-
Inni Rakkina Keenya Ni HubataMasaraa Eegumsaa—2009 | Adoolessa 1
-
-
Namni tokko simbirroota lamallee dhiheessuu hin danda’u yoo ta’e maal godha? Seerichi, “Aarsaa isaatiif daakuu qamadii ba’eessaa eefaa tokko keessaa harka kurnaffaa haa dhi’eessu!” jedha. (Lakkoofsa 11) Yihowaan, namoonni harka qalleeyyii ta’an aarsaa dhiiga hin qabne akka dhiheessan heyyamuudhaan, qophii adda ta’e godheera.a Israa’el durii keessatti hiyyummaan, namni tokko dhiifama cubbuu akka hin arganne ykn Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii akka hin qabaanne gochuu hin danda’u ture.
-
-
Inni Rakkina Keenya Ni HubataMasaraa Eegumsaa—2009 | Adoolessa 1
-
-
a Cubbuu raawwatameef dhiifama kan argamsiisu dhiiga horii waan ta’eef, Waaqayyo dhiiga kana akka qulqulluutti ilaala. (Lewwoota 17:11) Kana jechuun garuu, daakuun qamadii namni harka qalleessi tokko aarsaadhaaf dhiheessu gatii hin qabu jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Yihowaan, namoota gad of deebisaniifi fedhiidhaan aarsaa akkasii dhiheessaniif bakka guddaa kenna. Kana malees, Guyyaa Araaraa waggaatti al tokko godhamutti hiyyeessota dabalatee, Israa’eloota hundaaf aarsaan dhiifama cubbuu argamsiisu Waaqayyoof ni dhihaata ture.—Lewwoota 16:29, 30.
-