LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Zakkaariyaas 14
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Zakkaariyaas

      • Injifannoo guutuu waaqeffannaa dhugaan argate (1-21)

        • Gaarri ejersaa lamatti hirama (4)

        • Yihowaan tokko, maqaan isaas tokko ni taʼa (9)

        • Dhaʼicha mormitoota Yerusaalem irra gaʼu (12-15)

        • Ayyaana Daasii kabajuu (16-19)

        • Distiiwwan hundi Yihowaadhaaf qulqulleeffamu (20, 21)

Zakkaariyaas 14:1

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, magaalaa lakk. 2 irratti ibsamte.

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2013, ful. 18

Zakkaariyaas 14:2

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2013, ful. 18-19

Zakkaariyaas 14:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 15:3; 2Se 20:15
  • +His 38:23; Yoe 3:2, 14; Mul 16:14

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2013, ful. 20

Zakkaariyaas 14:4

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “baha biiftuutii.”

  • *

    Kal., “galaanichaatti.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 19:29; HoE 1:12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii,

    12/2017, ful. 4

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2013, ful. 19

Zakkaariyaas 14:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Amo 1:1
  • +Kes 33:2; Yoe 3:11; Yih 14

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2013, ful. 19-20

Zakkaariyaas 14:6

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “kan hin sochoone taʼa,” akka waan qorri isa gogsetti.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 13:9, 10; Amo 5:18

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2013, ful. 20

Zakkaariyaas 14:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoe 2:31; 1Ta 5:2; 2Ph 3:10

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    5/1/2006, ful. 13

Zakkaariyaas 14:8

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, Galaana Duʼaa.

  • *

    Jechuunis, Galaana Meditiraaniyaa.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mul 21:6; 22:17
  • +Er 17:13; His 47:1; Yoe 3:18; Mul 22:1
  • +Kes 3:17
  • +Iya 1:4

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Waaqeffannaa Qulqulluu, ful. 204

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2013, ful. 20-21

    5/1/2006, ful. 13-14

Zakkaariyaas 14:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 97:1; Mul 19:6
  • +Kes 6:4
  • +Isa 42:8; 44:6

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    5/1/2006, ful. 13-14

Zakkaariyaas 14:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 15:22
  • +1Se 4:24, 32
  • +Kes 1:7
  • +Er 30:18
  • +Er 37:13
  • +Nah 3:1; Er 31:38

Zakkaariyaas 14:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 60:18; Er 31:40
  • +Er 23:6; 33:16

Zakkaariyaas 14:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 19:34, 35; Yoe 3:2

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii,

    12/2017, ful. 4

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2013, ful. 20

Zakkaariyaas 14:13

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “namni tokko nama isa kan biraa ni rukuta.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 7:22; His 38:21

Zakkaariyaas 14:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 14:13; 20:25; Zak 2:8, 9

Zakkaariyaas 14:15

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii,

    12/2017, ful. 4

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2013, ful. 20

Zakkaariyaas 14:16

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “waaqeffannaa dhiheessuu.”

  • *

    Ykn., “Bakka Yeroo Muraasaaf Keessa Turan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 86:9
  • +Lew 23:34; Nah 8:14, 15
  • +Isa 66:23

Zakkaariyaas 14:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 60:12

Zakkaariyaas 14:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 28:36; 39:30
  • +1Sa 2:13, 14
  • +Bau 25:29; Lak 4:7

Zakkaariyaas 14:21

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn tarii, “daldaltuun.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +His 44:9

Yaada Wal Simu

Zak. 14:3Bau 15:3; 2Se 20:15
Zak. 14:3His 38:23; Yoe 3:2, 14; Mul 16:14
Zak. 14:4Luq 19:29; HoE 1:12
Zak. 14:5Amo 1:1
Zak. 14:5Kes 33:2; Yoe 3:11; Yih 14
Zak. 14:6Isa 13:9, 10; Amo 5:18
Zak. 14:7Yoe 2:31; 1Ta 5:2; 2Ph 3:10
Zak. 14:8Mul 21:6; 22:17
Zak. 14:8Er 17:13; His 47:1; Yoe 3:18; Mul 22:1
Zak. 14:8Kes 3:17
Zak. 14:8Iya 1:4
Zak. 14:9Fr 97:1; Mul 19:6
Zak. 14:9Kes 6:4
Zak. 14:9Isa 42:8; 44:6
Zak. 14:101Mo 15:22
Zak. 14:101Se 4:24, 32
Zak. 14:10Kes 1:7
Zak. 14:10Er 30:18
Zak. 14:10Er 37:13
Zak. 14:10Nah 3:1; Er 31:38
Zak. 14:11Isa 60:18; Er 31:40
Zak. 14:11Er 23:6; 33:16
Zak. 14:122Mo 19:34, 35; Yoe 3:2
Zak. 14:13Abo 7:22; His 38:21
Zak. 14:142Se 14:13; 20:25; Zak 2:8, 9
Zak. 14:16Fr 86:9
Zak. 14:16Lew 23:34; Nah 8:14, 15
Zak. 14:16Isa 66:23
Zak. 14:17Isa 60:12
Zak. 14:20Bau 28:36; 39:30
Zak. 14:201Sa 2:13, 14
Zak. 14:20Bau 25:29; Lak 4:7
Zak. 14:21His 44:9
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Zakkaariyaas 14:1-21

Zakkaariyaas

14 “Kunoo, guyyaan Yihowaa, guyyaan wanti si* irraa boojiʼame suma gidduutti itti hihiramu ni dhufa. 2 Ani saboonni hundi Yerusaalem irratti kaʼanii akka ishii waraananiif walitti isaan nan qaba; magaalattiin ni qabamti, manneen ni saamamu, dubartoonnis ni gudeedamu. Jiraattota magaalattii keessaa walakkaan isaanii boojuudhaan ni fudhatamu; warri sabicha keessaa hafan garuu magaalattii keessaa hin balleeffaman.

3 “Yihowaan akkuma guyyaa waraanaatti lolutti+ baʼee saboota sana ni waraana.+ 4 Guyyaa sanatti miilli isaa Gaara Ejersaa+ isa kallattii bahaatiin Yerusaalem fuullee jiru irra ni dhaabbata; Gaarri Ejersaa sunis bakka lamatti ni hirama; bahaa* hamma dhihaatti* baqaquudhaan sulula baayʼee guddaa taʼe tokko ni uuma; walakkaan gaarichaa gara kaabaatti, walakkaan isaa immoo gara kibbaatti ni siqa. 5 Sululli gaarota sanaa Azeel bira waan gaʼuuf, isin gara sulula gaarota kootiitti ni baqattu. Isin akkuma bara Ooziyaa mootii Yihudaatti yeroo kirkirri lafaa uumame baqattanitti ni baqattu.+ Waaqni koo Yihowaan ni dhufa; qulqulloonni hundis isaa wajjin ni taʼu.+

6 “Guyyaa sanatti ifni guddaan hin jiraatu,+ wanti hundis ni kantara.* 7 Guyyaan sun guyyaa addaa, guyyaa Yihowaa taʼuudhaan beekamu ni taʼa.+ Guyyaas taʼe halkan hin qabaatu; yeroo galgalaatti immoo ifni ni jiraata. 8 Guyyaa sanatti bishaan jireenyaa+ Yerusaalem keessaa baʼee+ walakkaan isaa gara galaana isa bahaatti,*+ walakkaan isaa immoo gara galaana isa dhihaatti* ni yaaʼa.+ Bonaa fi ganna akkana ni taʼa. 9 Yihowaan guutummaa lafaa irratti Mootii ni taʼa.+ Guyyaa sanatti Yihowaan tokko,+ maqaan isaas tokko ni taʼa.+

10 “Geebaa+ irraa kaasee hamma Rimoon+ ishii Yerusaalem irraa kallattii kibbaatiin argamtutti guutummaan biyyattii akka Arabaa+ ni taati; ishiin iddoo ishii duriitti ni kaati, namoonnis ishii keessa ni jiraatu;+ isaanis Karra Biiniyaam irraa kaasee+ hamma iddoo Karra Jalqabaatti, hamma Karra Goleetti, akkasumas Masaraa Hanaanʼel irraa kaasee+ hamma iddoo cuunfaa wayinii mootichaatti achi ni jiraatu. 11 Namoonni ishii keessa ni jiraatu; sana booda abaarsi badiisa geessisu matumaa hin dhufu;+ Yerusaalem keessa namoonni nagaadhaan ni jiraatu.+

12 “Dhaʼichi Yihowaan saboota Yerusaalem irratti waraana banan hundumaa ittiin rukutu isa kana:+ Foon isaanii utuma isaan miila isaaniitiin dhaabbatanii jiranii ni tortora, ijji isaanii boolla isaa keessatti ni tortora, arrabni isaaniis afaan isaanii keessatti ni tortora.

13 “Guyyaa sanatti Yihowaan isaan gidduu burjaajaʼuun akka babalʼatu ni godha; tokkoon tokkoon isaanii harka michuu isaanii ni qabatu; harki isaanii harka michuu isaanii irratti ni kaʼa.*+ 14 Yihudaanis waraana Yerusaalemitti godhamu irratti ni hirmaata; qabeenyi saboota naannoo isaanii jiranii, jechuunis warqiin, meetiinii fi uffanni hedduun walitti ni qabama.+

15 “Dhaʼichi dhaʼicha sana fakkaatu, fardeen, gaangolii, gaalota, harrootaa fi horiiwwan buufatawwan sana keessatti argaman hundumaa irrattis ni dhufa.

16 “Saboota Yerusaalem irratti kaʼan hundumaa keessaa warri hafan hundi Mootichaaf, jechuunis Yihowaa Gooftaa Raayyaatiif sagaduu*+ fi Ayyaana Daasii* kabajuuf+ waggaa waggaadhaan ol ni baʼu.+ 17 Haa taʼu malee, maatiiwwan lafa irra jiran keessaa eenyu iyyuu Mootichaaf, jechuunis Yihowaa Gooftaa Raayyaatiif sagaduuf gara Yerusaalemitti yoo ol baʼuu baate bokkaan isaaniif hin roobu.+ 18 Maatiin Gibxii kan ol hin baanee fi achitti kan hin seenne yoo taʼe, bokkaa hin argatan. Kanaa mannaa, dhaʼicha isa Yihowaan saboota Ayyaana Daasii kabajuuf ol hin baane ittiin rukutuun ni rukutamu. 19 Gibxiinii fi saboonni Ayyaana Daasii kabajuuf ol hin baane hundi cubbuu hojjechuu isaaniitiin kan kaʼe adabni isaan irratti dhufu isa kana.

20 “Guyyaa sanatti jechi, ‘Qulqullummaan kan Yihowaa ti!’+ jedhu bilbila fardeen irratti rarraafamu irratti ni barreeffama. Distiiwwan+ mana Yihowaa keessa jiranis akkuma saaniiwwan golboo+ iddoo aarsaa fuuldura jiranii ni taʼu. 21 Distiin Yerusaalemii fi Yihudaa keessa jiru hundi qulqulluu ni taʼa, kan Yihowaa Gooftaa Raayyaas ni taʼa; warri aarsaa dhiheessan hundi ol seenanii foon affeeluuf isaan keessaa tokko tokkotti ni fayyadamu. Guyyaa sanatti mana Yihowaa Gooftaa Raayyaa keessatti namni biyya Kanaʼaan* lammata hin argamu.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi