-
“Saba Tokko Isaan Nan Godha”Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
-
-
3. (a) Uleen ‘Yihudaadhaaf’ jedhamee irratti barreeffame maal argisiisa? (b) ‘Uleen Efreem’ mootummaa gosa kurnanii argisiisa kan jennu maaliifi?
3 Yihowaan, Hisqiʼel ulee lama fuudhee isa tokko irratti ‘Yihudaadhaaf,’ isa kan biraa irratti immoo “Yoseefiif, ulee Efreem” jedhee akka barreessu isa ajajeera. (Hisqiʼel 37:15, 16 dubbisi.) Uleewwan kun lamaan maal argisiisu? Uleen ‘Yihudaadhaaf’ jedhamee barreeffame mootummaa gosa lamaa isa Yihudaa fi Biiniyaamiin of keessatti qabate argisiisa. Mootonni karaa Yihudaa dhufan gosoota lama irratti bulchu turan; akkasumas luboonni mana qulqullummaa Yerusaalemitti argamu keessatti waan tajaajilaniif, hojii lubummaa wajjin walitti dhufeenya qabu turan. (2 Sen. 11:13, 14; 34:30) Kanaafuu, mootummaan Yihudaa, mootota karaa Daawit dhufanii fi Leewwota hojii lubummaa hojjetan of keessatti qabateera. ‘Uleen Efreem’ immoo mootummaa Israaʼel isa gosoota kurnan qabate argisiisa. Akkas kan jennu maaliifi? Mootiin jalqabaa mootummaa gosoota kudhanii Yeroboʼaam isa gosa Efreem keessaa dhufe dha. Yeroo boodas Efreem, Israaʼel keessatti gosa ol aantummaa qabu taʼe. (Kes. 33:17; 1 Mot. 11:26) Mootummaan Israaʼel gosa kurnanii mootota karaa Daawit dhufan ykn luboota gosa Leewwii taʼan kan of keessatti qabate akka hin taane hubadhaa.
-
-
Uleewwan Lamaan Walitti QabsiisuuYihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
-
-
SAANDUQA 12A
Uleewwan Lamaan Walitti Qabsiisuu
Yihowaan, Hisqiʼel ulee tokko irratti ‘Yihudaadhaaf,’ isa kan biraa irratti immoo “Yoseefiif, ulee Efreem” jedhee akka barreessu ajajeera.
‘Yihudaadhaaf’
BARA DURIITTI
Mootummaa Yihudaa gosa lamaanii
BARA KEENYATTI
Dibamtoota
“Yoseefiif, ulee Efreem”
BARA DURIITTI
Mootummaa Israaʼel gosa kurnanii
BARA KEENYATTI
Hoolota kan biroo
-