-
“Dubartii Baʼeettii”Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
-
-
7, 8. (a) Naaʼomiin gaarummaan Boʼaz argisiise eenyu biraa akka dhufe hubatte? Maaliifi? (b) Ruut amaatiishee akka jaallattu caalaatti kan argisiiste akkamitti?
7 Sana booda lamaansaanii haasaʼuu kan jalqaban siʼa taʼu, Ruut gaarummaa Boʼaz isheetti argisiise itti himuu jalqabde. Naaʼomiin gammachuudhaan, “Waaqayyo inni gaarummaa isaa warra jiranii fi warra duʼan irraa hin fudhanne, isa haa eebbisu!” jette. (Rut. 2:20) Naaʼomiin, gaarummaan Boʼaz Ruutitti argisiise Yihowaa isa tajaajiltoonnisaa arjaa akka taʼan kakaasuufi gaarummaa isaan argisiisaniif isaan kiisu biraa akka dhufetti ilaalteetti.a—Fakkeenya 19:17 dubbisi.
-
-
“Dubartii Baʼeettii”Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
-
-
a Akkuma Naaʼomiin jette Yihowaan namoota lubbuudhaan jiranitti qofa utuu hin taʼin, namoota duʼanittis gaarummaa ni argisiisa. Naaʼomiin abbaa manaasheefi ilmaanshee lamaan duʼaan dhabdeetti. Ruutis abbaa manaashee dhabdeetti. Taʼus dubartoonni lamaanuu namoota duʼan sadan kana baayʼee akka jaallatan beekamaadha. Gaarummaan Naaʼomiifi Ruutitti argisiifamu kamiyyuu, gaarummaa dhiirota dubartoonni kun akka kunuunfaman barbaadan sanatti argisiifamudha jechuun ni dandaʼama.
b Dubartii abbaan manaa irraa duʼe tokko fuudhuufis taʼe qabeenyasaa dhaaluuf mirga kan qabu jalqaba obboleessa nama duʼe sanaati; yoo obboleessa hin qabu taʼemmoo nama fira dhihoo taʼedha.—Lak. 27:5-11.
-
-
“Dubartii Baʼeettii”Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
-
-
11, 12. (a) Naaʼomiin, Boʼaz “barcuma kan qajeelchu” taʼuusaa yommuu dubbattu qophii Seera Waaqayyoo keessa jiru isa kam caqasuushee ture? (b) Ruut gorsa amaatiinshee isheedhaa kenniteef deebii akkamii kennite?
11 Yeroo Ruut jalqaba waaʼee Boʼaz dubbattu, Naaʼomiin “Namichi kun fira nutti dhiʼaatu, barcumas kan qajeelchuu dha” jettee turte. (Rut. 2:20) Kana jechuun maal jechuudha? Seerri Waaqayyo Israaʼelootaaf kenne maatiiwwan hiyyooman ykn michootasaanii duʼaan dhabaniif qophii jaalalarratti hundaaʼe qaba ture. Dubartiin tokko utuu dhala hin godhatin yoo abbaan manaashee irraa duʼe, maqaan abbaa manaasheefi sanyiinsaa qomoosaa keessaa waan baduuf baayʼee gadditi turte. Haataʼu malee, Seerri Waaqayyoo namni tokko yoo duʼe, haati manaasaa mucaa maqaa nama duʼe sanaa waamsisuufi qabeenya maatichaa kunuunsu akka godhattuuf, obboleessi nama duʼe sanaa akka ishee fuudhu qophii godheera.b—Kes. 25:5-7.
-