LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2016 | Waxabajjii
    • Hisqiʼel Yerusaalem ishiin gantuun Dh.K.D. bara 607⁠tti balleeffamuu ishii dura wantoota gadhee ishii keessatti raawwatamaa turan erga ilaalee booda, wantoota badiisa kanatti ishii geessan mulʼataan argeera. Hisqiʼel namoota miʼa waraanaa ittiin balleessan qabatan jaʼa argee ture. Nama “uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee” fi “qodaa qalamii” qabates isaan gidduutti argeera. (His. 8:6-12; 9:2, 3) Namichi kun, “[Mandarattii] . . . keessa adeemiitii adda namoota warra sababii wanti ciiggaasisaan as keessatti hojjetameef gaddanii booʼanitti milikkita godhi!” jedhamee itti himamee ture. Achiis, namoonni miʼa waraanaa ittiin balleessan qabatan sun namoota magaalattii mallattoo hin qabne hunda akka ajjeesan itti himame. (His. 9:4-7) Mulʼanni kun maal nu barsiisa? Namichi qodaa qalamii qabate eenyu?

      Hisqiʼel raajii kana kan dubbate Dh.K.D. bara 612⁠tti siʼa taʼu, raajichi raawwii isaa isa jalqabaa kan argate waggaa shan booda, jechuunis yeroo Yerusaalem waraana Baabiloniin balleeffamtetti dha. Badiisa sana akka geessisan Baabilonota amantii sobaa hordofaniif kan heyyamame taʼus, murtii isaa raawwachiisuuf kan isaanitti fayyadame garuu Yihowaa dha. (Er. 25:9, 15-18) Kun kan taʼe, Yihowaan saba isaa warra gantuu taʼan adabuuf waan itti fayyadameefi. Haa taʼu malee, badiisichi namoota hunda walitti qabee kan balleessu hin turre. Namoonni qajeeloon namoota hamoo wajjin hin balleeffamne. Yihowaan jaalalaan kakaʼee Yihudoota gochawwan ciiggaasisaa magaalattii keessatti raawwatamaa ture hin deggerre oolchuuf qophii godheera.

      Hisqiʼel hojii mallattoo gochuu irrattis taʼe badiisa geessisuu irratti hin hirmaanne. Kanaa mannaa, murtii kana raawwachiisuu irratti qajeelfama kan kennan maleekota dha. Kanaafuu, karaa raajii kanaa murtii kana raawwachuu wajjin haala wal qabateen wanta ijaan hin mulʼanne, jechuunis wanta samii keessatti raawwatame arguu dandeenyeerra. Yihowaan haala hamoonni itti balleeffaman akka qindeessan qofa utuu hin taʼin, warra qajeeloo addaan baasanii akka oolchanis maleekota isaatiif hojii kenneera.a

  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2016 | Waxabajjii
    • Kanaan dura raajiin waaʼee namicha qodaa qalamii qabate sanaa ibsu kun bara keenyatti, dibamtoota lafa irra jiran kan argisiisu akka taʼe ibsaa turreerra. Namoonni ergaa isaaniif lallabamu gammachuudhaan fudhatan badiisa irraa akka oolaniif amma mallattoon akka irratti godhamu yaadama ture. Haa taʼu malee, waggoota dhihoodhaa asitti ibsa kana irratti sirreeffama gochuun akka barbaachisu ifa taʼe. Akka Maatewos 25:31-33 irratti ibsametti, namoota irratti murtii kan dabarsu Yesuusi dha. Yesuus namoota hoolotatti fakkeeffamanii fi oolan, namoota reʼootatti fakkeeffamanii fi balleeffaman irraa adda baasuudhaan yeroo rakkina guddaatti murtii isaa isa dhumaa dabarsa.

  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2016 | Waxabajjii
      1.  Bara Hisqiʼelitti namni kam iyyuu adda isaa irratti kallattiidhaan mallattoon hin godhamne. Harʼas halli isaa akkanuma. Haa taʼu malee, namoonni akka oolaniif fakkeenyaan mallattoon akka isaan irratti godhamu maal gochuu qabu? Hojii lallabaa geggeeffamaa jiru fudhachuu, amala Kiristiyaanaa uffachuu, Yihowaadhaaf of murteessuu fi obboloota Kiristoos amanamummaadhaan deggeruu qabu. (Mat. 25:35-40) Namoonni wantoota kana godhan yeroo rakkina guddaa isa dhufaa jirutti mallattoo ooluuf isaan dandeessisu argatu.

      2.  Namichi qodaa qalamii qabatee fi raajiidhaan ibsame sun, bara keenyatti Yesuus Kiristoos isa karaa hin mulʼanneen namoota oolan irratti mallattoo godhu argisiisa. Tuutni guddaan yeroo rakkina guddaatti hoolota akka taʼan yommuu isaaniif murteeffamu mallattoon isaan irratti ni godhama. Kunis lafa irratti jireenya bara baraa akka argatan karaa isaaniif bana.—Mat. 25:34, 46.b

  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2016 | Waxabajjii
    • a Mallattoon ijaan mulʼatu adda isaanii irratti godhamuu baatus namoonni kan akka Baaruk (barreessaa Ermiyaas), Ebeed-Melek isa nama Itoophiyaa taʼee fi Rekaabotaa jiran badiisa irraa oolaniiru. (Er. 35:1-19; 39:15-18; 45:1-5) Namoonni kun badiisa irraa akka oolaniif fakkeenyaan mallattoon isaan irratti godhamee ture.

  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2016 | Waxabajjii
    • b Dibamtoonni amanamoo taʼan ooluuf mallattoo kana qabaachuun isaan hin barbaachisu. Kanaa mannaa, duʼuu isaanii dura ykn rakkinni guddaan jalqabuu isaa dura chaappaan isaanii inni dhumaa isaan irratti ni godhama.—Mul. 7:1, 3.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi