LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Diinni Keenya Duuti Ni Golgoleeffama
    Masaraa Eegumsaa—2014 | Fulbaana 15
    • 9 Macaafni Qulqulluun cubbuufi duʼa dhaalle “gadda nama hundumaa,” akkasumas “isa saba hundumaa irra buufate” jedhee ibsuunsaa sirriidha. (Isa. 25:7) Namni cubbuufi duʼa jalaa miliquu dandaʼu hin jiru. Macaafni Qulqulluun, “harkisaa Addaamiin namoonni hundinuu akka duʼan” kan dubbatu kanaafidha. (1 Qor. 15:22) Gaaffiin Phaawulos, “Foon isa gara duʼaatti na geessu kana harkaa eenyutu na baasa?” jechuudhaan gaafate gaaffii yeroo baayʼee kaʼudha. Maarree Phaawulosiin oolchuu kan dandaʼu jiraa?a—Rom. 7:24.

  • Diinni Keenya Duuti Ni Golgoleeffama
    Masaraa Eegumsaa—2014 | Fulbaana 15
    • 15, 16. (a) Duuti kan golgoleeffamu yoomi? (b) Akka 1 Qorontos 15:28⁠rratti ibsametti, Yesus yeroo booda maal godha?

      15 Dhuma bulchiinsa Mootummichaa isa waggaa kuma tokkoorratti, namoonni ajajamoo taʼan diinota Addaam ajajamuu diduusaatiin isaanitti dhufan hundarraa bilisa taʼu. Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan dubbata: “Harkisaa Addaamiin namoonni hundinuu akka duʼan akkasuma immoo harkisaa Kristosiin namoonni hundinuu in jiraachifamu. Kun hundinuu akka tarree isaaf qophaaʼeetti in taʼa; Kristos jalqabatti kaʼee jiraataa akkuma taʼe, warri kan Kristos taʼanis [warri isaa wajjin bulchan] yeroo inni deebiʼee dhufutti in jiraachifamu. Kristos immoo gooftummaa hundumaa, aboo hundumaa, humna hundumaas golgoleessee, mootummicha deebisee Waaqayyo abbaatti erga kennee booddee dhumni in taʼa. Waaqayyo diinota hundumaa miillan isaa jala hamma kaaʼufitti, Kristos moʼuutu taʼa. Hundumaa booddee diina keenya duʼatu golgoleeffama.” (1 Qor. 15:22-26) Eeyyee, duuti Addaamirraa dhaalle dhumarratti ni balleeffama. “Gaddi nama hundumaa” barabaraaf ni balleeffama.—Isa. 25:7, 8.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi