LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 139
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Faarfannaa

      • Waaqni tajaajiltoota isaa akka gaariitti beeka

        • Hafuura Waaqaa jalaa miliquun hin dandaʼamu (7)

        • ‘Karaa dinqisiisaa taʼeenan tolfame’ (14)

        • ‘Yeroon miciree turetti na argite’ (16)

        • ‘Daandii bara baraa irra na geggeessi’ (24)

Faarfannaa 139:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 16:6, 7; 1Se 28:9; Fr 17:3; 139:23; Er 20:12

Faarfannaa 139:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 16:13
  • +Fr 94:11

Faarfannaa 139:3

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “na safarta.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 28:15; 2Sa 8:14; Iyo 31:4; Fr 121:8; Fak 5:21

Faarfannaa 139:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Ibr 4:12

Faarfannaa 139:6

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “baayʼee kan na ajaaʼibsiisu dha.”

  • *

    Ykn., “hubachuu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iyo 26:14; 42:3; Fr 40:5; Rom 11:33

Faarfannaa 139:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yon 1:3

Faarfannaa 139:8

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iyo 26:6; Fak 15:11

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 123

Faarfannaa 139:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 63:8; 73:23; Isa 41:13

Faarfannaa 139:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Dan 2:22
  • +Ibr 4:13

Faarfannaa 139:13

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn tarii, “walitti na hodhiteetta.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 22:9; 71:6; Er 1:5

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 38

    Masaraa Eegumsaa,

    7/1/2007, ful. 4-5

Faarfannaa 139:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 1:26
  • +Fr 19:1; 104:24; 111:2; Mul 15:3

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yihowaatti Dhihaadhu, ful. 205-207

    Masaraa Eegumsaa,

    7/1/2007, ful. 3-4

Faarfannaa 139:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iyo 10:10, 11

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 38

    Masaraa Eegumsaa,

    7/1/2007, ful. 5

Faarfannaa 139:16

Miiljaleewwan

  • *

    Micireen ulfa guddachaa jiru argisiisa.

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yihowaatti Dhihaadhu, ful. 206

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 38

    Dammaqaa!,

    Lakk. 3 2017, ful. 4

    Madda Jireenyaa, ful. 13, 17

    Masaraa Eegumsaa,

    7/1/2007, ful. 5-6

Faarfannaa 139:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 55:9
  • +Rom 11:33

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    7/1/2007, ful. 6-7

Faarfannaa 139:18

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn tarii, “isaan lakkaaʼaan jira.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 40:5
  • +Fr 63:6

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    7/1/2007, ful. 6-7

Faarfannaa 139:19

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “warri dhiigaan itti gaafataman.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 5:6

Faarfannaa 139:20

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “akka yaada isaaniitti.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 20:7

Faarfannaa 139:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 19:2; 2Qo 6:14
  • +Fr 119:158

Faarfannaa 139:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 101:3

Faarfannaa 139:23

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “jeeqanis.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 20:12
  • +Fr 94:19

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 60

    Masaraa Eegumsaa,

    11/15/2009, ful. 3

    7/1/2007, ful. 8-9

Faarfannaa 139:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 17:3
  • +Fr 5:8; 143:8, 10

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 60

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    5/2020, ful. 29

    Masaraa Eegumsaa,

    7/1/2007, ful. 8-9

Yaada Wal Simu

Far. 139:11Sa 16:6, 7; 1Se 28:9; Fr 17:3; 139:23; Er 20:12
Far. 139:2Uma 16:13
Far. 139:2Fr 94:11
Far. 139:3Uma 28:15; 2Sa 8:14; Iyo 31:4; Fr 121:8; Fak 5:21
Far. 139:4Ibr 4:12
Far. 139:6Iyo 26:14; 42:3; Fr 40:5; Rom 11:33
Far. 139:7Yon 1:3
Far. 139:8Iyo 26:6; Fak 15:11
Far. 139:10Fr 63:8; 73:23; Isa 41:13
Far. 139:12Dan 2:22
Far. 139:12Ibr 4:13
Far. 139:13Fr 22:9; 71:6; Er 1:5
Far. 139:14Uma 1:26
Far. 139:14Fr 19:1; 104:24; 111:2; Mul 15:3
Far. 139:15Iyo 10:10, 11
Far. 139:17Isa 55:9
Far. 139:17Rom 11:33
Far. 139:18Fr 40:5
Far. 139:18Fr 63:6
Far. 139:19Fr 5:6
Far. 139:20Bau 20:7
Far. 139:212Se 19:2; 2Qo 6:14
Far. 139:21Fr 119:158
Far. 139:22Fr 101:3
Far. 139:23Er 20:12
Far. 139:23Fr 94:19
Far. 139:24Fr 17:3
Far. 139:24Fr 5:8; 143:8, 10
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Faarfannaa 139:1-24

Faarfannaa

Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit. Faarfannaa.

139 Yaa Yihowaa, ati akka gaariitti na qorte, na beektas.+

 2 Yommuun taaʼuu fi yommuun kaʼu ni beekta.+

Yaada koo fagoodhaa ni hubatta.+

 3 Yommuun deemuu fi yommuun ciisu na argita;*

Daandiiwwan koo hundumaa akka gaariitti beekta.+

 4 Dubbiin tokko illee arraba koo irra hin jiru,

Ati garuu yaa Yihowaa, kunoo akka gaariitti isa beekteetta.+

 5 Ati duubaa fi fuulduraan na marsita;

Harka kees na irra keessa.

 6 Beekumsi akkasii hubannaa kootii oli dha.*

Baayʼee fagoo waan taʼeef, bira gaʼuu* hin dandaʼu.+

 7 Hafuura kee jalaa eessattan miliquu dandaʼa?

Fuula kee duraa hoo eessattan baqachuu dandaʼa?+

 8 Gara samiitti yoon ol baʼe, ati achi jirta,

Siree koo Awwaala* keessatti yoon afadhes, kunoo ati achi jirta.+

 9 Galaana fagoo bira jiraachuuf,

Qoochoowwan barraaqaatiin yoon barrise,

10 Achitti illee harki kee na geggeessa,

Harki kee mirgaas na qaba.+

11 “Dhugumaan dukkanni na dhoksa!” yoon jedhe,

Halkan naannoo koo jiru ifa taʼa.

12 Dukkanni illee siif dukkana miti,

Kanaa mannaa, halkan akkuma guyyaatti ni ifa;+

Dukkanni siif akkuma ifaa ti.+

13 Ati kaleewwan koo tolchiteetta;

Gadameessa haadha tiyyaa keessattis na golgiteetta.*+

14 Karaa dinqisiisaa taʼeen tolfamuun+ koo sodaadhaan waan na guutuuf sin jajadha.

Hojiiwwan kee dinqisiisoo dha,+

Kana akka gaariittan beeka.

15 Yommuun dhoksaatti tolfametti,

Yommuun iddoowwan gad fagoo lafaa keessatti walitti hodhametti,

Lafeewwan koo si duraa kan dhokatan hin turre.+

16 Yeroon miciree* turetti illee ijji kee na argeera;

Kutaawwan isaa keessaa tokkoon isaanii iyyuu tolfamuu isaanii dura,

Guyyoota isaan itti tolfaman ilaalchisee,

Hundi isaanii kitaaba kee keessatti barreeffamaniiru.

17 Yaadawwan kee anaaf hammam gatii guddaa qabu!+

Yaa Waaqayyo, idaʼamni isaanii hammam baayʼata!+

18 Isaan lakkaaʼuuf yoon yaale, lakkoofsi isaanii cirracha irra ni baayʼata.+

Yommuun dammaqu, ani amma iyyuu sii wajjinan jira.*+

19 Yaa Waaqayyo, maal taʼa nama hamaa utuu ajjeestee!+

Silaa jalʼoonni,*

20 Warri yaada hamaadhaan* sitti dubbatan na irraa ni fagaatu turan;

Isaan diinota kee warra maqaa kee akkasumaan dhaʼani dha.+

21 Yaa Yihowaa, ani warra si jibban hin jibbuu?+

Warra si irratti kaʼan hoo hin balfuu?+

22 Ani isaan nan jibba;+

Isaan dhugumaan diinota koo taʼaniiru.

23 Yaa Waaqayyo, akka gaariitti na sakattaʼi, garaa koos beeki.+

Na qori, yaadawwan na dhiphisanis* beeki.+

24 Daandiin miidhaa geessisu akkamii iyyuu na keessa yoo jiraate ilaali,+

Daandii bara baraa irras na geggeessi.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi