIDHANIIRU”

      Yeroo sanatti manneen hidhaa warra Gibxii kan akkamii akka turan baayʼee hin beeknu. Qorattoonni hambaalee seenaa jijjigaa manneen akkasii kan argatan siʼa taʼu, kutaawwan akka daʼootti ijaaramanii fi mana hidhaa lafa jalaa argataniiru. Yeroo booda Yoseef waaʼee iddoo itti hidhame sanaa yeroo ibsu, “mana boollaa” akka taʼe kan dubbate siʼa taʼu, kunis iddoon isaa ifa akka hin qabnee fi abdii kan nama kutachiisu akka taʼe argisiisa. (Uumama 40:15) Macaafni Faarfannaa waaʼee Yoseef, “Miilla isaa funyoo sibiilaatiin miidhaniiru, [mormi isaas, NW] hidhaa sibiilaatti gale” jechuudhaan, rakkinni dabalataa isa irra gaʼee akka ture dubbata. (Faarfannaa 105:17, 18) Warri Gibxii yeroo tokko tokko ciqilee yakkamtootaa sibiilaan gara duubaatti walitti hidhu turan; yakkamtoonni kaan immoo morma isaanii irratti hidhaa sibiilaa baatu turan. Yoseef balleessaa tokko illee utuu hin qabaatin jalʼinni akkasii isa irratti raawwatamuun isaa baayʼee isa dhiphisee taʼuu qaba!

      Kan hidhame immoo yeroo gabaabaadhaaf hin turre. Seenaan isaa, “Innis mana hidhaa sana keessa ture” jedha. Waggoota muraasaaf iddoo rakkisaa sana tureera!a Kana malees Yoseef, kan hiikamu taʼuu fi dhiisuu isaa hin beeku ture. Guyyoonni rakkisaa taʼan sun torbaniin, achii immoo jiʼaan kan lakkaaʼaman yeroo taʼan, abdii kan hin kutanne maaliifi?

  • “Attamittan Hammina Guddaa Akkasii Hojjedha?”
    Masaraa Eegumsaa—2015 | Amajjii 1
    • a Macaafni Qulqulluun, Yoseef yeroo mana Phoxiifaar gale umuriin isaa waggaa 17 ykn 18 akka taʼe, akkasumas hanga gaʼeessa taʼutti waggoota muraasaaf achi akka ture argisiisa. Yeroo mana hidhaatii baʼe umuriin isaa waggaa 30 ture.—Uumama 37:2; 39:6; 41:46.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi