-
Waaqayyo Duratti Qulqulluu Taʼuu kan Dandeenyu Akkamitti?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
4. Barsiifatawwan gadhee mooʼi
Yihowaan barsiifata gadhee akkamii iyyuu akka injifannu nu gargaaruu dandaʼa
Tamboo kan xuuxxu ykn bashannanaaf jettee qoricha sammuu namaa hadoochu kan fudhattu yoo taʼe barsiifata kana mooʼuun hammam ulfaataa akka taʼe beekta. Maarree maaltu si gargaara? Dhiibbaa barsiifanni akkasii si irraan geessisu hubadhu. Maatewos 22:37-39 dubbisaa, achiis barsiifanni akkasii haalawwan armaan gadii irratti dhiibbaa kan geessisu akkamitti akka taʼe mariʼadhaa:
Michummaa namni tokko Yihowaa wajjin qabu irratti.
Maatii keenyaa fi namoota kan biroo nu wajjin jiran irratti.
Barsiifata gadhee tokko mooʼuuf karoora baafadhu.c VIIDIYICHA taphachiisaa.
Filiphisiyus 4:13 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Namni tokko yeroo hunda kadhachuun, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuunii fi walgaʼii irratti argamuun isaa barsiifata gadhee mooʼuuf kan isa gargaaru akkamitti?
5. Yaadawwanii fi gochawwan xuraaʼoo taʼan irraa fagaadhu
Qolosaayis 3:5 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Poornoogiraafiin, seeksitiingiid fi maastarbeeshiniin Yihowaa duratti gochawwan xuraaʼoo taʼuu isaanii akkamitti beekna?
Yihowaan gama naamusaatiin qulqulluu akka taanu nu irraa eeguun isaa sirrii sitti fakkaataa? Maaliif?
Yaadawwan xuraaʼoo taʼan irraa fagaachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe hubadhu. VIIDIYICHA taphachiisaa.
Yesuus fakkeenya karaa naamusaa qulqulluu taanee jiraachuuf tarkaanfii cimaa fudhachuu akka qabnu ibsu dubbateera. Maatewos 5:29, 30 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
As irratti Yesuus qaama keenya akka miinu utuu hin taʼin, tarkaanfii fudhachuu akka qabnu dubbachaa jira. Namni tokko yaadawwan xuraaʼoo taʼan irraa fagaachuuf tarkaanfii cimaa akkamii fudhachuu dandaʼa?e
Yaadawwan xuraaʼoo taʼan sammuu kee keessaa baasuuf qabsoo gochaa jirta yoo taʼe Yihowaan carraaqqii gootuuf iddoo guddaa kenna. Faarfannaa 103:13, 14 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Barsiifata xuraaʼaa tokkoo wajjin waldhaansoo gochaa jirta yoo taʼe caqasni kun qabsoo gochuu kee akka itti fuftu kan si jajjabeessu akkamitti?
Abdii hin kutatin!
Tarii ‘Naaf hin milkoofne, kanaafuu dhiisuu naa wayya’ jettee yaadda taʼa. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu: Atileetiin fiigicha maaraatoonii irratti hirmaatu tokko gufatee waan kufeef qofa dorgommicha irratti mooʼameera jechuu miti ykn duubatti deebiʼee akka haaraatti dorgommicha jalqabuu qaba jechuu miti. Haaluma wal fakkaatuun, barsiifanni tokko yoo sitti deebiʼe qabsoo barsiifata sanaa wajjin gootu irratti mooʼamteetta jechuu miti. Carraaqqiin hanga ammaatti gootes gatii hin qabu jechuu miti. Qabsoo barsiifata gadhee injifachuuf goonu irratti yeroo tokko tokko mooʼamuun waanuma jiru dha. Kanaafuu abdii hin kutatin! Gargaarsa Yihowaatiin barsiifata gadhee kana injifachuu dandeessa.
-
-
Kiristiyaanonni Dhugaatii Alkooliitiif Ilaalcha Akkamii Qabaachuu Qabu?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
6. Namni tokko garmalee dhuguu dhiisuuf wanti isa gargaaru maali dha?
Namni tokko dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu dhiisuuf wanta isa gargaare ilaali. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.
Viidiyoo kana irratti, Dimitriin yommuu dhugaatii alkoolii dhugu amala akkamii argisiisa ture?
Dhuguu isaa yeruma sana dhaabuu dandaʼeeraa?
Dhuma irratti araada dhugaatii alkoolii moʼuu kan dandaʼe akkamitti?
Qorontos Tokkoffaa 6:10, 11 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Kitaabni Qulqulluun machii ilaalchisee maal jedha?
Namni dhugaatii alkoolii garmalee dhugaa ture tokko jijjiiramuu akka dandaʼu kan agarsiisu maali dha?
Maatewos 5:30 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Harka of irraa kutanii gatuun Yihowaa gammachiisuuf aarsaa kaffaluu argisiisa. Araada dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu wajjin qabsoo gochaa jirta yoo taʼe maal gochuu dandeessa?a
Qorontos Tokkoffaa 15:33 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Namoota garmalee dhuganii wajjin yoo michoomte dhiibbaa akkamii si irraan geessisuu dandaʼu?
-