LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Deebitanii Lubbuudhaan ni Jiraattu”
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • “Lafeewwan Keenya Goganiiru; Abdiin Keenyas Badeera”

      6. Wanti Yihowaan dubbatee fi Hisqiʼel mulʼata sana akka hubatu isa gargaare maali dha?

      6 Itti aansuudhaan Yihowaan “Lafeewwan kun guutummaa mana Israaʼeli” jechuudhaan mulʼanni kun hiika maalii akka qabu Hisqiʼeliif ibseera. Dhuguma iyyuu warri boojiʼaman Yerusaalem akka balleeffamte erga dhagaʼanii booda akka waan duʼaniitti isaanitti dhagaʼamee ture. Kanaafuu, “Lafeewwan keenya goganiiru; abdiin keenyas badeera. Nuti guutummaatti dhumneerra” jedhanii booʼan. (His. 37:11; Er. 34:20) Achiis Yihowaan gadda isaaniitiif deebii kennuuf, mulʼanni gaddisiisaan waaʼee lafeewwanii ibsu kun Israaʼeliif ergaa abdii gammachiisaa taʼe akka qabate dubbate.

  • “Deebitanii Lubbuudhaan ni Jiraattu”
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • 8. (a) ‘Guutummaan mana Israaʼel’ haala duʼaa wajjin wal fakkaatu keessa kan ture akkamitti? (b) Hisqiʼel 37:9 wanta Israaʼel akka fakkeenyaatti duʼuu ishiitiif sababa taʼe kan argisiisu akkamitti? (Miiljalee ilaali.)

      8 Sabni Israaʼel kutaan mulʼata gaddisiisaa kanaa yommuu raawwatamu kan argan akkamitti? Dhaloota Kiristoos Dura bara 740⁠tti mootummaan gosoota kurnanii yommuu kufettii fi boojiʼametti Israaʼel walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabdu guutummaatti dhabdeetti. Gara waggaa 130 booda immoo sabni Yihudaa yommuu biyyaa baafamutti ‘guutummaan mana Israaʼel’ boojuu jala galee ture. (His. 37:11) Yeroo kanatti guutummaan garee boojiʼaman kanaa akkuma lafeewwan mulʼata Hisqiʼel keessatti ibsamanii akka fakkeenyaatti duʼaniiru jechuun ni dandaʼama.a Kana malees Hisqiʼel lafeewwan qofa utuu hin taʼin lafeewwan ‘baayʼee goggogan’ akka arge yaadadhaa. Kunis haalli isaan keessa turanii fi duʼaa wajjin wal fakkaatu yeroo dheeraadhaaf akka itti fufe argisiisa. Dhuguma iyyuu yeroon Israaʼelii fi Yihudaan boojuu jala itti turan waggoota 200f, jechuunis Dh.K.D. bara 740 hanga 537⁠tti kan itti fufe ture.—Er. 50:33.

  • “Deebitanii Lubbuudhaan ni Jiraattu”
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • a Lafeewwan Hisqiʼel mulʼataan arge kan namoota ofuma isaaniitii duʼanii utuu hin taʼin kan “namoota ajjeefamanii” ti. (His. 37:9) Jiraattonni mootummaa Israaʼel inni gosoota kudhan qabatee fi mootummaa Yihudaa inni gosoota lama qabate, duraa duubaan moʼamanii warra Asoorii fi Baabiloniin yommuu boojuudhaan fudhatamanitti ‘guutummaan mana Israaʼel’ akka fakkeenyaatti ajjeefameera.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi