-
Waaqayyo Waaʼee Keenya ni Yaadaa?Amantii Dhugaa—Furtuu Jireenya Gammachuu Qabu Argamsiisu
-
-
Jaalalli Waaqayyo nuuf qabu jaalala haati daaʼima ishiitiif qabdu irra ni caala
Waaqayyo dhugumaan akka nuuf yaadu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Inni Dubbii isaa keessatti, “Haati takka mucaa ishii isa hoosistu irraanfachuu dandeessii? Ilma ishii isa gadameessa ishii keessaa baʼeef hoo garaa hin laaftuu? Dubartoonni kun yoo irraanfatan illee, ani matumaa si hin irraanfadhu” jedheera.a
Kana beekuun nama hin jajjabeessuu? Jaalalli Waaqayyoo gara laafina haati daaʼima ishiitiif qabduu fi walitti dhufeenya ilmaan namootaa isa cimaa jedhamu irra illee kan caalu dha. Waaqayyo yoom iyyuu nu hin dhiisu! Ammuma iyyuu haala dinqisiisaa taʼeen akka nu gargaaru argineerra. Akkamitti? Amantii dhugaa yoo qabaanne gammachuu akka argannu nu hubachiisuudhaani.
-
-
Waaqayyo Waaʼee Keenya ni Yaadaa?Amantii Dhugaa—Furtuu Jireenya Gammachuu Qabu Argamsiisu
-
-
a Isaayyaas 49:15 Kitaaba Qulqulluu irraa ilaali.
-