LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Dogoggorasaarraa Barateera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
    • 12. (a) Yoonaas yommuu qilleensichi itti caalaa deemu rafuusaatti ariifannee isa ceephaʼuu kan hin qabne maaliifi? (Miiljalees ilaali.) (b) Yihowaan nama rakkinichaaf sababii taʼe kan saaxile akkamitti?

      12 Yoonaas homaa gochuu akka hin dandeenye waan isatti dhagaʼameef, kutaa markabichaa isa jalaa keessa iddoo tokko argatee ciise. Iddoo kanattis hirribni cimaan isa fudhate.b Yeroo kanatti ajajaan markabichaa argee isa dammaqsuudhaan, akkuma warri kaan godhan waaqasaatti kadhannaa akka dhiheessu itti hime. Namoonni sun dhaʼaan galaanaa sun adda akka taʼe waan hubataniif, warra achirra jiran keessaa sababii eenyuutiin akka isaanitti dhufe beekuuf muka buufatan. Mukni sun namoota sana hundarra utuu hin buʼin yommuu hafu Yoonaas baayʼee sodaatee taʼuu qaba. Utuma baayʼee hin turin dhugaansaa ifa taʼe. Yihowaan mukichi Yoonaasirra akka baʼu gochuudhaan, qilleensichi sababii inni ajajamuu dideen akka dhufe argisiiseera.—Yoonaas 1:5-7 dubbisi.

  • Dogoggorasaarraa Barateera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
    • b Hiikni Macaafa Qulqulluu Saptuujantii jedhamu Yoonaas hangam akka rafe argisiisuuf akka kurruufe ibseera. Haataʼu malee, yeroo tokko tokko namoonni yommuu garmalee dhiphatan hirribni cimaan waan isaan qabuuf, Yoonaas nama dantaa hin qabne akka taʼe goonee yaaduu hin qabnu. Yesus yeroo iddoo dhaabaa Getesemaanee keessa dhiphachaa turetti, Phexros, Yaaqoobiifi Yohannis “gaddaan waan bututaniif rafanii” turan.—Luq. 22:45.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi