LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Dogoggorasaarraa Barateera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
    • 18, 19. Galaana keessatti Yoonaasiin maaltu mudate? Bineensa akkamiitu isa liqimse? Kana kan godhehoo eenyudha? (Miiljalees ilaali.)

      18 Haataʼu malee, bineensi gurraachi garmalee guddaa taʼe tokko garasaa dhufaa jira. Innis itti dhihaachuudhaan isa bira gaʼee, afaansaa isa balʼaa banee isa liqimse.

      Yommuu Yoonaas galaanaan liqimfamuufi qurxummii guddaan naannoosaa asiif achi sochoʼu

      Yihowaan, “qurxummiin guddaan tokko achitti argamee, Yoonaasiin akka liqimsu godhe”

      19 Yoonaas yeroo kanatti naa dhumeera jedhee yaadee taʼuu qaba. Taʼus, Yoonaas wanti ajaaʼibsiisaan tokko raawwatamaa akka jiru itti dhagaʼame. Lubbuudhaan kan jiru taʼuusaarrayyuu, lafeensaa hin caccabne, hin nyaatamne, akkasumas hin ukkaamamne. Iddoo itti duʼuu dandaʼu keessa kan jiru taʼus, ammayyuu hafuura baafachaa jira. Yoonaas suutuma suuta dinqisiifannaadhaan guutame. ‘Qurxummiin guddaan tokko achitti argamee Yoonaasiin akka liqimsu kan godhe’ Waaqasaa Yihowaa akka taʼe hin shakkisiisu.c—Yon. 2:1.

      20. Kadhannaa Yoonaas garaa qurxummii guddaa keessa taaʼee dhiheesserraa waaʼeesaa maal baranna?

      20 Suutuma suuta daqiiqaawwan saʼaatiitti jijjiiramaa deeman. Yoonaas dukkana gad fagoo tasumaa argee hin beekne kana keessa taaʼee yaadasaa sassaabbachuudhaan Yihowaatti kadhannaa dhiheesse. Kadhannaa inni dhiheesseefi Yoonaas boqonnaa lamarratti argamurraa waan hedduu barachuu dandeenya. Macaafni Faarfannaa kadhannaa kana keessatti irra deddeebiʼamee caqasamuunsaa, Yoonaas Caaffata Qulqullaaʼoo akka gaariitti kan beeku taʼuusaa argisiisa. Kana malees, Yoonaas amala gaarii kan qabu, jechuunis kan galateeffatu taʼuusaa argisiisa. Yoonaas, “Ani garuu sagalee galataatiin, aarsaa siif nan dhiʼeessa; wanta ani wareeges nan baasa; fayyisuun kan Waaqayyoo ti” jechuudhaan kadhannaasaa xumureera.—Yon. 2:10.

      21. Yoonaas fayyina ilaalchisee maal barateera? Nutoo barumsa barbaachisaa isa kam yaadachuu qabna?

      21 Yoonaas ‘garaa qurxummii’ iddoo tasumaa jiraachuun hin dandaʼamne fakkaatu keessa taaʼee, Yihowaan iddoo barbaadeefi nama barbaade yeroo barbaadetti oolchuu akka dandaʼu hubateera. Yihowaan iddoo kanattillee tajaajilaasaa isa dhiphina keessa gale kana oolcheera. (Yon. 2:1) Nama tokko guyyaa sadiifi halkan sadii garaa qurxummii keessa jiraachisuu kan dandaʼu Yihowaa qofaadha. Yeroo harʼaas ‘lubbuun keenya harka Waaqayyoo’ akka jiru yaadachuun keenya barbaachisaadha. (Dan. 5:23) Hafuura akka baafannuufi akka jiraannu kan nu dandeessisu isa qofadha. Maarree isa ni galateeffannaa? Taanaan, Yihowaadhaaf abboomamuuf dirqamni nurra hin jiruu?

      22, 23. (a) Utuma baayʼee hin turin, galateeffannaan Yoonaas kan qorame akkamitti? (b) Dogoggora raawwannuu wajjin haala wal qabateen Yoonaasirraa maal barachuu dandeenya?

      22 Yoonaasoo maal barateera? Yihowaadhaaf ajajamuudhaan akka galateeffatu argisiisuu barateeraa? Eeyyee barateera. Guyyaa sadiifi halkan sadii booda qurxummichi gara qarqara galaanaatti kan isa fide siʼa taʼu, achiis “gara lafa gogaatti baasee Yoonaasiin ol deebise.” (Yon. 2:11) Mee yaadi, kana hunda booda, Yoonaas gara lafa gogaatti baʼuuf xinnumallee daakuun isa hin barbaachisne. Qarqara galaanaa sanarraa fagaachuuf karaa barbaaddachuu akka qabu beekamaadha. Haataʼu malee utuma baayʼee hin turin, galateeffannaansaa ni qorame. Yoonaas 3:1, 2, “Ergasii dubbiin Waaqayyoo siʼa lammaffaa gara Yoonaas dhufee, ‘Kaʼii, gara Nanawwee mandara guddittii dhaqi, wanta ani akka ati labsituuf sitti himus irratti labsi!’” akka isaan jedhe dubbata. Yoonaas yeroo kanatti maal godhe?

  • Dogoggorasaarraa Barateera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
    • c Jechi afaan Ibroota “qurxummii” jedhu yommuu gara Giriikiitti hiikamu “bineensa galaanaa sodaachisaa” ykn “qurxummii guddaa” jedhameera. Bineensi galaanaa kun maal akka taʼe sirriitti beekuu baannus, galaana Mediteraaniyaa keessa qurxummiiwwan shaarki jedhamaniifi guutummaatti nama tokko liqimsuu dandaʼan akka jiran beekameera. Qurxummiiwwan gosa shaarkii taʼaniifi kanarra caalaanis bakka biraa kan jiran siʼa taʼu, qurxummiin weel shaarki jedhamu meetira 15 ykn isaa ol dheerachuu dandaʼa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi