LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ‘Adda Isaanii Irratti Mallattoo Godhi’
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • 16. Nuti sabni Yihowaa namoota badiisa irraa oolan irratti mallattoo ni goonaa? Ibsi.

      16 Sabni Yihowaa warra badiisa irraa oolan irratti mallattoo hin godhan. Hisqiʼel Yerusaalem keessa deemee namoota badiisa irraa oolan irratti mallattoo akka godhu kan itti hin himamne taʼuu isaa yaadadhaa. Haaluma wal fakkaatuun yeroo harʼaattis sabni Yihowaa namoota badiisa irraa ooluun isaaniif malu irratti mallattoo akka godhan hin ajajamne. Kanaa mannaa miseensota maatii hafuuraa Kiristoos waan taaneef, akka lallabnu ajajamneerra. Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo hinaaffaadhaan lallabuu fi badiisni addunyaa hamaa taʼe kanaa saffisaan dhihaachaa akka jiru hawwii guddaadhaan akeekkachiisuudhaan ajaja kanaaf bakka guddaa akka kenninu argisiisna. (Mat. 24:14; 28:18-20) Kanaafuu namoonni garaa qajeelaa qaban waaqeffannaa qulqulluu dhiheessuu irratti akka hirmaatan gargaaruu irratti gaʼee qabna.—1 Xim. 4:16.

      Dubartiin takka yommuu cuuphamtu

      SAANDUQA 16B: Gadduu Fi Aaduu, Mallattoo Gochuu, Ajjeesuu—Yoomii Fi Akkamitti?

      17. Namoonni gara fuulduraatti mallattoon akka isaan irratti godhamuuf yeroo ammaatti maal gochuu qabu?

      17 Namoonni badiisa dhufu irraa ooluu barbaadan yeroo ammaatti amantii akka qaban argisiisuu qabu. Akkuma kanaan dura ilaalle, namoonni Dh.K.D. bara 607⁠tti badiisa Yerusaalem irra gaʼe irraa oolan garaadhaa hammina akka jibbanii fi waaqeffannaa qulqulluudhaaf amanamoo akka taʼan dursanii argisiisaniiru. Yeroo ammaattis haalli isaa wal fakkaata. Badiisni dhufuu isaa dura namoonni hammina addunyaa kanaatiin kan kaʼe garaadhaa akka ‘gaddanii fi akka aadan’ argisiisuu qabu. Namoonni kun miira isaanii dhoksuu mannaa dubbii isaanii fi gocha isaaniitiin waaqeffannaa qulqulluudhaaf amanamoo taʼuu isaanii argisiisuu qabu. Kana gochuu kan dandaʼan akkamitti? Namoonni kun hojii lallabaa yeroo ammaatti hojjetamaa jiruuf deebii gaarii kennuu, namummaa haaraa uffachuu jalqabuu, Yihowaadhaaf of murteessuu isaanii argisiisuuf cuuphamuu, akkasumas obboloota Kiristoos amanamummaadhaan deggeruu qabu. (His. 9:4; Mat. 25:34-40; Efe. 4:22-24; 1 Phe. 3:21) Namoonni badiisa irraa ooluuf mallattoon itti godhamu, warra yeroo ammaatti wantoota kana raawwatanii fi yeroo rakkina guddaatti immoo waaqeffannaa qulqulluu dhiheessan qofa dha.

      18. (a) Yesuus Kiristoos namoota badiisa irraa ooluun isaaniif malu irratti mallattoo kan godhu akkamittii fi yoomi? (b) Dibamtoota amanamoo taʼan irratti mallattoon ni godhamaa? Ibsi.

      18 Warra badiisa irraa ooluun isaaniif malu irratti mallattoon kan godhamu samii irratti dha. Bara Hisqiʼelitti namoota badiisa irraa oolan irratti mallattoo kan godhan maleekota turan. Bara keenyatti namichi gaanfa qalama barreessaa qabate sun Yesuus Kiristoos isa abbaa murtii saboota hundumaa taʼee ‘ulfina isaatiin dhufu’ argisiisa. (Mat. 25:31-33) Yesuus kan dhufu badiisa amantii sobaa booda yeroo rakkina guddaatti dha.c Yeroo murteessaa taʼe sanatti, jechuunis Armaagedoon jalqabuu isaa dura Yesuus hoolota ykn reʼoota jechuudhaan namootatti murteessa. “Tuutni uummataa guddaan” hoolota akka taʼanitti isaaniif murteeffama ykn mallattoon isaan irratti godhama; kunis ‘gara jireenya bara baraatti akka deeman’ argisiisa. (Mul. 7:9-14; Mat. 25:34-40, 46) Dibamtoonni amanamoo taʼan hoo? Yeroo waraana Armaagedoonitti badiisa irraa ooluuf mallattoo isaan irratti gochuun hin barbaachisu. Kanaa mannaa, duʼuu isaanii dura ykn rakkinni guddaan jalqabuu isaa dura chaappaan inni dhumaa isaan irratti godhama. Achiis Armaagedoon jalqabuu isaa dura yeroo taʼe tokkotti gara samiitti fudhatamu.—Mul. 7:1-3.

  • Gadduu fi Aaduu, Mallattoo Gochuu, Ajjeesuu—Yoomii fi Akkamitti?
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • Namichi gaanfa qalama barreessaa hidhate tokko qalama qabatee jira.

      “Mallattoo gochuu”

      YOOM: Yeroo rakkina guddaatti

      AKKAMITTI: Namichi gaanfa qalama barreessaa qabate sun Yesuus Kiristoos isa abbaa murtii saboota hundumaa taʼee dhufu argisiisa. Tuutni uummataa guddaan hoolota akka taʼan isaaniif murteeffama ykn mallattoon isaan irratti godhama; kunis yeroo waraana Armaagedoonitti badiisa irraa akka oolan argisiisa

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi