LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Saba Waaqayyootiif Falmiteetti
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
    • 22. Asteer abbaa manaashee isa mootii taʼe duratti dhihaachuu kan sodaatte maaliifi? (Miiljalees ilaali.)

      22 Asteer ergaa kana yommuu dhageessu baayʼee dhiphattee taʼuu qaba. Haalli kun amantiisheerratti qorumsa guddaa kan fidudha. Deebii Mordekaayiif deebisterraa hubachuun akkuma dandaʼamu sodaattee turte. Achiis seerri mootichaa maal akka jedhu isa yaadachiiste. Namni tokko utuu hin waamamin mooticha duratti dhihaate jechuun ni ajjeefama jechuudha. Namni kun duʼa ooluu kan dandaʼu mootichi siiqqee warqeesaa yoo isatti qabe qofadha. Waashtiin ajaja mootichaa tuffattee yommuu isa duratti dhihaachuu didde waan isheerra gaʼe beekuunshee, Asteer akka sodaattu ishee godhee turee laata? Asteer mootichi guyyaa 30 darbanitti akka ishee hin waamne Mordekaayitti himte. Asteer, Mootiin yaadasaa jijijjiiru kun yeroo hammanaatiif ishee waamuu dhiisuunsaa, na jibbee yaadasaa jijjiireeraa laata jettee akka shakkitu ishee gochuu dandaʼa.e—As. 4:9-11.

  • Saba Waaqayyootiif Falmiteetti
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
    • e Zeersas Tokkoffaan nama dallanuufi garmalee dheekkamu taʼuudhaan beekama. Barreessaa seenaa Giriikii kan taʼe Herodotas lola Zeersas Giriikitti banerraa fakkeenya tokko tokko caqaseera. Mootiin kun qarqara galaanaa Helesipaantirratti markaboonni wal maddii dhaabamanii akka riqichaatti akka tajaajilan ajajee ture. Taʼus, yeroo obomboleettiin riqicha sana diige, Zeersas namoonni riqicha sana hojjetan mormisaanii akka kutamuufi namoonnisaa yeroo abaarsi sagalee guddaadhaan dubbifamu galaanicha rukutuudhaan Helesipaantiin akka “adaban” ajaje. Waaraanuma kanarratti namni sooressa taʼe tokko ilmisaa waraana dhaquu akka oolu yommuu isa kadhatu, akeekkachiisa akka taʼuuf jecha mucichi iddoo lamatti kutamee reeffisaa bakkeetti akka gatamu godheera.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi