LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ‘Umamawwan Jiraatoon Fuula Afur Afur Qaban’ Eenyu Faʼi?
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • 15. Hisqiʼel mulʼata isaa isa jalqabaa irraa dhugaa nama jajjabeessu akkamii barate?

      15 Hisqiʼel mulʼata jalqabaa kana irraa walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabu ilaalchisee dhugaa barbaachisaa fi nama jajjabeessu tokko barateera. Dhugaan kun maali dha? Dhugaan kun jechoota jalqabaa kitaaba raajii Hisqiʼel keessatti ibsameera. Hisqiʼel “biyya Kaladootaa keessa” akka ture erga ibsee booda, “Achitti harki Yihowaa isa irratti ni dhufe” jechuudhaan waaʼee ofii isaa dubbateera. (His. 1:3) Hisqiʼel mulʼata kana kan arge Yerusaalem keessatti utuu hin taʼin achitti, jechuunis Baabilon keessatti akka taʼe dubbachuu isaa hubadhaa.c Maarree kun Hisqiʼel maal akka hubatu isa taasiseera? Hisqiʼel nama boojiʼamee Yerusaalemii fi mana qulqullummaa ishii irraa fagaatee jiru taʼus, Yihowaa fi waaqeffannaa isaa irraa akka hin fagaanne isa hubachiiseera. Yihowaan Baabilon keessatti Hisqiʼelitti mulʼachuun isaa Waaqayyoof waaqeffannaa qulqulluu dhiheessuun bakka taʼe tokko jiraachuu isaa irratti ykn iddoo inni qabu irratti kan hundaaʼe akka hin taane argisiisa. Kanaa mannaa haala garaa Hisqiʼelii fi fedhii inni Yihowaa tajaajiluuf qabu irratti kan hundaaʼe dha.

  • ‘Umamawwan Jiraatoon Fuula Afur Afur Qaban’ Eenyu Faʼi?
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • c Namni Kitaaba Qulqulluu irratti yaada kennu tokko akka dubbatetti, jechi “achitti” jedhu “kallattiidhaan, akkasumas karaa salphaa taʼeen miira dinqisiifannaa kan dabarsu dha. . . . Waaqayyo achi, Baabilon keessa jira! Kun immoo nama jajjabeessa!”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi