LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Dachaa Yihowaan Eegumsa Itti Godhu Keessaa Hin Baʼinaa
    Masaraa Eegumsaa—2013 | Guraandhala 15
    • 8. (a) Macaafa Qulqulluu keessatti tulloonni maal argisiisuu dandaʼu? (b) “Tulluun ejersaa” maal bakka buʼa?

      8 Yerusaalem, isheen “mandarattii” jedhamte, Yerusaalem ishee waaqarraatiif fakkeenya waan taateef, ‘tulluun ejersaa inni Yerusaalemirraa gara baʼa-biiftuu jirus’ akka fakkeenyaatti hubatamuu qaba. Tulluun sun maal argisiisa? ‘Iddoo lamatti gargar dhoʼee’ tulluu lama kan taʼuhoo akkamitti? Yihowaan tulloota kana, “Tulloota koo” jedhee kan waame maaliifi? (Zakaariyaas 14:3-5 dubbisi.) Macaafa Qulqulluu keessatti tulloonni, mootummaa ykn bulchiinsa argisiisuu dandaʼu. Eebbaafi eegumsa argachuunis tulluu Waaqayyoo wajjin wal qabsiifamee ibsameera. (Far. 72:3; Isa. 25:6, 7) Kanaaf, tulluun ejersaa Yerusaalemirraa gara baʼa biiftuutti argamuufi Waaqayyo irra dhaabate, olaantummaa Yihowaan uumama cufarratti qabuufi bulchiinsasaa isa guddaa kan bakka buʼudha.

  • Dachaa Yihowaan Eegumsa Itti Godhu Keessaa Hin Baʼinaa
    Masaraa Eegumsaa—2013 | Guraandhala 15
    • GARA DACHAA KANAATTI BAQACHUUN NI JALQABAME!

      11, 12. (a) Dachaa fakkeenyaan ibsametti baqachuun kan jalqabame yoomi? (b) Yihowaan irreesaa isa jabaadhaan sabasaa akka gargaaru kan mirkaneessu maalidha?

      11 Yesus, “Anaaf jettanii saba hundumaa biratti kan jibbamtan in taatu” jechuudhaan duuka buutotasaa akeekkachiiseera. (Mat. 24:9) Keessumaa yeroo dhumaa bara 1914⁠tti jalqabe kana keessatti, jibbi kun ittuma dabalaa dhufeera. Ariʼatamni diinonni yeroo Waraana Addunyaa Isa Jalqabaatti dibamtoota lafarra jiranirratti geessisan baayʼee ulfaataa taʼuyyuu, miseensonni kutaa Kiristiyaanota amanamoo taʼan kanaa hundi hin ajjeefamne. Bara 1919⁠tti garbummaa Baabilon Guddittii ishee bulchiinsa amantii sobaa addunyaa maraa argisiistu jalaa birmaduu baʼaniiru. (Mul. 11:11, 12)a Gara dachaa tulloota Yihowaatti baqachuun kan jalqabame yeroo kanatti ture.

      12 Bara 1919 jalqabee, dachaan eegumsa argamsiisu kun, waaqeffattoota dhugaa addunyaa maratti argamaniif eegumsa gochuusaa itti fufeera. Waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif addunyaa maratti, tajaajilliifi barreeffamni Dhugaa Baatota Yihowaa ittifamaa tureera. Ammayyuu biyyoota tokko tokko keessa ittisni akkasii jira. Taʼus, mootummoonni carraaqqii akkamiiyyuu yoo godhan, matumaa waaqeffannaa dhugaa balleessuu hin dandaʼan! Yihowaan irreesaa isa jabaadhaan sabasaa ni gargaara.​—Kes. 11:2.

      13. Dachaa Yihowaa isa eegumsa argamsiisu keessa kan jiraannu akkamitti? Kana gochuun yeroo kamiyyuu caalaa barbaachisaa kan taʼehoo maaliifi?

      13 Yihowaatti yoo maxxanneefi dhugaatti yoo jabaanne, inniifi Ilmisaa Yesus Kiristos nu gargaaru; akkasumas Yihowaan eenyuyyuu ykn homtinuu ‘harkasaa keessaa akka nu butu’ hin heyyamu. (Yoh. 10:28, 29) Yihowaan, Gooftaa Uumama Cufaa taʼuusaatiin isaaf ajajamuuf, akkasumas Mootummaa Masiihichaatiif amanamummaadhaan bitamuuf ennaa carraaqnu, gargaarsa nu barbaachisu akkamiyyuu nuu gochuuf qophaaʼaadha. Keessumaa rakkina guddaa dhihaachaa jiru keessatti, dachaan kun waaqeffattoota dhugaatiif baayʼee barbaachisaa waan taʼeef, dachaa kana keessa jiraachuun keenya murteessaadha.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi