-
Waaqnisaa Isa JajjabeesseeraFakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
-
-
20, 21. (a) Wanta Eliyaas holqa Tulluu Siinaarra jiru balbala dhaabatee arge ibsi. (b) Karaawwan Yihowaan humnasaa itti argisiise Eliyaasiin maal barsiisan?
20 Yihowaan wantoota Eliyaasiin sodaachisaniifi yaaddessaniif furmaata kan kenne akkamitti? Ergamichi Eliyaas balbala holqichaarra akka dhaabatu itti hime. Eliyaas wanta raawwatamuuf jedhu beekuu baatus ajajameera. Achiis qilleensi jabaan ni qilleensaʼe. Qilleensichi jabaa taʼuusaatiin kan kaʼe, tullootaafi kattaawwan waan dadayyaaseef sagalee guddaa dhageessisee taʼuu qaba. Eliyaas qilleensa isatti bubbisurraa of eeguuf wayyaasaa isa furdaa rifeensarraa hojjetame yommuu fuulasaatti haguuggatu sitti mulʼataa? Achiis sochoʼa lafaa naannoo sanatti gaʼeen lafti isa jala jiru waan jalaa babbaqaqeef iddoo dhaabatu argachuuf asiifi achi jechuun isa barbaachisee ture. Ibidda cimaa tokkorraa hamma xinnoof kan oole siʼa taʼu, hoʼa ibiddaa sanarraa baqachuufis gara holqichaatti deebiʼuuf dirqameera.—1 Mot. 19:11, 12.
Yihowaan Eliyaasiin jajjabeessuuf humnasaa isa dinqisiisaa taʼetti fayyadameera
21 Seenaansaa, yeroo kana hundatti Yihowaan humnoota uumamaa dinqisiisaa taʼan kana keessa akka hin turre ibsa. Eliyaas Yihowaan waaqa uumamaa akka Baʼaal isa waaqeffattoonnisaa ‘duumessa gulufa’ ykn bokkaa roobsa jedhanii amanuudhaan gowwoomfamanii akka hin taane beeka. Yihowaan humna gurguddaa uumamaa keessa jiru hunda kan uume taʼus, wantoota uume hundarra baayʼee caala. Samiin inni mulʼatullee isa baachuu hin dandaʼu. (1 Mot. 8:27) Kun hundi Eliyaasiin kan gargaare akkamitti? Fakkeenyaaf, Eliyaas sodaatee akka ture yaadadhu. Haataʼu malee, Waaqni akka Yihowaa, inni humna guddaa qabu utuu isa cina jiruu, Eliyaas Ahaabiifi Iizaabeliin sababii itti sodaatuuf qabaa?—Faarfannaa 118:6 dubbisi.
22. (a) ‘Sagaleen hasaasu’ sun Eliyaas iddoo guddaa akka qabu kan isaaf mirkaneesse akkamitti? (b) ‘Sagaleen hasaasu’ sun kan eenyuu taʼuu dandaʼa? (Miiljalee ilaali.)
22 Ibiddichi erga darbee booda, gabii guddaan kan taʼe siʼa taʼu, Eliyaas ‘sagalee hasaasu’ dhagaʼe. Sagalichi Eliyaas wanta isa yaaddesse akka dubbatu yeroo lammataatiif kan isa gaafate siʼa taʼu, innis dubbateera.aKana gochuunsaa boqonnaa dabalataa isaaf argamsiisee taʼuu dandaʼa. Yaanni ‘sagaleen hasaasu’ sun ittaansuudhaan dubbate Eliyaas caalaatti akka tasgabbaaʼu godhee taʼuu hin oolu. Yihowaan, Eliyaasiif bakka guddaa akka kennu isaaf mirkaneesse. Akkamitti? Waaqayyo waraana waaqeffannaa Baʼaal Israaʼel keessa jirurratti geggeeffamu ilaalchisee kaayyoo qabu balʼinaan isaaf ibse. Waaqayyo waaqeffannaa Baʼaalirratti tarkaanfii waan fudhatuuf hojiin Eliyaas gatii dhabee akka hin hafne ifadha. Kana malees, Yihowaan kaayyoosaa wajjin haala wal qabateen hojicha akka hojjetu qajeelfama tokko tokko isaaf kennuudhaan deebisee waan isa ergeef, Eliyaas kaayyoo Waaqayyoo kana keessatti iddoo guddaa qaba.—1 Mot. 19:12-17.
-
-
Waaqnisaa Isa JajjabeesseeraFakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
-
-
a ‘Sagaleen hasaasu’ kun, ergamaa Yihowaan 1 Mootota 19:9rratti ‘Dubbiisaa’ akka dabarsu itti fayyadamee wajjin tokkodha. Lakkoofsa 15rratti hafuurri kun ‘Waaqayyo’ akka taʼe ibsameera. Yaanni kun ergamaa Yihowaan Israaʼeloota lafa onaa keessa geggeessuuf itti fayyadameefi ‘Maqaan koo isa keessa in jiraata’ jedhe nu yaadachiisa. (Bau. 23:21) Eenyummaa qaama olitti ibsame kanaa ilaalchisee mirkanaaʼoo taʼuu baannus, Yesus nama taʼee dhalachuusaa dura ‘sagalee,’ jechuunis tajaajiltoota Yihowaatiif Sagalee Dabarsituu addaa taʼee tajaajilaa akka ture beekna.—Yoh. 1:1.
-