LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ‘Yihowaan Humna Guddaa Qaba’
    Yihowaatti Dhihaadhu
    • 15. Yihowaan tajaajiltoota isaa wajjin haala wal qabateen, kaayyoo akkamiitiif humna isaatti fayyadama? Kun seenaa Eeliyaas irratti kan mulʼate akkamitti?

      15 Yihowaan dhuunfaatti nu gargaaruufis humna isaatti ni fayyadama. Seenaa Baraa Lammaffaa 16:9, “Warra garaan isaanii isa biratti guutuu taʼeef jabina isaa argisiisuuf, ijji Yihowaa xiyyeeffannaadhaan guutummaa lafaa ni ilaala” akka jedhu qalbeeffadhu. Muuxannoon Eeliyaas jalqaba irratti eerame kanaaf ragaa taʼa. Yihowaan humna isaa isa nama ajaaʼibsiisu Eeliyaasitti kan argisiise maaliifi? Mootuu hamtuu kan taate Iizaabel Eeliyaasiin ajjeesisuuf kakattee turte. Raajiin kun lubbuu isaatiif sodaatee baqatee ture. Hojiin isaa hundi gatii akka dhabe waan yaadeef, kophummaan itti dhagaʼamee, sodaatee fi abdii kutatee ture. Yihowaan raajii dhiphate kana jajjabeessuuf humna akkamii akka qabu itti argisiiseera. Bubbichi, kirkirri lafaa fi ibiddichi qaamni uumama cufa keessatti humna guddaa qabu Eeliyaasii wajjin akka jiru argisiisa. Maarree, Waaqni hundumaa dandaʼu waan isaa wajjin jiruuf sababii itti Iizaabeliin sodaatu qabaa?—1 Mootota 19:1-12.b

  • ‘Yihowaan Humna Guddaa Qaba’
    Yihowaatti Dhihaadhu
    • b Kitaabni Qulqulluun, “Yihowaan garuu bubbee sana keessa hin turre,  . .  kirkira lafaa sana keessa hin turre,  . .  ibidda sana keessa hin turre” jedha. Namoota humnoota uumamaa waaqeffatan irraa haala adda taʼeen, tajaajiltoonni Yihowaa, Waaqayyo humnoota uumamaa keessa akka jiru godhanii hin yaadan. Inni baayʼee guddaa waan taʼeef, wanti inni uume kam iyyuu isa baachuu hin dandaʼu.—1 Mootota 8:27.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi