-
Akkaataan Umama Keenyaa ‘Guddaa Dinqisiisaadha’Masaraa Eegumsaa—2007 | Adoolessa 1
-
-
Sammuu Keenya Isa Ajaa’ibsiisaa
12. Wanti ilmaan namootaa bineensotarraa adda taasisu maalidha?
12 “Yaadni kee maal maal anatti jabaata, yaa Waaqayyo! Guutummaattis maal maal baay’ata! Ani lakkoobsa isaa himuu utuun yaalee, cirracha irra in baay’ata.” (Faarfannaa 139:17, 18a) Bineensonnis dinqisiisaa ta’anii kan uumaman yommuu ta’u, isaan keessaa tokko tokko miiraafi dandeettii namoonni hin qabne qabu. Haata’u malee, Waaqayyo dandeettii yaaduu horii kamiiniyyuu ol ta’e namootaaf kenneera. Kitaabni barnoota saayinsii tokko akkas jedha: “Karaa baay’eedhaan bineensotaa wajjin kan wal fakkaannu ta’uyyuu, qooqaafi dandeettii yaaduu waan qabnuuf lubbu qabeeyyii lafarra jiran hundarraa addadha. Waa’ee ofii keenyaa beekuuf fedhii qabnuunis uumamawwan kaanirraa adda waan taaneef gaaffiiwwan, Qaamni keenya akkamitti ijaarame? Akkamitti uumamne? jedhan ni gaafanna.” Daawitis gaaffiiwwan kanarratti xiinxala ture.
13. (a) Daawit yaadawwan Waaqayyoorratti xiinxaluu kan danda’e akkamitti? (b) Fakkeenya Daawit hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
13 Hunda caalaammoo, haala bineensotarraa adda ta’een, yaadawwan Waaqayyoorratti xiinxaluuf dandeettii addaa qabna.c Kennaan adda ta’e kun, akkaataa ‘bifa Waaqayyootiin itti uumamne’ keessaa isa tokkodha. (Uumama 1:27) Daawit kennaa kanatti akka gaariitti fayyadameera. Ragaawwan Waaqayyo jiraachuusaa mirkaneessaniifi amalawwansaa wantoota lafarra jiranirratti mul’atanirratti xiinxala ture. Akkasumas, Daawit Caaffata Qulqullaa’oo warra jalqabaa waa’ee Waaqayyoofi waa’ee hojiisaa dubbatan qaba ture. Caaffatawwan geggeessaa hafuuraatiin barreeffaman kun yaadawwan, amalaafi kaayyoo Waaqayyoo akka hubatu isa gargaaraniiru. Daawit Caaffata Qulqullaa’oorratti, uumamarrattiifi walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qaburratti xiinxaluunsaa, Uumaasaa jajachuuf isa kakaaseera.
-
-
Akkaataan Umama Keenyaa ‘Guddaa Dinqisiisaadha’Masaraa Eegumsaa—2007 | Adoolessa 1
-
-
c Jechoonni Faarfannaa 139:18b irratti argaman, Daawit guyyaa guutuu hanga galgala hirribni isa fudhatutti yaada Yihowaa utuu lakkaa’ee, buleesaa ganama yeroo dammaqus wanta lakkaa’u kan hin dhabne ta’uusaa kan ibsu fakkaata.
-