LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Waaqa Kee Yihowaa Waaqeffadhu”
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • ‘Siʼa Tokko Qofa Jilbeenfadhuu Na Waaqeffadhu’

      8. Seexanni qorumsa isa sadaffaa irratti maal akka barbaadu kan ibse akkamitti?

      8 Maatewos 4:8-11 dubbisi. Seexanni qorumsa sadaffaa irratti wanta barbaadu dhoksaadhaan utuu hin taʼin ifatti dubbateera. Tarii (mulʼataan taʼuu hin oolu) “mootummoota addunyaa hundumaa fi ulfina isaanii” Yesuusitti argisiise; mancaʼiinsa isaanii garuu isatti hin argisiisne. Achiis Yesuusiin, “Siʼa tokko qofa jilbeenfattee yoo na waaqeffatte wantoota kana hundumaa siif nan kenna” jedhe.b Kana irraa hubachuu akka dandeenyutti wanti inni barbaade waaqeffatamuu ture! Seexanni Yesuus Abbaa isaa akka dhiisu, isa immoo akka waaqa isaatti akka ilaalu barbaadee ture. Yesuus karaa salphaa fakkaatuun wanta kana akka argatu affeerraa isaaf dhiheesse. Seexanni Yesuus dhiphachuun, gonfoo qoree kaaʼachuun, garafamuunii fi muka dhiphinaa irratti fannifamuun utuu isa hin barbaachisin aangoo fi qabeenya addunyaa hundumaa argachuu akka dandaʼu yaada dhiheesseera. Qorumsi kun dhugaa ture. Sababiin isaas Yesuus mootummoonni addunyaa kan Seexanaa taʼuu isaanii hin haalle. (Yoh. 12:31; 1 Yoh. 5:19) Dhuguma iyyuu Seexanni Yesuus waaqeffannaa qulqulluu Abbaa isaatiif dhiheessu irraa akka garagalu gochuuf wanta akkamii iyyuu kennuuf fedhii qaba ture.

      Maatiin tokko waaqeffannaa maatii godhachaa jiru.

      SAANDUQA 1A: Waaqeffannaa Jechuun Maal Jechuu Dha?

      9. (a) Seexanni waaqeffattoota dhugaa irraa maal barbaada? Nu qoruuf kan yaalu hoo akkamitti? (b) Waaqeffannaan keenya maal dabalata? (Saanduqa “Waaqeffannaa Jechuun Maal Jechuu Dha?” jedhu ilaali.)

      9 Harʼas Seexanni kallattiidhaanis taʼe al kallattiidhaan akka isa waaqeffannu barbaada. Inni ‘waaqa sirna kanaa’ waan taʼeef waaqeffannaa sobaa amantiiwwan Baabilon Guddittii keessatti dhihaatu hundumaa irraa faayidaa argata. (2 Qor. 4:4) Haa taʼu malee, waaqeffannaan sobaa namoonni biliyoonaan lakkaaʼaman isaaf dhiheessan itti hanqatee, namoonni waaqeffannaa dhugaa dhiheessan fedhii Waaqayyoo irraa karaa faallaa taʼeen akka deeman isaan qoruu barbaada. Daandii Kiristiyaanummaa isa ‘qajeelummaadhaaf jecha’ rakkachuu gaafatu hordofuu mannaa, addunyaa isaa keessatti qabeenyaa fi aangoo akka barbaannu nu gowwoomsuuf yaala. (1 Phe. 3:14) Waaqeffannaa qulqulluu akka dhiisnuu fi kutaa addunyaa Seexanaa akka taanu qorumsa nuu dhihaatuuf harka kan kenninu yoo taʼe, karaa biraatiin Seexanni waaqa keenya akka taʼu gochuudhaan jilbeenfannee isa waaqeffachaa jirra jechuu dha. Maarree qorumsa akkasii moʼuu kan dandeenyu akkamitti?

      10. Yesuus qorumsa sadaffaadhaaf deebii kan kenne akkamitti? Maaliif?

      10 Yesuus qorumsa sadaffaadhaaf akkamitti deebii akka kenne hubadhaa. Yeruma sana qaama isa qoraa ture sanaan, “Seexana nana, na duraa deemi!” jechuudhaan guutummaatti Yihowaadhaaf amanamaa taʼuu isaa argisiiseera. Achiis Yesuus akkuma qorumsawwan jalqabaa lamaan irratti godhe, kitaaba Keessa Deebii isa maqaa Waaqayyoo qabate irraa caqasuudhaan, “‘Waaqa kee Yihowaa waaqeffadhu; isa qofaaf tajaajila qulqulluu dhiheessi’ kan jedhu barreeffameera” jedheera. (Mat. 4:10; Kes. 6:13) Akka kanaan Yesuus aangoo iddoo guddaa qabu, garuu immoo yeroo dheeraa hin turre fudhachuu dideera. Yesuus, waaqeffatamuu kan qabu Abbaa isaa qofa akka taʼee fi yeroo tokkoof illee taanaan Seexana ‘waaqeffachuun’ isaaf bitamuu kan argisiisu taʼuu isaa hubateera. Yesuus, Seexanni inni hamaan waaqa isaa akka taʼu matumaa hin barbaanne. Wanta inni jedhe fudhachuu waan dideefis “Diyaabilos isa dhiisee deeme.”c

      Fakkiiwwan: Yesuus qorumsa moʼeera. 1. Yesuus lafa onaa Yihudaa keessatti dhagaawwan gidduu taaʼee yommuu xiinxalu. 2. Yesuus fiixee mana qulqullummaa irra dhaabbatee jira. 3. Yesuus kutannoodhaan ’Seexana nana, na duraa deemi!’ yommuu jedhu.

      “SEEXANA NANA, NA DURAA DEEMI!” (Keeyyata 10 Ilaali)

      11. Seexanaa fi qorumsawwan isaa mormuu kan dandeenyu akkamitti?

      11 Nutis akkuma Yesuus filannaa gochuu waan dandeenyuuf, Seexanaa fi qorumsawwan addunyaa isaa isa hamaa moʼuu ni dandeenya. Yihowaan mirga filannaa isa gatii guddaa qabu nuu kenneera. Kanaafuu, hafuura hamaa humna guddaa qabu, jechuunis Seexana dabalatee eenyu illee waaqeffannaa qulqulluu akka dhiisnu nu dirqisiisuu hin dandaʼu. Nutis amanamummaadhaan ‘amantiitti cimnee Seexana yommuu morminu’ karaa biraatiin, “Seexana nana, na duraa deemi!” jechaa jirra jechuu dha. (1 Phe. 5:9) Seexanni Yesuus cimsee erga isa mormee booda isa dhiisee deemuu isaa yaadadhaa. Haaluma wal fakkaatuun Kitaabni Qulqulluun, “Diyaabilosiin . . . mormaa, innis isin irraa ni baqata” jechuudhaan nuu mirkaneessa.—Yaq. 4:7.

      Fakkiiwwan: Qorumsa moʼuu. 1. Obboleettiin takka hoteela qulqulleessaa otoo jirtu faaya keessummaan kutaa sana qabatee ture irraanfate argite. 2. Obboleessi dargaggeessi tokko mana barumsaatti shamarran isa ilaalan lama dhiisee yommuu deemu. 3. Obboleessi tokko hiriyoonni isaa durii akka inni dhugaatii dhugu, sijaaraa xuuxuu fi qumaara taphatu yommuu isa affeeran didee deemaa jira.

      Qorumsawwan addunyaa Seexanaa moʼuuf filachuu ni dandeenya (Keeyyata 11, 19 Ilaali)

      Diina Waaqeffannaa Qulqulluu

      12. Seexanni iddoo biqiltuu Eedan keessatti diina waaqeffannaa qulqulluu taʼuu isaa kan argisiise akkamitti?

      12 Seexanni qorumsa isaa isa dhumaa irratti diina waaqeffannaa qulqulluu isa jalqabaa taʼuu isaa argisiiseera. Waggoota kumaan lakkaaʼaman dura iddoo biqiltuu Eedan keessatti yeroo jalqabaatiif waaqeffannaa Yihowaa akka jibbu argisiiseera. Seexanni Hewaan ishii Addaam ajaja Yihowaa akka cabsu isa amansiiste gowwoomsuudhaan bulchiinsaa fi toʼannoo isaa jala isaan galcheera. (Uumama 3:1-5 dubbisi; 2 Qor. 11:3; Mul. 12:9) Isaan eenyummaa qaama isaan gowwoomsaa ture sanaa kan hin beekne taʼanis, inni waaqa isaanii taʼeera; isaan immoo waaqeffattoota isaa taʼaniiru. Kana malees Seexanni Eedan keessatti fincila sana kaasuudhaan ol aantummaa Yihowaa ykn mirga inni bulchuuf qabu irratti gaaffii kaasuu qofa utuu hin taʼin, waaqeffannaa qulqulluu irrattis haleellaa baneera. Akkamitti?

  • “Waaqa Kee Yihowaa Waaqeffadhu”
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • b Wanta Seexanni dubbate ilaalchisee barreeffamni Kitaaba Qulqulluu irratti yaada kennu tokko akkana jedheera: “Qorumsa jalqabaa Addaamii fi Hewaan ittiin kufan sana keessatti . . . gaaffiin kaʼe fedhii Seexanaa ykn fedhii Waaqayyoo filachuu irratti kan xiyyeeffate yeroo taʼu, karaa biraatiin kun immoo isa tokkoof ykn isa kaaniif waaqeffannaa dhiheessuu wajjin kan wal qabate dha. Dhuguma iyyuu Seexanni bakka Waaqa dhugaa of kaaʼuudhaan waaqa of godheera.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi